“Yaa Gooftaa gara boqonnaa keetti ka’i; atii fi Taabonni mana qulqullummaa Kees” ( Faar 131:8)

“Yaa Gooftaa gara boqonnaa keetti ka’i; atii fi Taabonni mana qulqullummaa Kees” ( Faar 131:8)

 

Hagayya 15                                                                Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

 

Yaa Giiftii Maariyaam Foonkee gara  bakka gammachuu guddaa fi fagoo ta’eetti ol ba’eef nagaan  ni mala; kunis gamoo ijaarsi isaa sakatta’amuu hin dandeenye bakka sanatti argamaatii”

  Addaam balleessee Waaqayyo wajjin waan wal loleef, kabaja isaa dhabee,duuti foonii fi duuti lubbuu itti murtaa’ee yemmu gannata keessaa ari’amu Waaqayyo dhiifamnii fi gaarummaan qabeenya Isaa ta’e dhiifama taassiseefii gara kabaja isaa jalqabaatti akka isa deebisuuf Addaam Waaqa isaa kadhateera. Waaqayyo Gooftaanis gaddaa fi gaabbii Addaam  ilaaluun yemmu Waggaan ( barri ) 5500 raawwatu dhala dhala kee irraa dhaladhee joora kee jooreen du’a kees du’a kootiin sirraa haqee, gara kabaja kee duraatti si deebisee jannata ; Mootummaa koo sin dhaalchisa. ( Gal.4:4) jechuun Waadaa galeeraaf.

Abbaan keenya Addaamis bu’uuruma Waadaa isaaf galameetiin yemmu dhumni barichaa gahetti bultii Waaqayyo Ilmaatiif kan filatamte; kan fayyina  Addaamii fi sanyii isaatiif sababa taate dhala dhala Addaam irraa kan dhalatte Giiftiin keenya Qulqulleettii dubroo Maariyaam dhalattee waggaa 15 yemmu guuttu missiraachoo ergamaa qulqulluu Gabri’eeliitiin bakka bultii Waaqayyo Ilmaa, bakka bultii Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos taate.

Yemmu mucaa ishee deesses sagalee namoota beektotaa ( sabaa sagal) “ Mootiin Aayihud inni dhalate eessa jira?” oduu jedhu Heeroods dhagahee mucaa dhalate ajjeessisuuf labsii baase( labse). Giiftiin keenyas mucaa Ishee Kiristoosiin baasuuf( du’a irraa hambisuuf) gara biyya Gibxii ( Misiraa) tti baqatte. ( Maat 2:12)

 

 

Barri baqaa sun dhumee gara biyya Iyyarusaalamitti erga deebi’anii booda Iyyasuus Kiristoos yemmu waggaa 30 guutu waa’ee Mootummaa Waaqayyoo; waa’ee bilisummaa dhala namaa lallabuu eegale. Boodas du’a sanyii Addaam balleessuuf, garbummaa balleessee bilisummaa labsuuf fannoo irratti fannifamee du’e. Guyyaa sadaffaattis du’aa ka’ee bilisummaa nuuf labse.

Deemsa jireenyaa kana hunda keessatti kan Ilma Ishii irraa adda hin baanee fi sababa fayyinaa kan taate Giiftiin keenya, fayyinni dhala namaa yemmu mirkanaa’u dhalattee waggaa 64 tti Amajii 21 boqotte.

Duukaabuutonni Gooftaas haati Isaanii qulqulleettii dubroo Maariyaam  Waan  isaan jalaa boqotteef Foon ishee Agobariidhaan baatanii gara Geetesemaanii deemani. Yemmu kana Yihudoonni “ dura mucaa ishee fannisnee ajjeesnaan duukaabuutonni isaa du’aa ka’e, ol ba’e, akka jedhan nu jeeqaa jiraataniiru; har’a ammo isheen kaate, ol baate akka jedhan nu jeequuf mitii? Kanaafuu Ibiddaan ishii gubna” jechuun ka’ani. Yihuudoota kanneen keessaa tokko kan ta’e kan Taawufaaniyaa jedhamu gara foon Giiftii keenyaa deemee agobara Foon ishee irra jiru sana qabate. Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluu Rufaa’eelis harka Taawufaaniyaa lamaan isaa iyyuu seefiidhaan irraa kute. Kanaafis harki taawufaaniyaa lamaanuu cite agobara irratti hafe.

Sana boodas Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos barreessaa Wangeelaa kan ta’e Qulqulluu Yohaannisiin dabalee Foon Giiftii keenyaa duumessaan ol fudhatee gannata keessa muka jireenyaa jala ishee kaahe. Yohaannis gannata keessaa  deebi’ee duukaabuutotatti Foon Giiftii keenyaa gara gannataatti ol fudhatamuu isaa Isaanitti hime. Duukaabuutonnis Foon Giiftii keenyaa gara gannataatti ol fudhatamuu isaa Yohaannis argee nuti osoo hin argiin hafne jechuudhaan Hagayya 1 hanga hagayya 14 tti Tsoomaniiru.

Waaqayyos gadda duukaa buutota Isaa ilaalee laftittiin Foon Giiftii keenyaa akka baastuuf akka ajajaniif ergamtoota  angafootaa torban ajaje. Isaanis  akka baatuuf Waaqayyo ajajeera jechuun yemmu dubbatan yemmu sana muka jireenyaa gannata keessa jiru kana jalaa foon Giiftii keenyaa bool’a keessaa baheera; duukaabuutonni Gooftaas kafananii awwaalaniiru.

Gooftaan keenyas  gara Mootummaa Isaa bara baraatti ergamtoonnii fi wareegamtoonni akka isheedhaaf sagadan ol baate. Akkuma Mootichi Daawit “ Uffata Warqee uffattee Giiftiin karaa Mirga kee dhaabatti” jedhe. ( Faar 44:9).

Duukaabuutota keessaa tokko kan ta’e Toomaas tajaajila Wangeelaatiif deemee waan tureef yemmu duukaabuutonni foon Giiftii keenyaa argatanii awwaalan achi hin turre. Tajaajila Wangeelaa xumuree Duumessaan  biyya tajaajila isaa Hindiitii gara duukaabuutotaatti yemmu dhufu Giiftiin keenya yemmu ol baatu argeera. Yemmuu sanas baay’isee gaddee “ duumessa sana irraa kufuu fedhe” “dursa du’aa ka’uu ilma kee osoo hin argiin hafeen jira; har’a ammo du’aa ka’uu kee osoo hin argiin hafe” jedhe. Yemmu kana gadda laphee isaa agartee Giiftiin keenya “ Hin gaddiin, duukaabuutonni warri kaan du’aa ka’uu koo fi ol bahuu koo hin agarre; ati garuu agarteetta, kaateetti; ol baateettis jedhii deemii duukaabuutotatti himi” jettee sabanii  ittiin kafanamte itti kenniteetti.

Kana boodas deemee “ Waa’een Giiftii keenyaa akkam ta’e?” jedhee duukaabuutota gaafate. Isaanis “Foon ishee argannee awwaalleera” jedhanii Toomaasitti himani innis : “ Amajii keessa duutee akkamiin Hagayya keessa awwaala ta’e? wanti kun kan ta’u hin fakkaatu” jedhee isaanitti dubbate. Qulqulluu Pheexroosis :- “ Ati amala keeti; ati qofti shakkitee hin haftu shakkitee namoota biraas shakkisiista” jedheen.  Toomaas garuu kan harkatti qabatee jiru waan beekuuf callisee isaan dhaggeefachaa ture. Inni callisnaanis Qulqulluu Pheexroos aaree deemee awwaala ( bool’a) Giiftiin keenya keessatti awwaalamte yemmu banu Foon Giiftii keenyaa waan bool’a sana keessaa dhabeef nahee dhaabbate.Yemmu kana duukaabuutichi Toomaas ana hin amantani jedheen malee du’aa kaatee ol baateetti jedhee isaanitti hime; sabanii harkatti qabee jiru isaanitti agarsiise.sabanii kanas barakataaf jedhanii duukaabuutonni hundi hirataniiru. sana booda Waggaa isaatti Toomaas ol ba’uu kee argee nuti osoo hin argiin hafne jechuudhaan Tsoomii eegalaniiru.gaafa guyyaa 16ffaas Gooftaan keenya isaanitti mul’atee Giiftii keenya Manbarii, Qulqulluu Pheexroosiin Luba lammaffaa; Isxiifaanosiin Diyaaqonii angafa taassisuun Qaddasee (sirna qulqulleessaa) gaggeessee Foonii fi dhiiga Isaa isaanii laateera.Duukaabuutonnis kana booda ergama tajaajilummaa isaanii cimanii raawwataniiru.Icciitii kana ilalaalchisees beektonni Mana kiristaanaa raajiin Mootichi Daawit “ Yaa Gooftaa gara boqonnaa keetti ka’I; atii fi Taabonni mana qulqullummaa kee” ( Faar 131:8) jechuun dubbate du’aa ka’uu giiftii keenyaa agarsiisuuf akka ta’e barsiisu. Waaqayyo Gooftaan Gadameessa ishii mana Qulqullummaa Isaa taassisuun irraa dhalateeraatii

Manni Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itoophiyaas kana bu’uureffachuudhaan Waggaa waggaadhaan Hagayya 1 hanga 14tti akka duukaabuutotaa tsoomanii; yeroo subaa’ee raawwatanii gaafa 16ffaa Du’aa ka’uu fi ol ba’uu Giiftii keenyaa labsanii Giiftiin keenya ol baateetti jechuudhaan akka kabajan barsiisti; ni raawwattis

Waaqayyo Gooftaan Gargaarsa Giiftii keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Nurra haa bulchu. Ameen!