Beeksisa

Guyyaan “IMALA JIREENYAA” Omkololeessa 23 irraa ga Muddee 12tti jijjiiramuu isaa kabaja guddaan isiniif ibsina.

Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii

Kutaa lammaffaa

  • Ol-aantummaan fi Ulfinni Mana Kiristaanaa keenyaa yeroodhaa yerootti eeggamee akka jiraatu babal’iinsi lallaba Wangeelaa murteessaadha waan ta’eef, hojiilee Hoggansa lallaba Wangeelaa fi ergama Duuka Bu’ummaatiin raawwatamaa jiran cimsuun gama bobbaatii lallaba Wangeelaatiinis ta’e bu’aawwan maxxansaatiin bifa gaaffii dhaloota kanaa deebisuu danda’uu fi bifa fedhii afaan dhalootaatiin tajaajiluu danda’uu miilkeessuun Qulqulluu Sinoodoosiin xiyyeeffannaan itti kennamee akka qindaa’u gaafachaa duulli lallaba Wangeelaa akka cimuuf gumaacha maallaqaa dhibbeentaa tokkoo (1%) Qulqulluu Sinoodoosiin kan mueteeffame lallaba Wangeelaa cimsuuf fi babal’isuuf qisaasummaa tokko malee hojii irra akka oolu taasisuuf waadaa galla.
  • Dargaggeeyyii manneen barnoota Sambataa Mana Kiristaanaa ishee boruu dhaaluu warren danda’an fi bareedina ishee kan har’aa kan ta’an kununsuun, barsiisuun fi weerara diinaa irraa baraaruun barnoota isa hin dabne fi qulqulluu kan ta’e  sana manneen barnoota Sambataa Manneen Kiristaanaa hunda keessatti argaman barsiisuuf, cimsuuf fi bakeewwan manneen barnoota Sambataa hin hundeeffamneetti hundeessuuf waadaa galla. Kana waliiniis deeggarsi maallaqaa fi ogummaa hojii misoomaa manneen lubummaa aanaa kutaalee lallabaa adda addaa keessatti argamani  fi Manneen Kiristaanaaf gama Waldaa Qulqullootaatiin taasimaa jiru gabaasaawwan dhihaatan irraa hubachuun danda’aameera. Gargaarsa Waldichi Mana Kiristaanaaf taasisu fuul-duraaf daran cimsee akka itti fufu yaa’iin kun ni yaadachiisa.
  • Hoggansi bulchiinsa lubootaa kabaja yaadannoo guyyaa muudamuu Qulqulluu Paatriyaarkichaa irraa eegalee ayyaanootni waggaa haala ho’aa fi seera qabeessa ta’een akka kabajaman godhuun isaa Mana Kiristaanaa keenyaaf  karaalee kabajni (siimboon) ishee ittin ibsamu waan ta’eef, fuul-duraafis jajjabeeffamee kana caalaa cimee akka itti fufu ni yaadachiisna.
  • Mana Kiristaanaa keenyatti dambii too’annaa, kununsaa fi eegumsa hambaalee fi qabeenyaa jiraachuun isaa hambaaleen haalaan akka eeggaman fi galiin turizimii akka dagaagu akkasumas, muuziyeemichis wiirtuu qo’annaa fi qorannaa akka ta’u godhuuf hojjetemuun isaa akkuma eeggametti ta’ee, baroota dheeraa lakkoofsisuu isheerraa fi idila addunyawaa ta’uu isheerraa kaanee yoo ilaalle, gama turizimiitiin osoo sirritti hojjetame, dirri kun gama galii biyyattii guddisuutiin fi Mana Kiristaanaa keenyaaf gumaacha guddaa argamsiisuu danda’uu isaatirraa kaanee yeroo ilaallu, Manni Kiristaanaa keenya gama hambaalee fi turizimiitiin hojii guddaa hojjechuutu irraa eeggama. Kanaafuu, kutaan eegumsa fi kununsa hambaalee, manneen kitaabaa fi muziyeemii Mana Kiristaanaa keenyaa haala barbaachisaa ta’een; bajataan illee haa ta’u, gama humna namaa gahuumsa qabuun illee haa ta’u dagaagee hojii Manni Kiristaanaa keenya miilkaawaa ittiin ta’u akka raawwatu yaadachiisaa sadarkaa kutaalee lallabaatiinis dirra kanaan hojii foyya’aa hojjechuuf waadaa galla.
  • Too’annaan maallaqaa fi qabeenyaa cimee argamuun isaa guddina diinagdee biyyattiif illee ta’e Mana Kiristaanaaf murteessaa waan ta’eef waajjirri mana lubummaa ol’aanaa hoggansa too’annaa isaa ogeeyyii gahaan qindeessee, kutaaleen lallabaas waan nurraa eeggamu hunda raawwachuun adeemsa hojii herregaa fi too’annaa amansiisaa ta’e lafa qabsiisuuf gahee nurraa eeggamu hamma humni keenya danda’u galmaan gahuuf waadaa galla.

Lubbuu Amantootaa farreen Mana Kiristaanaatiin ajjeefaman Gannata keessa nuuf haa galchu.

Miseensotni Yaa’ii ol’aanaas hundumtuu Kaateederaalii Manbara Tsabaa’oot Qulqulleettii Sillaaseetti ni argamu.

Hordoftoota Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo farreen Mana Kiristaanaan ajjeefamaniif Kadhannaan hiikiinsaa (ጠሎተ ፍትሐት) Manneen Kiristaana hundumatti Guyyaa boruu (16/2/2012) akka taasifamu Qulqulluun Sinoodoosi murtee dabarsee jira.

Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii

maddi suuraa: EOTC Broadcasting Service Agency/

Kutaa 1ffaa

Akkuma seenaan raga bahutti, baroota barnootni ammayyaa hin babal’annetti ministeera barnootaa ta’uudhaan dargaggeeyyi ogummaa fooniin fi ogummaa Afuuraatiin gabbisaa guddisuudhaan Mana Kiristaanaaf fi biyyattiif madda hoggantootaa kan taate; yeroo diinni biyya weeraru fi Amantaa faalleessu dhufettis Taabota baattee duuluudhaan uummata ishee jajjabeessuudhaan daangaa biyyaa kan eegsiste. Bara ministeerri Nageenyaa hin caaseeffamneetti; akka ministeera Nageenyaa taatee nageenya biyyattii kan eegsiste fi tola ooltuu kan taate Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa gidiraan ishee irraa mancaafamee, kabajni fi ulfinni ishee eeggame dhaloota dhufuuf akka darbu Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii kanatti Qulqulluu Sinoodoosiif gumaacha ajandaa marii kan ta’u yaada murtee fi ibsa ejjennoo abbaa qabxiilee 27 qopheessine akka kanaa gadiitti dhiheessina.

  1. Haasawa baniinsaa, eebba Abbaa, ergaa Abbaa fi qajeelfama hojii; Abbaa Maatiyaas dursaa Paatriyaarkii Duree Phaaphaasota Itiyoophiyaa Phaaphaasii Akusim Muudamaa (ዕጨጌ) teessoo Takla Haaymaanoot yaa’ii kanaaf dhiheessaniin hojiirra akka oolu humna qabnuun hojjechuuf waadaa galla.
  2. Sagalee Labsii (ቃለ ዓዋዲ) Manni Kiristaanaa keenya bulchiinsa ishee ittin hoggantu murtee Qulqulluu Siinoodoosiin haala tibba kanaa waliin deemuu danda’un foyya’us; ammas hanqinaalee baay’ee qaba waan ta’eef Sagalee Labsii (ቃለ ዓዋዲ) irraa eegalee dambiiwwan, seerotaa, qajeelfamoota fi seerota ittiin bulmaataa hojjeetootni ittiin Manni Kiristaanaa ittiin hogganamtu mara ogeeyyiidhaan qu’annaa fi qorannaan barbaachisu godhamaa bifa bulchiinsa gaariif mijataa ta’een fi hojiilee Mana Kiristaanaa lafa qabsiisuu danda’uun irra deebiin akka nuuf fooyya’u gaafanna.
  3. Godaansa barsiisota yaa’ii barumsa Mana Kiristaanaa (የአብነት መምህራን ፍልሰት) yeroodhaa yerootti dabalaa dhufe kana dhaabsisuuf fi mirga isaanii kabajuuf gargaarsi hanga ammaa godhamaa jiru kan jajjabeeffamu ta’us, rakkinni barsiisotaa fi bartootaa guddaa ta’uu isaatirraa kan ka’e rakkoo isaanii haala itti fufiinsa qabuun hiikuuf murtee Qulqulluu Sinoodoosiin gargaarsi karaa Mana Lubummaa ol’aanaatiin godhamu akkuma jirutti ta’ee gama Kutaa Lallabaatiin illee hamma danda’aamuun too’annaa fi hordoffiin barbaachisu godhuuf waadaa galla.
  4. Bulchiinsaan wal-qabatee hojii karaa waajjira ol’aanaa hoggansa bulchiinsaa teessoo paatriyaarkiitiin fi Kutaalee Lallabaatiin hojjetame fi gabaasaan ibsame waan nama jajjabeessu ta’uun isaa akkuma eeggameetti ta’ee qajeeltoowwan bulchiinsa gaarii lafa qabsiisaniin bulchiinbsa yeroo ammaa waliin deemuu danda’u; murtee qajeelaa fi haqa qabeessaan deegrame akka jiraatu daran hojjechuuf waadaa galla.

Ergaa Qulqulluu Paatriyaarkii

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen.

  • Eebbifamoo Abbaa Yaareed itti gaafatamaa Mana Lubummaa Ol’aanaa fi phaaphaasii kutaa lallabaa Arsii
  • Eebbifamoo abbaa Yooseef barreessaa Qulqulluu Sinoodoos fi phaaphaasii kutaa lallabaa Goojjaam Bahaa
  • Eebbifamoota miseensota Qulqulluu Sinoodoos kan taatan phaaphaasonni
  • Kabajamtoota itti gaafatamtoota hoggansoota fi jaarmiyaalee waajjira ol’aanaa teessoo paatriyaarkii
  • Itti gaafatamtoota fi bakka buutota kutaalee lallabaa
  • Itti gaafatamtoota Kawaalota fi Manneen Kiristaana Finfinnee
  • Hirmaattotni yaa’ii kanaa kutaalee addunyaa adda addaa irraa dhuftan
  • Walumaa galatti kabajamtootni yaa’ii walii gala fi idila addunyaa kanarratti hirmaachuuf kabajaan argamtan

Waqoyyo Gooftaan Kennaa arjummaa Isaa hin shallagamneen hojii ergama Duuka Bu’ummaa keenya isa darbe eebbisaa fi Qulqulleessee yaa’ii walii gala bara haaraa kanaan waan nugeesseef galanni Isaaf haa ta’u.

<<አድኅነነ እግዚኦ አምላክነ፤

ወአስተጋብአነ እምአሕዛብ፤

ከመ ንግነይ ለስምከ ቅዱስ፤

ወከመ ንትመካሕ በስብሐቲከ፤

Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya nufayyisi. Maqaa Kee Qulqulluu akka galateessinuuf; galata Kees abdii akka godhannu uummata biyya ormaa keessaa walitti nuqabi.>> (Faar. 105:47)

Mootii fi Raajaa saba Israa’eel kan ture Qulqulluu Daawiit jecha Faaruu kanaa olitti caqasame Waaqayyoof yeroo dhiheessu, galmi isaa inni guddaan Waaqayyo galateessuu akka ta’e ni hubanna. Jechicha keessa akkuma ibsametti, kadhannaan mootichaa uummata isaa uummata biyya ormaa keessaa akka walitti sassaabu fi Fayyisu Gooftaa Isaa Waaqayyoon kadhata.

Sababa kadhannaa kana dhiheesseef yeroo ibsu, uummanni tokkummaan Waaqayyo akka galateessu fi galata dhiheessan sanaaniis abdii akka horatan barbaaduurraa kan ka’e akka ta’e ibseera.

Haalli isaas uummataaf miira quuqamaa hammanaa qabaachuun hogganaa uummataa tokkorraa akka eeggamu yaadni ijoon isaa ni mul’isa.

Duraan dursee garuu, galata galchuufis Waaqeeffachuuf nageenyi uummataa akka barbaachisu; nageenya qafa osoo hin ta’in gar-tokkotti walitti qabamuun waan dursi itti kennamu akka ta’e Waaqayyoof akka garaa Isaa kan ta’e Qulqulluun Daawiit osoos hin ibsin hin dabarre. Dhugaa dha, bakka nageenyi uummataa hin eeggamnetti, qalbii tokkoon walitti qabamee jaalalaan fi tokkummaan yoo hin argamin; sirni galateeffannaas ta’e Waaqeeffachuun haalaan adeemsifamuu hin danda’u. Qulqulluun Daawiit barbaachisummaan waan kanaa Afuura Qulqulluudhaan waan galeefi dha “Uummata biyya ormaa keessaa nusassaabi/walitti nuqabi; nufayyisis. Sanaan boodaas maqaa Kee ni galateessina. Maqaa Keetiinis abdii horanna” jechaa kan Kadhate.

Qulqulluu Daawiit uummata Israa’eel inni bulchu fi hogganuu sanaaf Kadhachuu qofa osoo hin ta’in, isaaniif beenyaa ta’ee hanga du’aatti wareegama ta’uuf “ምንተ ገብሩ እሉ አባግዕ ዘአነ ኖላዊሆሙ ዳዕሙ ለትረድ እዴከ ላዕሌየ ወላዕለ ቤተ አቡየ፡፡ Tiksee isaanii kanan ta’e hoolonni kun maal godhan? Harki Kee anarra fi mana abbaa koorra haa taatu malee.” jechuudhaan mootii Waaqa Isaa kan Kadhate akka ta’es Kitaabni Qulqulluu dhugaa nuuf baha.

  • Eebbifamoota miseensota Qulqulluu Sinoodoos kan taatan phaaphaasonni
  • Kabajamtoota irmaattota yaa’ii kanaa

Quuqamni fi ga’uumsi Qulqulluu Daawiit hamma warwwgamummaatti isa geessu kun dhala namaa hundumaaf; keessattuu hoggantoota Mana Kiristaanaaf gar-malee barbaachisa. Uummanni Qulqulluu Daawiitiin hogganaman kanaaf walitti qabamuun fi Fayyuun akkuma isaaniif barbaachise; har’as uummata walitti qabamuu, tokko ta’uu fi Fayyuu qabu baay’ee qabna. Uummanni nuyi hogganaa jirru kun maqaa Isaatiin akka amananiif fi maqaa Isaa akka galateessaniif Fayyina isaaniif hundi keenya Waaqayyootti ol Kadhachuufi qabna. Tokkummaan akka walitti qabamaniif illee barsiisuu, gorsuu, walitti araarsuu fi akka wal-ta’an gochuu qabna.

Manni Kiristaanaa Qulqulleettiin nageenya uummata bala’aaf Kadhachuu, barsiisuu fi gorsuun ergama ol’aanaa Waaqayyoo irraa fudhatte ta’uu isaa irraa kan ka’e dalaga ishee adda durummaan dalgdu ta’us; keessattuu tibba amma keessa jirru kanatti daran kadhannaan, barsiisuun fi gorsuun yeroo itti jabaachuu qabdu akka ta’e ni hubanna. Biyyi keenya har’a abdii fi sodaa giddutti itti argamtu fi caasaan giddu gala Mana Kiristaanaa keenyaas yeroo qormaanni gareewwan adda addaadhaan itti raafamaa jirtu dha. Tibba rakkisaa kanatti Manni Kiristaana keenya tooftaa fi ogummaa obsaan deeggarame fayyadamtee ijoollee ishee gara tokkotti walitti qabdee hojii hundaa’ol ta’e gootee fudhachuun isheerraa eeggama.

Eebbifamoota phaaohaasota, kabajamtoota hirmaattota yaa’ii kanaa; Mana Kiristaana keenyaaf Kennaa namoota walitti bu’an wal-araarsuu, barsiisuu, gorsuu fi walitti qabuu kan raawwattu isa tokko ofitti qabuun kaan immoo ofirraa qabuun, isa tokko deeggaruun isa kaan immoo busheessuun osoo hin ta’in, hundumtuu ijoollee ishee waan ta’aniif wal-qixxummaan, tokkummaan, jaalalaan fi bilisa ta’uudhaan ta’uu akka qabu dagatamuu hin qabu.

Manni Kiristaanaa keenya Qulqulleettiin wantoota siyaasawaa irraa bilisa taatee hojii ishee akka itti fuuftu gochuun gahee hunduma keenyaa, jechuunis; hoggantoota Mana Kiristaanaa, tajaajiltootaa fi qacaramtootaati. Ta’us, sagalee Waaqayyoo bu’uura godhattee waa’ee nageenya fi wal-qixxummaa dhala namaa akkasumas nagaa fi tokkummaa bal’inaan barsiisuu akka qabdu irraanfachuu hin qabnu. Miirri walii galtee dhabiinsi biyya keenya keessattui mul’achaa jiru kun sababoota lamaan akka ta’e ni mul’ata. Kunis, gama tokkoon sodaa wal-qoqqoodiinsaa kan ittisu yeroo ta’u, gama biraatin immoo soda dhabiinsa walqixxummaa ittisuu ta hubatama. Sodaa kochoowwan lamaanii yaadachuun maaliif barbaachise jechuu baannuus; akka waan sodaa qoricha hin qabnetti hammana wal-shakkuun fi walirraa fagaachuun waan barbaachisu ta’ee hin mul’atu.

Sababni isaas, qorichi furaan sodaa kanaa namni hundumtuu akkuma irratti amanu; wal-qixxummaa tokkummaa waliin; tokkummaas wal-qixxummaa waliin wal-simsiisuun qabachuu akka ta’e kan wal-mormisiisu waan hin taaneefi. Lammiileen Itiyoophiyaas kana dagachuu hin qaban. Uummannis kana irratti bal’inaan yaaduutu irraa eeggama

  • Eebbifamoota miseensota Qulqulluu Sinoodoos kan taatan phaaphaasonni
  • Kabajamtootni hirmaattonni yaa’ichaa

Kaayyoon Yaa’ii Lallabaa  luboota, amantoota fi dargaggoota caasaa seeraa tokkoon gurmeessee amantaa barsiisuu, babal’isuu fi eegsisuu akkasumas qabeenya fi karra Mana Kiristaanaa bulchiinsa giddu galaa Qulqulluu Sinoodoosiin seera fi qajeelfamaan too’achaa dhimma Mana Kiristaanaaf oolchuu dha. kanaan ala eessayyuu yoomiyyuu haa ta’u; caasaa Mana Kiristaanaa eegee karri fi qabeenyi maqaa isheetiin walitti qabamu hundi hojimaata beekkamtii fi eegumsa ishee jala oolee hojiirra hin oolle hidda isaa dheereeffachaa yoo deeme, tokkummaan Mana Kiristaanaa qormaata keessa bu’uun isaa waanuma hin oolle dha.

Miirri saamicha qabeenya Mana Kiristaanaa yeroo ammaa kanatti Mana Kiristaanaa keenya keessatti babal’achaa jiru inni tokko isa kaan dhalaa deemee har’a mana lubummaa keenya dhaabna hamma jedhamutti gaheera.

Sababni gaaffiin kun ka’uu danda’eef, Dhugumaan Manni Kiristaanaan Itiyoophiyaa keessatti bakka isheen waajjira Mana Lubummaa itti hin dhaabne jiraateetii? Ijoolleen ishee Kiristaanoonni afaan dhalootaa isaaniin akka hin baranne dhoowwatteetii? Dhoowwachuu dhiisnee, kitaabicha hiiktee fi maxxansitee raabsuu dhiisteettii? Kun hundi gonkumaa dhara.

Haa ta’u malee, haqni kanaan duuba jiru garuu adda. Ilaalcha faayinaansii giddu galaa Mana Kiristaanaarraa ala gareewwan maqaa Mana Kiristaanaatiin human horatan jiraachuun isaanii waan beekkamuuf; nuyis haaluma wal-fakkaatuun mana lubummaa adda ta’e hundeessinee qabeenya haa horannu dha gaaffiin isaa. Yaaliin kun diinagdee Mana Kiristaanaa kan laamsheessu fi tokkumma ishees rakkoo keessa buusuuf kan yaalu waan ta’eef, garri hundumtuu ‘keenya’ waan jedhu dhiisee hawwii qajeelaa ‘Mana Kiristaanaa keenyaaf’ yaad-rimee jedhu haa qabaatu. Hundumtuu casaa giddu galaa Mana Kiristaanaa tokkittii jala hammatamuun gaaffii isaanii karaa heera fi seera qabeessa ta’een dhiheessuu ni danda’u. Gaaffiin ilaalcha gaarii irraa madde, Mana Kiristaanaa kan fayyadu, heera fi seera kan eege fi caasaa isaa kan eeggate amantootni keenya qabaannaan abbootni Mana Kiristaanaa sababa isaan hin keessummeessineef hin qaban.

Kanaan ala garuu, wal-taajjabsiisuun alatti yeroo dheeraa fudhachuu danda’a malee galmaan hin gahu. Qulqulluu Sinoodoosis akkuma Waaqayyo Mooticha Daawiit irra bulee dubbate uummaticha walitti qabuufi malee jechoota nama burjaajeessaniin uummata isaa gareen qooduudhaan akka ijaaruuf hin uumamne waan ta’eef, dogongorri seenaa fi amantaa akka uumamne of-eeguutu nurraa eegama. Ergamni fi kaayyoon yaa’ii lallabaas miilkaa’uu kan danda’u, qabeenyi fi maallaqni maqaa Mana Kiristaanaatiin sassaabamu kamiyyuu hojimaata Manni Kiristaanaa mirkaneessiteen fi beekkamtii itti kenniteen akkasumas bifa hojimaata Afuuraawaa fi hawaasummaa; amantaawaa fi haala seera fi heera isaa eegeen; diinagdee fi  bulchiinsaadhaan malee, qabeenya Mana Kiristaanaa saamuuf hawwuu irraa kan ka’e gareewwan yeroo fi bakka adda addaatti hundeeffamaniin lallaba ‘isiniif beekna’ jedhuun miti. Kanaafuu, yaa’iin ijoon kun yaada kana xiyyeeffannaa guddaadhaan akka ilaaluuf ergaa abbaa dabarsina.

Dhumarrattis;

Yaa’iin walii-galaa fi ijoon kun tokkummaa Mana Kiristaanaa keenya kan eegsisu, bulchiinsa guddugalaa qabeenya fi maallaqaa ishee kan eegsisu dha waan ta’eef, yaa’ii ijoo fi ol’aanaa nageenyi fi misoomni biyya keenyaa, walqixxummaa fi tokkummaan uummata keenyaa akkasumas, tokkummaa fi qabeenya fi maallaqa isheetiin fayyadamuu Mana Kiristaanaa keenyaa ittiin ragga’uu kan danda’u akkuma ta’e, gochoota kana gad-fageenyaan ilaaluun fi seera eegsisuun bara bajataa kanatti cimee akka hojjetamu yaadachiisaa, ergaa Abbaa ni dabarsina. Yaa’iin Afuuraa walii galaa kan lallabaa idila addunyaa kunis banamuu isaa ibsuu barbaanna. Yaa’ii gaarii, Qulquluu fi eebbifamaa nuuf haa ta’u.

Waaqayyo Itiyoophiyaa fi uummata ishee haa eebbisu.

Waaqayyoof galatni haa ta’u.

Amen.

Abbaa Maatiyaas dursaa Paatriyaarkii

Duree Phaaphaasota Itiyoophiyaa

Phaaphaasii Akusim Muudamaa (ዕጨጌ) teessoo Takla Haaymaanoot

Bara Araaraa (B.A.) Onkololeessa 5/2012

Finfinnee, Itiyoophiyaa

Maddi:- EOTC Broadcasting Service Agency/

Oduu wayitaawaa: Teessoo Paatriyaarkiittii Walgahiin idilaawaa kan yaa’ii lallaba waliigalaa har’a baname.

Sirna baniinsa isaa irrattis Eebbifamoo Qulqulluu Abbaa Marqoorewoos Paatriyaarkii duree phaaphaasota Itiyoophiyaa, Eebbifamoo Qulqulluu Abbaa Maatiyaas Paatriyaarkii duree phaaphaasota Itiyoophiyaa, phaaphaasii Akusim fi muudamaa teessoo Takla Haymaanoot, eebbifamoo Abbootiin phaaphaasonni fi itti gaafatamtootni kutaalee lallabaa fi bakka buutootni yaa’iiwwan lallabaa bakka argamanitti banameera.

Walgahicharrattis gabaasni kutaalee lallabaa, Dhaabbilee fikutaalee hoggansaa waajjiraalee ol’aanaa ni dhihaata jedhamee eegama.

maddi: EOTC Broadcasting Service Agency

…Godaantuu baalleen joobira guddichaa lama badhaafamte… (Mul’ata Yohannis 12: 14)

Dn. Gabrasillaasee Shittaahun

Durii kaasnee Akaakoo/Akaakayyuu/ koo wajjiin qilxuu mana keenya fuuduratti argamu jala taa’uu jaalanna. Har’as teenyeerra.

“Maal taate immoo har’a? Yeroo malee dhuftee nacinaa teese?” naan jedhani. Maqumaaf qofa dullooman jenna malee sagaleen isaanii kanuma dargaggeessaati. Jechoonni afaan isaaniitii bahan miira tasgabbaa’een waan deeggaramaniif dhagahamanii hin quufamani.

Anis deebiseen “Waa rakkannaan……” jedhee odoo isaan hin xummurin “Rakkoo akkamii? Qe’een nagaa dha mitii?”

“Qe’een Naguma. Har’a waltajjii Araaraa irratti (ዐውደ ምሕረት) …Godaantuu koochoo joobira guddichaa lama badhaafamte… jedhanii oggaa barsiisan dhagaheen naaf galuu didnaanan isin irraa barachuu dhufe.” Jechuun yommuu ani deebisuuf. “Tolchiteetta ilmako, waan lubbuu kee fayyadu barachaa turuun kee bareeda dha. Kitaaba Qulqulluu ni dubbistaa?” “Eeyyen.” “Hiika galuumsa isaa hoo ni beektaa?”  “Hiikni galumsaa immoo maali?” 

“Mee al-tokkon kutaa Kitaaba Qulqulluu tokkon siif dubbisa Dhaggeeffadhu. “Aafuurri Qulqulluun yommuus Filiphosiin, “Hoboloo (ሰረገላ) kanatti dhi’aadhuutii, isa duukaa deemi!” jedhe. Filiphosis hoboloo sanatti fiigee, utuu namichi macaafa raajicha Isaayaas dubbisuu dhaga’ee, “Waan dubbisaa jirtu kana in hubattaa?” jedhee isa gaafate. Namichis, “Osoo namni anaaf hin hiikiin, attamittan hubachuu danda’a?” jedhee deebisee; akka Filiphos hoboloo irra bahee isa cinaa taa’uufis isa kadhate….  (H.D.B 8:29-31)” kan jedhu dha. Maal irraa hubatte?” Jedhanii yommuu isaan na gaafatan, anis “Dubbisuu qofa osoo hin ta’in ibsaa fi hiika gahaa argachuun barbaachisaa akka ta’en hubadhe.” Jedheen deebiseef.

“Egaa gaaffin kees kan deebi’uu qabu dubbisuu qofaan osoo hin ta’in, hiika galuumsaatiin ille deeggarameeti. Caqasa isaa yaadattaa?”

“Eeyyen, Mul. Yooh. 12:14 dha.”

“Lakkofsa 14ffaarraa miti egaa lakkofsa jalqabaarraa kaasi naaf dubbisi. Yeroo sana siif gala.”

“Wanti guddaan dinqisiisaan tokko, samii irratti argame; dubartiin biiftuu uffattee, ji’a miilla isheeti kaa’attee, gonfoo urjoota kudha lamaa mataa ishee irraa qabdu tokko ni mul’atte.” (Mul’ata Yoohaannis 12: 1) jedhee gara bo’oo itti aanutti darbuuf goomara cirannaan (kokkee koo axaa’annaan) 

“Afachu, inni ati amma dubbistes hiika galuumsaa mataa isaa danda’e qaba. …Wanti guddaan dinqisiisaan tokko, samii irratti argame; dubartiin biiftuu uffattee, ji’a miilla isheeti kaa’attee, gonfoo urjoota kudha lamaa mataa ishee irraa qabdu tokko ni mul’atte… kan jedhuuf aduutti kan moggaafame Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Aduu uffatte jedhamuun isaas kabaja Gooftaan guutamtee jechuudha. ‘…gonfoo urjoota kudha lamaa mataa isheerra qabdu… jechuun ‘gonfoo urjoota kudha lamaan akka faaya ilillaa fi warqeetti faayeeffame kan gonfatte jechuusaati. Amma itti fufuu dandeessa.” 

” Isheen ulfa turte; ciniinsuu da’umsaatiinis dhiphattee iyyite.” (Mul’ata Yoohaannis 12: 2)

“Amma immoo Kakuu duraa keessaa caqasa tokko fidnee haa ilaallu. …Yaa mucaa Tsiyoon, akkuma dubartii ciniinsifattee deessu dahi; amma magaalaa ni baataa. Lafa onaa keessas ni jiraatta. Hanga Baabiiloonittis ni geessa; achittis si fayyisa. Achittis Waaqayyo diinota keerraa si baraara…. (Raajii Miikiyaas 4:10) jedha. …Mucaa Tsiyoon… kan jedhamte Giiftii keenya Dubroo Maariyaami dha. Isheenis yeroo Ilma ishee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoosiin da’uuf geessetti tibbi lakkoofsa uummataa kan bara Awgisxoos mootichaa geenyan sanynii Daawiit kan ta’e eegduu ishee kan ta’e Qulqulluu Yooseef wajjiin lakkaa’amuuf gara magaala uummata ishee hin beeknetti (lafa onaa kan jedhames kana.) deemuu fi achitti Ilma ishee Angafaa da’uuf gahuu ishee agarsiisa. …achittis si fayyisa… jechuun isaa, dhukkubbi yeroo da’umsaa dubartootatti dhaga’amurraa bilisa akka taate yeroo ibsu dha (Luuq. 2:1-7), …achittis Waaqayyo diinota keerraa si baraara… jechuun isaa immoo, Heeroodsi daa’imicha (Gooftaa keenya) ajjeesuuf yeroo ka’etti Ergamaan Waaqayyoo abjuun itti mul’atee akka inni Daa’imicha haadha Isaa wajjiin qabatee gara biyya Misir (Gibtsi)tti godaanu gochuun ishees Finna ishees akka baraare nuhubachiisa (Maat. 2:12-13).” jechaa oggaa dubbatan “Tooooo…le” jechaan jira, ija isaanii keessa ilallaalaa too. “Amma bo’oo isa itti aanu dubbisi.” jedhani. 

Anis ittuman fufe. “Wanti dinqisiisaan biraa tokkos samii irratti argame; inni immoo bineensa akka jawwee guddaa, diimaa, mataa torba, gaanfa kudhan mataa isaa torban irratti wanta akka gonfoo torba qabu ture.” (Mul. Yooh. 12: 3) kan jedhu dubbisee dhuma sararichaarra geenyaan dhaaphe. 

“Sirritti dhaggeeffadhu. …bineensa akka jawwee guddaa…. kan jedhame diyaabiloosi (seexana) dha. …mataa torba, gaanfa kudhan… kan jedhame immoo mataawwan jahan irratti ganfa tokko tokkoo; isa torbaffaa irratti immoo afur biqilee argamu arge Yoohaannis. Akkanattillee ni hiikama, mataawwan jahan gaanfa dhabeessa oggaa ta’an isa torbaffaarra garuu gaanfa kudhan biqilee jiru arge. Mataawwan caqasaman irrattis waan akka caaccuu (ተቀጽላ) qaba. …diimaa… jedhamee ibsamuun isaa uummamni isaa abiddarraa waan ta’eefi dha” jechuun erga naaf goolabani booda. “Itti fufi” naan jennaan anis ittan fufe.  

“Eegeen isaan urjoota samiirra jiran harka sadii keessaa harka tokko haxaa’ee lafatti gadi darbate. Bineensi akka jawwee sunis yeroo dubartittiin deessu mucaa ishee liqimsuudhaaf jedhee, ishee da’uuf jettu sana dura dhaabate.” (Mul’ata Yohannis 12: 4)

“Akka gaarii dubbiste.” Jedhanii erga na jajjabeessaanii booda gara hiika isaatti dabran. 

“…Eegeen isaan urjoota samiirra jiran harka sadii keessaa harka tokko haxaa’ee lafatti gadi darbate…. jedhamee kan ibsame, seexanni humna rifachiisaa ta’e fi waan raajii fakkaatu agarsiisuudhaan addunyaa kana burjaajeessuuf kan carraaquu ta’uu isaa ibsa. 

Akkanattillee ni hiikama; …urjiiwwan samiirra jiran… kan jedhaman, namoota jireenya Afuurawaatiin sadarkaa guddaarra gahan jechuu yommuu ta’u, seexanni isaan kanallee ni gufachiisa jechuu dha. Wageelli isa kanaf “Masiihonni fi raajonni sobaa ka’anii, yoo danda’ame warra Waaqayyoof fo’aman iyyuu wallaalchisuudhaaf, mallattoo fi dinqii adda addaa ni argisiisu.” jechaa nugorsa. (Maat. 24:24, Maarqos 13: 22) …jawween sunis yeroo dubrtittiin deessu Mucaa ishee liqimsuuf ishee dura dhaabate… jechuun isaa seexanni laphee Heeroodsirra, Qayyaafaarra, dureewwa luboota Ayhuudotaarra, guurtota qaraxaarra bulee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoos ajjeesuu fi himachuuf onnee hammeenyaan fuuldura Isaatti dhaabateera waan ta’eef Kitaabni haala kanaan nuu ibsa.”

“Bo’oo 5ffaa itti fufi.”

“Tole, …Isheenis Ilma addunyaa hundumaa siiqqee sibiilaatiin tiksuuf jedhu deesse; Ilmi ishee garuu gara Waaqayyootti, gara teessoo Isaattis ol ba’e.”  (Mul’ata Yohannis 12: 5) 

“…siiqqee sibiilaatiin tiksuuf jedhu… jechuudhaan kan ibsame akkuma Faarfannaa Daawiit 2:9 fi Mul. Yooh. 19:15 irratti ibsameen, addunyaa kana siiqqee sibilaan (aangoo gonkaan) uummata hundumaa kan eegu fi kan bulchu (duruu bulchaa kan ture) ni deesse jechuu dha.” 

“Dubartittiin immoo lafa onaatti in baqatte; achitti iddoo Waaqayyo akka isheen guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatamaaf, waan ittiin jiraattu argattuuf qopheesseef, qabdi turte.” (Mul’ata Yohannis 12: 6)

…Dubartittiin… kan jedhamte Dubroo Maariyaami dha. …lafa onaatti ni baqatte… jedhamuun ishee, Heeroods Daa’ma ishee ajjeesuuf kaanaan duraa baqattee gara biyya Misir (Gibtsi)tti godaanuu ishee ibsuuf yommuu ta’u, achittis guyyoota 1260f (waggaa sadii fi walakkaa) dabarsite. Turtiin guyyootaa 1260 jedhamee ibsame, Giiftiin keenya biyya Gibtsiitti hammam akka turte qofa miti. Heeroodsi erga Gooftaa keenya fi Giiftii keenya biyyaa baqachiise booda baay’ee hin turre. Kun immoo, namoonni namoota biroo bakka teessoo fi dhaabbii dhabsiisan umriin isaanii gabaabduu akka taate nubarsiisa.”

“Akkanattillee ni hiikama;

…biiftuu uffattee… kan jedhame, biiftuun kan fakkeeffaman barsiisonni Afuurawoo Kitaabilee Kakuu Duraa fi Kakuu Haaraa barsiisaa mul’achuu isaanii

Akkanattillee ni hiikama;

…dubartittiin… fakkeenya amantootaati. Hojii gaarii Kakuu Duraa fi Kakuu Haaraa keessa jiran dhaqna godhataniiru. Isaan kabaja Duuka Bu’oonni argatan argataniiru. 

Akkanattillee ni hiikama;

…ulfaa… jedhamuun isaa, Barsiisonni Afuurawoo amantoota Waaqayyoo bilchina sammuu Afuurawaatiin ni ulfaa’an jechuu dha. 

…ni deesse… kan jedhame immoo, amantootni amantaa fi hojii gaarii gonfataniiru jehuufi.

…gar-malee ciniinsiffatti (dhiphatte)… kan jedhu immoo, Barsiisotni amantoota Waaqayyoo barsiisanii hojii Afuurawaa hojjechiisuuf gidiraa addaa keessa dabarsuu isaanii ibsuuf yeroo ta’u; amantootnis barnoota barataniin qalbii isaanii gara gaariitti akka hin jijjiirranne seexanni gufuuwwan adda addaan isaan qoruu isaa agarsiisa. Isaan (amantootni) garuu, humna isaan karaa cuuphaatiin argataniin isa mo’atu.

Akkanattillee ni hiikama;

…eegee isaatiin urjiilee … lafatti gad-darbate… inni jedhummoo amantoota Afuurawoo ta’an gufachiisuudhaan dalagdoota hojii foonii isaan taasisuuf doorsisuu isaa ibsa. Isaan (amantootni) garuu, humna isaan karaa cuuphaatiin argataniin isa mo’atu.

Akkanattillee ni hiikama;

…dhaabate… jedhamuun isaas, Barsiisonni amantoota bilchina jireenya Afuurawaatiin dahuu isaanii gaafa argu onnee raajoota dharaa fi kanneen akka Heroodsi jiranirra bulee qormmata itti baay’isuu fi Gooftaa dhalate ajjeesisuuf tooftaa hammeenyaa Haadha keenya Heewaaniin ittiin digongorse qabatee hafe.” jedhanii dhiheessii barnootaa isaan qaban sanaan roobsanii. “Amma yeroon Sirna Qulqulleessaas gaheera; isa bo’oo torbaffaa hamma kudha lamaa jiru waa’ee kufiitii saaxinaa’eel haasa’a waan ta’eef, yeroo biraa itti deebina. Amma garuu garuma dhuma gaaffii keetti ceena. Bo’oo kudha sadaffaa naaf dubbista.” Jedhani. Akkuma “…bo’oo kudha sadaf…” jecha jedhuyyuu dubbatanii odoo hin xummurin an Kitaabicha bane bo’oo kudha sadaffaarra qaata gahe.

“Bineensi akka jawwee sun gara lafaatti akka gad darbatame yeroo beeketti, dubartittii ishee ilma deesse sana ari’achuutti ka’e.” (Mul. Yooh. 12:13) jedhee akkumaa xummureen deebicha jalqabani Akaakoon. “Bineensi akka jawwee sun lafatti gad darbatamuu (mo’amuu) isaa baree, Dubroo Ilma deesse san, Ishee fayyina dhala namaaf sababa taate san, Ishee dhugumaan Haadha Jiraattotaa taate san ari’uutti ka’e.  Akkanattillee ni hiikama; Raajoota dharaarra bulee Barsiisota karaa Afuurawaan amantoota dahan ni ari’e. Akkanattillee ni hiikama; Anmantoota hojii Afuurawaa dhaqna godhatani ni ari’e (qormaata itti ta’e). Itti fufuu dandeessa.”

“Dubartittiin garuu boficha duraa gara lafa onaa, iddoo itti bara sadii fi walakkaadhaaf waan ittiin jiraattu argattu sanatti akka balaliituuf baalleen joobira guddichaa lama in kennamaniif.”

…baalleen joobira guddichaa lama in kennamaniif… kun jechuun, Namoota kanneen akka Abrihaam jiraniif hojii gaarii  Hojii Afuurawaa fi ni kennameefi.  Akkanattillee ni hiikama; Giiftii keenyaaf bultoo Afuura Qulqulluu ta’uu isheetiin Qolqullina Foonii fi Qullina Afuuraawaan kan guutamte ta’uushii nu hubachiisa.  Akkanattillee ni hiikama; Barsiisnonni fi amantoonni gara lafa onaatti akkuma baqatan Giiftiin keenyas gara lafa onaatti godaante. Baallee itti kenname sanaan fayyadamtee bineensicha jalaa baqachuu akka dandeessuufi.

…Bineensichis (bofichis) bishaan lola’ee akka dubartittii haree adeemuuf, dugda ishee duubaan bishaan akkuma isa laga yaa’utti afaan isaa keessaa duukaa gad naqe… kan jedhame, raajoota dharaa irra bulee hidhattoota itti bobbaasuun, onneen Ti’immaar fi Kotiibaa hammeenyaan akaka’u gochuun fi qootee bultootnis akka garaa itti jabaatan gochuun lolaa hammeenyaa lafarra dhangalaasuusaa fi Lafti garuu, dubartittii gargaarte; afaan bantee laga isa bineensichi akka jawwee sun afaan isaa keessaa yaase gadi dhugde… lafti akkuma Daattaani fi Abeeroonin afaan ishii bantee liqimsite, galaana jibbaa, galaana diinummaa fi galaana hammeenyaa ishii duuba dhangalaa’e sana lafti afaan ishii bantee liqimsuun kaayyoo isaa jalaa fashaleessiteetti. S.Lak. 26:10.

…Yommus bineensichi akka jawwee sun dubartittii sanatti aaree, sanyii ishee warra kaanitti lola kaasuu dhaqe… Ishii baallee joobiraa lama qabdu mo’achuu dadhabnaan gara warroota miiltoowwan Ishee ta’anitti fulla’uun wal-jaalala dhabsiisuu, Waaqayyoon sodaachuurraa gufachiisuu, gara waaqeeffannaa waaqa tolfamaatti daandii isaanii dabsuu eegale.” “…baalleen joobira…” haala kanaan hiikama malee kallattiin baallee allaattii jechuu miti.” jechuun aara baafatan; bullukkoo isaanii ol-dachaafadhaa too.

Anis barumsa nabarsiisan kanarraa Seexanni yoomiyyuu dhala namaa dogongorsaa Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhaalle gufachiisaa jiraachuu isaa barree amantaa keenyaatti cimnaan wantootni lubbuu hin qabnellee nugargaaruu akka danda’an Waaqayyoof jecha biyyaa ari’amuu, dhandhama addunyaa kanaa tuffachuu fi Mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf jecha du’a sukaneessaa dandamachuun bu’a qabeessa akka ta’e qalbeeffachaa lafaa ka’ee jilba akaakoo dhuungadhee gara Sirna Qulqulleessatti qajeele

Waaqayyoof Galatni haa ta’u. Durbee Isa deesseefi Fannoo Isaa Qulqulluufis galatni haa ta’u.

Haati Waaqa Keenyaa katabbii (barreeffama) Qulqulluu Yaa’iqoob kan biyya Siruugitiin

H.K.H. Roodaas Taaddasa (Dr.)

  • Yaa hunda danda’aa; uummamtoota hundumaa kan baatte osoo taatu jilbi dhala namaa sibaate. Namni iccitii kana dubbatu kamiyyuu ni raata’a, ni hollatas, ni rifata. Akka finnaa (daa’imaa) hammannaa Durbee Maariyaamiin hammatamteetta. Jechoota waa’ee kee ibsaniif afaan dhala namaa itti hanqata.
  • Durbeen xiqqoon (umriin) tokko hunduma nyaachisaa fi burqa jireenya bara baraa kan taate si’iif aannan ergifannaa sihoosiste. Harka kee Isa lafaa fi samii uume sanaan harma Deessuu Kee qabattee hoote. Gurmuuwwan sibaatani; hoboloon Kiruubeel garuu eebbisa fi galata oggaa dhiheessu ulfina Keerraa kan ka’e sodaachuun ni hollata. Wanti kan Kee ta’e hundi dubbiidhaa oli. Barsiifannis aadaanis uummamnis Isaan hin qixxaatu. Kanaafuu, eenyu sibeekuu danda’a?
  1. Aduun dhugaa mooraa loonii keessa jira; Abiddichis huccuun marameera. Harmee Durbee fuudhaa fi heeruma malee haftu; waan ajaa’ibaa Abidda aannan hoodhu fi Durbee Maariyaam daa’ima uummamuu lafaa fi samiin dura jiru yeroo baattu. Ooyiruu (fichaa) osoo itti hin facaafamiin gumaa boqqolloo fi bishii; akkasumas Durbee xiqqoo sanyii dhiiraan ala kan deessu yeroo taatu.
  • Daa’imni xiqqoon takko hammannaa harka ishiitiin yeroo Isa baattu Inni garuu Isuma tokkicha sana dha. Ergamoonni Gabri’eel Qulqullichaatiin ogganaman mataa isaanni lafatti qabanii fuul-dura Isaatti tajaajilu. Warriitni mana Yooseef garuu, gurmuu isaaniitiin Isa baatu. Suraafeel afaan isaaniitiin fuul-dura Isaatti galata dhangalaasuuf. Dhalli namaa garuu, Isa baatu; Isaaf ni faarfatu.
  • Samiin gar-malee itti xiqqaata. Osoo irra bula Isa hin danda’u; hammannaan Durbee Maariyaam garuu, keessa isaatti deddeebi’uuf itti hin dhiphatu, bal’aa dha Isaaf ni gaha. Harmee Isaa garaa haadha ishii keessa ossoo jirtu kan ishii uume Daa’imuma kana. Garuu, Inni ishee uume foon isheerraa foon lubbuu isheerraayis lubbuu gonfachuun dhalateera. Isumatu aannan dhaqna Durbee keessa ni qopheesse; harmas dhaqna ishee Qulqulleettii keessatti uumee raawwatee deebi’ee immoo harmuma uume sanarraa aannan Durbummaa ni hoodhe.

Yaa Giiftii Yaa’iqoob kan biyya Siruug nueebbisi.