Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Bara Haaraatti Jireenya Haaraa!

in Tibbana

Bara Haaraatti Jireenya Haaraa!

“Huccuu moofaarratti uffata haaraa kan erbu hinjiru…” Mat. 9:16

Waasihuun Amanuutiin

Jecha kana kan dubbate Gooftaafi Fayyisaa keenya kan ta’e Iyyesuus Kiristoosidha. Kiristoos yommuu biyya lafaa kanarratti foon namaa uffatee deddeebi’aa turetti fakkeenya addaddaan uummata barsiisaa tureera. Isa kaan qonnaan fakkeessee, isa kaan immoo biqiltuu Wayiniin fakkeessee akka hubataniif itti himaa tureera. Fakkeenya kanaanis isa “Huccuu moofaarrattii uffata haaraa kan erbu hinjiru…” jedhuun ammoo kan barsiise namoonni sagalee Waaqayyoo isaaniif ife kana dhagahuun jireenya isaanii duraanii irraa adda ba’anii jireenya haaraa akka eegalaniifidha. Jireenya duraaniifi isa haaraa walitti makanii adeemsisuun ulfaataa waan ta’eefi. Fakkeenyaaf, namni duraan machaa’aa ture, erga Kiristoositti amaneen booda akkuma duraaniitti machaa’aa “ani Kiristaana” yoo jedha ta’e ofis miidhee namoota kaaniifis fakkeenya hamaa (gufuu) ta’a. Isa duraa caalaa namoota gufachiisuu danda’a, duraan otoo hin beekiin ta’a kan balleessu; amma garuu otuma beekuu waan balleessuuf yakkisaa ni cima. Duraan of qofa miidha ture; amma garuu namoonni isa ilaalanii akka gufataniif daandii saaqa. 

 

Kitaabni Qulqulluus “Isaan xixiqqaa natti amanan kanneen keessaa tokkollee kan gufachiisu hundi, dhagaan daaktuu mormasaatti hidhamee gara galaana guddaatti otoo gatamee isaaf ni waayya ture” jechuun ibseera (Mat. 18:6). Kanaafuu, jireenya cubbuu duraanii keenya qalbii jijjiirrachuun haaromsinee jireenya haaraa kan ta’e Kiristaanummaa simachuu qabna malee kanneen faallaa ta’an lamaan walitti erbuun adeemsa sirrii miti.

Bara haaraatti jireenya keenya isa bara moofaa qabannee ceena taanaan barrisaa unuuf haaraa ta’uu hin danda’u; waliin maknee jiraachuu yoo yallerree waan wal hingitneef bara haaraa irraa faayidaa hin argannu. Wangeelli keenya “huccuu moofaarratti uffata haaraa erbuun” gaarii akka hin taane kan dubbateef, “inni haaraan isa moofaa sana caalaatti waan tarsaasuuf” dha (Maat.9:16). Akka Kiristaanaatti barri haaraan yommuu dhufu jireenya keenya keessaa isa gaarii hin turre dhiifnee isa duraa caalaa fooyya’uuf kan itti tattaafannu ta’uu qaba.

Kiristaanotaaf Kakuun Moofaa fakkeenya bara duraaniiti (bara cubbuufi abaarsaa); Kakuun Haaraa immoo fakkeenya jireenya haaraati. Kakuu Moofaa keessaa garuu hundumtuu hin gatamne; akka hafan kan taasifaman warreen jireenya Kakuu Haraa (mul’ata gonkummaa Gooftaa keenyaa) waliin deemuu hin dandeenyedha. Fakkeenyaaf, dhiigni horii aarsaa Kakuu Moofaa ture; Kakuu Haaraatti garuu dhiiga Kiristoositu fayyina dhala namaaf dhangala’e. Kanaafuu gara Isa jireenya bara baraa nuuf kennutti ceene jechuudha.

Haaluma kanaan, kiristaanonni yommuu bara moofaarraa gara bara haaraatti ce’an wantoota bara haaraatti ce’uu hin malle kan akka cubbuu addaddaa hojjechuu, tajaajila Mana Kiristaanaa keessatti dadhabina agarsiisuu, qalbii jijjiirrachuu dhiisuufi kkf hundumaa ofirraa harcaafnee bara haaraatti kiristaana cimaa taanee nama mootummaa Waaqayyoof qophaa’e ta’uun nurraa eegama.

Bara haaraatti isa duraani caalaatti tajaajila Mana Kiristaanaa keessatti hirmaachuudhaan rakkoolee Manni Kiristaanaa keenya keessa jirtu irraa qolachuuf tattaafachuun barbaachisaa dha. Rakkoolee Mana Kiristaanaa irra gahaa jiran odeessuu qofa ykn akka hojjetamaniif qaama biraa gaafachuu qofa otoo hin taane hanga humna keenyaa gumaachuun, gahee mataa keenyaa bahuun nurraa eegama. Rakkoo keenyaaf namatti quba qabuun sirrii miti. Hundumtuu gaheesaa otoo bahatee Manni Kiristaanaa hunduma bira geessee fayyina lubbuu namootaaf kenniti. Kana keessatti immoo ati, anis, isinis, hundi keenyayyuu gahee guddaa qabna.

Egaa akkuma Qulqulluun Phaawuloos, “Jijjiirama lapheetiin malee addunyaa kana hin fakkaatiinaa” (Rom.12:2) jedhetti yommuu barri haaraan dhufu jijjiiramuu kan qabnu laphee keenyaatiin ta’uu qaba. Waggaan yeroo yerootti ni jijjiirama; haaluma kanaan kiristaanoonni cal’isanii umurii foonii lakkaa’uu qofa osoo hintaane yeroo kanatti gargaaramuun jireenya afuuraan jijjiiramuu qabna. Yaada cubbuu, hojii dogoggoraa, adeemsa xuraa’aafi waan kana fakkaatan irraa gara jireenya gaariitti tarkaanfachuutu nurraa eegama. Jijjiiramni keenyi immoo nama addunyaa kana keessaati fooniin beekamaa ta’e dorgomuu otoo hin taane Kiristoosiin fakkaachuuf yaaluu ta’uu qaba. Akkuma Qulqulluun Phaawuloos, “Ani Kiristoosiin akkuman faakkadhu, isinimmoo anaan fakkaadhaa” (1Qor. 11:1) jedhee akkuma nu gorsetti fakkaachuuf yaaluu kan qabnu Kiristoosiinifi qulqullootadha.

Kunis ta’uu kan danda’u hojii gaarii kiristaana tokko irraa eegamu dalaguun malee maqumaan kiristaana jedhamuun gahaa miti. Abbootiin yommuu makmaakan “Tola hin tolan” jedhu mitiiree? Waan gaariitti ba’uuf baay’ee dadhabuun, tattaafachuun, qormaata hedduu keessa darbanii tajaajiluun dirqamadha. Tajaajila Mana Kiristaanaa keessatti qormaata malee waan yaadan bira ga’uuf yaaduun gowwummaadha. Qormaata sodaatanii jijjiirama eeguunis gowwummaa isa ol’aanaadha.

Dhumarrattis, Waaqayyo uumaan keenya bara haaraa kana bara nageenyaa, jaalalaafi bara Mani Kiristaanaa keenyi tajaajilashee itti cimsattu akka nuuf taasisu eeyyama Isaa nuuf haa ta’u. Ameen!!

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2016-09-09 10:49:242018-10-26 09:21:05Bara Haaraatti Jireenya Haaraa!
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Tulluu Qulqullaa’aa (2phex.1:18) Link to: Tulluu Qulqullaa’aa (2phex.1:18) Tulluu Qulqullaa’aa (2phex.1:18) Link to: Leenjiin abbootii Mana Kiristaanaaf kenname Link to: Leenjiin abbootii Mana Kiristaanaaf kenname Leenjiin abbootii Mana Kiristaanaaf kenname
Scroll to top