Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

…Godaantuu baalleen joobira guddichaa lama badhaafamte… (Mul’ata Yohannis 12: 14)

in Faarfannaa Fi Hog Barruu

Dn. Gabrasillaasee Shittaahun

Durii kaasnee Akaakoo/Akaakayyuu/ koo wajjiin qilxuu mana keenya fuuduratti argamu jala taa’uu jaalanna. Har’as teenyeerra.

“Maal taate immoo har’a? Yeroo malee dhuftee nacinaa teese?” naan jedhani. Maqumaaf qofa dullooman jenna malee sagaleen isaanii kanuma dargaggeessaati. Jechoonni afaan isaaniitii bahan miira tasgabbaa’een waan deeggaramaniif dhagahamanii hin quufamani.

Anis deebiseen “Waa rakkannaan……” jedhee odoo isaan hin xummurin “Rakkoo akkamii? Qe’een nagaa dha mitii?”

“Qe’een Naguma. Har’a waltajjii Araaraa irratti (ዐውደ ምሕረት) …Godaantuu koochoo joobira guddichaa lama badhaafamte… jedhanii oggaa barsiisan dhagaheen naaf galuu didnaanan isin irraa barachuu dhufe.” Jechuun yommuu ani deebisuuf. “Tolchiteetta ilmako, waan lubbuu kee fayyadu barachaa turuun kee bareeda dha. Kitaaba Qulqulluu ni dubbistaa?” “Eeyyen.” “Hiika galuumsa isaa hoo ni beektaa?”  “Hiikni galumsaa immoo maali?” 

“Mee al-tokkon kutaa Kitaaba Qulqulluu tokkon siif dubbisa Dhaggeeffadhu. “Aafuurri Qulqulluun yommuus Filiphosiin, “Hoboloo (ሰረገላ) kanatti dhi’aadhuutii, isa duukaa deemi!” jedhe. Filiphosis hoboloo sanatti fiigee, utuu namichi macaafa raajicha Isaayaas dubbisuu dhaga’ee, “Waan dubbisaa jirtu kana in hubattaa?” jedhee isa gaafate. Namichis, “Osoo namni anaaf hin hiikiin, attamittan hubachuu danda’a?” jedhee deebisee; akka Filiphos hoboloo irra bahee isa cinaa taa’uufis isa kadhate….  (H.D.B 8:29-31)” kan jedhu dha. Maal irraa hubatte?” Jedhanii yommuu isaan na gaafatan, anis “Dubbisuu qofa osoo hin ta’in ibsaa fi hiika gahaa argachuun barbaachisaa akka ta’en hubadhe.” Jedheen deebiseef.

“Egaa gaaffin kees kan deebi’uu qabu dubbisuu qofaan osoo hin ta’in, hiika galuumsaatiin ille deeggarameeti. Caqasa isaa yaadattaa?”

“Eeyyen, Mul. Yooh. 12:14 dha.”

“Lakkofsa 14ffaarraa miti egaa lakkofsa jalqabaarraa kaasi naaf dubbisi. Yeroo sana siif gala.”

“Wanti guddaan dinqisiisaan tokko, samii irratti argame; dubartiin biiftuu uffattee, ji’a miilla isheeti kaa’attee, gonfoo urjoota kudha lamaa mataa ishee irraa qabdu tokko ni mul’atte.” (Mul’ata Yoohaannis 12: 1) jedhee gara bo’oo itti aanutti darbuuf goomara cirannaan (kokkee koo axaa’annaan) 

“Afachu, inni ati amma dubbistes hiika galuumsaa mataa isaa danda’e qaba. …Wanti guddaan dinqisiisaan tokko, samii irratti argame; dubartiin biiftuu uffattee, ji’a miilla isheeti kaa’attee, gonfoo urjoota kudha lamaa mataa ishee irraa qabdu tokko ni mul’atte… kan jedhuuf aduutti kan moggaafame Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Aduu uffatte jedhamuun isaas kabaja Gooftaan guutamtee jechuudha. ‘…gonfoo urjoota kudha lamaa mataa isheerra qabdu… jechuun ‘gonfoo urjoota kudha lamaan akka faaya ilillaa fi warqeetti faayeeffame kan gonfatte jechuusaati. Amma itti fufuu dandeessa.” 

” Isheen ulfa turte; ciniinsuu da’umsaatiinis dhiphattee iyyite.” (Mul’ata Yoohaannis 12: 2)

“Amma immoo Kakuu duraa keessaa caqasa tokko fidnee haa ilaallu. …Yaa mucaa Tsiyoon, akkuma dubartii ciniinsifattee deessu dahi; amma magaalaa ni baataa. Lafa onaa keessas ni jiraatta. Hanga Baabiiloonittis ni geessa; achittis si fayyisa. Achittis Waaqayyo diinota keerraa si baraara…. (Raajii Miikiyaas 4:10) jedha. …Mucaa Tsiyoon… kan jedhamte Giiftii keenya Dubroo Maariyaami dha. Isheenis yeroo Ilma ishee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoosiin da’uuf geessetti tibbi lakkoofsa uummataa kan bara Awgisxoos mootichaa geenyan sanynii Daawiit kan ta’e eegduu ishee kan ta’e Qulqulluu Yooseef wajjiin lakkaa’amuuf gara magaala uummata ishee hin beeknetti (lafa onaa kan jedhames kana.) deemuu fi achitti Ilma ishee Angafaa da’uuf gahuu ishee agarsiisa. …achittis si fayyisa… jechuun isaa, dhukkubbi yeroo da’umsaa dubartootatti dhaga’amurraa bilisa akka taate yeroo ibsu dha (Luuq. 2:1-7), …achittis Waaqayyo diinota keerraa si baraara… jechuun isaa immoo, Heeroodsi daa’imicha (Gooftaa keenya) ajjeesuuf yeroo ka’etti Ergamaan Waaqayyoo abjuun itti mul’atee akka inni Daa’imicha haadha Isaa wajjiin qabatee gara biyya Misir (Gibtsi)tti godaanu gochuun ishees Finna ishees akka baraare nuhubachiisa (Maat. 2:12-13).” jechaa oggaa dubbatan “Tooooo…le” jechaan jira, ija isaanii keessa ilallaalaa too. “Amma bo’oo isa itti aanu dubbisi.” jedhani. 

Anis ittuman fufe. “Wanti dinqisiisaan biraa tokkos samii irratti argame; inni immoo bineensa akka jawwee guddaa, diimaa, mataa torba, gaanfa kudhan mataa isaa torban irratti wanta akka gonfoo torba qabu ture.” (Mul. Yooh. 12: 3) kan jedhu dubbisee dhuma sararichaarra geenyaan dhaaphe. 

“Sirritti dhaggeeffadhu. …bineensa akka jawwee guddaa…. kan jedhame diyaabiloosi (seexana) dha. …mataa torba, gaanfa kudhan… kan jedhame immoo mataawwan jahan irratti ganfa tokko tokkoo; isa torbaffaa irratti immoo afur biqilee argamu arge Yoohaannis. Akkanattillee ni hiikama, mataawwan jahan gaanfa dhabeessa oggaa ta’an isa torbaffaarra garuu gaanfa kudhan biqilee jiru arge. Mataawwan caqasaman irrattis waan akka caaccuu (ተቀጽላ) qaba. …diimaa… jedhamee ibsamuun isaa uummamni isaa abiddarraa waan ta’eefi dha” jechuun erga naaf goolabani booda. “Itti fufi” naan jennaan anis ittan fufe.  

“Eegeen isaan urjoota samiirra jiran harka sadii keessaa harka tokko haxaa’ee lafatti gadi darbate. Bineensi akka jawwee sunis yeroo dubartittiin deessu mucaa ishee liqimsuudhaaf jedhee, ishee da’uuf jettu sana dura dhaabate.” (Mul’ata Yohannis 12: 4)

“Akka gaarii dubbiste.” Jedhanii erga na jajjabeessaanii booda gara hiika isaatti dabran. 

“…Eegeen isaan urjoota samiirra jiran harka sadii keessaa harka tokko haxaa’ee lafatti gadi darbate…. jedhamee kan ibsame, seexanni humna rifachiisaa ta’e fi waan raajii fakkaatu agarsiisuudhaan addunyaa kana burjaajeessuuf kan carraaquu ta’uu isaa ibsa. 

Akkanattillee ni hiikama; …urjiiwwan samiirra jiran… kan jedhaman, namoota jireenya Afuurawaatiin sadarkaa guddaarra gahan jechuu yommuu ta’u, seexanni isaan kanallee ni gufachiisa jechuu dha. Wageelli isa kanaf “Masiihonni fi raajonni sobaa ka’anii, yoo danda’ame warra Waaqayyoof fo’aman iyyuu wallaalchisuudhaaf, mallattoo fi dinqii adda addaa ni argisiisu.” jechaa nugorsa. (Maat. 24:24, Maarqos 13: 22) …jawween sunis yeroo dubrtittiin deessu Mucaa ishee liqimsuuf ishee dura dhaabate… jechuun isaa seexanni laphee Heeroodsirra, Qayyaafaarra, dureewwa luboota Ayhuudotaarra, guurtota qaraxaarra bulee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoos ajjeesuu fi himachuuf onnee hammeenyaan fuuldura Isaatti dhaabateera waan ta’eef Kitaabni haala kanaan nuu ibsa.”

“Bo’oo 5ffaa itti fufi.”

“Tole, …Isheenis Ilma addunyaa hundumaa siiqqee sibiilaatiin tiksuuf jedhu deesse; Ilmi ishee garuu gara Waaqayyootti, gara teessoo Isaattis ol ba’e.”  (Mul’ata Yohannis 12: 5) 

“…siiqqee sibiilaatiin tiksuuf jedhu… jechuudhaan kan ibsame akkuma Faarfannaa Daawiit 2:9 fi Mul. Yooh. 19:15 irratti ibsameen, addunyaa kana siiqqee sibilaan (aangoo gonkaan) uummata hundumaa kan eegu fi kan bulchu (duruu bulchaa kan ture) ni deesse jechuu dha.” 

“Dubartittiin immoo lafa onaatti in baqatte; achitti iddoo Waaqayyo akka isheen guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatamaaf, waan ittiin jiraattu argattuuf qopheesseef, qabdi turte.” (Mul’ata Yohannis 12: 6)

…Dubartittiin… kan jedhamte Dubroo Maariyaami dha. …lafa onaatti ni baqatte… jedhamuun ishee, Heeroods Daa’ma ishee ajjeesuuf kaanaan duraa baqattee gara biyya Misir (Gibtsi)tti godaanuu ishee ibsuuf yommuu ta’u, achittis guyyoota 1260f (waggaa sadii fi walakkaa) dabarsite. Turtiin guyyootaa 1260 jedhamee ibsame, Giiftiin keenya biyya Gibtsiitti hammam akka turte qofa miti. Heeroodsi erga Gooftaa keenya fi Giiftii keenya biyyaa baqachiise booda baay’ee hin turre. Kun immoo, namoonni namoota biroo bakka teessoo fi dhaabbii dhabsiisan umriin isaanii gabaabduu akka taate nubarsiisa.”

“Akkanattillee ni hiikama;

…biiftuu uffattee… kan jedhame, biiftuun kan fakkeeffaman barsiisonni Afuurawoo Kitaabilee Kakuu Duraa fi Kakuu Haaraa barsiisaa mul’achuu isaanii

Akkanattillee ni hiikama;

…dubartittiin… fakkeenya amantootaati. Hojii gaarii Kakuu Duraa fi Kakuu Haaraa keessa jiran dhaqna godhataniiru. Isaan kabaja Duuka Bu’oonni argatan argataniiru. 

Akkanattillee ni hiikama;

…ulfaa… jedhamuun isaa, Barsiisonni Afuurawoo amantoota Waaqayyoo bilchina sammuu Afuurawaatiin ni ulfaa’an jechuu dha. 

…ni deesse… kan jedhame immoo, amantootni amantaa fi hojii gaarii gonfataniiru jehuufi.

…gar-malee ciniinsiffatti (dhiphatte)… kan jedhu immoo, Barsiisotni amantoota Waaqayyoo barsiisanii hojii Afuurawaa hojjechiisuuf gidiraa addaa keessa dabarsuu isaanii ibsuuf yeroo ta’u; amantootnis barnoota barataniin qalbii isaanii gara gaariitti akka hin jijjiirranne seexanni gufuuwwan adda addaan isaan qoruu isaa agarsiisa. Isaan (amantootni) garuu, humna isaan karaa cuuphaatiin argataniin isa mo’atu.

Akkanattillee ni hiikama;

…eegee isaatiin urjiilee … lafatti gad-darbate… inni jedhummoo amantoota Afuurawoo ta’an gufachiisuudhaan dalagdoota hojii foonii isaan taasisuuf doorsisuu isaa ibsa. Isaan (amantootni) garuu, humna isaan karaa cuuphaatiin argataniin isa mo’atu.

Akkanattillee ni hiikama;

…dhaabate… jedhamuun isaas, Barsiisonni amantoota bilchina jireenya Afuurawaatiin dahuu isaanii gaafa argu onnee raajoota dharaa fi kanneen akka Heroodsi jiranirra bulee qormmata itti baay’isuu fi Gooftaa dhalate ajjeesisuuf tooftaa hammeenyaa Haadha keenya Heewaaniin ittiin digongorse qabatee hafe.” jedhanii dhiheessii barnootaa isaan qaban sanaan roobsanii. “Amma yeroon Sirna Qulqulleessaas gaheera; isa bo’oo torbaffaa hamma kudha lamaa jiru waa’ee kufiitii saaxinaa’eel haasa’a waan ta’eef, yeroo biraa itti deebina. Amma garuu garuma dhuma gaaffii keetti ceena. Bo’oo kudha sadaffaa naaf dubbista.” Jedhani. Akkuma “…bo’oo kudha sadaf…” jecha jedhuyyuu dubbatanii odoo hin xummurin an Kitaabicha bane bo’oo kudha sadaffaarra qaata gahe.

“Bineensi akka jawwee sun gara lafaatti akka gad darbatame yeroo beeketti, dubartittii ishee ilma deesse sana ari’achuutti ka’e.” (Mul. Yooh. 12:13) jedhee akkumaa xummureen deebicha jalqabani Akaakoon. “Bineensi akka jawwee sun lafatti gad darbatamuu (mo’amuu) isaa baree, Dubroo Ilma deesse san, Ishee fayyina dhala namaaf sababa taate san, Ishee dhugumaan Haadha Jiraattotaa taate san ari’uutti ka’e.  Akkanattillee ni hiikama; Raajoota dharaarra bulee Barsiisota karaa Afuurawaan amantoota dahan ni ari’e. Akkanattillee ni hiikama; Anmantoota hojii Afuurawaa dhaqna godhatani ni ari’e (qormaata itti ta’e). Itti fufuu dandeessa.”

“Dubartittiin garuu boficha duraa gara lafa onaa, iddoo itti bara sadii fi walakkaadhaaf waan ittiin jiraattu argattu sanatti akka balaliituuf baalleen joobira guddichaa lama in kennamaniif.”

…baalleen joobira guddichaa lama in kennamaniif… kun jechuun, Namoota kanneen akka Abrihaam jiraniif hojii gaarii  Hojii Afuurawaa fi ni kennameefi.  Akkanattillee ni hiikama; Giiftii keenyaaf bultoo Afuura Qulqulluu ta’uu isheetiin Qolqullina Foonii fi Qullina Afuuraawaan kan guutamte ta’uushii nu hubachiisa.  Akkanattillee ni hiikama; Barsiisnonni fi amantoonni gara lafa onaatti akkuma baqatan Giiftiin keenyas gara lafa onaatti godaante. Baallee itti kenname sanaan fayyadamtee bineensicha jalaa baqachuu akka dandeessuufi.

…Bineensichis (bofichis) bishaan lola’ee akka dubartittii haree adeemuuf, dugda ishee duubaan bishaan akkuma isa laga yaa’utti afaan isaa keessaa duukaa gad naqe… kan jedhame, raajoota dharaa irra bulee hidhattoota itti bobbaasuun, onneen Ti’immaar fi Kotiibaa hammeenyaan akaka’u gochuun fi qootee bultootnis akka garaa itti jabaatan gochuun lolaa hammeenyaa lafarra dhangalaasuusaa fi Lafti garuu, dubartittii gargaarte; afaan bantee laga isa bineensichi akka jawwee sun afaan isaa keessaa yaase gadi dhugde… lafti akkuma Daattaani fi Abeeroonin afaan ishii bantee liqimsite, galaana jibbaa, galaana diinummaa fi galaana hammeenyaa ishii duuba dhangalaa’e sana lafti afaan ishii bantee liqimsuun kaayyoo isaa jalaa fashaleessiteetti. S.Lak. 26:10.

…Yommus bineensichi akka jawwee sun dubartittii sanatti aaree, sanyii ishee warra kaanitti lola kaasuu dhaqe… Ishii baallee joobiraa lama qabdu mo’achuu dadhabnaan gara warroota miiltoowwan Ishee ta’anitti fulla’uun wal-jaalala dhabsiisuu, Waaqayyoon sodaachuurraa gufachiisuu, gara waaqeeffannaa waaqa tolfamaatti daandii isaanii dabsuu eegale.” “…baalleen joobira…” haala kanaan hiikama malee kallattiin baallee allaattii jechuu miti.” jechuun aara baafatan; bullukkoo isaanii ol-dachaafadhaa too.

Anis barumsa nabarsiisan kanarraa Seexanni yoomiyyuu dhala namaa dogongorsaa Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhaalle gufachiisaa jiraachuu isaa barree amantaa keenyaatti cimnaan wantootni lubbuu hin qabnellee nugargaaruu akka danda’an Waaqayyoof jecha biyyaa ari’amuu, dhandhama addunyaa kanaa tuffachuu fi Mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf jecha du’a sukaneessaa dandamachuun bu’a qabeessa akka ta’e qalbeeffachaa lafaa ka’ee jilba akaakoo dhuungadhee gara Sirna Qulqulleessatti qajeele

Waaqayyoof Galatni haa ta’u. Durbee Isa deesseefi Fannoo Isaa Qulqulluufis galatni haa ta’u.

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2019-10-07 13:47:232019-10-07 14:29:53…Godaantuu baalleen joobira guddichaa lama badhaafamte… (Mul’ata Yohannis 12: 14)
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Haati Waaqa Keenyaa katabbii (barreeffama) Qulqulluu Yaa’iqoob kan biyya Siruugitiin Link to: Haati Waaqa Keenyaa katabbii (barreeffama) Qulqulluu Yaa’iqoob kan biyya Siruugitiin Haati Waaqa Keenyaa katabbii (barreeffama) Qulqulluu Yaa’iqoob kan biyya ... Link to: Oduu wayitaawaa: Teessoo Paatriyaarkiittii Walgahiin idilaawaa kan yaa’ii lallaba waliigalaa har’a baname. Link to: Oduu wayitaawaa: Teessoo Paatriyaarkiittii Walgahiin idilaawaa kan yaa’ii lallaba waliigalaa har’a baname. Oduu wayitaawaa: Teessoo Paatriyaarkiittii Walgahiin idilaawaa kan yaa’ii...
Scroll to top