Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Taabota, waaqa tolfamaa waliin tokko kan taasisu eenyu dha? (2ffaa Qor. 6፥16)

in Lallaba

   Maqaa Abbaa, kan Ilmaa, kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko
Ameen.

Barruun kun kaayyoo lamaaf qophaa’e. Kaayyoon inni duraa warri amntii kana (Ortodiksi Tawaahidoo) keessa jirru beekumsi nuti amantii keenyarratti qabnu dagaagee ‘Hordofaa, amantiin fi beekumsaan badhaadhe’ taanee amantii keenyaan akka cimnu yoo ta’u, inni lammaffaan immoo akkuma raajiichi “Uummanni koo dhaba beekumsaa irraa kan ka’e bade jira” (Hos. 4፥6) jedhetti, warroota waa’ee amantii kanaa (Ortodoksi Tawaahidoo) hubannaa gahaa odoo hin qabaatiin barsiifannaa dogoggoraatiin badaniif karaa gara amantii ishii dhugaa ittiin deebi’an akka ta’uuf barbaadamee ti.

Taabota jechuun ibsituu kabaja Waaqayyoo, Teessoo isaa kan kabajaa jechuu dha. Waaqayyoon, Bulchaan lafaa fi samii taabooticha irra bulee Muusee akka haasofsiisu ofiisaa Waaqayyo Muuseetti waan himee fi taaboticha irras bulee waan haasoofsiise dhaafi. (S.Bahuu 25:22, S.Lak. 7:89)

Namootni tokko tokkoo Taabota ilaalchisee gaafileen isaan kaasan ni jira. Fkn.

  • Taabota Waaqayyoodhaan ‘waaqa tolfamaa ti’ kan jedhan jiru.
  • Warri biroon immoo ‘Kakuu Mooffaatti Taabotni ni jira ture Kakuu Haaraatti garuu hafeera. Hin barbaachisu.’ Jedhu.

Taabota ilaalchisee gaaffilee kanaa olitti ka’aniif manni Kiristaanaa keenya akka itti aanutti barsiifti.

Gaaffii -1 :- “Ol samii irratti gadi lafa irratti fakkeenyaa fi boca kamiinu fuuldura kee hin kaa’in hin sagadiniifis.”  (S.Bahuu 20:4-5) yaada jedhu kaasaa ‘Taabonni hin barbaachisu’ kan jedhan jiru.

Deebii:- Caqasni armaan olii kun waaqota tolfamoo bakka Waaqayyootti waaqeeffatamaniif dha malee, Ibsituu Kabaja isaa kan ta’e Taabotaaf, Fannoo fi fakkii Qulqullootaa fedha Waaqayyootiin kennamaniif  hin caqasamu.

Seerri Waaqayyoo waraqata irratti barreeffamuu oggaa jalqabu, icciitiwwan lakkoofsi isaanii hedduu ta’e dha afaan Waaqayyootiin hangafa raajotaa kan ta’e Muuseetti dubbateera kan dubbatame. Iccitiiwwan raajichi Muuseen Waaqayyo waliin kallattiidhaan haasa’e keessaa immoo “Akkuma isa duraatti Tsillaatii dhagaa boci!” ajajni jedhu iccitii isa tokko dha.  Kunis “Waaqayyoon Muuseedhaan jedhe ‘Tsillaatii dhagaa, lama akkuma isa duraa godhii tii boci, gara Koos gara gaaraatti ol bahi Tsillaatota lamaan duraa cabsite irra jechoota turan irran barreessa.” jedha. (S. Bahuu 34:1-2)

Dubbisa kitaaba qulqulluu keessatti bifa mamii hin qabneen akkuma ilaalle Muuseedhaaf bakka Tsillaatota duraa Tsillaatii biroo akka hojjetu ajajni (abboommiin) kennameefi jira. Gadi siqees “ወወቀረ ሙሴ ክልኤተ ከመ ቀዳምያት; Muuseenis Tsillaatota lama akkuma isaan duraa godhee boce” jechuudhaan ni guduunfa. (S.Bahuu 34:4)

    Egaa jechi kun akkanumaan nama ija fooniinis ta’ee ija lubbuutiin ilaaleef; Waaqayyoon afaan isaatiin “Taabota boci” jedhee Museetti yoo dubbatu Muuseenis ‘Ameen’ jedhee ajajicha yoo raawwatu agarsiisa. Kunis icciitii hedduu akka qabu ifa dha. ‘Maaliif’ yoo jedhan ta’e?

  1. Taabota akka bocu Muuseen ajajamuunsaa, Taabotni yeroodhaaf uummata Israa’eeliif seera Waaqeeffannaa raawwachuu fi kadhannaadhaaf akka ta’uufi dha.
  2. Taabotni inni duraa erga cabee booda, Taabota isa lammaffaa akka bocu Abbaan keenya Muuseen ajajamuun, Taabotni maqaa qulqullootaatiin bocamaa dhala dhalootaatiif akka barbaachisu ibsuufi dha. Jecha birootiin Taabootni duraa sababa waaqa tolfamaatiin erga cabe booda, lammaffaa akka bocaman ajajuunsaa Taabonni si’a tokko qofa waaqeffannaaf kan barbaadamu fi sana booda kan gatamu akka hin taane barsiiisufi dha.

 Ijoon icciitii kana hundaa garuu, taabootni Kakuu Moofaattis ta’ee Kakuu Haaratti hanga  dhumaatti jiraachuuf Waaqayyoo irraa kennamuusaa akka beeknuufi. Kunis:- “ወእጽሕፍ ውስተ ውእቶን ጽላት ዝክተ ነገረ; Akkuma isa duraa hunda ajaja kurnan isa kanarrattis nan barreessa” jechuu isaati. Wanti bu’uurri guddaan Kakuu Moofaattis ta’ee Kakuu Haaraatti Taabota irra ajajni kurnan jirachuu jiraachuu isaanii ti. Ajaja kurnan keessaa inni tokko immoo “Anaan alatti waaqota biro hin qabaatin!” kan jedhuu dha. S.Ba’uu 20:3

  Kanaafuu Taabota irra maqaa isaati malee kan waaqa tolfamaa hin jiru. Taabotaaf sagaduun keenyas seera icciiti kana beekudhaani malee, beekuu dhabnee bobbocaaf yookin waaqa tolfamaadhaaf sagadaa, waaqeeffannaa ormaa (haaraa) raawwachaa hin jirru.

 Egaa, maqaan isarra jiru maqaa Waaqaa yoo ta’e; ajajnis (abboommiinis) kan waaqa tolfamaa  osoo hin taane, kan Waaqayyoo yoo ta’e; afaanuma Waaqayyootiin Taabotni akka bocamu Muuseedhaaf ajaja Malakotaawaa (Waaqummaa) yoo ajaje Taabotni Teessoo maqaa Isaa ta’ee bara baraaf jiraachuuf malee baraan hambifamuu kan danda’u miti. ‘Maaliif?’ yoo jedhan, bara hangafa raajotaa Muusees ta’e har’a, Taabota irratti kan katabame maqaa Waaqayyooti.

Muuseedhaaf Taabonni kennameera. waaqeffannaa Waaqayyoo ittiin raawwachaa turee boqate. Isatti aansee Iyyaasuunis akka Muusee Taabota luboota baachisee gara lafa dhaalaa gale. Boodas Daawiit mana Abiidaaraa irraa gara mana Iyyaabuus fichisiisee Taabota fuulduratti faarfate. (Iya 3:1-17)

2ffaa Saamu’eel 6:10-12 Manni Abiidaaraa taabotaan akka eebbifame (kabajame) Daawwitis Taabotaan eebbifamuu barbaaduunsaa kabaja taabotaa raajii afuuraatiin waan beekefiidha. Kanaafuu Muuseedhaa hanga Daawitii, Daawitii hanga dhaloota Kiristoos Taabonni kabajni Waaqayyoo kan irratti mul’atu ta’ee sagadamaafii tureera.

Kakuu Haaraatti nama ta’ee foon uffatee fannoo irratti fannifamee garaa awwaalaa keessa guyyoota sadii fi halkan sadi bulee du’a mo’ee ka’e. Ka’ee yoo olba’u barsiisota muudeefi olba’e. kana booda Abbootni Duuka Buutonni barsiisaniiru. Baruumsa guyyaa tokkootiin namootni kumaatamaan lakkaawwaman amananiiru. Kanniin keessaa uummanni Qorontoos adda durummaan tuqamu. Uummanni Qorontoos kunniin amananii erga cuuphamanii dukkana keessaa erga bahani boodas, barteen dur baranii turan salphatti dafee jijjiiramuu hin dandanda’uu ti. Oolmaa lallabaa qulqulluu Phaawuloosi dhagahanii bahanii gara mana waaqa tolfamaa deemuunsaanii hin hafne.

         Sana kan dhagahe qulqulluun Phaawuloos qulqullummaa Taabotaa, xuraa’ummaa waaqa tolfamaas yoo ibsu “Taabota Waaqayyoo” jedhee waaqa tolfamaa saniin immoo “xuraawaa” jechuudhaan ibse. Kunis “ወመኑ ዘይዴምር ታቦተ እግዚአብሔር ውስተ ቤተ ጣዖት?;  Taabota Waaqayyoo mana waaqa tolfamaa keessa kan kaa’u eenyu?” 2ffaa Qor. 6:16 jedhee erga walbira qabe booda, gara waaqa tolfamaa ormootatti fiigan /deeman/ oggaa gorsu “ወኢትቅረቡ ኀበ ርኩሳን; gara xuraawootaatti hin dhiyaatinaa” jechuudhaan isaan gorse, barsiiseesi.

Egaa, ‘xuraawoo’ yoo jedhu barsiisaan keenya qulqulluun Phaawloos “xuraaawaa” jedhee kan balaaleeffate waaqa tolfamaa yoo ta’u; “Taabota Waaqayyoo” jedhee kan ibse immoo Taaboticha dha. Egaa, Taabotni fi waaqni tolfamaan afaan qulqulluu Phaawloosiitiin akkanatti wal irra fageenya hanga lafaa fi samii ga’u qabu.

“Kakuu Haaraatti Taabotni hin barbaachisu” warra jedhan hunduma isaaniitiif “Taabota Waaqayyoo” jedhamee afaan qulqulluu Phaawloosiitiin kan ragga’ameef; Taabotni jiraachuun, ragaa gahaa dha. Ibsa biraatiin bara qulqullicha Phaawloos waaqa tolfamaanis Taabotnis ni ture jechuu dha. Odoo hin jirre ta’ee immoo Taabotni dur ni ture. Garuu kana dhiisee kanneen biro qofa barsiisuu odoo qabu; Taaboticha waaqa tolfamaa irraa, Kiristoos Belihoor irraa adda baasee hin barsiisu ture. Inni garuu “ Kiristoosii fi Belihoor gama kamiinuu gamtaa akka hin qabne Taabotni fi waaqni tolfamaanis akkasuma dha” jedhee Taaboticha “Taabota Waaqayyoo” waaqa tolfamaa sana immoo “xura’aa” jedhee adda baasee barsiise. Egaa, jechi kun amanamaa fi qabatamaa dha malee, barumsa fakkenyaa waan hin taaneef Kakuu Moofaattis ta’e Kakuu Haaraatti Taabotni jiraachuun sirnaan hubachiisa. Mana kiristaanaa Ortodoksi Tewaahidoo Itiyoophiyaatti Taabotni jiraachuunsaa bu’uura jecha kanaatini malee wallaaltotni akka jedhan dogoggoraan miti.

Taabota irratti maqaan Waaqayyoo chaappeeffameera. Kan maqaan Waaqayyoo itti chaappeeffame “bobboca” jedhamee waammamuu hin qabu. Dhugaa dha innumtu Waaqayyoon Taabotni akka hoojjetamu (bocamu) gaalee kanaan itti himeera. “ቀርጽ ከመ ቀዳሚ; akka isa duraa godhi boci!” jedhe. (Ser.Bahuu 34፥1-2) Haa ta’u malee, isa “boci” jedhee ajaje, Museen kan boce sana maqaan Waaqayyoo erga itti katabame booda “Taabota” jedhe malee “bobboca” jedhamee hin galmoofne. “Bobboca” kan jedhamu maqaan Waaqayyoo kan itti hin barroofne wanta bu’aa dhabeessa ta’e dha. Qulqullichi Phawloosis kabajee “Taabota Waaqayyoo” jedhee waame malee “bobboca” jedhee hin hir’ifne. “Maaliif?” yoo jedhan, maqaan isaa itti katabameera waan ta’eefi dha. Waaqayyoon immoo maqaa Isaa waan jaallate irratti barreessee barsiisuu ni dand a’a.

Waaqayyoon Museetti yoo himu “Karaa keetti akka si eeguuf iddoon siif qopheessettis akka sigalchuuf kunoo ani Ergemaa Koo fuldura keetti nan erga, fuuldura isaattis of eeggadhaa! Jecha isaas dhaggeeffadhaa! maqaan Koos isa irra jira waan ta’eef cubbuu yoo hojjettan dhiifama isiniin hin jedhuu waan ta’eef hin mufachisinaa! Jedheen jira. (Seer.Bahuu 23:20-22)

Haala Kanaan yoo ilaallu immoo Taaboticha irratti maqaan isaa chaappeeffameera. Maqaan barreffame immo kan Waaqayyoo waaqeeffannu ta’uu isaatiin fi kan sagadnus maqaa Waaqayyoof malee kan biraatiif akka hin taane ragaa nuuf ta’uufi dha.

Kanaaf, Waaqayyoon, Waaqni keenya Taabota waadaa Isaa Muuseedhaaf yoo kennu maqaan isaa Taaboticha irratti barreeffamee ture. Kunis ibsa kabaja Isaa ta’uuf warra dhalootaan Israa’eelkan ta’aniif kakuu haaraatti Taabotaaf ni sagadna. Maqaansaa itti barraa’eera waan ta’eefi dha. Waaqeeffannaa ormaas hin raawwanne.

“ወንሰግድ ኀበ ቆመ እግረ እግዚእነ; bakka miilli Gooftaa keenya dhaabbate hundatti ni sagadna.” (Faar. 131:7) jedhee qolqulluun Daawit akka nu barsiisetti malee, beekuu dhabuudhaani miti. Sababni isaas, Taabotni Waaqayyoo kennaadhaan gargaarsaan kan irra bulu fi irratti mul’atu dha. (Seer. Bahuu 25:22, Seer. Lak. 7:89)

Kakuu Haaraa keessa Taabotni Waaqayoo raawwii seera waaqeffannaatiif bu’uura ta’ee tajaajila kenneera. Kunis, maqaan Waaqayoo waan irratti barreeffameefi dha. Kakuu Haaraattis Taabotni Waaqayyoo raawwii seera waaqeeffannaaf kan oolu dha. “Maaliif?” yoo jedhan maqaan waaqayyoo itti barreeffameera waan ta’eefi dha.

Kaleessa Kakuu Haaraatti har’as Wengeelaan kabajni isaa ibsamuu kan danda’e maqaan Waaqayyoo waan itti katabameefi dha. Maqaan Waaqayyoo immoo kaleessa Kakuu Moofaatti fi ha’as Kakuu Haaraattis tokkuma dha. ‘Tokkuma’ jechuunis maqaan isaa kan biraa, inni kan biraa ti jechuu dha miti. Kanaafuu, har’as ta’ee boru maqaa Waaqayyoo waamuun maqaa isaatiif sagaduun iccitii amantaa keenya dha. “ከመ ለስሙ ለኢየሱስ ክርስቶስ ይስግድ ኵሉ ብርክ ዘበሰማያት ወዘበምድር ወበቀላያት ወእለ ታሕተ ምድር; samiittis ta’e lafatti maqaa isaatif jilbi hunduu ni jilbeeffata ni sagada” jedhemee akkuma barreeffame, (Fil. 2:10) Israa’eelis Taabota fuulduratti sagada dhiyeessaa turan. (Isa 7:6)

Uummatni Israa’eel Taaboticha kabajuuf jecha yeroo lubootni Taabota baatani, uummanni Taabota irraa hanga ciqilee kuma lama ni fagaatu ture. (Isaa. 3:4) Har’a uummata Mana Kiristaanaa keenyaan kabaja Waaqayyootiif jecha “Taabota irraa fagaadhaa” kan jedhemu kana irraa kan ka’e dha. Solomoon Mana Qulqullummaa guddaa erga hojjate booda, Taaboticha Mana Qulqullummaa kessa kaa’e.” (1Moot. 8:6) Sana boodas tajaajilli sun itti fufeera. Kabajni Taabota kanaa Kakuu Haaraa keessa samii irratti mul’ateera. (Mul.Yooh. 11:19). Waaqayyoo biratti, keessattu Kakuu Haaraa keessatti kabajni Taabotaa lafa irratti qofa odoo hin ta’in kan samiis ta’eera. “Taabotni Waaqayyoo samii irratti muldhate.” Jedhaa waan ta’eef. (Mul. Yooh. 11:19). Kun immoo bara Kakuu Moofaa caalaa bara Kakuu Haaraa kabajni Taabotaa gar-malee kan caalu ta’uusaatii fi Kakuu Haaraatti akka itti tajaajilamnuuf Waaqayyoon kan eeyyeme ta’uu isaa agarsiisa. Waaqayyoon hin eeyyemne odoo ta’e kabaja isaa samii irratti hin ibsu ture. Kakuu Haaraatti Taabota jechuun addunyaa dhaaf ofii isaa aarsaa godhee kan kenne kan Waaqa keenya fi Fayyisaa keenya kan Iyyasuus Kiristoos foonsaa Qulqulluu fi Dhiiga isaa Ulfaataatiif Teessoo (iddoo aarsaa) ti. Taaboticha irrattis kan barreeffamu “Aalfaa fi Oomeegaa (kan duras ture ammas kan jiru fi Waaqa bara baraaf jiraatu)” kan jedhu maqaa isaa qulqulluu ti. (Mul. Yoh. 22:13) Taabota fuul-durattis kan sagadamu maqaa Qulqulluu kanaafi dha.

Gaffii – 2: (Eer. 3:16) irratti “Armaan booda Taabota Waaqayyoo jettanii yeroon itti hin waamne ni dhufa.” waan jedhuuf, Kakuu Haaraatti ‘Taabota Waaqayyoo’ jenne waamuu hin qabnu kan jedhen jiru.

Deebii:  Raajichi Eermiyaas sababni kana jedheef, Israa’eel Waaqayyoo waliin kan wal quunnaman, diina isaanii kan ittiin mo’atan, eebba Waaqayyoo biraa ittiin argatan, Taaboota waadaa kan ta’e kana dhiisanii fuula gara waaqeeffannaa waaqa tolfamaatti deeffatani. Yeroo kana ifa godhee “Baabiloon irraa Naabuukadanatsoor ni dhufa, Iyyaruusaaleem ni weerara, Mana Qulqullummaa keessanis ni diiga. Isiniinis booji’ee fudhatee waggoota 70’f (torbaatamaaf) isin tuma.” jedhee raajii itti dubbate. Kan inni (raajichi) jedhes hin hafne. Naabuukadanatsoor ni dhufe. Iyyaruusaaleem weeraramte. Manni Qulqullummaa isaaniis ni diigame. Meeshaaleen waaqeeffannaas saamaman. Isaanis booji’amanii fudhataman. Amma biyya ormaatti waan  diina isaanii ittiin mo’atan, waan Waaqayyoo waliin ittiin wal qunnaman Taabotni Waaqayyoo hin argamne. Yeroo sana jechi raajichaa raawwatame. Taabotni Waaqayyoo gidduu isaaniitti hin argamne waan ta’eef, maqaa Taabotichaa waamuu hin dandeenye. “Raajii kana maaliif dubbatte” jedhanii firoota isaa kan ta’an Israa’eelootni Eermiyaasiin boolla finchaanitti darbaniin. Haa ta’u malee, waan inni dubbate keessaa wanti odoo hin raawwatamin hafe hin jiru.

Nuti kiristaanotni Kakuu Haaraa garuu Taabotni keenya nu jalaa hin badne. Akka tasaa warri jalaa bade waan hin amanneefi dha malee, Taabotni Tsiyooniis ammallee Itiyoophiyaatti argamti. Xummurame.                   Gargaarsi Waaqayyoo nurraa hin fagaatiin.

Waldaa Qulqullootaatti Qindeessaa Barnoota Wangeelaa fi Tajaajila Duuka bu’ummaatti Kutaa
ol’aanaa Babal’iinsa Lallaba Wangeelaatiin qophaa’e.

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2019-01-16 18:09:382019-01-16 18:09:38Taabota, waaqa tolfamaa waliin tokko kan taasisu eenyu dha? (2ffaa Qor. 6፥16)
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Cuuphaa Gooftaa Link to: Cuuphaa Gooftaa Cuuphaa Gooftaa Link to: Baga Ayyaana Cuuphaaf nagaan isiniin gahe. Link to: Baga Ayyaana Cuuphaaf nagaan isiniin gahe. Baga Ayyaana Cuuphaaf nagaan isiniin gahe.
Scroll to top