Koottaa wal ceephanna (ISAY. 1:18)
Sisaay Fiqaaduu
Eessaan jira laata jedhii of ilaali
Kufuuf dhaabbachuu kee xiinxali madaali
Eddoo kee kalee moo bakka biraa jirta
Waadaa fudhatte hoo dhuguma eegdeettaa?
Maaliin dabarsite yeroo siif laatame
Fayyadamteerta moo diinatu si saame
Soba dhugaa godhee sitti asaasuudhaan
Yeroon inni si waame sitti dhihachuudhaan,
Kan kana hin hubannee hedduutu nyaaatame
Kirrii morma isaarraa kukkutee kan deeme
Lakkoofsa hin qabu kan yeeyyiin waamame
Atihoo akkami kana hubatteetta
Yeroo ati qabdu amma ta’uu beektaa
Gorsa Mana Kiristaana kee hojiitti hiikteettaa
Moo akkam laata kallatii jijjiiruun kirrii kee kutteettaa?
Abboommii Waaqa kee akkamiin eegdetta?
Waamicha Mana Kiristaanaaf lapheen owwaaatteettaa?
Barnoota ishiitis akkamiin ilaalta?
Foon moo lubbuu keetiif iddoo guddaa laattaa?
Maarre of ilaaluun hunda keenyaaf ta’a
Guyyaaan gaafatamnu guyyichi ni ga’a
Deebiisaa yoo dhabne numatu qaana’aa
Akka hin dagannee deebisuuf qophaa’aa
Hiree nuuf kenname hedduutu nurra jira
Akka ittiin hojjeennuuf eenyut hubateeraa?
Kennaa isaaf kenname hedduun dagateera
Isin hoo akkamii hubattanii hadaraa
Abboolii fi haadholiin firii keenya eegaanii
Sagalee Waaqayyoos kan hiruuf dhabanii
Meeqatu badeera diinaan saamamanii
Nyaata lubbuu isaanii barnoota dhabanii
Birmannaa dhabuudhaan imimmaan roobsanii
Osoo nu eeganii nuuf jirtu jedhanii
Hedduutu badeera diinaan saamamanii
Unu barattootatti imaanaa kennanii
Amantaa akka eegnuuf kirriis nutti hidhaanii
Gala nuuf gudunfuun ofii beela’anii
Aannoo kee eeggadhu hadaraa dhaamanii
Jechuun nu gaggeessan gaafa manaa baane
Obboleeyyan keenya heeddu waliin taanee
Mee of cinaa ilaala har’a meeqa taane
Guyyaa jalqabaa fi kan ammaa ilaalaamee
Bineensa baraatiin hedduutu nyaatame
Gorsi abbaa fi haadhaas tasa dagatamee
Daandii dhugaa kana gadhiisee kan deeme
Hedduu isaanitii kan yeyyiin nyaatame
Ka’aa haa dammaqnu rafuu miti dubbiin
Yeroon boo’uu amma yoo galanis gaabbiin
Galaa qopheeffachuun osoo of hin nuffiin
Guyyittiin isheen dhumaa osoo nutti hin dhufiin
Aduun barii baate otoo nutti hin lixin
Yeroon keenya amma osoo hin dukkanaa’iin
Ofii dhaabbatanii kan kufee ol kaasuun
Sagalee Waaqayyoon kan bade deebisuun
Dhugummaa amantii hojiitiin mul’isuun
Yeroon fayyuu amma miti itti karoorsuun
Mee of cinaa ilaalaa teessoo duwwaa kana
Xiqqoo mee yaadadhaa kan jalqabaa sanaa
Maali yoo wal kakaasnee maaf ofittoo taana
Affeerraa fooniif hoo hundatu wal waama
Baay’eeyyuu moo miti xiqqootu dhagahama
Kan lubbuu yoo ta’e garuu kunoo akkana
Dammaqaa jarana lakkisaa mee kaana
Kan jalqabe miti kan xumure taana
Egaa kan darbe darbeera amma nu haa ga’u
Amantiin keenya Hojii duukaa haa ta’u
Deemsii fi karoorri kee fulduratti malee
Duubaatti hin deebii’iin laaqii isa kalee
Lubbuu nu dheebotte mee dheebuu haa baasnu
Laphee bakkee labuu daandiitti haa deebisnu
Imimmaan haadhoolii kuunno kan baadiya kootta haa qoorsinu
Hojii fi amantaa dhugaa walsimsiisnee
Firii haa oomishnu kan barre barsiisnee
Waaqayyoo nu waamee yeroo nu eeggatu
Umurii eebbisee yoo carraa nuu laatu
Nuti maaliif laafna gargaaraa osoo qabnuu
Daandiittiin dhugaa dha silaa shakki hin qabnu
Obboleessa obboleettii maaliif hin kakaasnu
Akka phaawuloos fa’a qulqulloota hedduu
Manni Miristaana baadiyyaa yoo jigdu
Maalii yoo quuqamne maaliif nu hin yaaddessu
Maaliif kan callisnuu diinni yoo hadheessuu
Hiree nurraa jiruu dhugumaan yoo beekne
Waamichaa mana amantaa maaliif hin Owwaannee
Sababii maal qabna badii keenyaaf nutii
Manni Kiristaanaa yeroo hunda nu waamti
Afaan nuti beeknus kunoo ni dubbatti
Sagalee dhageenyuun kunoo nu barsiisti
Kanaaf maal jennaree sababii maal qabnaa
Hin dhageenye jechuuf yeroo hundaa baranna
Kanaaf rafuu hin qabnu cimneetu tattaafanna
Har’a yoo fakkaates kun hundumtuu laayyoo
Foon qofaaf yoo fiigne isa boriin isaa biyyoo
Yoo itti hin jiraannee sagalee Waaqayyoo
Guyyaan tokko ni dhufa kan nu jechiisiisu wayyoo