Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

“Hojii Qulqullummaa Hunda Raawwachuun Ni Barbaachisa!” Maat 3:5

in Barumsa Amantaa

“Hojii Qulqullummaa Hunda Raawwachuun Ni Barbaachisa!”  Maat 3:5

                                                         Biraanuu Dajanee

Waaqayyo Goftaan keenya Ayyaana Cuuphaa bara 2008 B.A kabajuuf hunda keenya kan nuga’e Maqaan isaa kan galatoome haata’u.

Waaqayyo tokkotti amanuun kan egalame Addunyaan erga Uumamee Barrii Erga lakkaa’amee kaasee yoo ta’uu, namni kamiyyuu Amantaa malee barri itti jirate hin jiru.Dhufaatiwwaan Ayyaanotaa fi hundeeffamni isaaniis seenaa uumamtootaa irraa kaasee jiruu ilma namaa faana walqabatee kan dhufe,kan jiraataa ture, kan kabajamee fi kan kabajamu ta’uu isaa seenaan amantaa nutti hima.

Kanaan walqabatee namoonni warri duraa Addaam abbaan keenyaa fi haati keenyaHewaan waaqayyo isaanuume Jannata keessa gammachuu guddaadhaan osoo jiraatanii Diyaabiloos inni diinni inaafee foon bofaa keessa dhokatee gara isaaniitti dhiyaate.Addaamii fi Hewaanis seexana ta’uu isaa osoo hin beekin gorsa seexana foon bofaa keessa dhokatee dhufeen gowwoomanii ajaja Waaqayyoo cabsanii Ijoollummaa Waaqayyoo dhabani.uma 3:24 Addaamii fi Hewaan Waaqayyoo fi Jannata dhabuun qilee adabbii keessatti kufan. Isaanis gorsa seexanaatiin gowwamfamanii muka balas nyaachuurraa kan ka’e sanyii isaanii hundatti murtiin du’aa itti murtaa’ee gidiraa fi abaarsa jala turan. Addaamii fi Hewaanis gaabbidhaan gara Waaqayyootti iyyuu fi boo’uu jalqaban, imimmaaniinis kadhannaa isaanii cimsan. Waaqayyos Addaam isa lammaffaa ta’ee garbummaa jalaa isa baasuuf waadaa galeefii guyyaan isaa yoo ga’u barri 5500 (kumni shanii fi dhibbi shan) yammuu raawwatamu addunyaa fayyisuuf bu’uuruma waadaa galeen Waaqayyoon Ilmi samiisamiiwwan irraa bu’ee qulqulleettii durbee Maariyaamii irraa dhalatee akka lakkoofsa keenyaatti Mudde 29 dhalate. Dhaloota Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoosManni kiristaanaakeenya waggaa waggaan kan kabajju yoo ta’u, kabaja ayyanaa dhaloota Goftaa keenya Iyyasuus kiristoos kanatti aansuun ammoo sirna ho’aafi hawwatamaa ta’een ayyaanni cuuphaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos nikabajama. Haalli kabaja ayyaanichaas Taabota waaqayyoo waliin mooraa Mana Kiristaanaatii ba’uun laga ykn Galaana cinatti Amajjii 10fi 11 kan kabajamudha.

Cuuphaan malii?

Cuuphaa jechuun, Cuuphamuu,bishaan keessa lixanii ba’uu, bishaan keessa gadi awwaalamuu jechuudha.

Cuuphaa eenyutu hundeesse?

Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos dhalatee waggaa 30 (soddoma)tti laga Yoordaanositti harka Yohaannis cuuphaan cuuphamee cuuphaa hundeesse.Mat 3:13 “ሆረኢየሱስእምገሊላሀበዮሐንስያጠምቆበፈለገዮርዳኖስ”Goftaan keenya Iyyasuus Kiristoos harka cuuphaa Yohaannisiin cuuphamuuf Galiilaa irraa gara yoordaanos   deeme jedha. Namoonihundinuu fayyuuf ,lammata dhalachuuf ,mucummaa Waaqayyoo argachuuf cuuphamuu akka qabnu nutti himee jira. Mar 16:16‘’Namni amaneefi namni cuuphame nii fayya ‘’ akkasumas Namni hundi lammata bishaanii fi Afuura qulqulluu irraa cuuphaadhaan yoo dhalate malee gara mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda’u. Yoh 3:3-6

Gooftaan Maaliif Cuuphame?

Gooftaan nan kabajama kan hin jenne kabajamaa,nan qulqullaa’a kan hin jenne qulqulluu ta’ee osoo jiruu maaliif cuuphame? yoo jedhame

1ffaa Sadummaa fi Tokkummaa Sillaasee ibsuudhaaf:-Sanaandura sadummaanSillaasee ifa ta’ee hin beekamu ture.Gooftaan laga Yordaanositti yommuu cuuphamu iccitiin sadummaa(Sillaasee) ifa ta’ee, Waaqayyo Abbaan duumessa keessa ta’ee Ilmi koo kanan jaalladhu isa kanadha jechuu isaatiin Abbaa Waaqayyo Ilmaa taa’uun isaa beekame ,Afuurri Qulqulluunis fakkeenya Gugee (Makoodii)tiin irra qubatee argamuudhaan lubbuu akkeenyummaa isaa ta’uunsaa beekame. Ilmis qaamasaa addaatiin laga yoordaanositti utuu cuuphamuu argame.Qaamoonni sadan Waaqummaa tokko ta’uu isaanii yommuu ibsu dha.Iccitiin Afuurri qulqulluun fakkeenya Gugee (Makoodii)tiin bu’uun isaa Gugeen uumama isheetiin hammeenyaa fi haaloo kan hin beekne waantaateefidha. Afuurri Qulqulluunisi amalummaan ammeenyaafi haaloo kan hinqabanne ,yooqalbii jijjiirranne kan cubbuu keenya nutti hin lakkoofnedha.

Gugee (Makoodii)n,godoo ishee yoo jalaa diigan malee ,labooba(koola) ishee yoo rukutamte,buuphaa(killee) ishee yoo jalaa cabsanmalee bakkee ishee dhiistee hin deemtu.Afuura Qulqulluunis yoo gonkuma isa ganan maleecubbuun hojatameedhaaf jiruu ilma namaa irraa addaan hin bahu.

2ffaa Raajii raawwachuufidha:- ‘’Bishaanissi’arganii sodaatan.Galaanonnis nijeeqaman, Lageenis nihuursan, duumessis sagalee kennan…’’Far.76(77):16 kan jedhu akkasumas

Raajii Hizq 36:35 raajii turee rawachuuf.

3ffaa Nuuf fakkeenya ta’uuf:- Osoo hin cuuphamin cuuphamaa yoo nuun jedhe namoonni baay’een cuuphaan hin barbaachisu, osoo waan barbachisu ta’ee Gooftaan cuuphamee fakkeenya nuuf ta’a ture, akka isaan hin jenneefidha.

Gooftaan maaliif waggaa soddommaffaa isaatti cuuphame?

Barumsi amantaa mana kiristaanaa akkuma Kitaabolee Qulqulluun nutti himanitti Addunyaan kan uumamte baraani dha.Waaqayyo Uumaa waan ta’eef baroota dura kan jiru barris kan lakkaa’amuuf miti. Baraa bara dabarsee kan jiraatudha. Faar 90:2’’ Addunyaan osoo hin uumamin baraa hanga baraatti ati waaqayyodha.’’ akkuma jedhetti Waaqayyo Gooftaan Iyyasuus kiristoos kan barri hin lakkaa’amneef barri lakkaa’ameef bara kana cuuphame ,cuuphaan isaa soddomaa oli, soddomaa gadi hin taasifne. sababiin isaas:-

1ffaaSirnaKakuu Moofaa raawwachuuf.

Sirna Kakuu moofaa keessatti luboonni tajaajila afuuraatiif waggaa soddomaan dura waltajjiitti hin bahaan ture. Tajaajiltoonni mana Waaqayyoo umurii fi bekumsaan kan bilchaatan, akkasumas amalaa fi hojii gaariidhaanis   uummata biratti kan amanaman tu’uu qabu ture. Bahu 4:3, 1sen 23:24Izr 3:8, 1xim 3:6-10

Gooftaanis waggaa soddommaffaa isaatti kan cuuphame barumsa wangeelaaf sirna sana raawwachuufidha.

2ffaaAddaam mucummaa Waaqayyoo waggaa soddomatti dhabe deebisuudhaaf.

Ilmi namaa inni duraa ‘’Addaam’’ ga’eessa waggaa soddomaa ta’ee uumamee ture,uumamee Guyyaa 40ffaa isaatti Gannatii (Jannata) galuun mucummaa argates sababa Seexanni Bofarra bulee isa dogongorseen mucummaa isaa dhabeera. Gooftaan keenya waggaa soddomatti cuuphamuun mucummaa dhabee ture debisuufii isaa agarsiisa.

Maaliif Laga Yoordaanositti Cuuphamee?

  1. 1.Raajii dubbatame raawwachuuf

Qulqulluu Daawwit Goftaan laga yoordaanositti yeroo cuuphamu waan ta’u baroota kuma dura raajiidhaan dubbateera’’Galaanni argitee baqatte, yoordaanosis gara duubatti deebi’ee, yaa galaanaa maal taatee baqattee? Yoordaanos akkamitti kan deebite? maaltaateetu ?’’ jedhamee

Faru 113:3-5 irratti rajjii dubbatamee kana rawachuuf

  1. 2.Fakkeenyicha gonka dhugoomsuuf

Yoordaanos laga tokko yommuu ta’u gadi siqee Yoorii fi Daanositti addaan ba’eera. Yoorii gama Isra’eel kan jiru yammuu ta’uu ,Daanos ammoo gama warra halagaa kan jirudha. Gadiiqanii lamaan isaniituu waltti dabalamaniiru. Bakka isaan walitti dabalaman kanattidha kan Gooftaan cuuphame. Gadiiqee addaan bahuun isaa Isiraa’el Ooriitiidhaan ,ormoonni  Waaqa tolfamaadhaan ykn Isiraa’el dhaqna qabaa raawwachuudhaan, ormoonni dhaqna qabaa raawwachuu dhiisuudhaan adda bahaniiru. Ammas gadi siqee walitti dabalamuun isaa fakkenya Wangeela tokkotti amanuu isaaniiti.Gooftaan iddoo inni walitti dabalametti cuuphamuun isaa hunda keessan tokko taasisuufan dhufe yommuu jedhudha.Akkasumas akkuma bakki ka’umsaa Yoordanos tokko ta’e ilma namatiifis ka’umsi Addaamidha. Gooftaanis namoota lagaan,qomooni fi bifaan wal qoodan hunda tokko gochuuf waan dhufeef bakka lageen lamaan walitti dabalamanitti cuuphame. Sabni Isra’eel Yoordaanos ce’anii biyya Waaqayyo gooftaanisaaniif kennegalan.Uumaan amananii cuuphamuun Jannata(Gannatii) mootummaa Waaqayyoo ni galu.

  1. 3.Xalayaa gidiraa barbadeessuuf

Addaamii fi Hewaan erga Jannataa bahanii booda diyaabiloosxalayaa gidiraa barreessisee ture. ‘’Addaam tajaajilaa diyaabiloos,Hewaan tajaajiltuu diyaabiloos’’ jedhaatii maqaa keessan kan hojii keessan ibsu barreessaatii naaf kennaa jedheen. Isaanis waan inni balaa salphisuuf isaanitti fakkatee akkuma inni jedheen rawwatan. Innis xalayaa gidiraa sana tokko si’oolii keessa, tokko immoo Yoordaanos keessa kaa’ee waan tureef xalayaa gidiraa Yoordaanos keessa kaa’e Gooftaan yommuu cuuphaa isaa irra ejjatee waantureef yeroo cuuphame ,cuuphaa isaatiin nuuf balleesseera.Akkasumas isa si’oolii jirus guyyaa gaafa jimaataa yommuu qaama lubbuutiin si’oolii bu’e lubbuuwwan bilisa baasee balleesseera. Qo l2:13-15

Gooftaan maaliif gara Yohaanis deemee cuuphame?

Qulqulluu Yohaannis Gooftaan cuuphamuuf gara isaa yommuu dhufu ‘’ani garbichi kee, tajaajilaan kee harka Gooftaa kootiin cuuphamuun qaba malee akkamitti ati Gooftaan koo gara koo dhuftaa? ‘’ jedheen. Gooftaanis deebisee ‘’hojii qolqullummaa hunda raawwachuun ni barbachisa rajii raajotaa raawwachuun ni barbachisa’’ jedheen.yeroo kana qulqulluu Yohaannis Gooftaa keenya cuuphe.

Gooftaan Iyyasuus Kiristoosfakkeenya nuuf ta’uuf gara Yohaannis deemee cuuphame.

Gooftaan gara Yohaannis deeme malee ati ‘’gara koo kottuu nacuuphi’’ hin jenneen. Sababni isaas, Gooftaan Yohaannisiin gara koo kottuutii nacuuphi osoo jedheeraan ta’ee,Moototni, abbootiin qabeenyaa namoonni gurgurddoon har’a lubootaan gara masara mootummaakeenyaa koottaatii ijoollee keenya nuuf chuuphaa jedhu ture. Abbootiin qabeenyaas gara mana keenyaa kottaatii ijoollee keenya nuuf cuuphaa akka hin jenneefgara mana kiristaanaa dhufanii Lubootaan sirni cuuphaa raawwatamuufii akkaqabu ibsuufidha.Inni Gooftaa ta’ee osoo jiruu gadi of-qabee tajaajilaa isaa, Uumaa ta’ee osoo jiru, Uumama Isaa bira deemee nuuf fakkeenya ta’ee jira.

Haaluma kanaan Manni kiristaanaa keenya ijoolleen dhiiraa dhalatanii guyyaa afurtamatti,durbi dhalataniigaafa guyyaa saddeettamaa Afuura Qulqulluu irraa gadamessa Yoordaanos keessaa akka dhalataniif cuuphaa niraawwatti Lew.12:1-8.Haata’uu malee shakkitoonni yeroo adda addaaka’an ‘’ kan amane kan cuuphame ni fayya ,kan hinamanne garuu itti murtaa’a. ‘’ Mar 16:16 kan jedhu kana hiika dogoggoraa kennuufiidhaan calqabarratti,daa’imni osoo hin amanin cuuphamuu hin qaban jedhu. Kun Kitaaba Qulquluu wallaaluu irraa kan ka’edha malee namniKitaabaQulqulluu sirriitti hubate kitaabni akkas jedha ‘’Garaa(Gadameessa)haadha kee keessa osoo jirtuu sibeekeera. Osoo ati garaadhaa hin bahin si’eebbiseera.’’Eerm 1:5Afuurri Qulqulluun kan irra bulu qaama qulqulluu fi nama amantaa qabu irra akka ta’e shakkitoonni wallaalanii miti ni beeku, yoo ganuu fedhan malee. Akkasumas,yohaannis cuuphaan osoo garaa haadhasaa keessa jiruu Afuura Qulqulluudhaan guutame. Luq 1:15.Egaa AfuuraQulqulluudhaan osoo hin amanin, osoo hin baratin maaliif irra bultee jedhanii himachuu danda’uu laata? Goftaan ‘’Daa’ima waamee gidduu isaanii dhaabee akka ijoollee ta’uu baannaan mootummaa Waaqayyoo hin galtaan.‘’ jedheera Mat 19:15,Mar10:13 Luq 18:15Waan kana ta’eef Manni kiristaanaa qulqulleettiin haaluma Gooftaa irraa baratteen sirna cuuphaa niraawwatti.

Akkuma armaan olitti ibsame seenaa kana irraa ka’uun manni Kiristaanaa Keenya isa Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Galiilaa irraa gara Yoordaanos dhufee harka Yoohaannisitti cuuphame bu’uura godhachuun Luboonni taabota Waaqayyoo baatanii gara galaana(Lagaa) deemuun maqaa Waaqayyoo waamuun galateeffachaa, faarfachaa sirna ho’aadhaan ayyaana cuuphaa nikabajji.

Eebbi ayyaanichaa nurra haa bulu. Ameen!

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2016-01-25 12:49:032018-10-26 09:21:14“Hojii Qulqullummaa Hunda Raawwachuun Ni Barbaachisa!” Maat 3:5
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Duurbeen Uumaa ishee Deesse Link to: Duurbeen Uumaa ishee Deesse Duurbeen Uumaa ishee Deesse Link to: Dubbii qulqullootaa Kutaa-1ffaa Link to: Dubbii qulqullootaa Kutaa-1ffaa Dubbii qulqullootaa Kutaa-1ffaa
Scroll to top