Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32)

Kutaa Lama

Abdii Du’aa Ka’uu Ilma Namaa

 Dhalli namaa harka isaatin ajaja Waaqayyoo cabsuun du’a ofitti fidus Waaqayyo garuu dhala namaa kufe kana akka kufetti du’a bara baraatiif isa hin dhiisne. Waaqayyo badii dhala namaa hin jaalanne nama gara bakka kabaja isaa duraatti deebisuuf yaadee cubbuu fi du’a balleessee du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa dhala namaatiif kan kennu ta’uu Isaa dursa karaa Raajota Isaatin fedha Isaa nuuf ibsee jira. Faarsaa Daawit irratti “Afuura kee ni ergita; ni uumamus; fuula lafaas ni haaromsita” inni jedhu sagalee du’aa ka’uuti. (Faar.103: 30). Waaqayyo du’a balleessee nu haaromsee akka nu jiraachisu sagalee Faarsaa Daawit waliin kan walfakkaatu Mul’ata Yohaannis keessatti “Kunoo hunda iyyuu haaraan taassisa”  jedhee nutti hima. (Mul. 21:5) Raajichi Isaayiyyaasis “warri du’an jiraattota ta’u; reeffawwanis ni ka’u; yaa warra lafa irra jiraattanii jiidhi kee jiidha ifaati waan ta’eef; laftis warra du’an baasti waan ta’eef ka’aa faarfadhaa!” jedhee barreesse.(Isaa. 26:19). Kunis waa’ee du’aa ka’uu dhala namaa hundaa dhuma addunyaa irratti raawwatamuu nu hubachiisa.

Akkasuma raajichi Daani’eel “Bara sanas waa’ee ijoollee uummata keetiif inni dhaabatu Ergamaa guddaan Mikaa’elin ni ka’a; uummata irrattis erga ta’ee eegalee hanga bara sanaatti rakkoon ta’ee hin beekne bara rakkoo ta’a; bara sanas uummanni kee kitaaba Isaa irratti barreeffamee argame hundi tokkoon tokkoon isaanii ni fayyu. Warri biyya lafaa keessatti mugan  baay’een isaaniis ni ka’u; gariin (walakkaan) isaanii gara jireenya bara baraa; gariin  isaanii ammoo gara qaanii fi gara rakkoo bara baraatti. Ogeessonni akka ifaa; warri namoota baay’ee gara daandii qulqullummaatti deebisan ammoo akka urjiitti bara baraan ifu.” (Daan. 12:1-3) jechuun dubbata.“Gariin isaanii gara jireenya bara baraatti” kan jedhame du’aa ka’uu kabajaa kan Qulqullootaa kan agarsiisu yemmuu ta’u; “gariin isaanii gara rakkoo bara baraatti” kan jedhu ammoo du’aa ka’uu cubbamtootaa kan agarsiisudha. Warreen ogeessota jedhaman Qulqulloota dha. Isaan du’aa ka’uu dhumaa irratti akka biiftuutti ifanii; akka urjiilees bareedanii mul’achuun isaanii kennaa bara dhumaa irratti Waaqayyo biraa isaanii kennamu dha. Kabajnii fi kennaan kun hundi kan argamu; namnis kan gara kabaja isaa jalqabaatti deebi’u jalqaba irratti cubbuun isaa yoo isaaf haqamu; abaarsi isaas yemmuu irraa ka’u dha. Kanaafis Gooftaan nama ta’ee murtii du’aa sababa cubbuutiin dhufe namummaa Isaatiin fudhatee beenyaa ta’ee du’as du’a Isaatiin haqeera. Sababa du’a Isaatiin namootaaf du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa kennee jira. Kanaaf, Gooftaan Fannoo irratti aarsaa ta’ee guyyaa jimaataa fannifame sana lubbuu Isaa Qulqulleettii taate foon Isaa Qulqulluu ta’e irraa yeroo adda baasetti awwaalonni banamanii Qulqulloota rafanii (du’anii) turan keessaa foon baay’een ka’ani. ( Maat.27:52)

Gaafa guyyaa sanaa ture lubbuuwwanis si’ool keessaa baasee jannatatti kan isaan galche. Egaa, Kiristoos aarsaa ta’uun du’a Isaa kabajamaa ta’een cubbuu fi du’a dhabamsiisee nama gara kabaja isaa duraatti deebisee jira. Booda irra ammoo foonii fi lubbuu isaa walitti deebisee (tokko taassisee) Du’aa Ka’uumsa kabajaa kenneefi mootummaa Waaqayyoo galcha. Waaqayyo dhala namaa waan jaalatuuf jireenya bara baraa kenneef. Kanaafis foon hin tortorre uffatee akka du’aa ka’uuf abdii kenne. Abdii isaa kanas haala itti raawwatu Qulqulluu Phaawuloos yeroo ibsu:- “kan hin tortorre ta’anii ka’u; nutis ni jijjiiramna, inni tortoru kun isa hin tortorre uffachuuf; inni du’u isa hin duune uffachuun irra jiraataatii; garuu, inni tortoru kun isa hin tortorre yemmuu uffatu; inni du’u kunis isa hin dune yemmuu uffatu; yeroo sana duuti injifatamuu isaatiin liqimfame jedhamee sagaleen barreeffame ni raawwata. Yaa du’a waraanni kee eessa jira? Yaa si’ool injifannoon kee meerre? Waraanni du’aa cubbuudha; humni cubbuus seeradha; Garuu  karaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos Waaqayyo injifannoo  nuuf kennuuf galatni haa ta’u.”( 1Qor. 15:51-57) jedha. Dhalli namaa abdii kutatee akka hin hafneef Waaqayyo jalqaba abdii du’aa ka’uu raajota isaarra bulee itti hime. Kanaafuu jireenyi dhala namaa hanga lafa irra deddeebi’u qofatti osoo hin taane jireenya bara baraatiif uumamuu isaa nu hubachiise. Isa hubachiise kanas Waaqayyo ofuma Isaa raawwachuudhaan abdii jechaan kenne sana gochaan mirkaneesse. Mirkaneessi Waaqayyo raawwate kunis du’uudhaan du’aa ka’ee agarsiisuu Isaati.

Abdiin Du’aa Ka’uu Nuuf Kenname Du’aa Ka’uu Gooftaatiin Mirkanaa’e

Manni kiristaanaa keenya du’aa ka’uu dhala namaa yeroo barsiistutti ragaa qabattee malee akkanumaan miti.  Ragaan ishee kunis jalqaba kan Mana Kiristaanaa hundeesse Gooftaa fi uumaan ishee du’ee du’a injifachuun du’aa ka’uu kiristoos bu’uura godhachuudhaanidha. Ka’umsii fi ga’umsi barumsa Mana Kiristaanaa dhimma du’aa fi du’aa ka’uu irratti kan xiiyyeffate yoo jedhame kan dhugaa irraa fagaate hin ta’u. Kaayyoonii fi galmi inni dhumaa kan itti Kiristoos nama ta’ee du’a balleessee du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa nu gonfachiisuuf akka ta’e sagalee wangeelaa irratti barreeffameera. Amantaan kiristaanaa ka’umsa isaa irraa, wangeelli jalqaba irratti yemmuu lallabamu waa’ee du’aa ka’uu Kiristoos akka ta’e gaafa guyyaa shantammaffaa ragummaan Qulqulluu Pheexroos irraa kenname nuuf mirkaneessa. (HDB.2:14-36) Yihudoonni foon Gooftaa boolla keessaa akka hin kaane taassisuun awwaalanii ture. (Maat.27:62-66) Garuu, Gooftaan  boolla naaf bana! Kanan ittiin gannazame naaf hiikaa! Osoo hin jedhiin boolla cufamee jiru keessaa aangoo Waaqummaa Isaatin du’a irraa adda bahee gaafa guyyaa sadaffaa ka’e. Boolli inni itti awwaalames duwwaatti hafe, Kiristoos, inni du’aa ka’es, harka Isaa dhisamanii fi cinaacha Isaa eeboodhaan waraaname akka agarsiise Duukaa Bu’oota fi hordoftoota Isaa hundatti mul’ate.

Yihudoonni Kiristoos akka du’aa hin kaanetti boolla inni itti awwaalame marsanii waardiyyoota isaaniif amanamoo ta’anii fi jabina qaban filatanii eegsisaa turani. Garuu hanguma cimsanii awwaala Isaa eegsisan du’aa ka’uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos cimsanii raggaassisani. Kanas Qulqulluu Eefireem inni biyya Sooriyaa faaruu Isaa waa’ee dhalachuu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos faarfate irratti :- “Yaa Gooftaa du’aa ka’uun kee akka mirkanaa’uuf Yihudoonni awwaala kee marsanii waardiyyootaan eegsisani. Yaa Gooftaa osoo si awwaalanii dhiisanii deemaniiru ta’ee; duuka bu’oonni kee dhufanii foon kee hatanii fudhatanii deeman jedhanii sobuuf isaaniif mijata ture; garuu awwaala kee marsanii eeguu isaaniitiin du’aa ka’uu kee mirkaneessani. Sababiin isaa Duuka Bu’oota keetu foon kee hate jechuuf isaanii hin mijanneetii!” jechuun dubbata.

Yihudoonni boolla Gooftaan keenya Iyyasiuus Kiristoos itti awwaalame marsanii eeganis du’aa ka’uu Isaa hambisuu hin dandeenye. Du’aa ka’uu Isaa warreen hubatan Duukaa Bu’oonni Isaa ragoota du’aa ka’uu Isaa ta’uun amantaa Kiristaanummaa babal’isani. Warra diinota du’aa ka’uu ta’an hunda qaanessani. Eeboos, ibiddas, seefiis, rakkinas hunda osoo hin sodaatiinii fi hin leeyya’iin hanga du’aatti Wangeela du’aa ka’uu Isaa barsiisanii jiru. Sababni isaan du’a osoo hin sodaatiin hafaniifis isaan hirmaattota du’aa ka’uu Kiristoos akka ta’an waan amananiifi dha ture. Egaa hangafni du’aa ka’uu, jechuunis, Kiristoos isa du’aa  ka’uudhaaf isa jalqabaa ta’e akka ilaalle; sagalee isaa irraas akka baranne du’aa ka’uun akka jiru haa amannu; abdiis haa godhannu. “Kiristoos ka’umsaa fi jireenyadhaatii Kan isatti amanu yoo du’e illee jiraataa ta’a; kan  jiraataa ta’es, kan  isatti amanus  hunduu bara baraan hin du’u” ( Yoh. 11:25-26)

Du’aa ka’uu dhala namaa ilaalchisee Qulqulluu phaawuloos yeroo barsiisaa turetti namoota Qoronxoos keessaa muraasni nami du’e akkamiin du’aa ka’a gaaffii jedhu kaasaa turani. Kanaaf Qulqulluu Phaawuloos“Kiristoos du’a akka ka’e kan lallabu yoo ta’e garuu isin keessaa namoonni tokko tokko akkamiin du’aa ka’uun hin jiru jedhu?” jechuun gaaffiiwwan namoonni Qoronxoos kaasaniif yemmuu deebisu: “du’aa ka’uun erga hin jiraannee Kiristoos hin kaane jechuudhakaa; Kiristoos hin kaane yoo ta’e egaa lallabni keenya faayidaa dhabeessa; amantaan keessanis ammoo faayidaa hin qabu; hanga ammaatti cubbuu keessaniin jirtu. Egaa, warri Kiristoosiin hirriba rafan (du’an) ammoo badaniiru jechuudhakaa! jireenya kana qofaan ( jireenya lafa irraa  qofaan) kan Kiristoosiin abdannu yoo ta’e nama hunda caala nuti gowwoota dha.” erga jedhee booda itti fufuun waa’ee du’aa ka’uu Kiristoos akkas jechuun ragaa baha.

Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera; duuti karaa namaa akkuma ta’e du’aa ka’uunis karaa namaa ta’eera. Hunduu sababa Addaamiin akkuma du’an hunduu ammoo Kiristoosiin du’aa ka’u” jedhee dubbate. Kanuma wajjin walqabsiisuunis  Duukaa Bu’ichi ragummaa isaa kakuudhaan kenna: “Akkana ta’uu baannaan ammoo nuti hoo maalif jireenya nama sodaachisu keessa jiraanna ree? Abdii Iyyasuus irraa qabnuun akkan kakadhe Yaa obbolootaa! Guyyaa guyyaadhaan nan du’a; akka nama Eefeesoonitti bineensa wajjin akkan wal’aansoo wal qabe? Warri du’an kan hin kaane yoo ta’e kana raawwachuun koo maal na fayyada?” (1Qor.15:12-32) jedhees gaafata.

Ragaa ba’uun Duuka Bu’aa Phaawuloos kun dhugaa ta’uun kan bara baraan jiraatu ta’a. Warri ergaa isaa dubbisan hundi dhugummaa fi sirrii ta’uu ragummaa isaas hubatu. Sababiin isaas jalqaba irratti inni diina du’aa ka’uu ta’ee Yihudoota wajjin walii galuun Kiristaanota osoo ari’aa jiruu Kiristoos inni du’ee ka’e waan isatti mul’ateef amantaa du’aa ka’uu isaa afaaniin qofa osoo hin taane hojii isaatinis, jireenya isaatiinis, du’a isaatiinis, waan mirkaneesseefi dha. ( HDB. 9:1-30; 17:1-34; 22:1-30;23:1-11)

Maarree isa Qulqulluu Phaawuloos argee dhandhamee barsiise kana nuti ammoo barachuu fi amanuudhaan jireenya bara baraa akka argannuuf cimnee dhaabachuutu nurra jiraata. Kiristoos warreen du’aniif angafa ta’uun akkuma du’aa ka’e bara dhumaatti dhalli namaa hunduu jireenya bara baraatiif akka du’aa ka’u amanuu fi abdachuun of qopheessinee eeggachuu qabna.

Akkuma armaan olitti ilaalle jalqaba irraa uumamni dhala namaa du’ee tortoree akka hafuuf miti. Jireenya bara baraatiif uumamee fedha isaatiin du’a ofitti fidus Waaqayyo garuu akka du’etti akka hin hafneef abdii du’aa ka’uu kenneef. Cubbuu dhalli namaa ittiin du’e ajjeesuudhaafis Waaqayyo nama ta’ee du’ee du’a ajjeese. Waaqayyoo ofii du’ee du’aa ka’uudhaanis abdii du’aa ka’uu kenne sana akka raawwatu mirkaneessee jira. Garuu namoonni amma gowwummaadhaan dhalli namaa du’aa ka’uun jireenya bara baraa jiraachuu isaa irratti yeroo gaaffii kaasan ni dhagahamu. Gaaffiin akka kanaa kan amma eegale osoo hin taane durumaa namni du’ee tortoree biyyee erga ta’ee booda akkamiin ka’a? jechuun gaafachaa turaniiru. Garuu namoonni akkanaa kun namni jalqaba yemmuu uumamu lafa biyyee, irraa akka ta’e irraanfachuu isaanii nu hubachiisa. Waaqayyo dhala namaa jalqabumaa biyyee irraa uume. (S.Uum.2: 7) Ammas uumaan isaa biyyee keessaa isa kaasuu danda’a. Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru. Kanaafuu, du’aa ka’uu warra du’aniitti ni amanna; ni abdannas yemmuu jennu Waaqayyoo fi sagalee abdii Isaatti amanuudhaani. ( Yoh. 5:24-29)

Kanaaf amantaadhaan dhaabannee du’aa ka’uu dhala namaa abdannee cimnee eeguun nu irra jiraata. Waaqayyo dhufaatii Isaa lammaffaa irratti “Isin yaa eebbifamtoota Abbaa koo addunyaan osoo hin uumamiin dura gara bakka isinii qophaa’eetti koottaa” sagalee jedhu akka dhageenyuuf hojii gaarii haa hojjennu.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

“Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32)

Kutaa Tokko

Adeemsa jireenya dhala namaa keessatti dhalachuu, jiraachuu fi du’uun ta’iiwwan deddeebi’anii mul’atanidha. Dhimma kana ilaaluun namoonni tokko tokko jireenyi dhala namaa hanga lafa kana irratti jiruu fi deddeebi’u qofatti malee duunan faayidaa dhabeessa ta’a jedhanii kan yaadan jiru. Garuu jireenyi dhala namaa jireenya addunyaa kana irraa bira darbee akka itti fufu Manni Kiristaanaa keenya ni barsiisti. Barumsa ishee kanaanis barumsa Duuka Bu’ootaa irratti kan hundeeffattedha. Duuka Bu’aan Qulqulluu Phaawloos ergaa isaa gara saba Qoronxoositti erge irratti “Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera; duuti karaa namaa akkuma ta’e du’aa ka’uunis karaa namaa ta’eera. Hunduu sababa Addaamiin akkuma du’an hunduu ammoo Kiristoosiin du’aa ka’u” jechuudhaan dhalli namaa du’ee akka hin hafnee fi jireenya bara baraatiif akka ka’u nu barsiiseera. Barruu kana keessattis waa’ee du’aa ka’uu dhala namaa Du’aa Ka’uu Gooftaa Keenya Qoricha Keenya Iyyasuus Kiristoosiin nuuf labsame waliin wal bira qabnee barumsa Manni Kiristaanaa keenya nu barsiistu ilaalla.

Dhalli namaa du’aaf hin uumamne.

 Uumamni dhala namaa du’ee tortoree akka hafuuf osoo hin taane jireenya bara baraa argachuun akka Waaqa isaa galateeffachaa jiraatuuf ture.  Seenaa sirna uumamaa jalqabaa keessatti akkuma hubannutti duuti hin turre. Namni akkuma Ergamootaa akka bara baraan jiraataniif uumamani malee akka du’aniif hin turre. Waaqayyo nama bifa Isaatii fi fakkaatti Isaatiin yemmuu uumu; Afuura jireenyaas yemmuu irra bulchu; lubbuun isaa qofa jiraattuu bara baraa akka taatuuf osoo hin taane lubbuun isaa foon isaa wajjin tokko taatee hanga bara baraatti akka jiraattuufi dha. Kanas Waaqayyo dhala namaa akka bifa Isaa fi akka fakkeenya Isaatti uumuu isaatiin dhalli namaa jiraattota bara baraa akka ta’aniif uumamuu isaanii hubanna. Kanaafuu, Addaamii fi Hewaaniin uumee bakka jireenyi bara baraa jiru gammachuudhaan akka jiraataniif jannata keessatti isaan galche; dhukkubaa fi du’as hin beekani ture. (S.Uum.1: 26-30; 2: 8-9)

Kanaaf Manni Kiristaanaa keenya dhalli namaa du’ee tortoree hafuuf akka hin uumamne barsiisti. Waaqayyo du’aaf akka nama hin uumnes irra deddeebiidhaan ni ibsiti. Salamoon inni ogeesichi “Waaqayyo du’a hin uumne; bara baraan akka jiraatuuf uumama uume; badiin namootaa Isa hin gammachiisu” jechuudhaan nu hubachiisa. Dhalli namaa akka hin dune qofa osoo hin taane bakka duuti hin jirre akka jiraachaa tures  “Awwaallis daangaa kana keessa hin turre”  jechuudhaan nu hubachiisa (Xibab/Oggummaa. 1:13-16). Dhalli namaa du’aaf hin uumamne erga ta’ee duuti akkamiin dhufe? Gaaffii jedhu ilaaluun du’aa ka’uu dhala namaa hubachuuf nu gargaara. Sababni du’a dhala namaa Waaqayyo irraa fagaachuun ajaja Isaa cabsuu dhala namaati. Kanaaf ogeessichi Solomoon “Warreen Waaqayyo irraanfatan garuu sagaleedhaan Isa waamani; hiriyyaa isaaniis Isa taassisani; kanumaanis badani” jedhee dhalli namaa fedhaan du’a akka ofitti fide dubbata. (Xibab/Ogg. 1:13).

Duuti kan eegale Addaamii fi Hewaan seera uumaa isaanii cabsuun yeroo balleessaa hojjetan ture. (S.Uum. 2:17)  kanaafuu, gatiin  cubbuu jalqabaa du’a ta’e. (S.Uum. 3:16-19) Isaan seera uumaa isaanii yemmuu diigan; isaanis kabaja uumama isaanii jalqabaa irraa haqamani. Kennaan isaaniis isaan irraa mulqame; qullaa isaaniis hafani. Sana booda biyya bareedduu fi qulqulleettii taate keessaa ari’amanii biyya rakkoonii fi duuti irra jiru keessa jiraachuu eegalani. Yeroo sanaa eegalee duuti Addaamii fi Hewaan irratti injifannoo argatee bittaa isaa jala galche. Dhalli namaa Addaamii fi Heewaan irraa dhalatan hundi hirmaattotaa fi dhaaltota balleessaa isaanii ta’ani. Kana waan ta’eef Duuka Bu’aan Qulqulluu Phaawuloos “Sababa nama tokkootiin cubbuun gara addunyaatti gale; cubbuudhaanis duuti seene; akkuma kanaa hunduu waan cubbuu hojjetaniif duuti dhala namaa hunda bira ga’e” jechuun dhufaatii du’aa hubachiisee jira (Room.5:12).

Lubummaan Eenyuuf Mala?

Lubummaan eenyuuf mala? Kan jedhu, gaaffii bu’uurawaa kana kan deebisu dubbii ijoo “Lubummaan maali dha?” Kan jedhuu dha.  Namootaaf waa’een lubummaa yeroo hundaa gaaffii kan itti ta’u hubannoo bal’aa lubummaadhaa waan hin qabaanneefi dha. Lubummaan afaan gi’iizitiin (ተክህነ- tajaajile) jedhu irraa kan bahe yoo ta’u tajaajiluu, eegamuu, kan birootiif jiraachuu, eenyummaa ofii laachuu, guutuu jireenya Waaqayyoof bichisiisuu dha. Lubummaan yoo jiraate luboonni /lubootni/ ni jiraatu. Lubummaan tajaajila, dibata, luboonni /lubootni/ immoo tajaajiltoota, dibatamtoota dha.

‘Lubummaan eenyuufi?’ kan jedhu yemmuu ilaallu lubootni jalqabaa ergamoota Waaqayyoo dha. Akkasumas, tajaajiltoota jalqabaa kan Waaqayyoo fi kan namaati

Read more

Icciitiiwwan Mana Kiristaanaa

 

                                Icciitiiwwan Mana Kiristaanaa

                                          Seensa

Kutaan kun kutaa icciitiiwwan mana Kiristaanaa itti barannudha. Kaayyoon barumsa kanaas maalummaa icciitii mana kiristaanaa hubannee faayidaa isaa fi barumsa mana kiristaanaa qu’annaa fayyina keenyaaf hirmaattota icciitii mana kiristaanaa akka taanu; jireenya keenya guyyaa guyyaattis qophoofnee dhaaltota Mootummaa Waaqayyoo akka taanuufidha.

Waaqayyo Gooftaan dhala namaatiif kan isa barbaachisu yaaduu fi kennu; jireenya, dhalootaa fi guddina Foon keenyaa qofaaf osoo hin taane dhaloota afuuraa keenyaa fi guddina Afuuraa keenyaafis kan ta’u wantoota nu barbaachisan mara qopheessee nuuf kenneera.kennaawwan kanas Mana Kiristaanaatiif kennee mana kuusaa kennaa Isaa erga taassisee booda,manni kiristaanaa amantootaaf akka hirtu ishii taassiseera. Kennaawwan mana kiristaanaatiif kennamanii amantoota hundaaf akka hirte dhala namaa amantaadhaan dhiyaate gara Waaqayyootti akka dhiyaatu kan ittiin taassitu keessaa Warri angafaa Icciitiiwwan Mana Kiristaanaa Torban jedhamuun kan beekamanidha. Icciitiiwwan kunis dhala namaa amantaadhaan dhiyaatee fudhateef jireenya haaraa,fayyinaa fi tajaajila Waaqayyoo isaan gonfachiisu.

 

 Icciitiiwwan Mana kiristaanaa Torban kunis kan raawwataman mana kiristaanaa keessatti amantootaa fi lubootaaf yoo ta’u kan akka raawwatamuuf tajaajilan ammo luboota akka tajaajila kana kennaniif Waaqayyo isaan filatee muudedha.Hirmaattonni icciitii kanaa garuu namoota haaraa amantaadhaan dhufanis ta’e warri  duraan amantaadhaan jiran kan hirmaatan yoo ta’u icciitiin kunis amantaadhaan qulqullaahanii dhiyaachuudhaan kan raawwataman( kennaman) malee kanfaltiidhaan ykn qabeenyaan ykn firummaa fi walbeekkitiidhaan kan raawwatamu miti.

Icciitiin Waaqayyo dhalli namaa akka ittiin jireenya bara baraa argatuuf bilisaan nuuf kenne kun bu’uurri isaa icciitii foonii ( nama ta’uu Kiristoos) irra kan dhaabate yoo ta’u, icciitiiwwan turban kun utubaalee mana kiristaanaa dhaaban( ijaaran)dha. ( Fakk.9:1-5)

Icciitiiwwan kun  icciitii fayyinaa fi qulqullummadhaan filatamuu dhala namaa waan ta’aniif Kiristaanni hunduu waa’ee icciitii kanaa beekuu qofa osoo hin taane qulqullaa’ee hirmaataa icciitiiwwan kanaa ta’uudhaan jireenya isaa guyyaa guyyaa keessatti raawwachuu qaba.

                      

 

 

                    Icciitiiwwan Mana Kiristaanaa torban isaan kami?

Icciiwwan mana kiristaanaa turban jechuun kan waamnu kanneen armaan gadii yoo ta’an isaanis bu’uurri isaanii Kitaabolee qulqulluudha. Isaanis:

(1)    Icciitii Cuuphaa ( Maar 16:16) Cuuphaa jechuun dhaabbiidhaan bishaan ykn dhangala’aa keessa bu’uu, keessa seenuu ofitti naquu kan jedhu yoo ta’u, hiikaan isaa icciitii garuu  cubbuu namni bishaaniin cubamuu sun kan ittiin haqamu, adeemsa lammata dhalachuu Mucummaa Waaqayyoo argachuu kan agarsiisudha. Icciitiin kun icciitiiwwan mana kiristaanaa keessaa isa angafaa fi dursa kennamu yoo ta’u kunis icciitiiwwan warra kaaniif akka karraa ykn balbalaa ta’uun kan tajaajiludha.

(2)   Icciitii Meeroonii ( 1Yoh.2:20)  Jechi Meeroonii jedhu jecha Giriikii yoo ta’u, hiikaan isaas foolii urgaahu kan qabu, urgaa’aa, foolii gaarii kan qabu jechuudha. Meerooniin dibata bifa Zayitaa qabu yoo ta’u dibata qulqulluu  biqiloota adda addaa irraa walitti cuunfamuun qophaa’udha.

(3)   Icciitii Qurbaanaa (Maat.26:26) jechi “qurbaana” jedhu jecha Afaan Suristii fi Giriikii irraa dhufe yoo ta’u, hiikaa kennaa, aarsaa, balcha, qabeenya Waaqayyoof kennamu, kenna Waaqayyoof dhiyaatu jedhu of keessaa qaba. Icciitiin kun icciitii guddaa kan Kiristoof itti nama ta’ee du’a Isaatiin du’a keenya nurraa haqee fayyina itti nuuf kenne kan ibsuu fi kan kiristoof Wajjin ittiin tokko taanu waan ta’eef bu’uura icciitiiwwan hundaati.

(4)   Icciitii Lubummaa ( Maat.18:18) jechi kun hiikaa tajaajile, muudame jedhu kan agarsiisu yoo ta’u, kunis aangooafuuraa  Daaqonummaa, Lubummaa, Eephis Qophoosummaa, argate jedhu qaba. Kunis icciitii itti tajaajilaa Waaqayyoo ta’uun filatamuu, muudamuu kan agarsiisudha.

(5)    Icciitii Gaabbii ( Hoj.duk. 2:38) gaabbii jechuun akkuma jechi isaa ibsu, hojii hojjetan tokkotti rifachuu, osoon hojjechuu baadhe? Jechuun itti gadduu kan agarsiisudha. Kunis dhalli namaa cubbuu hojjetee yemmu Waaqayyo isaatti balleessu kan hojii hojjetetti gaddee boo’ichaa fi imimmaaniin, adabbidhaanis Waaqayyo isaatti araaramudha. Icciitiin kun kan raawwatamu namni gaabbu sun Luba Waaqayyoo wajjin mari’achuun waan raawwachuu qabuu fi akkaataa itti raawwachuu qabu akka hubate kan gaggeeffamu waan ta’eef icciitii lubummaa wajjin walitti hidhinsa cimaa kan qabudha.

(6)   Icciitii Qandiilii  ( Ya’i 5:14) jechi Qandiilii jedhu jecha Laatinii “ kaandil” jedhu irraa yoo ta’u hiikaan isaas “ ibsaa” jechuudha. Icciitiin kun namoonni dhukkubsatan dibata kana dibatanii kadhaan isaaniif gaggeessamee kan ittiin fayyanidha.

(7)    Icciitii Takliilii ( Maat 19:6) jechi “ Takliil” jedhu jecha Gi’iizii ‘Kallale” jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u hiikaa dahoo kenne,  jedhu kan qabudha. Kunis icciitii waadaan gaa’ilaa ittiin raawwatamu icciitii kabajamaadha.

Egaa icciitiiwwan mana kiristaanaa turban kan jedhaman warra armaan olii yoo ta’an isaaniinis haala raawwii isaanii irratti hundaa’uun bakka gurguddoo lamatti qoonnee ilaaluu kan dandeenyu yoo ta’u osoo qoonnee ilaaluutti hin darbiin dura silumaa gochaawwan armaan olitti caqasaman kana maaltu icciitii isaan taassise? Kan jedhu ilaaluun barbaachisaa waan ta’eef mee  haa ilaallu.

Icciitiiwwan Mana kiristaanaa armaan olitti ilaalle kana maaltu icciitii jechisiise? Isa jedhu ilaaluu keenyaan dura silumaa “ icciitii” jechuun maali? Gaaffii dhu kaasnee yoo hiika isaa ilaalle salphaatti warren armaan olitti tareessine kun maalif akka icciitii jedhamanii waamaman baruu dandeenya.

     

                            Icciitiin Maali?

Icciitii jechi jedhu dhaabbiidhaan yemmu hiikamu hiika imala ykn dhimma dhoksaa, dubbii golgamaa,wanta dahoo ta’e kan ibsudha.

Imalli tokko kan dhoksamuuf waantoota lama irraa kan maddedha. Inni jalqabaa namni dhimma dhokatu sana qabatee jiru (abbaan dhimmaa) sun dubbii dhoksu sanatti kan qaanahu yoo ta’e ykn dubbiin qabatee jiru sun kan yakka wajjin wal qabate yoo ta’e yoo saaxilame ykn ifa bahe nan adabama, uummata irraan adda baha, hawaasa keessaan qoodama jechuunsodaa irraa ka’ee ta’uu danda’a.

 

Gama biraatiin ammo dhimmi ykn dubbiin dhoksamu sun kabajamaa waan ta’eef dhimmi sun namoota kabajamoo fi filatamoo ta’an qofatti adda baasamee kan himamuu fi ifa bahu malee kan nama hundatti hin himamne waan ta’eef  dhimma dhoksaa sana bira gahuuf ykn baruuf ga’umsa tokko kan gaafatu ta’ee ykn dubbiin sun nama himamuufii sanaan hubatamuudhaaf namni dhimma sana ilaalu ykn beekuuf isaadhaaf eeyyamamu dandeettii dhimma sana hubachuu horachuu dursuu waan qabuuf, yoo kana ta’uu baate namni sun waan miidhamuuf ta’uu danda’a.

 Namni tokko dhimma akka isa irraa kan hafe namni biraa akka isa jalaa hin barre barbaadu dhoksatee ofii isaatiif qabata. Yoo dabarsee ibsuu ykn himuu barbaade illee fira isaa, nama garaa isaa, hiriyyaa isaa, nama jaalatu, nama kan kooti jedhee itti amanutti dabarsee hima ykn ibsa. Egaa namni sun imala( dhimma) isaa nama garaa isaatti kan himatuuf namni sun dabrsee hin himu, dabarsee diinaaf nahin kennu, ana hin saaxilu jedhee waan itti amanuufidha. Inni akkanaa kun dhimmi dhokatu sun kan namoota hundaan hubatamuu danda’u garuu sababa dhimmi sun nama qaanessuuf namni sun kan dhoksudha jechuudha. Sababiin isaa namni sun dhimma isaa kan dhoksate sababa sodaatiin waan ta’eefidha.

 Gama biraatiin namni tokko imala tokko sababa dhimmi sun kabajamaa ta’eef dhimma sana  nami ykn namooni hubatanii maalummaa isaa baruudhaaf sadarkaa beekumsaatiinis ta’e qulqullummaatiin ol siquu, ga’umsa tokko qabaachuun kan isaan irra jiraatu yoo ta’e namni sun hanga ga’umsa barbaachisu sana irra ga’utti dhimmi sun nama sana jalaa dhoksamee akka turu taassifama.

Karaa sadaffaa ammo imalli tokko kan qaama miiraatiin adda hin baasamne yoo ta’es dhimmi sun dandeettii hubannoo dhala namaatii ol waan ta’eef icciitii ( dhokataa) jedhamee waamamuu ni danda’a.

Egaa gara icciitiiwwan Mana Kiristaanaatti yemmu deebinu sababni isaan itti icciitii jedhamuun waamamaniif ibsa armaan olii keessaa sababoota isa lammaa fi sadaffaa jalatti ibsaman kan hammatu ta’ee argina. Ofii icciitiiwwan mana kiristaanaa maalif icciitii jedhamani? Bakka meeqatti qoodamu? Akkamiin raawwatamu? Faayidaa maal nuuf kennu?  Fi wantoota kana fakkaatan kutaa itti aanutti kan ilaallu ta’a. Waaqayyo waliin nu haatursu.