kutaa 5ffaa
- Kaayyoon ijoo dhaabbata dhimmoota maatii fi daa’immanii, daa’imman hawaasa waliin jiraatani tajaajila nyaataa, uffata fi yaalii fayyaa akka argatan haala mijeessuu dha. Keessattuu yeroo ammaa kanatti gochi gaarii daa’imman haadha fi abbaa hin qabne kununsaa guddisuun maqaa Mana Kiristaanaa keenyaan foyya’ee akka itti fufu yaadachiisaa; kutaalee lallabaa muraasa keessatti dhaabbatichi walii galee hojjechuu dhabuu isaa irraa kan ka’e dhimmi isaa Mana Kiristaanaa keenya irraa darbee gara mana murtii mootummaatti akka qajeelu taasifamee gulummaan (lafa) fi qabeenyi Mana Kiristaanaa keenyaan qabamee ture qaamolee biroon akka irraa haala mijeessaa jira waan ta’eef Qulqulluun Sinoodoos murteewwaan dursee murteesse ammas fooyyessee fi cimsee kallattii dhaabbatichi kutaalee lallabaa waliin wal-ta’aa ittiin hojjetu akka kaa’uu fi kun ta’uu hin danda’u taanaan garuu gulummaa Manni Kiristaanaa maqaa guddisa daa’immaniitiin qabattee baroota dheeraaf eegaa turte kun akka irraa hin fudhatamne fi daa’imman haadha fi abbaa hin qabne akka hin bittinoofne, Manni Kiristaanaa keenya guutuma guutuutti of jalatti oolchitee dambii fi qajeelfama ittiin bulchitu akka qopheessitu gaafachaa galmaan gahuu isaaf immoo gumaacha nuurraa eeggamu godhuuf waadaa galla.
- Dhaabbanni sab-qunnamtii Mana Kiristaana keenyaa dhaabatee erga tajaajila kennuu eegale yeroo gabaabaa ta’us, tamsaasa sagantaa idilaawaa isaarratti qooqaalee adda addaatiin adeemsisuun isaa kan jajjabeeffamuu dha. Haa ta’u malee, keessattuu bara bajataa kanatti gubiinsa Mana Kiristaanaa, ajjeefamuu amantootaa, lafa fi mana jireenya isaanii irraa buqqa’uu amantootaa raawwatamaa turan irratti hiriira nagaa gocha sukaneessaa kana balaaleeffatu amantootni dammaqinaan bahan sana dhaabbanni sab-qunnamtii keenya sa’aatii bal’aa kennee gabaasuu dhabuun isaa komii guddaa kan kaasise waan ta’eef dhaabbanni kunis waltajjii Mana Kiristaanaa ta’uun isaa beekkamee tajaajila foyya’aa kennuu akka danda’u ogeeyyi bajata gahaan deeggaramee, irra deddeebii sagantaalee hir’isee sagantaalee haaraa fi wayitawaa gabaasuun dhaabbata sadarkaa isaa eegate akka ta’u yaa’ichi gar-malee yaadachiisa.
- Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa biyyattii fi daangaa ishee eegsisuun; dhaloota kanaaf seenaa isaa, dabaree (darbii darboo) isaa, beekumsa isaa fi ogummaa adda addaa dabarsuun gumaachi isheen goote ol’aanaa dha. Ta’us, yeroodhaa yerootti naannolee tokko tokkotti gareewwan ejjennoo farra Mana Kiristaanaa qabatanii socha’an baay’achaa dhufan kun heera biyyattiin fi naamusa amantiin ala Mana Kiristaanaa keenya qoruumsa keessa galchuun dhiibbaa irraan gahaa argamu.
- Bara darbe kutaa lallabaa Sumaalee Itiyoophiyaatti badiin Mana Kiristaana fi amantoota irra gahe hoggantoota naannichaa bara sanaan karoorfamee fi kaayyeeffatamee kan raawatme waan ta’eef lubbuu namaa fi qabeenya amantootaa badeef gatiin (beenyaa/hiirphaa) ogeeyyiin shallagamee mootummaan nannichaa Mana Kiristaanaa keenyaaf akka kaffalu gaafatame osoo hin deebi’in, inumayyuu bara kanatti doorsisni fi gidiraan keessattuu Jimmatti, Kamiseetti, Harargee Bahaatti, Dirree Dawaatti, Goodina Sidaamaatti, Shawaa Kaabaatti, Matakkalitti, fi k.k.fakkaatanitti amantoota keenyarra gahaa jiru daran cimee itti fufuu isaatin Manni Kiristaanaa keenya gubamteetti, luboonni ishees Siida Aarsaa ishee jalatti qalamaniiru, amantootni ajjeefamaniiru, hidhamaniiru, iddoo jireenyaa isaanii irraas godaananiiru. Kanaafuu, carraaqqiin rakkoolee kana mootummaa giddu galeessaaf dhiheessuuf gama Qulqulluu Sinoodoosii godhamaa jiru akkuma eeggametti ta’ee, rakkoon kun yeroodhaa yeroottii dabalaa waan dhufeef doorsisa fi gidiraa Mana Kiristaanaa keenya irra gahaa jiru xiqqeessuufi dursanii ittisuun akka danda’amu badiin tokko gahuun isaatiin duratti erga gahe boodas koree ididla addunyawaa xiinxala fi odeeffannoo ogummaan deeggarame qaama dhimmi ilaallatuuf akkasumas amantootaaf dursee kennu, ogeeyyii seeraas of keessatti kan hammate, wiirtuu odeeffannoo cimaa kan qabu, walitti dhufeenyi isaas Teessoo Paatriyaarkii irraa kaasee hanga yaa’ii lallabaa Manneen Kiristaanaatti kan gahu Qulqulluu Sinoodoosiin akka hundeeffamu ni gaafanna.
- Warreen Ilaalcha foonii fi seeneessa dharaa uumuun kitaabaanis ta’e toora sab-qunnamtiitiin tamsaasan; ijaarsa biyyaaf , bulchiinsa gaariif, barumsaaf fi k.k.fakkaataniif walumaa galatti eenyummaa waliigalaa Itiyoophiyaa irratti tola ooltummaa guddaa kan oolte Mana Kiristaanaa keenya ishee ol’aantuu kana actiiviistootni fi namoonni siyaasaa sabaa fi sab-lammoota adda addaa irraa argamne jedhani fi ilaalcha foonii adda addaa qabatanii socho’an Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa hawwattuu SIRNA MOOTUMMAA ILAALCH-TOKKEE (አሐዳዊ ሥርዓት) fi amantaa saba tokkoo qofa akka taate fakkeessanii dubbachuun oduu dhugaa irraa fagaate afaarsan kun amantootni keenya shakkii hin taane keessa akka galan fi Mana Kiristaanaa isaanii akka shakkan taasisuun kun holola dogongoraa fi faayidaa tokkollee kan hin qabne waan ta’eef yaa’iin idila addunyaa kun baay’isee balaaleeffata.
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png
0
0
EOTC Afaan Oromo
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png
EOTC Afaan Oromo2019-11-11 13:18:382019-11-11 13:27:38Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii
Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii...Hiikkoo xummuramuu Faaruu (sirna Galateeffannaa) Tibba Abaaboo (ተፈጸመ...
Scroll to top