Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Wareegamummaan akka itti fufu waan taasistaniif galatoomaa!

in Uncategorized

Jaarraa 10ffaatti kaatee Manneen Kiristaanaa kutaalee biyyattii adda addaatti mootota bara Akusimii, phaaphaasota, hayyoota fi amantootaan ijaaraman siidaawwan fi hambaalee bocamni fi dhaabaman kan barbadeessite Yoodiit Gudit erga dabarte (boqatte) booda, hayyootni Itiyoophiyaa, moototni, phaaphaasonni fi amantootni kanneen darban irraa muuxannoowwan lama argataniiru.

Inni tokko, akkuma nuti gamoo Manneen Kiristaanaa dhagaa fi booraleen ijaaraa turre; isaanis ijaaraa turaniiru. Karaa biraatiin immoo Manneen Kiristaanaa dhagaa irraa bocanii ijaaraniiru. Bara badiinsaa yoodiitiin (Waagoota afurtamaa) booda, Manneen Kiristaanaa dhagaa fi biyyee suphee (booralee) irraa ijaaraman yommuu diigaman; kanneen kattaa tokko irraa bocamanii fi gar-tokkeen holqa godhamanii ijaaraman Meeshaalee Qulqullaa’oo isaan keessa turan yoo dhuman illee Manneen Kiristaanaa kun garuu, akkuma gaarreen Gari’aaltaa irratti mul’atan sana abidda irraa hafanii isan argannee jirra.

Moototni, phaaphaasotni fi hayyooni bara Zaaguwee kan darbe irraa wantoota lama baratanii jiru. Gama tokkoon, “Manneen Kiristaanaa barbadaa’an maaliif barbadaa’an?” kan jedhu fi “Manneen Kiristaanaa osoo hin gubatiin bara keenya kanaan gahan sababa maaliin diigamuu dhaban?” kan jedhu adda baasuu ture.

Kanneen diigaman dhagaa fi biyyee irraa waan ijaaramaniif hidhattiitni Yoodit gudit salphumatti dhagaa isaa keessaa luqqisaa diiguun barbadeessaniiru. Isaan kattaa irraa bocamanii ijaaraman garuu, gubuufi ta’e diiguuf rakkisoo waan ta’aniif bara badiinsaa sana qaxxaamuruu danda’anii har’aan gahanii jiru.

Kanaafuu, seenaa Mana Kiristaanaa kana itti fufsiisuuf, bakka isheen bara badiinsaa Yooditiin dura qabdutti deebisuun yoo barbaachise, Manneen Kiristaanaa kattaa irraa bocaman ijaaruu qabna jedhanii Qulqulluu Laaliibalaa fa’a Manneen Kiristaanaa kudha tokko dhagaa tokko irraa kan bocanii ijaaran jiru. Akka guutuu biyyattittiis Manneen Kiristaanaa dhibba lamaa ol ta’an kattaa irraa bocamanii ijaaramuu isaaniitiin bara badiinsaa jaarraa 15ffaa darbanii bara keenya kanaan gahaniiru.

Bara Mannia Kiristaanaa keenya qormaata keessa itti seente kanatti muuxannoowwan darban hojii irra oolchuun barbaachisaa dha. Gama tokkoon, “Kanneen kanaan dura gubatan maaliif akka gubatan fi kanneen gubachuu danda’an sabani isaanii maal ture?” kan jedhu fi “Waan maal raawwanne fi raawwachuu dhiisneefi dha?” jechuun gaafachuu fi “Badiin sun irra deebi’ee akka hin mudanne fi kan ijaarames dhaloota irraa dhalootaatti darbuu akka danda’uuf maal gochuu qabna?” jechuun yaaduun nurra jira. Hojiiwwan lamaan kana yaaduu yoo dandeenye, yoomiyyuu taanaan Manni Kiristaanaa mo’attuu waan taateef fi Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo itti fufuun ishee waan hin hafne ta’uu isaatiin hojii ijoollee ishee jechuunis hojii amantootaa itti fufsiisuu dandeenya. Namootni biroo imimmaan keenya nuuf haa qoorsan jennee hin boonyu. Gara Uumaa keenyatti boonya malee. Kan hiojjennus jaalala kanaani dha. Eenyu iyyuu akka nubirmatu, eenyu iyyuu akka nugargaaru, fi eenyu iyyuu mirga keenya deebisee akka nuuf kennu hin gaafannu. Kadhannaa keenya hundumaa keessatti “ ለሀገሪትነ ኢትዮጵያ… Biyya keenya nuuf eegi” osoo hin jedhin oollee iyyuu hin beeknu. Biyya kana obboleewwan keenya biro waliin taanee hojjannee jirra. Seenaa ishees katabneerra, faarfanneerra, og-fakkiidhaanis bareechisnee har’aan geessineerra.

Abbootni keenya gaarreen Gara’altaa bocanii Manneen Kiristaanaa yeroo hojjetan eenyu irraa iyyuu gargaarsa hin arganne. Manneen Kiristaanaa gurguddoo Finfinnee fi magaalota gurguddoo keessatti argamanis gargaarsa qaamolee biroon osoo hin ta’in amantootaan kan ijaaramanii dha. Abbootni keenya, biyya kadhattu keessa Mana Kiristaanaa nama hin kadhanne nuuf dhaalchisanii dabraniiru. Hammuma amantootni keenya du’aniin; Wareegamtoota horachaa akka jirru ni amanna malee, gadda baay’isuun laphee keenya hin dhoofnu, fuula keenyas hin moccorru. Manneen Kiristaanaa mukaan ijaarre yeroo diigamu gamoon, kan gamoon ijjaarre yeroo diigamu immoo dhagaa bocamaan, inni dhagaa bocamaan ijaarame yeroo diigamu immoo sookoon (warqeen), inni sookoon ijaarame yeroo diigamu immoo diyaamadiin ijaaraa itti fufna. Abbootni keenya booyicha, hiyyumma hamilee fi gad-aantummaa gonkumaa nuunbarsiisne.

Har’a Manneen Kiristaanaa fi amantoota Wallagga Lixaa gargaaruuf kan walitti qabamne isitti hin fakkaatiin. Wallaggi Lixaa biyya Qulqullootaati. Wallaggi biyya Kiristaanota ciccimoo fi Gootota ta’aniiti. Lakkoofsi isaanii haa xiqqaatu malee, biyya qajeelotaa fi gar-laafeeyyiiti. Kurnoo warri magaala guddittii keessa jirru hin baafne baasuu uummata danda’u dha Wallaggi. Najjoo, Qilxuu Kaarraa, Gimbii, Mandii fi k.k.f. bakkeewwan akkuma Akusimi fi Laalibalaatti eebba guddaa lafa qabanii fi daawwatamnii dha. Achitti Manneen Kiristaanaa gurguddoo jiraachuu dhabuu danda’u; garuu, Kiristaanotni gurguddoon biyya itti argamanii dha.

Yeroo tokko yaa’ii Afuuraaf gara Qilxuu Kaarraa deemnee guyyaa keessa gara sa’aatii 10tti achi geenyee gara bakka yaa’ichatti yoo siqnu uummanni akkuma keessan kenetti guutee (baay’inaan) argameera. Barumsi Wangeelaa jalqabame. Faarfannaanis ittuma fufe. Yaa’ichi takka turee goolabama jennee osoo eegnu; ituma fufa malee hin dhaabbatu. An nadiqinaan qideessaa yaa’ichatti siqee “Yaa’ichi yoom goolabamaa!” jedhee gaafannaan; “Yeroo isin gara dhuftanitti deebitani.” Naan jedhan. Dhugumatti immoo yaa’iin Jimaata jalqabame gaafa nuti gara itti dhufne yeroo deebinu uummanis gara mana isaa yeroo galu xummurame.

Kanaafuu, roorroo uummata sanaa dhagahuu dhiisuun sagalee Waaqayyoo dhagahuu dhiisuu dha. Bakkichi Kiristaanotni sa’aatii digdamii afuriif osoo aara hin galfatiin iddoo itti Waaqayyoo galateessanii dha. Bakka Kiraistaanotni jireenyi Afuuraan isaa itti inaaffessu dha. Gara galma mana barnoota Sambataa yeroo seentan, tarree maqaa waldaalee barreeffaman maxxanfamee jiru ilaalee maal akka ta’e gaafannaan “Dabaree guyyaa Qurbaanaa miseensota waldaalee adda addaati” naan jedhan. Kanaafuu, yaa’iin kun Warri Qulqulluu Fooni fi Dhiiga Gooftaa hin fudhanne warra Qulqulluu Fooni fi Dhiiga Gooftaa fudhatan gargaaruuf qophaa’e dha (habalakaan). Yaa’ii kana irraa barumsa suga ittiin argannu fudhanna. Eebbifamoon abbaan keenya hojii guddaa hojjetaniiru. Hojiin abboota gurguddoo irraa eegamus kanuma. Qulqulluun abbaa keenyas asitti argamuu keessaniin waan abbaa tokko irraa eegamu raawwattaniittu. Tikseen bakka hoolonni isaa argamanitti hin argamne eessatti argamaree? Daran caalchisnee, bareechisnee fi isa darbe irraas foyyeessinee ni ijaarra. Ayyaana Wareegamtootaas daran kabajna.

Jaalleewwan nugubdani fi nu’ajjeeftanis Qabsuurri fi Sinkisaarri (Galmeen Qabsuuraa) keenya akka itti fufu waan taasiftaniif guddaa galatoomaa! Galmeen Qabsuura keenyas “ወበዛቲ ዕለት አዕረፈ…፤ Guyyaa kanattis…boqate. ” jechuun jalqabu waan goolabame nutti fakkaatee ture; isin garuu itti fufuu akka qabu nubarsiistaniittu. Biraannaa qopheessuuf ammas gogaa duuguu; halluus bulbuluu akka qabnu nutti himtaniittu. Imalli Mana Kiristaanaas itti fufuu akka qabu nutti himtaniittu waan ta’eef ammas guddaa galatoomaa! Nuti boonaa kan turre ‘Qulqulluun Laalibalaan kana raawwate, abba abaluun kana hojjete fi k.k.f.’ jechaa seenaa Manneen Kiristaanaa jabana duriini ture; har’as seenaa dhalootaa irraa dhalootatti darbu akka raawwannu nukakaastaniittu waan ta’eef galatoomaa! Osoo isin jiraachuu baattan akkasitti walitti hin qabamnu ture. Osoo isin ka’uu baattan akkasitti lafa irra teenyee hin barannu ture waan ta’eef ammas galatoomaa! Bakka kanatti yaa’ii akkamii taasisnee akka turre ni yaadatama; amma garuu, seenaan sun akka jijjiiramu waan taasiftaniif guddaa galatoomaa!

Walitti qabamuun qofa akka hin hafne, hojii kana caalu hojjechuu akka dandeenyu, dhaloota dhufuufis seenaa gidiraa fi roorroo nurra gahaa ture osoo hin ta’in; seenaa gaarii nuti hojjenne dabarsuu akka dandeenyu onnee keenya, miila keenya fi giphii keenya hojii irra akka oolu taasisuu qabna. Barri hirriibaan dabarsine amma nugaha. Yeroon kun yeroo wal-arrabsuuni fi wal-jibbuun itti goolabamuu qabu dha. Yeroon kun Waldaaleen, lallabdoonni, faarfattoonni, itti gaafatamtootni Manneen Kiristaanaa, monokisootni, phaaphaasotni hundumti keenya kaayyoo Mana Kiristaanaa tokkittii kanaa raawwachiisuuf onnee tokkoon ka’uuf guyyaa isa dhumaa ta’uu qaba. Hordaa (Irfii) qabanneerra. Kanaa booda duubatti deebi’uun hin jiru.

Haasawa Muhaaza Xibabaati Dn. Daani’eel Kibrat taasise irraa kan fudhatame

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2019-12-24 14:24:142019-12-26 13:51:33Wareegamummaan akka itti fufu waan taasistaniif galatoomaa!
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Sinkisaara Muddee 7 Link to: Sinkisaara Muddee 7 Sinkisaara Muddee 7 Link to: Oduu Boqonnaa Link to: Oduu Boqonnaa Oduu Boqonnaa
Scroll to top