Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Imaltoota Emaahus (Luq 24:13-35)

in Tibbana

Imaltoota Emaahus (Luq 24:13-35)

                                                                             Tolchaa Kebbebewun

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa du’aa ka’e sanatti duuka bu’oota Isaa keessaa Luqaas fi Qalawoopha kan jedhaman, Iyyerusaaleem irraa gara Emaahus deeman turan. Emaahus Iyyerusaaleem irraa boqannaa 60 fagaata ture. Jarris waan yeroo sana ta’e waa’ee Gooftaa Iyyesuus Kiristoos kan ta’e hunda haasawaa deemu turan. Yeroo kana Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos isaan waliin adeema ture; ijji laphee isaanii garuu akka Isaa hin hubanne ittifamee ture. Innis “Otoo dadhabbiin deemaa jirtanuu kan haasoftan kun maali?” jedhee isaan gaafate. Isaaniis “Kan Iyyerusaaleemitti ta’e kana kan hin beekne ati biyya kanaaf keessumaa dhaa?” jedhaniin. Innis “Maali inni” jedheen. Isaanis deebisanii “Waa’ee Iyyesuus isa Naazireet kan Waaqayyoo fi namoota biratti angoo-qabeessa turee warri Lubootaafi angafootaa garuu dabarsanii du’aaf Isa kennan nuti garuu Isiraa’eeliin kan furu Isa jenne abdana ture; ammas kuni ega ta’ee har’i guyyaa sadaffaadha. Kana malees warra gara keenyaa keessaa dubartoonni ganama iddoo awwaalichaa dhaqanii raajii akka argan ni dubbatu, foon Isaas achi akka hin jirre akka du’aa ka’es ni dubbatu. Warra nuwaliin jiran keessaas dhaqanii akkuma dubartootni jedhan ka’uu Isaa akka baran dubbatu, nu’i garuu hin argine” jedhaniin. Gooftaaniis deebisee “Isin kan hin hubanne fi onneen/lapheen keessan kan hin amanne! Kiristoos kana hundumaa dhiphatee booda gara ulfina Isaa ni gala mitii?” jechuudhaan kitaabota Muusee fi Raajota keessatti waa’ee Kiristoos kan barreefaman hikee itti hime. Bakka deeman Eemaahus yeroo gahanis waan Inni fagoo deemu waan isaanitti fakkaateef aduun dhi’aa akka jirtu itti himuun akka isaan waliin bulu kadhatan. Innis isaan waliin gara mana isaanii seenee/lixee isaanuma waliinis taa’ee nyaata eebbisee yeroo kennuuf ijji laphee isaanii banamee Isa ta’uusaas baran. Innis isaan biraa ni dhabame. Isaan garuu isa Gooftaan amma gubbaa irraa humna argattanitti Iyyeruusaalemii hin ba’iinaa jedhe yaadachuun yeruma san gara Iyyerusaaleemitti deebi’an. Nutihoo imaltoota Eemaahus kana irraa maal baranna?

Dhugaa Bahuu

Imaltoonni kuni karaa yeroo deeman waa’ee Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos, dinqii fi raajii Inni hojjete, namoonni warri luboota Faarisotaa akkamitti akka Isa fannisanii ajjeesan, akka awwaallame, du’aas akka ka’e haasawaa fi wal-jajjabeessaa, mari’achaas deeman turan. Yeroo sana namoonni Gooftaa Iyyesuus Kiristoosiin waaqa dha jedhanii fudhatan hundi akka doorsifaman, miidhaman ykn ajjeeffaman ta’ee ture. Kunis luboota fi angafoota Faarisotaatiin kan labsame ture. Imaltoonni kun garuu sodaa fi qaanii tokko malee waa’ee Isaa haasa’u turan. Yeroo Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos nama karaa deemu fakkaatee isaanitti makamu illee eenyummaa Isaa otoo hin beekiin ykn warra isaan miidhuu danda’aniifi mitii isaa otoo adda hin baafatiin wanta beekanii fi wanta dhugaa ta’e dubbataa turan.

Akkasuma nutis waa’ee fannoo fi du’aa ka’uu Goftaa keenyaa, waa’ee amantaa keenyaa, waa’ee Mana Kiristaanaa keenyaa, sodaa fi qaanii tokko malee dhugaa bahuu akka qabnu irraa barachuu qabna. Imaltoonni kuni waa’ee Gooftaa keenyaa waan haasawaa fi xiinxalaa deemaniif Gooftaa isaanii simachuu danda’aniiru. Otoo akkas hintaane ta’ee carraa Gooftaa simachuu hin argatan turan. Dabalataanis, imaltoota kanarraa wanti barannu amantaa keenyaaf dhimmamuu akka qabnuu dha. Waa’ee fannoo fi du’aa ka’uu Gooftaa wallaaluun imalaa sanaa isaaniif hin fudhatamu ture. Kanaafis “Wanta Iyyerusaaleemitti ta’e kana kan hin beekne ati keessummaadhaa?” jedhan. Kanaaf nutis akka Kiristaana tokkootti wanta Mana Kiristaanaa keessatti raawwatamu irratti keessummaa ta’uun nurraa hin eegamu, ga’ee keenya bahuutu nurraa eegama malee. Yeroo dadhabbii keessa jirru ykn yeroo qorumsa adda addaa keessa galle illee amantaa keenya dagachuu akka hin qabne nu hubachiisa.

Dhiibbaa namarra gahuu kamiyyu sodaachuun, qaaniidhaaf ykn faayidaa adda addaatiif jedhanii dhugaa dubbachuu dhabuun sirrii akka hin taane imaltoonni kun nubarsiisuu. Kunis dhugaa wanta ta’e ifa baasuun Waaqayyo fuulduratti kabaja guddaa akka nuuf argamsiisu Goftaan yeroo dubbatu “kan namoota fuulduratti dhugaa naaf bahe anis fuula Abbaa Koo Isa samii durattin dhugaa bahaaf, kan namoota fuulduratti ana gane garuu anis isa nan gana” jedhee dubbateera, Maat 10:32.

Abdii Keenya Waaqayyo Qofa Irratti Gochuu

Imaltootni kuni abdiin isaanii Gooftaa Iyyesuus Kiristoos qofa ta’uu isaa raga bahaniiru. Faayidaa adunyaa kanaa irra fayyina Gooftaa biraa argatan abdii godhatanii hanga Gooftaan fannifamutti akkasumas hanga du’aa ka’uu Isaatti turan. Dadhabbii fi hir’ina isaanii kan guutu Gooftaa ta’uu isaa otoo hin dagatin akkasumas otoo abdii hin kutin jiraachuu danda’aniiru. Gooftaan yeroo “Isin kan hin hubanne fi onneen/lapheen keessan kan hin amanne!” jedhuun dadhabbina isaanii fudhachuudhaan akka irra caalaa barumsaa fi amantii argatan onnee/laphee isaanii qopheessan. “Yaa Gooftaa akka waan baay’ee nutti himtu nu waliin gali” jedhanii kadhatan. Nutis abdiin keenya Isa qofa ta’uu amannee dadhabbina fi hir’ina amantii nuti qabnu akka Inni nuuf guutu onnee/laphee keenya banuudhaan barumsa Mana Kiristaanaa keenyaa dhaga’uu akkasumas Gooftaa keenya gara onnee/laphee keenyaatti galchuutuu nurraa eegama.

Keessummaa Simachuu

Imaltootni kuni akkuma Abraham abbaa isaanii keessumaa simachuutti ni gammadu turan. Kanaaf eenyummaa Isaa otoo hin bariin Gooftaadhaan nuwaliin galtu malee jedhanii kadhatan. Qulqulluu Phaawuloos keessummaa simachuun akka nurraa eegamu yeroo nutti himu “Keessummaa simachuu hin dagatinaa namoonni tokko tokko otoo hin beekiin Ergamoota Waaqayyoo illee simataniiru” nuun jedha, Ibr 13:1-2. Luqaas fi Qalayoophaanis ( ቀለዮጳ)otoo hin beekiin Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiin mana isaaniitti simachuu danda’anii jiru. Nutis keessummaa kabajuufi simachuu, abbootii keenya kabajuun akka nurraa eegamu nubarsiisa.

Waaqayyo kan Hir’ate Akka Nuuf Guutu Amanuu

Gooftaan erga isaan waliin gale booda amantii fi hojii isaanii ilaale. Abdiin isaanii Gooftaa qofa ta’uu isaa, sodaa fi qaanii tokko malee kan isaaf ragaa bahan ta’uu isaanii, dhugaa ijaan argan fi kan gurraan dhaga’an malee soba kan hin dubbane ta’uu isaanii, waa’een fannifamuu, du’uu fi du’aa ka’uun Gooftaa isaan biratti iddoo guddaa akka qabu fi amantaa isaaniitiif iddoo guddaa akka qaban ega ilaalee booda Gooftaan mana isaanitti waliin galuuf eeyyama isaa ta’e. Nyaatas eebbisee kenneefii ija isaanii bane, akka Gooftaa arganis taasise. Egaa, imaltoonni kuni eebba kana hunda kan argatan Waaqayyoo hir’ina isaani akka guutu amantaa waan qabaniif dha. Kanaaf, nutis nyaata bara baraa kan ta’e Foon fi Dhiiga Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin fayyina bara baraa akka argannu sodaa fi qaanii tokko malee dhugaan raga bahuu, abdii keenya Gooftaa qofa gochuu, walharkaa fuudhinsa (ትዉፊት) amantaa fi seera Mana Kiristaanaa keenyaa kabajuu akkasumas hir’ina keenya kan guutu Gooftaa akka ta’e amantaa qabaachuun nurraa eegama.

Akkuma imaltoonni yeruma sana hatattamaan gara Iyyerusaaleemitti deebi’an, nutis yeroo otoo hin fudhatin hatattamaan gara Mana Kiristaanaa deebinee akka jiraannu Gooftaan nu haagargaaru. Ameen!

Gargaarsi Waaqayyoo nurraa hinfagaatiin!

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2016-05-28 15:57:392018-10-26 09:21:07Imaltoota Emaahus (Luq 24:13-35)
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: QO’ANNAA KITAABA QULQULLUU Link to: QO’ANNAA KITAABA QULQULLUU QO’ANNAA KITAABA QULQULLUU Link to: “Iyyeruusaaleem Keessa Turaa” Luqa. 24:49 Link to: “Iyyeruusaaleem Keessa Turaa” Luqa. 24:49 “Iyyeruusaaleem Keessa Turaa” Luqa. 24:49
Scroll to top