Sooma Duuka Bu’ootaa

Sooma Duuka Bu’ootaa

Dn Takluu Haayiluun

Soomii jechuun dhisuu, of dhorkuu, lagachuu, fedha foonii fedha lubbuuf bichisiisuu jechuu dha. Soomiin bara Kaakuu Moofaa irraa kaasee hangaa ammaati kan jiru, gara fulduraattis kan itti fufu dha. Raajootni Waaqayyoti kan dhiyaatan (Kessa Deebii 34:28), badii cuubuu jalaa kan ittin ba’amuu (R.Yona 3:5-10), Diinni kan ittiin mo’aamu (Maat 4:21; 17:21), tajaajilaaf kan qophoofnu (Yoha 13:3;4:25), kabajaa kan argannu (Duuka 10:20) ….Soomani. Soomiin wanta eegneefi kadhanne qofaa kan ittin argannuu osoo hin ta’iin wanta nu barbaachisu maraa kan ittin argannu dha.

Bakka amantaan jiruti yeroo hedduu soomiin ni jira. Mannii amantaa Ortodoks Tewaahidoo Itiyoophiyaas sooma mataa ishee yeroofi waqtii garaagaraatti addaan qooddee ni qabdi (Zak 8:19). Soomiin Duuka bu’ootas gosa sooma labsii keessa isa tokko ta’ee soomota akka seera manaa qulqullumaatti yeroo maraa Wiixata eegalan sadeen (Soomii Gooftaa, Sooma Saba Nanawwee, fi Sooma Dukaa bu’otaa) keessaa isa tokko.

Soomiin kun lakkofsaan guyyaa murtaa’aa hin qabu. Haa ta’uu malee soomiin kun akka mana kiristaanaa Ortodoksii Itiyoophiyaatii waggaa waggaan ayyana guyyaa shantamaaffa /Pharaqiliixoos/ bulee akka soomamuufi yeroo hundaa Adolessaa 05 akka hiikamu /xumuramu/ seerri mana amantaa ibsa. (Fitihaa Nagastii Keyyataa 15 key. Xiqaa 569).

Soomiin kun Amantoota duraanii biratti sooma Loltoota jedhamuun beekama. Bara durii loltoonii dirree waraanaa deemuuf ykn si’a dirree waraanaa irraa deebi’an dogogora dalaganiif ni soomu ture. Duuka buutotni Gooftaas Lallaba wangeelaaf dirree waraanaa hamaa kan taate addunyaa kana irraa deddebi’uun barsisuun, seexana baasuun, namoota barsiisuun cuuphuun hordoftoota Kiristoos taasisuun isaaniin dura sababa soomaniif soomii loltootaa jedhama.

Soomiin Duuka bu’ootaa sooma kaan irra adda kan isa taasisu Gooftaan keenyaa Iyyasuus Kiristoos afaan Isaatiin raajii dubbachuufi isaatini. Kunis yeroo Gooftaan keenya biyya lafarra deddeebi’ee barsiisutti warreen Farisoota itti dhiyaachuun ‘’Duuka bu’ootni Yoohaannis maaliif heddu soomuu kadhannaas maalifiin taasisuu, Duuka buutotnii kee garuu kan hin soomnee maalif?‘’ jechuun yeroo gaafatanitti, Gooftaan akkas jedhee deebbiseef “Miinzootni osoo misirroon isaan waliin jiruu gadduun isaan barbaachisaa? Garuu yeroo misirroon isaan irraa adda ba’uu ni dhufaatii waqtii sana ni soomuuu”. Huccuu haarawaa irratii kan moofaa erbu hin jiru, erbaan isaa uffata tarsaasatti, tarsa’uun isaas kan caalu ta’a. Okkotee moofaatti daadhii waynii harawaa kan naqus hin jiru, osoo naqame garuu okkotee /gaanii/ san ni cabsa. Daadhiin Wayniin suniis ni dhangala’a. Okkoteen sunis ni bada. Garuu daadhii waynii harawaa okkotee harawwatti naqu, lamaanuu achiin wal eeguu. (Maat 9:14-17 Luqa. 5:33-39)

 

Barruu kana keesssatti Gooftaan keenya “yeroo misirroon isaan irraa addaan ba’u ni dhufaatii waqtii san ni soomuuu” kan jedhee kuni raajii waa’ee sooma kanaaf dubbatame dha. Akkasumas jechi kun sooma kanaaf beellama kenna. Kunis misirroon yeroo irra addan bahuu jechuun ibsamee. Kanaafuu, soomiin Dukka bu’ootaas Ol bahuu Gooftaan /ዓለዕርገት/ booda malee hin eegalu. Kunis mannii amantaa Ortodoksii gocha ishee kamiifuu hagam Kitaaba Qulqulluu irratti akka hundooftu mul’isa.

Soomiin kun ayyaana Ol-bahuu /ዕርገት/ irraa guyyaa kudhan /10/ booda eegalama. Kunis qaamni Dukaa bu’ootaa hangaa Afura Qulqulluun isaaniif bu’utti guutummaa guutuutti qophaa’aa ta’uu dhiisuu isaa nuuf mirkaneessa. Kanas Gooftaan keenya “erbaa moofaa ……” akkasumas “okkotee moofaa …..” jechuun ibseera.

Haaluma kanaan Duukaa buu’otni jajjabeessaa kan ta’e Afuura Qulqulluun erga haaromsamanii booda akka sooman ni arganna. Kutaa dubbii barumsaa Gooftaa waa’ee sooma Duukaa bu’ootaaf barreeffame keessatti dubbii ijoo sadii arganna. Mee isaanin gabaabumatti haa ilaalu.

          1.“Miinzootni osoo Misirroon isaa waliin jiru gadduun isaanirraa hin eegamu.” Miinzoota kan jedhaman kanneen akka Yohaannis Cuuphaa warreen “gaabbii galaa” jechuun daandii qulqulleessan, warreen wangeela barsiisanifi namoota daandii Kiristoositti fidani dha. Hojiin miinzotaa misirree dubra gara misirrootti fiduu waan ta’eef haaluma kanaan miinzoota jechuun Duuka buu’oota jechuu dha. Iyyesuus Kiristoos misirroo (dhiiraa) yoo ta’uu manni qulqullummaa (kiristaanootni) immoo misirree (dubra) fakkeefamu (2Qor 11:2, Yoh 3:29). Kanaafuu, miinzootni misirroo gammachisuuf jecha rakkoo kamiyyuu ciiniinnachuun dabarsu malee fuula misirrootti hin gaddani. Soomni barbachisaa ta’u iyyuu Gooftaan osoo isaan waliin jiruu akka soomuu hin qabne nu hubachiisa. Gaafa inni isaan irra adda bahe garuu (Jimaata gaafa warra Ayihuudotaan fannifamee irraa hanga Dilbata du’aa ka’umsa isaa arganitti fi erga inni gara saamiitti olbahee) booda akka soomuu qaban nu agarsiisa. Fakkeenya kana keessatti soomiin gaddaan fakkeessameera. Soomuun gammachuun isaa lubbuudhafi malee fooniif miti. Foon hanga sooma barutti soomni adabbii isaati. Kanaafuu soomaan lubbuu malee foon hin gammadu. Sababa kanaaf soomiin Kitaaba Qulqulluu keessatti bakka heddutti gadda, rakkoo, booyicha waliin walqabatee dhiyaata. (Iyuu’eel 2:12)

           2.“Huccuu harawaa irratti kan moofaa haguuguu /erbuu/ hin jiru, erbaan isaa uffata tarsaasaatti, tarsa’un isaas kan caalu ta’a.” Namni huccuu hodhu uffata harawaa irratti huccuu moofaa hin erbu. Kunis huccuu balleessuufi midhagina isaa dhabsiisuu ta’a. Inni harawaan sanis sababa isa moofaatti dafee gatama. Fakkenya kana keessatti ogessaa huccuu hodhuun kan fakkefame Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosi dha. Huccuu erbaan kan fakeffamee sooma Kakuu Haaraa Gooftaan hundeesse yoo ta’u, huccuu moofan kan fakkeefame jireenya Duuka bu’ootaati. Akkuma fakkenya kana irra hubannutti namootni uffata Gooftaati. አልባሲሁሰለክርስቶስመሃይምናንእሙንቱ (“Uffatni kiristoos amantoota) akkuma jedhu. Kiristaanotni huccuu Kiristoos yoo jennu kabaja Waaqayyo ni muldhisu jechuu keenya. Kunis uffatni kabaja namaa sababa muldhisuuf.

Gama biraan, Kiristoos namootaaf huccuu isaaniitti “Isin warreen Cuuphamtan Kiristoosin ufattaniitu” akkuma jedhu qulqullichi Phaawuloos (Gala.3:27). Kiristoos immoo uffata amantootatii yoo jennu fayyaa, midhagina, golgaa badii fi kabaja isaaniiti jechuu keenya.

Sooma kana keessatti erbaan fakkeefamuun isaa erbaan wanta wal dhabee fi wal irra fagaatte akkuma wal-qunnamsiisu, soomiinis fedha garaa garaa kan qaban fooniifi lubbuu tokko waan taasisuufi (walitti fiduufi) dha.

Huccuu haarawwaa irratti kan moofaa erbuun hin jiru, dacha’an/erbaan/ isaa uffata tarsaasaatti, tarsa’uun isaas kan caaluu ta’a jechuun Iyyesuus kiristoos qaamni duuka bu’oota cubbuun osoo dadhabee /mofa’ee/ jiruu osoo isaan hin jajjabeessiin/hin haroomsiin/ seera haarawaa tolchee ykn sooma sooma jedhee akka isaan hin ajajnee fi qaamni isaanii yeroo Afuura Qulqulluun haromsamu garuu akka soomuu qaban muldhisa. Kunis waaqayyo dandeetti keenya malee ba’aa akka nutti hin feene fi abbaa gaarii nu caalaa nuuf yaadu ta’uu isaa agarsiisa. Innis yeroo sana Duuka bu’ooni waan gochuu hin dandeenye taasisa jedhees isaan hin ajajne, yoom akka ajaju ni beekaati. Isiraa’elootaaf osoo garbummaan jiraanii ajaja kurnan kan hin kennineef kanaafi. Garbummaan osoo jiranii waan barbaadan dalaguun waan hin danda’amneef. Waaqayyos dhala namaa hanga humna isaa malee humnaan isatti olitti ba’aa itti hin fe’u. Nuyis akkuma isa irraa baranneen gochuu kan qabnu haaluma kana dha.

    3.‘’Okkotee moofaatti waynii harawaa kan naqu hin jiru, osoo naqamee garuu okkotee /gaaniin/ sun ni caba. Daadhiin Waynii sunis ni dhangala’a. Okkoteen sanis ni bada. Garuu daadhii waynii harawaa okkotee harawwatti naquu, lamaanuu achiin wal eegu.’’ Okkotee moofaan kan fakkeefame jireenya Duuka bu’ootni osoo Afuura Qulqulluu hin argatiin turan, daadhii waynii haarawwan immoo sooma Gooftaan wangeelan bu’uuresseen fakkeefama. Daadhii waynii haarawaa kan naqnu okkotee haarawaatti akkuma ta’e sooma Kakuu Haarawwaa ishee jalqabaa Duuka bu’ootni soomuu kan qaban erga Afuura Qulqulluu fudhatanii ta’uu isaa hubanna. Cimina afuuraan (lubbuun) foon keenya ceephaana: “jilbi koo soomaan dadhabe, qaamni koos dhadhaa dhabee huuqqate” Far 108:24, akkuma jedhe qulqulichii Daawitti.

Egaa namootni heddun sooma bu’uura Kitaaba Qulqulluu akkanattii qabu kana ‘’kun kan warreen lubootaati, kan warren jaarsotaati, Dur hin turre kan dhiyoo dhufe’’ jechuun dogoggoranii namoota biroos ni dogoggorsu. Soomuu dhiisuuf sababa barbaaduu irra sababa barbaadanii soomuutu gatii guddaa qaba. “Hiyyeessi hiyyummaan isaa iyyuu sooma, Itiyoophiyaa keessa jiraachuun ofumaafu soomii dha” akkaa jedhan Waaqayyo irratti baacuun adabbii cimaa fida. “Kun soomii lubootaafi jaarsoolii ti” yoo jennu immoo sooma barsiisuun lubootafi jaarsoolii qofaaf akka ta’e; akkasumas fayyinni kan barbaachisu, cubbuu kan dalagu isaan qofa jechuu keenya.

Duuka buu’otni akkuma ajajamaniin addunyaa kana deemanii barsiisuu isaanin dura jalqaba sooma soomani. Duuka bu’ootni hin soomne jechuun fakkenyii armaan oliitti Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos dubbatte soba jechuu dha. Galannii Waaqayyoof haa ta’uuti jechi Waaqayyoos rawwateera duuka bu’ootniis isaas soomaniiru.

Walumaagalatti, ergaa guddaan sooma kanaa Duuka butootni Gooftaa irraa kennaa Afuura Qulqulluu akkuma fudhataniin jireenya isaanii soomaanfi tajaajiilaan Waaqa isaaniif kennaniiru; tajaajilaaf ba’uun dursas jireenya isaanii soomaan eegalaniiru. Kanaafuu nuti kiristaanonnis tajaajila Afuuraa hundaa dursa jireenya keenya maraa Waaqayyoof kennu akka qabnu nu barsiisa. Nutis soomii kana soomnee cubbuu irra kan hafe wantii yaadnufi hojjetnu maraa akka nu raawwatamu sugni Duuka buu’otaa, gargaarsi Ergamootaa, araarsummaan hadha keenya dubroo Maariyaam, kadhannaan Qulqullootaa, arjummaan Waaqayyoo nu waliin haa ta’u.

Madda:

v  Waangelaa Maatiwoos dubbisaa fi hiikaa isaa

v  Website waldaa qulquulotaa Amaariffaa

v  Fitihaa Negestii    

AYYAANA PHARAAQLIIXOOS

AYYAANA PHARAAQLIIXOOS

Dn katamaa Taganuun

Ayyaanoota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos isaan gurguddoo salgan keessaa ayyaanni Pharaaqliixoos isa tokkodha.Ayyaanni Pharaaqliixoos du’aa ka’umsa isaan booda gaafa guyyaa shantamaffaa ni kabajama. Akkuma beekamu yeroon ayyaanni du’aa ka’umsi Gooftaa kan dhumatu guyyaa kanatti. Pharaaqliixoos Qaama sadan keessaa isa tokko kan ta’e itti waamama maqaa Afuura Qulqulluuti. Hiikaan isaas kan nama jabeessu, nama birakan dhaabbatu ,kan gargaaru ,jechuudha.

Warrootni Ayihuud wagga waggaan ayyaanoota kabajan keessa inni tokko Ayyaana Asheetaa (በዓለሰዊት)ture. Biyyoota hunda keessatti kan bittina’aniifi biyya keessas kan jirani warrootni Ayihuud ayyaana faasikaa ayyaanefachuudhaaf erga sassaabamaniin booda guyyoottan shantamaaf godoo ijaarrachuudhaan hoolaa qalatanii magaala Iyyaruusaaleem keessatti ayyana faasikaa nikabaju turani. Guyyaa shantamaffaatti xumura ayyaana isaanii raawwatanii gara biyya dhufanitti deeb’iu. Guyyaan kun warroottan Ayihuud biratti qooqa Giriikiin” Phanxe Qosxe “/Guyyaa shantamaffaa jedhame waamama.

Akkuma Warrootni Ayihuud guyyaa shantamaffaa biyya garaa garaa irraa dhufanii kabajani, Duukaa bu’oottoonni Gooftaas du’a barbadeessee erga du’aa ka’en booda gaafa guyyaa afurtamaa gara samiitti ol ba’uuf yennaa qophaa’etti dursee barattoota isaatiif “samii irraa humna hanga uffattanitti Iyyaruusaaleem keessa tuuraa” jechuudhaan akkaataa ajajeen guyyaa sanaa jalqabanii Waaqayyo galateeffachaa , eebbisaa Mana Qulqullina keessa jiraatani .Luq.24;49-53

Barattoonni isaas laphe tokko ta’uun mana haadha Maarqos “Tsirha-Tsiyoon” jedhamtee waamamtu keessatti sassaaabamanii osoo jiranii gaafa guyyaa shantamaffaa qileensa isa guddaa kan fakkaatu sagaleen samii irraa dhufe. Manni isaan keessa turanis Afuuraan ni guutame. Boba’a ibiddaa fakkaachuudhaanis tokko tokko isaaniirra qubate. Dursee akka kun ta’u “isin garuu guyyaa muraasaan booda Afuura Qulqulluutiin ni cuuphamtu” jechuun kan barreeffame gaafa Afuurri Qulqulluu isaanirra bule raawwatame .Hoj.Erg.1;5

Afuurri Qulqulluu Isaan irra erga buleen booda wanti raawwatame:

  1. Qooqa haaraa dubbachuu :Osoo Afuurri Qulqulluu isaan irra hin buliin qooqni isaan beekani ykn duubatani Ibraayisxi qofa ture. Erga Afuurri Qulqulluu irra buleen booda garuu qooqa 71 dabalameef qooqa 72 addunyaa keessa jiran hundaan dubbatan (kitaabni ወተናገሩበነገረኩሉበሐውርት akkuma jedhu). Qooqa yennaa jennu kan abbaa qabu ,kan hawaasni itti fayyadamu kan beekamu ta’u qaba. Hoj.Erg.2;7. Bara ammaa keessa jirru kanatti garuu qooqaan dubbanna jechuudhaan qooqa hin beekamne ,qooqa abbaa hinqabne ,hiikkaa kan hinqabne dubbachuudhaan adeemsa faallaa kan calaqqisiisan mul’ataniru. Kuni garuu dhugaa Kitaaba Qulqulluu irratti ibsame waliin wal-hin simu!
  1. Guyyaa Dhalachuu Mana kiristaanaa: Hangafichi Beekaan Mana Kiristaanaa Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee guyyaan kun “Guyyaa dhalachuu Mana Kiristaana”jechuun waameera. Sababni isaas Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhiiga isaatiin mana isaa kan hundeesse ta’us, Yaa’iin maatii 120 hunda’us , Mana Kiristaana kan bilisoomsu ,kan jabeessu, kan qulqulleessu ,kan eegu Afuurri Qulqulluu samii irraa hin buune ture . Yaa’iin amantootaas hin hundeeffamne ture, gaafa guyyaa shantamaa garuu Afuurri Qulqulluu samii irraa barattoota isaatiif yennaa bu’u Qulqulluu Pheexroos warra ayyaana kabajuuf sassaabamani gidduutii ba’ee Wangeela isaaniif lallabe battaluma sanaan baay’inni isaanii 3000 kan ta’e Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoositti amanani, Qalbii isaaniis jijjiratani, sanaan boodas ni cuubamani . Kana ta’u isaatiiniis Manni Kiristaanaa Yaa’iin amantoota Iyyaruusaaleem keessatti yeroo jalqabaaf hundeeffamte. Kanaafidha egaa Guyyaa Dhaloota Mana Kiristaanaa kan jennu.

Farfannaan Guyyaa Kana Faarffatamu : Afuurri Qulqulluu ni bu’e ( ወረደመንፈስቅዱስ) kan jedhamu dha.                                    

Dubbisa Wangeela Guyyichaa                  

Þ    Eef.4;1-17                                            

Þ    1 Yoh.2;1-18                                            

Þ    Hoj.Erg. 2;1-18                                        

Misbaakii Guyyichaa (የእለቱምስባክ) Faarsa Daawit 6718

ዐረገውስተአርያምፄዊወከፄዋ = Samiitti ol-baate, boojiis ni boojite

ወወሀብከጸጋከለዕጓለእመሕያው= Kennaakees dhala namaaf kennite

እስመይክህዱከመይኅድሩ= warreen siin ganan achi akka bulaniif

Wangeela Guyyichaa (የዕለቱወንጌል)

Þ    Wangeela yohaannis 14፤1-22

“Iyyeruusaaleem Keessa Turaa” Luqa. 24:49

“Iyyeruusaaleem Keessa Turaa” Luqa. 24:49

Luba Misgaanuu Aagaasaan

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos du’aa ka’umsa isaatiin booda guyyaa afurtamaaf yeroofi bakka adda addaatti duuka bu’oota isaa barsiisaa tureera. (H.Er. 1:3)

          Guyyaa afurtamaa Isaatti barattoota Isaa gara Biitaaniyaatti qabatee ba’eetu “Isin garuu samii irraa hanga humna argattanitti Iyyeruusaaleemiin turaa .”jedheen.(Luq.24:49-50)

          Iyyaruusaaleem jechuun magaalaa nageenyaa jechuu dha. Maqaan ishee durattii Saaleem ture (Ser.um 14:48). Booda Iyyaabuus (Iyya 15:63,18:16),Tsiyoon(far 136:1)jedhamuun waamamteetti. Mootummaa Daawwitiin booda garuu maqaa Iyyaruusaaleem jedhamuun jabaattee magaalaa guddoo Israa’eelootaa taate.(2 saamu 5:6-10).

                   Iyyaruusaaleem baroota (waggoota) hedduuf mootota Asooriifi Baabilooniin balaan weeraramuufi diigamuu irra ga’eera.(2 mooto.25:1-30). Lammii ishee booji’anii fudhachuun wanjoo gidiraafi rakkina suukkanneessaa ta’e irraan ga’aniiru. Qulqulluun Daawwit “ Lageen Baabiloon teenyee yeroo Iyyaruusaaleemii yaadnetti ni boonye…. Yaa Iyyaruusaaleem yoon si irraanfadhe mirgi kiyya na haa irraanfattu,yoon si hiyyaadanne arrabni kiyya laagaa kootti haamaxxanu ,gammachuu koo hundaa olitti yoon Iyyaruusaaleemiin hin jaalanne”( far 136/137:1-6) jechuun kan faarse gidiraa isaanii kan ija raagaatiin waan ilaaleefi dha. Israa’eelonni magaalaa isaanii Iyyaruusaaleemiin baay’ee jaallatu. Dallaa ishee ijaaranii,balbala (karra) ishee cufanii diinota jalaa akka itti baqachuuf danda’anitti hojjetanii ittiin fayyadamaniiru. Kanaafuu Tsiyoon hambaa,hirkoo,itti baqannaa jechuun waamaa turaniiru.

          Gooftaafi fayyisaan keenyas barattoota isaan kan akeekachiise magaalaa kanaatii hin ba’inaa jechuuni. Sababiin isaa yeroo sanatti Duukaa Bu’oonni humna Afuura Qulqulluu waan hin gonfanneef, bakkeen qorumsi cimaan jiru obsaan dabarfachuu waan hindandeenyeef dha. Kunis “hanga Samiirraa humna argattanitti…” jechuusaatiin ifa ta’eera. Dabalatas, Iyyaruusaaleem bakka aarsaan qulqulluun Waaqayyoof itti dhiyaatu,manni qulqullummaa Taabota isaa wajjin bakka itti argamu dha. Gama biraanis Inni uumaan keenya Iyyasuus Kiristoos keessa deddeebi’ee keessatti kan barsiise,dhiigaafi foon isaa bakka itti nuu laate,du’aa ka’umsa Isaa bakka itti agarsiise(mul’ise), walumaagala biyya Gooftaan eebbisamteefi bakka fayyinaa dha.Erget

          Ajajaa kana eegu kenneefii booda harka Isaa qulqulluu diriirsee tokkoo tokkoo isaanii eebbise sanaan booda osuma isaan ilaalanii gidduu isaaniitii gara samiitti ol ba’e. Eyyamaafi fedhii Isaatiin samii samii irraa gad bu’ee Qulqulleettii Maariyaamii irraa nama ta’e,addunyaa kana keessa deddeebi’e,ni fayyise,ajaa’iba Waaqummaa Isaa raawwate,harka Yihuudotaan qabamee fannifame,ni du’es. Awwaala keessa guyyoota sadiifi halkan sadii ture.

Guyyaa sadaffaatti aangoofi humna Isaan du’a ajjeesee awwaala keessaa ka’e. Du’aa ka’ee guyyaa afurtamaffaa Isaattis eeyyamaafi dandeettii Isaatiin kabajaafi ulfina ol’aanaatiin samiitti ol ba’e,”Waaqayyo ililleefi faaruun ol ba’e….” jechuun akkuma ibsame. (Faar.47:5-6)       Ijoo dubbii keenyaatti yeroo deebinu guyyaa humnaafi aangoo Isaatiin samiitti ol ba’e kana ajaja Gooftaan dabarse hanga humna argattanitti Iyyaruusaaleemiin turaa kan jedhu, sababiin isaa yoo Iyyaruusaaleemiin turan ol irraa humna argattu jedhameera; yoo achi hin turre immoo humna hin arganne jechuu dha.

Seenaa eerame kanarraa barachuun, Kiristaanotaaf Iyyaruusaaleem isheen nuyi keessa turuu qabnu maali ?

  1. Mana kiristaanaa dha. Manni kiristaanaa dhiiga Gooftaa keenyaan kan hundeeffamte,lafa jabaa (kattaa) irratti kan hundoofte,jireenyafi fedhii addunyaa irraa adda baatee bakka Waaqeffannaa kan taate dha. Maate.16:18

“Isa bakka kanatti kadhate. Kadhannaa Isaaf ija koo nan banaaf,gurri koos ni dhaggeeffataan. Ammas maqaa koo bara baraaf akka achi jirutti mana kana filadheera; qulqulleesseeraanis. Ijjii fi yaadni koos yeroo hundaa achuma ta’u.(2seena bar.7:15-16).

Haaluma kanaan Duuka bu’ootaan Iyyaruusaaleemii hin deemiinaa jechuun Isaa Afuura Qulqulluu jalaa dhabanii humnichi kan deebi’u ta’ee osoo hin ta’iin waan qulqulluun(eebbi) bakka eebbisamaatti ( qulqullaa’aatti) argachuun waan barbaachisuuf.

Kiristaannis jireenyi isaa yoomuu qulqullinaan jiraachuu waan qabuuf,qulqulleetti mana kiristaanatti yoo argamtan ni qulqullooftu,ni eebbifamtu,humna Afuura Qulqulluutiin guutamtu jechuu isaati.1Qoro 1:2;3:16-17. Manni kiristaanaa qulqulleetti dha. Mana kiristaanaa malee qulqullummaan,amantaafi sirni, barumsifi qulqullummaan (eebbi) hin argamu. Kanaaf Waaqayyoon amananii mana Isaa keessa jiraachuun dirqama kiristaanaa ti.

  1. Iyyaruusaaleem Giiftii keenya Maariyaamii dha. Iyyaruusaaleem isheen Gooftaan keessa deddebi’aa ture biyya jireenya Isaa turte. Haati keenya giiftii Maariyaamiin immoo ji’a(baatii) sagal guutuu magaalaa(biyya) inni Gooftaan keessa jiraatu taateetti. Kanaafuu biyyi (magaala) dhugaan Iyyaruusaaleem Inni kan keessa jiraate,foon ishee irraa foon,dhiiga ishee irraa dhiiga fudhatee kan irraa nama ta’e giiftii keenya Maariyaamii dha. “Waaqayyo Tsiyooniin (Maariyaamii) filateera, bultoo isaa akka taatuuf jaalateera,akkana jedhee,Isheen kun bara baraaf bultoo kooti,ishee filadheera, irra nan bula”.(faar.131/132:13) jedhamee akkuma ibsame Iyyarusaaleemiin ishee dhugaa haadha koo Maariyaam irraa fagaattanii humna (afuura) Waaqayyoo argachuuf hin dandeessan jechuu Isaati. Duuka bu’oonni Isaa kana amananii ishee jidduu (walakkaa) isaanii teessisanii soomaafi kadhannaatti jabaachaa turan. Kan Waaqayyo kabaje kabajuun Isa kabajuu waan ta’eef Waaqayyoon kan filatamteefi kabajamte(Luq 1:39;42)giiftiin Maariyaamiin abdii kiristaanotaati. Kanaaf eebba Waaqayyoo argannee,cubbuu irraa qulqulloofnee jireenya qulqullummaatiin akka jiraannutti ishee waammachaa hojii dinqii Waaqayyoo hubannee ittiin galateeffachaa jiraachuun nurraa eegama.
  2. Iyyarusaaleem Mootummaa Samii ti. Dhalli namaa guyyaa dhufaatii Kiristoos lammataatiin booda kan keessa jiraatu Iyyaruusaaleem ishee samii jedhamti. Isheeni mootummaa Waaqayyoo kan amantoota Isaaf qopheesse.( Maat.25:34). Mul’ata yohaannis irratti “Iyyaruusaaleem isheen qulqulleettiin akka misirroo abbaa warraa isheef faayofteetti qophooftee samii irraa Waaqayyo biraa yeroo buutu nan arge”(Mul’a 3:12,21:2) jedhamee akkuma ibsame. Qulqulluun Phaawuloosis “Haa ta’uutii gara tulluu Tsiyooniifi gara magaalaa Waaqayyo jiraataatti gammachuun gara walitti qabaman gara Ergamoota kumaataatti (kitilaatti)…”jechuun kan ibse isheen Iyyaruusaaleem mootummaa Waaqayyoo booda kan kiristaanonni qulqulloonni keessa jiraatani dha.(Ibro.12:22). Gooftaan duuka bu’ootaan Iyyaruusaaleemiin turaa jechuun Isaa amantaafi hojii naamusaa gaariin jabaatanii abdii mootummaa Waaqayyo isa bara baraa kan taate Iyyaruusaaleem ishee samii yaadachaa abdachaa jiraadhaa jechuu Isaati.

Nuti kiristaanonnis qorumsa seexanaafi gowwoomsaa biyya lafaa irraa akka fayyinutti amantaa duuka bu’ootaa Kanaan jabaannee abdii mootummaa Waaqayyoo (Iyyaruusaaleem) ishee samiin jiraachuun nurraa eegama. Dhaaltuu mootummaa samii Iyyaruusaaleemiin akka taanu ajaja Waaqayyoo eeguun jabaannee, araarsummaa giiftii keenyaan amannee mana kiristaanaa keessa akka jiraannu. “Iyyaruusaaleemiin turaa” jedhamneerra.

Bara jireenyaa keenya hunda mana Isaa keessa akka turru Waaqayyo nu haa gargaaru. Ameen !