Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Gara samiitti ol ba’uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos

in Barumsa Amantaa

Gara samiitti ol ba’uu Gooftaa  keenya Iyyasuus Kiristoos

Damissee Jemaanee

Ayyaanota gurguddaa saglan   kan gooftaa keenya iyyesuus kiristoos keessaa tokko ayyaana ol samiitti bahuu dha. Ayyaanni  kunis akka mana amantaa  ortoodoks  Tawaahidoo Itiyoophiyaatti ayyaana faasikaa yookiin du’aa ka’uu booda gaafa guyyaa afurtamaffaa kan kabajamu dha.

 

Gooftaan keenya Iyyasuus  Kiristoos du’a du’a Isaan moo’ee gaafa guyyaa sadaffaa erga ka’ee booda yeroo  adda  addaatti duuka bu’ootaa fi namoota tokko tokkotti mul’achuun isaan barsiisaa tureera. Guyyaa afurtamaafis  erga isaan barsiisee booda  “Egaa jabaadhaa gara abbaa kootti ol   b a’een Afuura Qulqulluu hanga isinii ergutti asuma Iyyarusaalem turaa” jedhee osoo ilaalaa jiranii suuta suutaan ol jechaa, deeme yookiin ol bahe.Waaqayyo  Gooftaan ol ba’e yommuu jennu amala foonii mul’isuuf malee bakki kan Isa murteessu ta’ee miti .Waaqayyo iddoo hunda  jira.    ( Faar. 138:7-13)

Namootni tokko tokko gara samiitti kan ba’an nijiru. Kan ol b’anis aangoo mataa isaaniin osoo hin taaneen gargaarsa waaqayyoonidha.Eeliyaas saragallaa abiddaan ol kan ba’e  aangoo fi humna mataa isaatiin hin turre (2Moot 2:11). Waaqayyo garuu ol ba’uuf akka Eeliyaas saragallaan abiddaa isa hin barbaachisne. Aangoo fi humna mataa Isaatiin osoo duukaa bu’oonni argaa jiranii suuta suutan ol fagaachaa ijji isaanii arguu hanga dadhabutti olba’uun duumessa keessa seene. 

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo du’aa ka’etti qofa osoo hin taane ,erga ka’ee booda duka bu’oonnis ta’e namootni tokko tokko argani. Sababni isaas erga ka’ee booda guyyaa muraasaaf isaan wajjin waan turuuf du’a moo’ee ka’uu Isaa isaanitti himaa; duuka bu’oonni jalqaba du’aa ka’uu Isaa osoo hin taane dhuma du’aa ka’uu Isaa argani. Ol ba’uu garuu jalqaba isa malee dhuma isaa hin agarre. Sababni isaas erga inni deemee booda kan isaanitti himu waan hin jirreef yeroonni ol ba’u ilaaluun isaanii dirqama ture. Kana ilaalchisuun qulqulluun Luuqaas hojii duukabuutotaa 1:10 irratti ‘’Inni yeroo deemutti gara samii callisanii osoo ilaalanii ‘’jedhee ibseera. Yeroo du’aa ka’etti duuka bu’ootatti altakkaan itti hin argamne yeroo adda addaatti ture malee. Isaan wajjin guyyaa afurtamaaf waan turuuf yeroo adda addaatti isaanitti mul’achaa isaan barsiisaa ,isaan jajjabeessaa tureera. Yeroo olba’aa jirutti garuu duuka bu’ooni hunduu bakka tokko osoo jiranii itti mul’atee ol ba’eera. Ol ba’uu Isaa akka amananiifi dha. ‘’ Duuka bu’oonni osoo argaa jiranii ol fagaachaa ,fagaachaa duumessi ija isaanii irraa dhoksite’’  Luq. 24:51  jedha.ol ba’uu isaas dhuguma ijji isaanii argeera .arguun isaanii kun soba akka itti hin fakkaanneef yookiin dhugaa ta’uu isaa akka amananiif  ergamootni ragaa dhumaa bahaniiruuf.

Ragaa ergamootaa

Ergamootni  Gooftaa yeroo adda addaatti ragaa nuu ta’aniiru. Gooftaan gooftotaa dhala namaa dubroo Maariyaam irraa akka dhalatu dhufanii gammachiisan.Yeroo dhalatutti dhufanii tiksitoota gammachiisan.Yeroo fannifamuttis dhufanii Isaaf sagadan. Du’aa yeroo ka’uttis Maariyaam Megdelaawititti argamuun Gooftaan akkuma dubbate ka’eera jedhan. Yeroo olba’es ergamootni waaqyyoo lama nama fakkaatanii duukaa bu’ootatti argamuun  ‘’Isin yaa namoota Galiilaa ol samii ilaalaa maaliif dhaabattaniittu ? akkuma osoo ilaaltanii ol ba’e Iyyasuus Kiristoos akkanumaan ni dhufa’’  (Hoj.duuk 1:10)  jedhanii duuka bu’oonni ol ba’uu Gooftaa dhugaatti akka amananiif ragaa bahaniiruuf. Ergamootni lama ta’anii argamuun isaanii ragaan lamaan waan raaga’uufidha. Nama fakkaatanii mul’achuun isaanii ulfina isaanii fi fuula isaanii fuuldura namni dhaabachuu waan hin dandeenyeefi. Samiirraa bu’uu isaaniif huccuun isaan uffatan kan baay’ee ifu ture.

Osoo argitanii akkuma ol ba’e akkanumaan deebi’ee dhufa jechuun maal jechuudha?

Iyyasuus Kiristoos kan ol ba’e foon uffateenidha. Dubroo Maariyamii irraa foon uffateen du’ee du’a moo’ee ka’uun gaafa guyyaa afurtamaffaa foonuma uffateen aangoo mataa Isaatiin ol ba’eera.     Akkuma argitan foon uffatee ol ba’een foon uffatee murtoo dhaaf deebi’ee nidhufa.Waaqayyo warra gaarii hojjetaniin  “Isin eebbifamtoota Abbaa koo addunyaan osoo hin  uumamiin  bakka isiniin qopheessetti koottaa gala” jedhee mootummaasaa dhaalchisuu fi warra cubbamootaan “Isin hin beeku narraa deemaa” jedhee murtoo abidda bara baraa itti murteesuuf deebi’ee foon uffatee ni dhufa.

Waaqayyo sagalee xurumbaa fi ililtaadhaan gara samiitti ol ba’e

Waaqayyos yeroo olba’etti sagalee xurumbaa fi ililtaadhaani. Sagalee xurumbaan ol ba’e yommuu jennu moototni gaafa gara lolaatti bobba’an xurumbaa afuufaa fi moo’anii gaafa deebi’anis xurumbaa afuufaa namoota walitti qabanii gammachuu guddaa akkuma godhan Waaqayyos gaafa ol ba’e gammachuu guddaan ni ta’a jechuudhaaf Waaqayyo sagalee Faggaa( Malakata) ol ba’e jedha.Duuka  bu’oonni Gooftaa gara magaalaatti yeroo ba’an faaggaa (Malakata)  afuufu. Namootnis dhagahanii deemanii baratu ture. Olba’uun  Iyyasuus Kiristoos akka sagalee Malakataa daangaa hanga daangaatti dhaga’amuuf danda’eera.

Egaa walumaagalatti Waaqayyo yeroo olba’uuf  ka’etti duuka bu’oota hunda walitti qabee humni hanga isinii ergamutti asuma iyyarusaaleem turaa jedhee isaan barsiise. Isaanis ol ba’uu Gooftaa booda guyyaa kudhaniif  baka tokkotti walitti qabamanii haadha Gooftaa dubroo Maariyaam qabatanii kadhaatiin turan. Gooftaan du’aa ka’ee booda gaafa guyyaa shantamaffaa yookiin ol ba’ee booda gaafa guyyaa kurnaffaa Afuura Qulqulluu kan isaan cimsuufi jajjabeessu isaaniif ergeera.

Araarri Waaqayyoo kadhaan dubroo Maariyaam gargaarsi qulqullootaa nu hunda keenya waliin haa turu.

                                                                                               

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2015-05-23 07:11:592018-10-26 09:21:20Gara samiitti ol ba’uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Seenaa Haadha Keenya Qulqulleetti Dubree Maariyaam Link to: Seenaa Haadha Keenya Qulqulleetti Dubree Maariyaam Seenaa Haadha Keenya Qulqulleetti Dubree Maariyaam Link to: Falaasama Humnaa Isa Haaraa Link to: Falaasama Humnaa Isa Haaraa Falaasama Humnaa Isa Haaraa
Scroll to top