Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Sooma Guddaa

in Tibbana

Qopheessaan: Liqa Gubaa’ee Qalama Warqi Wubineh

Gara Afaan Oromoottii kan hike:- Soorii Moosisaa

Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos erga cuuphaameen booda guyyaa afurtama kan soome; nutis akka soomnuuf Mana Kiristaanaa keenya irraa kan ajajamne keessaa Soomni Guddaan isa tokko dha. Nuti amantoonni gocha Gooftaan keenya raawwate fakkeenya godhachuudhan ni soomna. Soomni Guddaan torban saddeet (guyyoota 55) qaba. Sanbattan Sanbata Duraa 8 fi Dilbata 7 of keessaa qaba. Kunis guyyoota 15 jechuu dha. Guyyoota 15 kana keessattis nyaata soomaa ykn bu’aa loonii fi beelladotaa manaa kanneen biroo irraa soomama malee midhaani fi bishaan irraa waan hin soomamneef guyyoota 40 ta’a. Soomni kunis maqaa garaa garaatin waamama.

  1. Sooma Guddaa:- Gooftaan keenya erga cuuphameen booda kan soome waan ta’eef; “Waaqayyo guddaa dha, magalaan waaqa keenya garaa irratti galanni guddaa dha.”  Faar.47(8):1 “Gooftaan keenya guddaa dha humni isaas guddaa dha.” Faar.146(7):5 akkuma jedhame Gooftaan keenya kan soome waan ta’ef Sooma Guddaa jedhame.
  2. Sooma Hudaadee:-Hudaadee jechuun lafa qonnaa ykn ooyiruu mootummaa bal’aa jechuu dha. Hojii ooyiruu mootummaa kana namni hundumtuu itti bobba’ee hojjata. Soomni Gooftaa baay’ina guyyootaan soomawwan kanneen biroo caala. Akkasumas, soomni guddaanis sooma Gooftaan keenya Mootiin samiif lafaa soome waan ta’eef  namni hundumtuu akkuma hojii ooyiruu mootummaa irratti bobba’ee hojjatu sana, sooma Gooftaa  soomuu akka qabu agarsiisuuf Sooma Hudaadee jedhame.
  3. ‹‹በአተ ጾም›› jedhama: seensa soomaa jechuu dha.
  4. Sooma Afurtamaa jedhama:- Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa waan soomef. Maat.4:1
  5. Sooma Gooftaa (Iyyasuus):- Gooftaan keenya soomee soomaa jedhee waan ajajeef.
  6. Sooma Muusee

Kan Gadi-Bu’e (Zawarada)

Torbeewwan sooma guddaa keessaa inni jalqabaa kan gad-bu’e ykn Zawarada (bara Addaam) jedhama. Zawarada:- jechuun gubbaa irra kan dhufe, kan gadi bu’e jechuu dha. Kunis Waaqni keenya Addaamii fi ijoollee isaa du’a irraa fayyisuuf Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos nama ta’uu isaa fi hojii fayyinaa raawwachuu isaa agarsiisa. “Samii irraa kan bu’een alatti gara samiitti kan ba’e hin jiru.” Kan jedhe jecha Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoos irraa ka’uun hayyuun Qulqulluun Yaareed  “ዘወረደ እምላዕሉ አይሁድ ሰቀሉ ወሚመ ኢያእመሩ እግዚአ ኵሉ ዘየሐዩ

 በቃሉ፡፡” jechuudhan jalqaba Digguwaa Soomaa irratti guyyaa kana ibse. Hiikni isaas “Addaamin fayyisuuf samii irraa kan bu’e Yihuudonni fannisan. Aangoo samii kan qabu Gooftaa hundaa akka ta’e eenyumtiyyuu hin beekne.” Kattabbiin (ድርሳን) kunis Mana Kiristaanaa keenyatti Sanbata jalqaba soomaa ta’e jala bultii isaa ni faarfatama, ni galateeffama. Torbee kana keessayyuu dilbaataaf Wiixata galatni dubbatamu kitaabolee Ooritii fi Raajotaa keessaa kan fudhatamanii dha. Lammaffaa torbeen kun Muusee jedhamuun beekama. Waaqayyo Gooftaan samii irraa bu’uu fi fannoo irratti fannifamuun Addaamin fayyisuu isaa waan yaadachiisuufi dha. Dabalataanis, torbeen kun Sooma Hirqaal jedhama. Hirqaal (Eeraaqliyas) mootii Biizaantaayinii ture. Torbeen kun maqaa isaatin sababni waamamuuf  bara sanatti Faarisoonni Iyyeruusaalemiin weeraranii Fannoo Gooftaa keenyaas booji’anii fudhatanii turan. Mootin kunis gara Faaris deemee Fannoo Gooftaa isaan irraa fudhatee gara Iyyerusaalem deebi’eera. Hirqaal Faarsi wajjin osoo wal hin waraanin dura Duuka Bu’ootni Sinoodoosii isaani irratti namni nama ajjeese umurii isaa guutuu haa soomu jedhanii murteessanii seera baasanii waan turaniif soomii kana sodaatee waan tureef amantoonni Iyyerusaalem turan yaada isaa kana deeggaruun “ati diina keenya nuuf balleessi, Fannoo Gooftaa keenyaas nuuf deebisi malee umuriin nama tokkoo 70 yoo baay’ate 80 waan ta’eef guyyaa shan shan addaan qooddannee siif soomna” jechuun soomaniifi jiru. Kana bu’uura godhachuun warreen hin hubanne si’a tokko soomuun kan dhiisan yoo ta’u; warren hubatan garuu, dursayyuu Duuka Bu’oonni soomaa turan jechuun waggaa waaggaadhan jalqaba sooma guddaatti sooma Hirqaal kan sooman ta’eera. Manni Kiristaanaa keenyas kana bu’uura gudhachuudhan torbee jalqaba Sooma Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoos maqaa sooma Hirqaal jedhu kennuufin akka soomamu taasisteetti. (Sinkisaara Bitootessa 10). Sooma Digguwaa Qulqulluu Yaared irratti Zawarada jedhamee kan beekamu waqtii sooma afuurtamaa keessaayyuu Katabbii (Dirsat) torbee jalqabaa faarfatamu dha. Yaadni ijoon of keessatti qabates faayidaa soomaa, kadhannaa, kennaa fi jaalalaa guddisee kan barsiisu dha. Hayyichi Qulqulluu Yaareed Digguwaa Sooma irratti “Waaqayyo Muuseedhaan uummannis horiinis hundumtuu sanbata dadhabbii isaanii irraa haa boqotan jedhee ajaje.” jechuudhaan  sanbatni ilma namaaf qofa osoo hin taane lubbuu kan qabu hundi akka itti boqatu jechuun guyyaa boqonnaa ta’uu ishee dubbata. /S.Ba’uu.20:10, 25:12,/. Waqtiin (barri) kunis bara sooma Muusee jedhama. Sooma soomuun fedhaan qofa osoo hin taane kan ajajamee dha. Raajichi Iyyu’eel “Sooma fi qabadhaa, cimsaa, Sagantaa Kadhannaa labsaa, jaarsoliis mana uumaa keenyaatti sassabaatii tokkummaadhaan garas Waaqayyootti iyyaa.” Jedheera. Iyyu.1:11, 2:12, 12:15-16 Duuka Bu’aa Qulqulluu Phaawuloosis “Soomaa fi Qulqullummaadhaan murtaa’atii Waaqayyoon tajaajilaa.” Jedheera. 2Qor.6:4-6

Soomni osoo hin barbaachisnee ta’eetii Gooftaan keenya “Yeroo soomtaniitti akka warra of-tuultotaa (of-agarsiistotaa) hin ta’inaa…qajeelummaaf jedhanii kan beela’an kan dheebotan isaan eeebbifamtoota dha.” Jedhu ture. Maat.5:6-16 Raajichi Daawwitis “Jilboonni koo soomuun dadhabaniiru, foon koos dibata dhabuun huuqqateera.” Faar.108:24 jechuun isaa barbaachisummaa soomaa nu hubachisa. Daan.9:3-4, 10:5 Akka maxxantuutti nama waliin kan jiraatu afuurri xuraawwaan seexanni kan bahu soomaan akka ta’e Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dubbateera. Maat.17:21, Maar.9:2

Qulqulloonni Duuka Bu’oonni “Misirroon isaan biraa yeroon itti fudhamu ni dhufa yeroo san ni soomu” kan  jedhe jecha Gooftaa bu’uura godhachuun Gooftaan keenya du’aa erga ka’ee fi ol ba’een booda soomanii seera soomaas hojjataniiru. H.D.B.13:3 Abboota  318. “Duuka Bu’oonni kan soomanii fi akka soomnu kan ajajan soomuu qabna.” Jechuun sooma akka soomnu murteessuun isaanii jecha Gooftaa kana bu’uura godhachuuni dha. Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos hundeessaa seeraa kan ta’e guyyyaa 40 fi halkan 40 soomee akka soomnu ajaje malee callisee soomaa hin jenne. Kanaafuu, soomni ajaja ta’uu isaa hubannee hundi keenyaa soomu qabna. Soomnee akka eebbifamnu nu haa gargaaru!!!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!!!

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2020-03-03 10:02:542020-03-03 10:34:52Sooma Guddaa
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: YAA’II JI’AA KUTAA AFAAN OROMOO Link to: YAA’II JI’AA KUTAA AFAAN OROMOO YAA’II JI’AA KUTAA AFAAN OROMOO Link to: Beeksisa Link to: Beeksisa Beeksisa
Scroll to top