ABUNE GEBRE MENFES QIDDUS(AABBOO)
ABUNE GEBRE MENFES QIDDUS(AABBOO)
Mulugeetaa Ayyaalew
ONKOLOLEESSA SHAN GUYYAA ABBAAN KEENYA ABUNE GEBRE MENFES QIDDUS(AABBOON) WAADAA(QAAL-KIDAANII) WAAQAYYO IRRAA ITTI FUDHATAN
Abbaan keenya Abune Gebre Menfes Qiddus/Aabboon; biyyi dhalootaa isaanii Gibtsi; iddoo Nihiisaa jedhamtu yoo ta’u; Abbaan isaanii Simi’oon, haati isaaanii immoo Aqleesiyaa jedhamu. Abbaa fi haati abbaa keenyaa Abune Gebre Menfes Qiddus/Aabboo akka ajajaa fi abboommii Waaqayyootti kan jiraatan yoo ta’u; dhala otuu hin argatin woggaa soddoma obsanii Waaqayyoon kadhachaa jiraatan. Akkuma barte gaaf tokko Aqleesiyaan Mana Waaqayyoo seentee ; fakkii Sillaaseejalatti kuftee; boo’aa yemmuu kadhattu;” ilma kabajni isaa fageenya samii caalu kunoo fudhadhu” sagalee jedhu dhageessee ;gammadaa gara mana isheetti Waaqayyoon galateeffachaa deebite. Egaa bu’uuruma kanaan Abbaan keenya Abune Gebre Menfes Qiddus/Aabboon Bitootessa 29 garaa haadha isaaniitti hafan (gadamessa haadha isaanii Aqleesiyaa keessatti uumaamanii) Muddee, 29 guyyaa kabajamaa fi jaallatamaa; guyyaa yaadannoo Gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos gara addunyaa tanaatti kabajaan dhufan.
Akkuma yeroo ifa keessatti ija banatan wantoota muul’atu irra iji namaa qubatu sana; Abbaan keenyas akkuma gadaamessa haadha isaanii keessaa ba’anii lafa tuqaniin taraf jedhanii lafaa ka’uun; Abbaaf galanni haa ta’u, Ilmaaf galanni haa ta’u, Afuura Qulqulluuf galanni haa ta’u,kan dukkana keessaa na baastee gara ifaatti na ceesiste jedhanii galateeffachuu isaanitiinii fi sana boodas midhaanii fi bishaan biyya lafaa otuu hin nyaatin hin dhugiin galata qofaaf jabaatanii dhaabbachuu isaanitiin Ergamoota samii fakkaatu.
Waggaa sadi yommuu guutan Qulqulluu Gabri’eeliin Qulqulleettii Dubree Maariyaamii fi Qulqulloota gannata keessa jiraniin eebbisiisee; deebisee Kawaalota (Gadaamota) itti gaafatamtoonni keessa jiran balbala irraan ga’ee deeme. Itti gaafatamaan Kawaalichaa mallattoon itti himamee yommuu ilaaluuf deeman fuulli isaanii kan nama gammachiisu ta’ee argataniiru. Isaanis guddisanii; barsiisuun muudamaa monoksummaarraan ga’aniiru. Sana booda kennaan fayyisummaa laatameefi guyyaa tokko keessaatti qaroo dhabeeyyii kumaatamaan lakkaa’aman fayyisaniiru. Kana irraa ka’uudhaan uummanni baay’een raajii/dinqii isaanii kana dhagahuudhaan hojii isaan hiiksisanii rakkisnaan; Ergamaan Gabri’eeliin koola/koochoo isaatiin baatee Gooftaa keenya fuulduratti isaan dhiyeesse. Gooftaan keenyas; qabsuuraa fi eebba keetiin namoota baay’ee du’a lubbuu irraa fi ibidda bara baraa jalaa baasta waan ta’eef uummata gidduutii ba’iitii bosonatti gali jedheen. Jireenyi keetis namoota wajjiin otoo hin ta’in; Leencota 60 fi Qeerransoota 60 wajjiin ta’a. Abbaan keenyas bineensoonni kun maal nyaatanii ana wajjiin jiraatu jennaan, bakka miillikee ejjete qofa arraabanii quufu jedheen. Sana booda gara Kaawaalaa seenanii Leencotaa fi Qerransoota qofa wajjiin jiraachuu jalqaban. Haala kanaan woggaa soddoma erga jiraatanii booda; Gooftaan sadummaa fi tokkummaan itti muul’atee maal akkan siif raawwadhu barbaadda jedheen. Abbaan keenyas jalqaba iddoo jiraniif kadhachuu wayya waan ta’eef; namoota biyya Gabootaaf cubbuu isaaniif dhiifama naaf taasisi jedhaniin. Battala sanatti cubbamoota kuma sadi si’ool keessaa baaseefi gannata galcheefira.
Sana booda; gara Itiyoophiyaa deemii lubbuuwwan baay’ee cubbuu irraa oolchita jedheenii; Gooftaan gara Biyya keenyaa Iiytoophiyaa akka dhufan isaan ajaje. Qulqulluu Gabri’eeliinis bubbeetiin/qilleensaan fe’ee bakka yeroo ammaa Godina Guraagee keessatti argattu iddoo Midra-Kabdi jedhamutti isaan qubachiise. Itti aansees yeroo ammaa Godina baha shewaa keessatti iddoo argamu tulluu Qulqulluu Cuqqaalaa/Zuqaalaa/ isaan geesse. Isaanis cubbuu uummata Itiyoophiyaa ilaaluudhaan haroo keessa mataan dhaabbatanii kadhachuu eegalan. Gaafa guyyaa 40 guutan ; Ergamaan dhufee; yaadannoo kee kan raawwate, maqaakee kan waame hundumaa cubbuurraa siif qulqulleesseeraa koottu ba’ii siin jedheera Gooftaan ittiin jedheen; Abbaan keenya garuu uummata Itiyoophiyaa hundumaa cubbuu isaanirraa yoo naaf qulqulleessite malee hin ba’u jedhanii diduun kadhannaa isaanii caalaattuu itti fufanii woggaa dhibba tokko guutuu bishaan keessa mataan dhaabbatanii kadhachaa turan. Gooftaanis waggaa dhibba booda dhufuun Itiyoophiyaa guutummaashee cubbuu irraa siif qulqulleesseeraa koottuu ba’i jedheen. Sana boodas gara iddoo Midre-Kabdi jedhamutti deebi’anii samii fi lafa gidduu qilleensa gubbaa dhaabbachuun woggaa torbaaf akka utubaatti dhaabbatanii yemmuu kadhatan; seexanni inaaffaaf boqannaa hin qabu waan ta’eef; quuroo/harraageessa/ fakkaatee ija isaanii buruqsuun ija isaanii lachuu jaamse. Abbaan keenyas kana akka qorumsaatti otuu hin lakkaa’in woggaa kudha afuriif (subaa’ee lama) erga akkasumatti kadhannaan turanii booda; Ergamoonni lama; Ergamaa Mikaa’elii fi Ergamaan Gabri’eeliin dhufanii afuura fayyinaatiin uuff jedhanii qaroo ijaa isaanii lachuu deebisaniif. Sana booda gara Tulluu Cuqqaalaa deebi’anii yemmuu deeman; Waaqayyoo Sadummaan (Sillaasee) bifa maanguddooliin gaaddisa jala boqatanii itti muul’atan. Teessoo kabajaa Waaqayyoon si kadhannee boqonnaa tokko tokko baadhuutii nu gaggeessi jedhaniin. Baatanii erga gaggeessanii booda sadummaa tokkummaan itti muul’atan. Yeroo kana Abban keenya rifatanii kufan, isaanis bakka kufanii kaasanii Tulluu Cuqqaalaa deemii diinakee haaloo ba’i jedhaniin. Abbaan keenyas, teessuma bakakkaa irra taa’anii hangafoota Ergamootaa torban gargaarsa godhachuun seexanoota kuma kumaatamaan lakkaawaman; bakakkaan fixaniiru. Sana booda raajii/dinqii isaanii kana dhagahanii; Aabbaa Saamu’eel kan Waaldibbaa, Aabbaa Anbassee kan Hazaloo fi Aabbaa Biiniyaam kan Gibtsii eebba isaan irraa argachuuf; leencotaa isaanii of duuba hiriirsanii gara isaanii dhufan. Abbaan keenya Abune Gabre Menfes Qiddus/Aabboon/ guyyaa torba booda muul’ataniif. Leenconni isaanii leencota abbaa keenyaan jalaa waan nyaatamaniif gaddanii turan; Abbaan keenyas leencota isaaniitiin; Waaqayyo kan isiniif ajaje; biyyoo miila kootiti malee foonii fi dhiiga akka soorattaniif mitii amma dafaati tufaa jedhaniin; leenconnis battala sanatti tufanii jennaan Abbaan keenya yommuu fannoo isaanitiin eebbisan hundumtii isaanii ka’aniiru. Yeroo kanas Abbootiin kun yaa Abbaa keenya raajii/dinqii addaa arginee jechaa eebba isaanii fudhatanii deebi’aniiru. Egaa akkanatti hojii dinqisiisaa hedduu raawwachaa woggaa 262 Itiyoophiyaa keessa jiraatanii; walumaa galatti waggaa 562tti kadhannaa isaanitti kan abdatan, yaadannoo isaanii kan raawwatan, maqaaisaanitiin kan hiyyeessa gargaaree, mootummaa samii akka dhaalchisuuf guyyaa Waaqayyoo waadaa itti isaaniif galeefidha. Egaa nutis kadhannaa isaanitiin Waaqayyoo fuuldura akka nuuf dhaabbataniif; cubbuu keenyaafis dhiifama akka nuuf kadhataniif; yeroo hundumaa yaadannoo isaanii kan beela’an nyaachisuun, kan dheebotan obaasuun,kan daaroman daara baasuun eebba isaanii akka ragannu Waaqayyo uumaan keenya nuhaa gargaaru. Eebbii fi sugni Abbaa keenyaa hunda keenya irra haa bulu.
Madda GALMEE SEENAA LAKKOOFSA LAMMAFFAA