Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Hiikkoo xummuramuu Faaruu (sirna Galateeffannaa) Tibba Abaaboo (ተፈጸመ ናሁ)

in Uncategorized
Godaansaa deebi’uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos fi Giiftii keenya Durbee Maariyaam

H.K.H.Roodaas Taaddasa (Dr.)

Dilbata dhumaa kan tibba habaabootti hayyoonni Mana Kiristaanaa fi amantootni mooraa haadha keenya Mana Kiristaanaatti walitti qabaman onneen isaanii jaalala Deessuu Waaqaatiin boba’ee, dhandhama galata isheetiinis qalbiin isaanii quuftee, keessattuu, xummura sirnagalateeffannaa tibba habaabootti qalbii isaanii isa sirna galatoo galateeffannaa tibba abaaboo ishee dhumaa galateessee nagahe kan hin jenne sana gammachiisuu baatuus, guyyichi aduu Giiftiin keenya warroota ishee galateessaniif eebbisa ishee itti laattu dha waan ta’eef qalbiin isaanii gammachuun guutamee galata kana sirna galatoo keessa galateessaa dabarsu. Iccitii, dubbisa fi hiika galuumsa isaas kunoo!

ሕብረ ሐመልሚል ቀይሕ ወጸአድዒድ አርአያ ኰሰኰስ ዘብሩር

ተአምርኪ ንጹሕ በአምሳለ ወርቅ ግቡር

ተፈጸመ ናሁ ማሕሌተ ፅገ ሥሙር

አስምኪ ቦቱ ንግሥተ ሰማያት ወምድር

ከመ በሕጽንኪ ያሰምክ ፍቁር

(Raajiin kee qulqulluun halluu adii fi diimaa qabaatee kan calaqqisiisu, bifti isaas akka meetii bareedaatti kan ta’e fakkeenya sookoon (warqeen) kan tolchamee dha. Egaa sirni galateeffannaa tibba habaaboos (ማሕሌተ ፅጌ) xummurame. Yaa Maariyaam mootittii samii fi lafaa Ilmi kee jaalatamaan hammannaa kee jalatti akkuma ciise (booraafate); booraafachuu Isaa kanaan nuuf Kadhadhu.)

Hayyichi Abbaa Tsigge Dingil sirna galata addaa kana kan dubbate, jecha dura aanaan Raajootaa Muuseen dubbate bu’uura godhachuun yeroo ta’u, kunis See.Uum. 2:11-12 irratti “ስሙ ለአሐዱ ፈለግ ኤፌሶን ውእቱ ዘየዐውድ ውስተ ኲሉ ምድረ ኤውላጦን ወህየ ሀሎ ወርቅ፤ ወወርቃ ለይእቲ ምድር ሠናይ ወህየ ሀሎ ዕንቁ… ዘየኀቱ ወዕንቁ… ሐመልሚል፦ Lagni inni tokko maqaan isaa Eefeesooni dha. Innis lafa Ewlaaxoon mara kan obaasu dha.

Achittis sookoon ni jira. Sookoon lafa sanaas bareeda dha. Achittis inquun (elellaa) ifu ni jira ture.” kan jedhu dha.

Kunis fakkeenya mataa isaa danda’e qaba.

  • Inquun (elellaa) fakkeenya qulqullinaa isheeti. Akkuma sookoon sun ifutti, Giiftiin keenyaas cubbuu dhaalaa irraa bilisa akka taate fi qulqullina fi Qulqullummaan kan iftudhaati. Akkuma Kitaabni “ማርያምሰ ተሐቱ እምትካት ውስተ ከርሱ ለአዳም ከመ ባሕርይ ጸዐዳ፤ Maariyaamiin dura irraa kaasee amalummaa Addaam keessatti akka inquu (elellaa) adiitti ni ifti.” jedhutti jechuu dha.
  • Innis, Gannatni fakkeenya Giiftii keenaati, sookoon immoo fakkeenya qulqullinaa fi Qulqullumma isheeti. Akkuma sookoon lafa sanaa qulqulluu ta’etti; amantaa fi naamusni Giiftii keenya qulqulluudhaati. Akkasitti illee ni hiikama.
  • Inquun halluu makaa qabu fakkeenya Gooftaa keenyaati. Inii halluun isaa makaa akkuma ta’e, Gooftaan keenyas Waaqaas namas kan ta’e isadhaati.

Dabalataan immoo Qulqulluun Daawiit Durbee Qilqulleettii ishee lafa dhaalaa Iyyaruusaaleemitti argamte, guuggeen kochoowwan ishee meetii irraa hojjetameen kan fakkeeffamte fi cinaachi ishee immoo sookoon kan bareechifame kana Afuura Waaqayyoon bifa guuggeetiin argee Faar. 67:13 irratti “እመኒ ቤትክሙ ማዕከለ መዋርስ” Gulummaa keessatti yoo bultan illee” jechuun jalqaba irratti Noohi ilma isaa Seem jedhamuuf dhaalchise fi duuba irratti ishee Abrihaamiif kennamte gahee Seem jedhamuun beekkemtutti osoo geessan “ክነፈ ርግብ በብሩር ዘግቡር; Akka baalleewwan meetii irraa hojjetamanitti” jechuun gulummaa Seem ishee achi argamtu keessa gar-laafeenya isheen guuggeen kan fakkeeffamte Giiftiin keenya Qulqulleettin Durbee Maariyaam guuggee kochoowwan ishee meetii irraa hojjetameen fakkeeffamuun ishee; qulqullina foon ishee, qulqullina lubbuu ishee fi qulqullina sammuu ishee fakkeenya kochoo meetii irraa hojjetameen erga ibse booda,

“ወገበዋቲሃኒ በሐመልማለ ወርቅ፤ mudhiin ishees baallee sookoo irraa hojjetameen kan bareechifamte” jechuun sookoon kan fakeeffame mudhiin qalbii ishee “Akkuma dubbattetti naaf haa ta’u.” jechuudhaan misiraachoo Qulqulluu Gabri’eel amanuun kan jabaate ta’uu isaa iccitiin erga ibse booda, deessuu Isaaf (Waaqayyoof) misiraachoo akka himu kan ajaje misiraachoo Qulqulluu Gabri’eeliin Mootii samii fi lafaa kan ta’e Gooftaan gar-laafummaa isheen guuggeen kan fakkeefamte Qulqulleettii Durbee Maariyaam irraa dhalatee Dhala namaaf Fayyina akka laatu “አመ አዘዘ ሰማያዊ ንጉሥ ላዕሌሃ፤ Yeroo Mootiin Samii fi lafaa ishee irratti ajajeetti” jechuun kan dubbatame ishee irratti akka dhugoomee (mirkanaa’ee) jira waan ta’eefi dha. Sabaab kanaafi dha “halluu diimaa fi adii kan qabu fi fakkeenyi isaas meetii bifa gara garaa kan ta’e Raajiin kee fakkeenya sookootiin kan hojjetamee dha” jechaa ishee galateessa.

Hayyichi Abbaa Tsiggee Dingil xummura irratti Sirni Galateeffannaa Tibba Habaaboo  inni gaarii, bareedaa, jaalatamaa fi hamma guyyaa deebi’ee dhufuu Gooftaatti Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Fulbaana digadamii jaha irraa kaasee hamma sambata xummura Sadaasa ja’atti kan gahu kun xummuramuu isaa ibsuuf “Egaa sirni galateeffannaa Tibba Habaaboo inni bareedaan ni gahe (xummurame)” jechuun dubbate.

Itti fufuun immoo, daa’imman sammuun isaanii akka hin worraaqne  hadholiinisaanii buqqee mataa isaanii harka isaanii jala kaa’anii akkuma irkisanitti; bobaa ishee (kan Giiftii keenyaa) isa Gooftaa jaalatamaa addunyaa kana irkisee fi kan qabate ni galateessa. Haaluma wal-fakkaatuun barreessaan Malki’aa Maariyaamis:-

“ሰላም ለሕፅንኪ ለጥበበ ሰማይ ምዕራፉ

ዘኢይትረከብ ሱታፉ”

“Bobaa kee isa iccitiin isaa bira gahamuu hin danda’amne fi iddoo qubannaan isaa ogummaa samii ta’eef galata nan galcha.” jechaa ishee galateessa.

Barreessaan Abbaa Tsiggee Dingil jedhamus Ifa kan taate Qulqulleettii Durbee Maariyaamiin “ንግሥተ ሰማይ ወምድር፤ Mootittii lafaa fi samii” Motittii ta’uun ishee kun Raajii Raajootaatiinis ta’e dubbii Duuka Bu’ootaan mirkaneeffamee jira. Raajaa Waaqayyoo kan ta’e Qulqulluun Daawiit Afuurri Waaqayyoo irra bulee waa’ee kabaja, Qulqullummaa, Mootittii ta’uu, Araarsummaa fi Mootii samii fi lafaa kan ta’e Waaqayyoon filatamuu ishee “ijoolleen mootiiwwanis kabaja keef oolu” jechuun Mootii Samii fi lafaa kan deesse Haadha Mootii keenya Kiristoos, ijoolleen yaboon (imaanaa/adaraa) fi waadaa Mootittii samii fi lafaa Gooftummaa Isaaf akka bitaman fi Ulfina Isaa Mootummaa samiif filatamuun isaanii isaaf ifoomee duraan dursee faarsaa isaatiin ishee galateessee jira (Faar. 44:9-17).

Dhugumaan Qulqulleettin Durbee Maariyaam Mootittii ta’uu ishee fi Mootittii jedhamuu ishee Rajaa Daawiit qofa osoo hin ta’in, Raajoonnis Duuka Bu’oonnis Afuurri Qulqulluun tokkichi isaaniif ibsee yeroo barreessan, Raajoota gurguddoo keessaa isa tokko kan ta’e Raajaan Waaqayyoo Isaayyaas Raajii isaa keessatti “Moototni abboota siguddisan ta’u; giiftiiwwan isaaniis guddistoota kee ta’u. adda isaaniis gara lafaatti gad-gombisanii siif sagadu. Dhukkee miila kees ni arraabu.” jechuun Giiftii giiftiiwwanii Mootittii moototaa (mootii dubrtoota ta’an) ta’uu ishee ibsee jira (Raaj. Isaa. 49:23).

Ammas sababa Mootii samii fi lafaa deesseef uummamni hundumtuu Giiftii keenya akka galateessu Ogeessichi Salomoon Kitaaba weedduu weedduu caalu keessatti “Guuggeen koo iddoo raawwannaan koos tokkittii dha. Haadha isheefis tokkittii dha. Deessuu isheefis filatamtuu dha. Dubaroonnis kana arganii ishee galateessu. Giiftiiwwani fi haadholiin manaa ishee galateessu. Isheenis akka biiftuu ganamaa kan daawwatamtu, akka addeessaas kan bareedde, akka aduus kan qulqulloofte fi akka raayyaa kaayyoof hiriiretti kan sodaachistu; Isheen kun eenyu dha?” jechuun kabaja Mootittii isa jia Raajiitiin isaaf mul’ate katabee jira (W/W/Caalu 6:9-10).

Duuka Bu’oota keessaa isa tokko kan ta’e Qulqulluu Yoohaannisis kabaja Mootittii ta’uu ishee kana argee, giiftiiwwan biyya lafaa uffata sookoo yeroo uffatan, kophee sookoos yeroo kaa’atan, gonfoo inquu fi sookoo yeroo gonfatan; Mootittiin samii fi lafaa ishee Aduu dhugaa Kiristoos kan deesse Durbeen Qulqulleettiin garuu, faaya guyyaa kan taate aduu uffattee, faaya halkanii kan ta’an addeessa akka kopheetti kaa’attee; urjiiwwani immoo gonfattee akka argamtu Mul’ata isaa keessa “Mallattoon guddaa samii irra mul’ate. Aduu uffattee, addeessas akka kopheetti kaa’attee, mataa ishee irrattis urjiiwwan kudha lama kan gonfatte” jechuun akkuma Qulqulluun Daawiit dubbatetti innis kabaja dinqisiisaa Mootittii ifatti barsiiseera (Mul. 12:1).

Kanaafuu, namni galateeffannaa kanaan ishee galateessu hundumtuu Ilma ishee gara biyya Misiritti hammannaa isheen hammatamee (baatamee) ishee waliin godaane Iyyasuus Kiristoos akka isaaf kadhattu fi isa araarsitu ishee kadhachaa hayyichi sirna Galateeffannaa Tibba abaaboo xummuramuu isaa ni labse.

Yaa Haadha Waaqayyoo Giiftii keenya; akkuma Abbaa Tsiggee Dingiliin sirna galateeffannaa bareedaa fi jaalatamaa kanaan si galateessu taasisteen, gar-malee kan sijaalannu fi ijoollee kee kan nuyiin illee yeroo hunda akka sigalateessinuuf eebbisa kee akka nuulaattuuf sikadhanna.

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2019-11-14 12:53:182019-11-14 12:53:24Hiikkoo xummuramuu Faaruu (sirna Galateeffannaa) Tibba Abaaboo (ተፈጸመ ናሁ)
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii Link to: Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii... Link to: Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii Link to: Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii...
Scroll to top