Lubummaan eenyuuf mala? Kan jedhu, gaaffii bu’uurawaa kana kan deebisu dubbii ijoo “Lubummaan maali dha?” Kan jedhuu dha. Namootaaf waa’een lubummaa yeroo hundaa gaaffii kan itti ta’u hubannoo bal’aa lubummaadhaa waan hin qabaanneefi dha. Lubummaan afaan gi’iizitiin (ተክህነ- tajaajile) jedhu irraa kan bahe yoo ta’u tajaajiluu, eegamuu, kan birootiif jiraachuu, eenyummaa ofii laachuu, guutuu jireenya Waaqayyoof bichisiisuu dha. Lubummaan yoo jiraate luboonni /lubootni/ ni jiraatu. Lubummaan tajaajila, dibata, luboonni /lubootni/ immoo tajaajiltoota, dibatamtoota dha.
‘Lubummaan eenyuufi?’ kan jedhu yemmuu ilaallu lubootni jalqabaa ergamoota Waaqayyoo dha. Akkasumas, tajaajiltoota jalqabaa kan Waaqayyoo fi kan namaati
“Teessichatti? naanna’anii teessoo digdamii afur ni turan, isaanirras angafoota (luboota samii) digdamii afur ta’an ni turan. Uffata adaadii uffatanii, mataattis gonfoowwan warqee /sookoo/ kaawwatanii turan; gama hundumaan ijaan kan guutamanii dha. Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu Isa ture, Isa amma jiru, Isa dhufuufis jiru; hundumaa kan bittu Waaqayyo Gooftaa jechaa” guyyaaf halkan hin boqotan. Kunnis, baraa hamma baraatti lubbuun kan jiraatuf, Teessoo isaa irratti isa taa’eef, goonfoo isaanii Teessoo isaa duratti buusanii ni sagadu; akkasis jedhu: “Gooftaa keenyaaf Waaqayyo keenya Ati hundumaa uumteettaati, isaanis jaalala keetiin uumamaniiru. Jiraataniiruuti. Ulfinni fi galanni aangoonis Siif haa ta’u.” (Mul. Yoh. 4:4)
Kanaa olitti inni ilaalle kun lubummaa fi tajaajila lubummaaf bu’uura dha. “Guyyaas halkaniis hin boqotan” kan jedhu kun luboota mana kiristiyaanaa Ortodoksi Tawaahidoo ifatti mul’isa. Manni kiristiyaanaa “Qulqulluu, Qulqulluu Qulqulluu galatoonsaa samii fi lafa irratti kan guute dha.” kan jettu karaa lubummaa fi lubootaani. Lubootni ergamoota lafa irraa ti jechuu dha. Ergamootni akka galateeffatan isaanis ni galateeffattu, fuula Waaqayyoo duratti akkuma dhaabbatan ni dhaabbatu.
Tajaajilli lubummaa ergamootatti aansee kan laatame namaafi dha. Lubummaan namaaf laatame kun uumaa isaa akka galateeffatuuf qofa miti. Aarsaa dhiyeessuuf, ixaana aarsuuf, namas gargaaruuf kan laatame dha. “Lubummaan namaaf laatame” oggaa jennu, ‘namni hunduu luba dha’ jechuu miti. Gartuu dhala namaa keessaa lubummaaf kan filaman jiru. Dhalli namaa aangoo gurguddaa lama Waaqayyoo biraa fudhateera. Innis lubummaa fi mootummaa dha.
Lubummaan: kennaa hafuuraa, kan samii fi kan bara baraa nama sooru dha. Waaqayyoos ittiin ni tajaajilama. Mootummaan: namoota hundaa isa amanus isa hin amanneefis, kennaa lafarraa, kan foonii, isa darbu fi yeroo dhaaf isaaf ta’u soora. Lubummaan namootaaf laatameera yemmuu jennu namni hunduu ka’ee ‘An luba dha’ jechuu hin danda’u. Akkuma mootummaan namaaf laatameera jennee namni hunduu ka’ee ‘Ani mootii dha’ jechuu hin dandeenye hundaa. Mootummaan namaaf yoo laatame iyyuu mootii kan jedhamu isa dibame fi isa muudame malee namni hunduu ‘Ani mootii dha’ akka hin jenne hundaa, lubummaanis namaaf waan laatameef isa muudamee malee uummanni hunduu ani luba dha jechuu hin danda’u. kanaaf lubummaan namoota murtaa’aniif, kan filamaniif, kan kennamaniif qofa dha malee hundumaaf kan laatamu miti. Hunduu mootummaa yoo ta’e kan bitamu eenyu ta’a? eenyuu irrattis muudama? Hunduu luboota yoo ta’an eenyuun tajaajilu? Eenyuu irrattis muudamu? Kana jechuun kutaalee qaamaa akka balleessuuti.
“Kana hunda obboleessa kee Aaroonin, isa waliinis ijoollota isaa uffachiiftee lubummaadhaan akka tajaajilaniif ni dibdaan, ni muuddaan, ni qulqulleessitaanis.” (See. Ba. 28፥43)
Kanaa olitti akkuma ilaalle lubummaaf filamuun, adda ba’uun, dibamuun, muudamuun, ququlla’uun dirqama ni barbaachisa. Eenyumti lafaa ka’ee ‘An luba dha, ani raajaa dha’ jechuu hin danda’u. Aarsaa kan ta’u sabootni Israa’eel ni fidu; Aarooniif ijoolleen isaa aarsicha ni dhiyeessuun. Sabootni ofii isaaniitin dhiyeessuu hin danda’an. Hoolaa, Gugee, Bullaallaa, Sangaa ni fidu; lubootni harka isaanii irra kaa’uun ni kadhatu. Cubbuu fooniis ni dhibamsiisu. Sabootas ni barsiisu ni gorsu; sabootnis ni gorfamuu ni dheekkamamu. Malee caljedhanii lafaa ka’uun ‘Luba dha’ ofiin jechaa uummataaf luba ta’uun hin danda’amu. Muudamuun filamuun dirqama dha. Malee utuu hin muudamiin ‘Luba dha’ yoo ofiin jedhan balaan dhufu cimaa dha.
Sanyii Leewii irraa kan dhalatan Daattaanii fi Abeeroon irratti balaa ga’e kitaaba qulqulluu keessatti barreeffamee jira. “Ijoollota Isiraa’eel keessaa namoota dhibba lamaaf shantamaa fudhatanii Muusee fi Aaroonii irratti walga’uun, tuutni hunduu tokkoon tokkoon isaanii qulqulloota dhaati; Waaqayyoos gidduu isaanii jiraati; isin garuu baay’ee baay’istaniittu yaa’ii Waaqayyoo irratti maaliif oftuultu?” Jedhan. Muuseen yeroo dhagahetti Qoree fi warra isaatiif jecha adda isaatin ni kufe, “Bor Waaqayyoon nama isaaf ta’u, qulqulluu warra ta’us ni beeksisa; nama filates gara isaatti ni dhiyeeffata. Akkasis godhaa qoree fi sanyiin kee hunduu qodaa ixaana ittiin aarsan fudhaati bor fuula Waaqayyoo duratti abidda itti godhaa, ixaanas itti dabalaa; akkasis ni ta’a; Namni Waaqayyoon is filatu qulqulluu ni ta’a. … Tokkoon tokkoonsaanii qodaa ixaana ittiin aarsan fudhatan. Abiddas itti godhatan. Ixaanas itti naqatan, Muusee fi Aaroon wajjiin dukkaana walargamsaa fuulduratti dhaabbatan. Waaqayyoos Muusee fi Aarooniif akkas jedhee itti dubbate “Hunda isaanii battalatti akkan balleessuf gumii (tuuta) kana gidduutii fagaadhaa.” … Abiddiis Waaqayyoo biraa baatee warra ixaana aarsaa turan namoota dhibba lamaaf shantama nyaatte.” (See. Lak. 16:1-51)
Kan isaaniif hin laatamne fedhanii lubummaa utuu hin qabaatin ixaana aarsuuf galanii irbaata abiddaa ta’aniiru. Laftis banamtee liqimsiteettini. Lubbuun utuu jiran awwaalamaniiru. Lubummaaf kan filataman Aaroonii fi ijoolleen isaa garuu hin badne. Kana irraa akkuma argine lubummaaf filamuun, qulqullaa’uun, adda ba’uun, kennamuun ni barbaachisa. Kun utuu hin ta’in eenyumtuu ka’ee ‘luba dha, raajaa dha’ yoo ofiin jedhe balaan ijoollee Qoreerra gahe isarras ni gaha. Waaqayyo isa hin fille waan ta’eef. Ixaanni namoota kunniinii balaaf, Aarsan Saa’oolidhaas Mootummaa akka dhabuuf taasiseeraan. Saa’ool, Saamu’eel hamma dhufutti obsuu dadhabee aarsaa dhiyeessuu isaatiini dha kan mootummaan isaa harkaa fudhatame.
Lubuummaa Kakuu Haaraa Keessatti
Lubummaan biyya ergamootaatti fi kakuu moofaa keessatti maal akka fakkaatu ilaallerra. Biyya ergamootatti aarsaan: galateeffachuu, faarsuu/leellisuu (ውዳሴ) fi ergama ofii raawwachuu dha. Lubootnis ergamoota dha. Manni Qulqullaa’aansaas, biyya ergamootaa dha. Kakuu moofaatti immoo lubootni; leewoota ijoollota Aaroonii dha. Manni Qulqullaa’aansaas dunkaana itti wal ga’ani dha. Aarsaan: Loon, Hoolaa, Re’ee, Gugee, bullaallaa fi gosa midhaaniiti. Kakuu haaraa keessatti lubummaa, aarsaa fi luboota yoo ilaalle adda kan ta’ani dha. Lubummaanii fi lubootni adda kan ta’an sababa aarsichi adda ta’uu isaatini. Aarsichi waltajjii qaraniiyoo irratti aduunyaaf foonsaa muree dhiigaa isaa dhangalaasee kan nuu laate Iyyasuus Kiristoosi dha. Isa dursinee ilaalle aarsaan ergaamootadhaa addunyaa fayyssuu hin dandeenye. Aarsaan leewotaas aarsaa isa namni cubbamaan tokko fide sana, lubni abaarsa irraa adda kan hin baanetu aarsicha dhiiyeessaan; innis dhiifatama foonii qofa laachisaa ture. Haalli aarsichi ittiin dhihaatus hanqina qaba ture. Dhiifatamni isaas nama fideef qofa ture. Aarsaan Kakuu Haaraa garuu kan dhugaa ti; hanqina kan hin qabne fi kan dhiyeesse Iyyasuus Kiristoos dha. Kan aarsaa ta’es Iyyasuus Kiristoos dha. Kan aarsaa fudhates Iyyasuus Kiristoos ofumasaa ta’uun lubbummaa sana gonkumayyuu dhugaa taasisa. Lubbummaasaa isa dhugaa kana, aarsaa isa dhugaa ta’e kana warra dhieessaniif lubootaaf kenne. Lubbummaasaa fi tajaajilasa kasoomiinaan agarsiisee barsiisee, lubootaaf lubummaas aarsichas laateefi deeme.
Kana irraan kan ka’e lubootni Kakuu Haaraa aarsaa Ergamootni hin dhiyeessine aarsaan lubootni Kakuu Moofaas hin dhiyeessine kana akka dhiyeessaanii fi tajaajilaan aangoo lubbummaa kan laatameef ta’uu isaatin lubbummaan ol’aanaa, iccintinsaas kan gadi fagoo ta’ee fi tajaajilli isaas kan adda ta’e ta’uu isaa hubachuun barbaachisaa dha.
“ዘኢተገብረ ለመላእክት ተገብረ ለካህናት; Ergamootaaf kan hin taane lubootaaf ta’e. ወኢተአምሩኑ ከመ መላእክተ ጥቀ ንኴንን ኅድጉሰ ዘዝ ዓለም። Murtii biyya lafaa kana dhiisaatii ergamoota irrattis akka murteessinu hin beektanii? (1 Qor 6፥3)
“Hangan dhufutti, dubbisuun fi gorsuun; barsiisuun fi kadhachuun of eeggannaa taasisi. Raajii dubbachuu waliin; phaaphaasotaan, harka sirra kaa’uu kan siif laatame, Kennaa sirra jiru hin salphisin.” (1 xim 4:15)
Aangoon lubummaa Kennaa harka namarra kaa’uun; phaaphaasotaan kan kennamu dha. Kana salphisuun hin barbaachisu. Lubootni, mudamtootni Waaqayyoo; ifa Waaqayyoo ti. Cubbamtootas kan ilaalu, kan daawwatu karaa isaaniitini. “Dhaqi ofii kee lubatti agarsiisi.” (Mat 8:4) Lubni nu laale jechuun Waaqayyoon nu laale jechuu dha. Lubni ifa Waaqayyoo dha ti. Ijoollee Waaqayyoo kan taanu lubootaan cuuphamneeti.
Lubootni, kana hunda raawwachuu akka danda’aniif aangoo kan qabani dha. Akkasumas, taayitaan lubummaas kan itti laatame, Waaqayyoodhaann kan filaman, seexanas kan adaban, cubbuus akka gaga baqsanii kan balleessani dha. Namas gara Waaaqayyyoo ni dhiheessu. Gumii amantoota Waaqayyoos ni eguu, dirree laliftuu irratti fi gara bishaan qulquulluutti ni bobbaasu. Jechuun, Wangeela Qulqulluu kan hin faalamne fi kan hin makamne barsiisu. “Cubbuu biyya lafaa kan balleessu Hoolaan Waaqayyoo kunoo.” (Yooh 1:29) jechaa nama hunda gara jireenya bara baraatti kan waamani dha.
Waaqayyoof galanni haa ta’u.
M/K/O/Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Qindeessaa fi Qajeelchaa Manneen Barnoota Sambataa