Tulluu Qulqullaa’aa (2phex.1:18)

Tulluu Qulqullaa’aa(2phex.1:18)

Dn Zalaalam Daggafaan kan hiikame

Jecha kana kan dubbate Qulqulluu Pheexiroosidha. ”Tulluu Qulqullaa’aa” jechuun kan dubbates Tulluu Taabor (ደብረ ታቦር) ture. Tulluun Taabor galaana Galiilaa irraa karaa Kibba-dhihaa km 10 fagaatee kan argamudha. Waa’ee tulluu kanaa wangeela irratti kan ibsame tulluu dheeraa jechuu (Maat.17:1) irraa kan hafe maqaa Taabor jedhee hin ibsine. “Taabor” jedhamuu isaa kan dubbatan duuka buutotni sinoodosii isaanii irrattidha.

Tulluun Taabor galaana irraa olka’insa meetira 572 kan qabu, bakka itti Gooftaan keenya “Namootni anaan eenyu nan jedhu?” jedhee yammuu duuka buutota gaafatu Qulqulluun Pheexiroos “Jiraataa Ilma Waaqayyoo ”jedhee deebiseefiidha (Maat.16:13-18). Dabalataanis waa’een waaqummaa Isaa namaan qofa dhugaa bahamuun gahaa waan hin taaneef Akkeenya Abbaa Isaatiin dhugaa bahuuf duuka buutota sadii Qulqulluu Yaa’iqob,Qulqulluu Yohaannisifi Qulqulluu Pheexiroos gara Tulluu kanaatti fudhachuun waaqummaa isaa ibseeraafi (Maat.17:1-8). Tulluu kana irratti erga du’ee bara baay’ee kan lakkoofsiseefi awwalli isaa Waaqayyoon ala namni kamuu kan hin beekne Musee akkasumas Eeliyaas ibiddaa saragallaan gara biyya jiraattotaatti (B/@r ?ÃêN) irraa waamee ifa Waaqummaa Isaatiin akka namootni yaadan Musees, Eeliyaasis akka hin taane hubachiisera. Inni uumaa Musee fi Eeliyaas malee akka isaanii uumamaa akka hintaanes namoota akkasitti yaadan hundaaf mirkaneesse. Egaa kana booda Tulluu Taabor irratti Akkeenyummaa Isaa,kabaja Isaa, walumaagalatti maalummaa Isaa kan ibse Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin kan arge Qulqulluun Pheexiroos tulluu kana irraa bu’uu hin barbaadne. Kanaaf “Yaa Gooftaa as jiraachuun nuuf gaariidha”jechuun hawwiisaa ibsate. Tulluun Taabor fakkeenya Mana Kiristaanaa keenyadha. Tulluun kun jireenya qulqulleettii Mana Kiristaanaa keenyaa baay’ee mul’ise agarsiisa. Qulqulluu Pheexiroos tulluu kana “Tulluu Qulqullaa’aa” jedhee kan waames kanaafidha

Qulqulluun Pheexiroos Tulluu Qulqullaa’aa kana irraa “as jiraachuun nuuf gaariidha” akkuma jedhe, nuufis Tulluu kanaan kan fakkeeffamte Qulqulleettii Mana Kiristaanaa keessa jiraachuun gaariidha. Mana Kiristaanaa keessa jiraachuun gaarii kan ta’u maaliifi?

 

1.Boqonnaa sammuu kan ittiin argannu waan ta’eef.

Nageenya keessaa keenya fi boqonnaa sammuu keenyaa dhugoomsachuuf mana Waaqayyoo keessa jiraachuun nuuf gaariidha. Nageenyafi boqonnaa isa dhugaa addunyaaf kan kenne Gooftaa keenyadha. Kanas “Addunyaa fannoo irratti kan boqochiiftu yaa Gooftaa kan akka kee icciitii nuuf ibsu eenyudha.”(QÄs@ XGz!X)jechuun dhugaa nuuf baha. Raajichi Isaayaasiis “deebi’uufi boqochuudhaan ni fayyitu” jedha (Isa 30:15). Kanaafuu Waaqayyo wajjin mana Isaa keessa jiraachuun boqonnaa nuuf kennuusaa ni hubanna. Sababni isaas yammuu gara keessa keenyaa ilaallu gaddaan fudhatamna,gara addunyaa yammuu ilaallu abdii ni kutanna; garuu gara Gooftaa keenya Isa nuuf fannifametti yoo deebine “Isin warri ba’aan isinitti ulfaate hundi gara koo kottaa, anis isin boqochiisa” nuun jedha. Waadaa kanaan boqonnaa dhugaa argachuuf mana Waaqayyoo keessa jiraachuun gaarii ta’uu ni hubanna.

  1. 2.Eebba waan argannuuf

Sirna (kitaaba) Qiddaasee keenyaa irratti “Waaqayyoo Gooftaan keenya hunda keenya eebba afuura Isaatiin kan nu kabaje gara qulqulleettii Mana Kiristaanaa galuu keenya yeroo hunda kan nu tajaajilan Qulqulloota Eergamootaa wajjin tokko nu haa taasisu” jechuun ibsa. Kutaan kadhannaa kuni kan nu agarsiisu Mana Waaqayyoo keessa jiraachuun eebba Waaqayyo irraa argachuuf akka nu dandeeassisu dha.

Mana Isaa keessa jiraachuun nuuf gaarii kan ta’u Waaqayyo tajaajiltoota Isaa irra bulee Ergamoota samii irraas tahe Qulqulloota Wareegamtoota addunyaa keessa jiran eebbiseen nuunis afuura eebba isaaniin nu eebbisa. Eebba kana kan argachuu dandeenyu yoo mana Waaqayyoo keessa jiraachuu filanne qofadha. Kabaja Waaqummaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos Tulluu Taabor irratti kan argan barattootni Isaa eebba bara-baraa kana waan argataniif Qulqulluun Pheexiroos bakka kana irraa fagaachuu hin barbaadne; bakki sun bakka eebbaa, bakka tokkummaa, bakka nageenyaafi jaalalaa akkasumas bakka fayyinaa waan taateef. Nuyis eebba duukaa buutonni argatan kana hamma mana Isaa jiraannetti ni arganna. Waadaan Gooftaa inni “kunoo, ani hamma dhuma baraatti yeroo hundumaa isinii wajjin nan jira” jedhus (Mat 28:20) eebbi duukaa buutotaaf kenname dhaloota Isatti amanan hundaaf kennamaa akka jiraatu ibsa

  1. 3.Sagalee Isaa dhaggeeffachuuf

Sagalee Waaqa Abbaa Tulluu Taabor irratti dhageenyeerraa: “kun ilma koo isa ani jaaladhufi itti gammadudha; Isa dhaga’aa” (Maat 17:5) nuun jedheeraati. Har’as Manni Kiristaanaa dhaloota hundaaf gaarii waan taateef, tulluu qulqulleettii boqota Waaqayyoos waan taateef sagalee kana yeroo hunda nu dhageessisti. Namni abdii kan kutu mana Waaqayyoo jiraachuun gaarii ta’uu isaa hubachuu dhabuuni. Tulluu Taabor irratti sagalee Waaqa Abbaa dhagahuun Qulqulluun Pheexiroos “as jiraachuun nuuf gaarii tahuu” kan ibses kanaafidha. Mana Isaa keessa jiraachuun kan nama jajjabeessufi sagalee abdii kan namaa kennu dha. Saamu’eel sagalee Waaqayyoo kan dhaga’e mana Isaa keessa jiraachuunidha. Kanaaf egaa nuufis har’a Tulluu Taaboritti kan fakkeefamte Mana Kiristaanaa keessa jiraachuun gaariidha.

Egaa waluumaa galatti Qulqulluun Pheexiroos ergaa isaa irratti “Tulluu Qullaa’aa” jedhee kan ibse qulqulleettii Mana Kiristaanaa ta’uu hubanneerra. Qulqulluun Daawitis Waaqayyo irraa kan barbaadefi kadhate inni guddaan mana Isaa keessa jiraachuu ture. Kabajaa fi faayidaa ishee kan hubatan hundi kan jiraatanifi kan walitti qabaman mana qulqulleettii Kiristaanaa keessattidha. Kabaja, olantummaa, maalummaafi faayidaa ishee otoo hin beekiin kan jibban,kan tuffatan,warri Mana Kiristaanaa guban dursanii ni badu; abidda bara baraanis ni gubatu. Gocha isaanii kana irraa akka of-qusatan Waaqayyo hubannoo isaaniif haa kennu. Gowwummaa isaaniiti malee Waaqayyo kan hojjete namni kamiyyuu hin balleessu. Waaqayyo kan qulqulleesses namni kamuu xureessuu hin danda’u.

Mana qulqullummaa keessa jiraannee, qulqullummaa ishee irraa hirmaannee mootummaa Waaqayyoo akka dhaalluuf fedhaafi jaalala gooftaa keenyaa nuuf haa ta’u; araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Maariyaamii nurra haa bulu. Ameen!!!

Madda :- weebsaayitii Waldaa Qulqullootaa, fuula Amaariffaa irraa, bara 2005

“Kan Amajjii duute Hagayya awwaalamte”

Kan Amajjii duute Hagayya awwaalamte

Dn Masgabuu kefiyaalehu

Akka sirna Mana Kiristaanaa keenyaatti Soomota akka soomaman ajajaman torban keessaa tokko sooma Filsataati. Soomni Filsataa Hagayya bultii tokko irraa kan eegalu yoo ta’u kan xumuramu ammo Hagayya bultii kudha jahadha. Sooma kana jalqaba kan soome duukabuutota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosidha. Sababni itti duukabuutonni Iyyasuus Kiristoos sooma kana soomaniifis boqochuu haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam wajjin kan wal qabatedha. Dubbiin isaas akkana dha:-

Qulqulleettii Dubroo Maariyaam waggoota 64 lafa kana irra erga jiraattee booda Amajjii guyyaa 21 fedha Waaqayyootiin qulqulleettiin lubbuun ishee qulqulluu foon ishee irraa adda baate.Yeroo kana duukabuutonni Gooftaa foon qulqulleettii dubroo Maariyam awwaaluudhaaf baatanii gara Geetesemaaniitti yeroo deeman Yihudoonni arganii “Kanaan dura Ilma ishee Iyyasuus Kiristoosiin fannoo irratti fannifnee ajjeefnee turre; garuu duukabuutonni Isaa ‘gaafa guyyaa sadaffaa du’aa ka’ee gaafa guyyaa afurtamaffaatti ol bahe, lammatas deebi’ee dhufa’ jechuudhaan akkaa lallaban uummata nu harkaa baasani, kunoo bakka awwaala Isaattis dinqiin adda addaa raawwachaa jira; dhukkubsattoonni biyyoo bakka awwaala Isaa jiru yeroo ofitti diban dhibee isaanii irraa fayyu; unuunis warreen Waaqa isaanii ajjeesanidha jedhanii nu arrabsaa jiru. Amma ammoo waa’ee haadha Isaa kana yoo callisnee dhiifne akka mucaa ishee kaatee ol baate jedhanii nu jeeqaa jiraatu. Kanaaf koottaa walitti qabamnee deemnee foon ishee ibiddaan gubna” jedhanii deemani.(ተአምረ ማርያም; ተስፋ ገ/ሥላሴ ማተሚያ ቤት 1987, fuula 290-302; መጽሐፈ ስንክሳር ነሐሴ 14)

 

Isaan keessaas namni Taawfaaniyaa jedhamu foon haadha keenyaa gubuuf deemee miila siree (sankoorii siree) foon haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam irra jiru harkaan yeroo qabatu ergamaan Waaqayyoo seefii ibiddaatiin harka isaa lamaan irraa kute. Harki isaas irraa citee sankoorii siree sana irratti rarra’ee hafe. Sana booda Taawfaaniyaan gaabbee gara qulqulleettii haadha keenya dubroo Maariyaamitti yeroo boohu harka isaa sana Qulqulluu Pheexroositti himtee fayyisiifteef.

Yeroo kanas Ergamaan Waaqayyoo qulqulluu Gabri’eel foon haadha keenyaa kana duuka bu’aa qulqulluu Yoohaannis wajjin ol fudhatee Gannata keessa muka jireenyaa jala kaa’e. Yeroo muraasa booda qulqulluu Yohaannis gara duukabuutotaa dhufee foon haadha keenyaa Gannata keessa kaahee akka dhufe itti hime. Duuka buutonnis foon haadha keenyaa argatanii osoo hin awwaaliin hafuu isaaniitti baay’ee gaddanii Hagayya bultii tokko Sooma eegalani. Subaa’ee lamaaf (guyyoota 14) soomaafi kadhannaadhaan gara Waaqayyootti boo’aa erga turanii booda Hagayya bultii kudha afur Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos foon qulqulleettii haadha keenya dubroo Maariyaam fidee kenneef. Duukabuutonnis weedduufi faarfannaadhaan deemanii bakka Geetesemaanii jedhamutti awwaalani.

Akkuma Mootichi Daawit dursee afuura qulqulluudhaan guutamee “Gara boqonnaa keetti ka’i” jechuun raajii dubatetti (Faar.131:9) haati keenyas awwaalamtee guyyaa sadaffaatti Hagayya bultii 16 akkuma Ilma ishee du’aa kaatee ol baate.

Daawit faarsaa isaatiin “ Uffata Warqee uffatteefi aguuggattee mootittiin mirgakee dhaabbatti” jedhee akkuma faarfate (Faar.44:9) qulqulleettiin dubroo Maariyaam ol baate mirga Ilma ishee teesse. Kanaaf qulqulluu Yaareed kitaaba isaa Digguwaa jedhamu irratti “ተለዓለት እም ምድር ወበህየ ነበረት ዘምስለ ወልዳ በየማነ አብ ወመንፈስ ቅዱስ” (“[durboon] lafaa gara Samiitti ol baate; samii irrattis Ilma ishee wajjin mirga Abbaafi Afuura Qulqulluu teesse”) jedhee ishii faarfate.

Nutis Sooma duukabuutonni dursanii sooman kana fakkeenya taasifannee Hagayya bultii tokko sooma eegalla. Dhiphuufi rakkina gola keenyaa; yaaddoo keenya mara haadha keenya dubroo Maariyaamitti himanna. Soomaafi kadhannaadhaanis gara Waaqa keenyaatti boonya. Innis akkuma dhiphuu duukabuutota Isaatiif deebii kenne rakkina keenya mara nuuf fura.

Kanaaf sooma keenyaan fayyina akka argannuuf laphee cabeen; qalbii jijjiirrannaadhaan soomuu qabna. Araarri haadha keenya dubroo Maariyaam hunda keenya wajjin haa ta’u-ameen!