Bara Haaraatti Jireenya Haaraa!
Bara Haaraatti Jireenya Haaraa!
“Huccuu moofaarratti uffata haaraa kan erbu hinjiru…” Mat. 9:16
Waasihuun Amanuutiin
Jecha kana kan dubbate Gooftaafi Fayyisaa keenya kan ta’e Iyyesuus Kiristoosidha. Kiristoos yommuu biyya lafaa kanarratti foon namaa uffatee deddeebi’aa turetti fakkeenya addaddaan uummata barsiisaa tureera. Isa kaan qonnaan fakkeessee, isa kaan immoo biqiltuu Wayiniin fakkeessee akka hubataniif itti himaa tureera. Fakkeenya kanaanis isa “Huccuu moofaarrattii uffata haaraa kan erbu hinjiru…” jedhuun ammoo kan barsiise namoonni sagalee Waaqayyoo isaaniif ife kana dhagahuun jireenya isaanii duraanii irraa adda ba’anii jireenya haaraa akka eegalaniifidha. Jireenya duraaniifi isa haaraa walitti makanii adeemsisuun ulfaataa waan ta’eefi. Fakkeenyaaf, namni duraan machaa’aa ture, erga Kiristoositti amaneen booda akkuma duraaniitti machaa’aa “ani Kiristaana” yoo jedha ta’e ofis miidhee namoota kaaniifis fakkeenya hamaa (gufuu) ta’a. Isa duraa caalaa namoota gufachiisuu danda’a, duraan otoo hin beekiin ta’a kan balleessu; amma garuu otuma beekuu waan balleessuuf yakkisaa ni cima. Duraan of qofa miidha ture; amma garuu namoonni isa ilaalanii akka gufataniif daandii saaqa.
Kitaabni Qulqulluus “Isaan xixiqqaa natti amanan kanneen keessaa tokkollee kan gufachiisu hundi, dhagaan daaktuu mormasaatti hidhamee gara galaana guddaatti otoo gatamee isaaf ni waayya ture” jechuun ibseera (Mat. 18:6). Kanaafuu, jireenya cubbuu duraanii keenya qalbii jijjiirrachuun haaromsinee jireenya haaraa kan ta’e Kiristaanummaa simachuu qabna malee kanneen faallaa ta’an lamaan walitti erbuun adeemsa sirrii miti.
Bara haaraatti jireenya keenya isa bara moofaa qabannee ceena taanaan barrisaa unuuf haaraa ta’uu hin danda’u; waliin maknee jiraachuu yoo yallerree waan wal hingitneef bara haaraa irraa faayidaa hin argannu. Wangeelli keenya “huccuu moofaarratti uffata haaraa erbuun” gaarii akka hin taane kan dubbateef, “inni haaraan isa moofaa sana caalaatti waan tarsaasuuf” dha (Maat.9:16). Akka Kiristaanaatti barri haaraan yommuu dhufu jireenya keenya keessaa isa gaarii hin turre dhiifnee isa duraa caalaa fooyya’uuf kan itti tattaafannu ta’uu qaba.
Kiristaanotaaf Kakuun Moofaa fakkeenya bara duraaniiti (bara cubbuufi abaarsaa); Kakuun Haaraa immoo fakkeenya jireenya haaraati. Kakuu Moofaa keessaa garuu hundumtuu hin gatamne; akka hafan kan taasifaman warreen jireenya Kakuu Haraa (mul’ata gonkummaa Gooftaa keenyaa) waliin deemuu hin dandeenyedha. Fakkeenyaaf, dhiigni horii aarsaa Kakuu Moofaa ture; Kakuu Haaraatti garuu dhiiga Kiristoositu fayyina dhala namaaf dhangala’e. Kanaafuu gara Isa jireenya bara baraa nuuf kennutti ceene jechuudha.
Haaluma kanaan, kiristaanonni yommuu bara moofaarraa gara bara haaraatti ce’an wantoota bara haaraatti ce’uu hin malle kan akka cubbuu addaddaa hojjechuu, tajaajila Mana Kiristaanaa keessatti dadhabina agarsiisuu, qalbii jijjiirrachuu dhiisuufi kkf hundumaa ofirraa harcaafnee bara haaraatti kiristaana cimaa taanee nama mootummaa Waaqayyoof qophaa’e ta’uun nurraa eegama.
Bara haaraatti isa duraani caalaatti tajaajila Mana Kiristaanaa keessatti hirmaachuudhaan rakkoolee Manni Kiristaanaa keenya keessa jirtu irraa qolachuuf tattaafachuun barbaachisaa dha. Rakkoolee Mana Kiristaanaa irra gahaa jiran odeessuu qofa ykn akka hojjetamaniif qaama biraa gaafachuu qofa otoo hin taane hanga humna keenyaa gumaachuun, gahee mataa keenyaa bahuun nurraa eegama. Rakkoo keenyaaf namatti quba qabuun sirrii miti. Hundumtuu gaheesaa otoo bahatee Manni Kiristaanaa hunduma bira geessee fayyina lubbuu namootaaf kenniti. Kana keessatti immoo ati, anis, isinis, hundi keenyayyuu gahee guddaa qabna.
Egaa akkuma Qulqulluun Phaawuloos, “Jijjiirama lapheetiin malee addunyaa kana hin fakkaatiinaa” (Rom.12:2) jedhetti yommuu barri haaraan dhufu jijjiiramuu kan qabnu laphee keenyaatiin ta’uu qaba. Waggaan yeroo yerootti ni jijjiirama; haaluma kanaan kiristaanoonni cal’isanii umurii foonii lakkaa’uu qofa osoo hintaane yeroo kanatti gargaaramuun jireenya afuuraan jijjiiramuu qabna. Yaada cubbuu, hojii dogoggoraa, adeemsa xuraa’aafi waan kana fakkaatan irraa gara jireenya gaariitti tarkaanfachuutu nurraa eegama. Jijjiiramni keenyi immoo nama addunyaa kana keessaati fooniin beekamaa ta’e dorgomuu otoo hin taane Kiristoosiin fakkaachuuf yaaluu ta’uu qaba. Akkuma Qulqulluun Phaawuloos, “Ani Kiristoosiin akkuman faakkadhu, isinimmoo anaan fakkaadhaa” (1Qor. 11:1) jedhee akkuma nu gorsetti fakkaachuuf yaaluu kan qabnu Kiristoosiinifi qulqullootadha.
Kunis ta’uu kan danda’u hojii gaarii kiristaana tokko irraa eegamu dalaguun malee maqumaan kiristaana jedhamuun gahaa miti. Abbootiin yommuu makmaakan “Tola hin tolan” jedhu mitiiree? Waan gaariitti ba’uuf baay’ee dadhabuun, tattaafachuun, qormaata hedduu keessa darbanii tajaajiluun dirqamadha. Tajaajila Mana Kiristaanaa keessatti qormaata malee waan yaadan bira ga’uuf yaaduun gowwummaadha. Qormaata sodaatanii jijjiirama eeguunis gowwummaa isa ol’aanaadha.
Dhumarrattis, Waaqayyo uumaan keenya bara haaraa kana bara nageenyaa, jaalalaafi bara Mani Kiristaanaa keenyi tajaajilashee itti cimsattu akka nuuf taasisu eeyyama Isaa nuuf haa ta’u. Ameen!!