Dn. Issubaalaw Damissee
Amantiin Kiristaanummaa amantaa hojii gaaridhaan mul’atuufi mul’achuu qabu dha. Hojiiwwan gaarii ykn qajeelinaa jedhamanii waammaman kanneen immoo akka salphaatti jireenya keenyaan kan ibsinu miti. Kanarraas kan ka’ee Amantaa dhugaa kana keessa namni jiraatu,nama daandii dhiphaa filatedha jedhamee Gooftaa keeyaan kan ibsameef (Mat. 7:13).
Daandii dhiphaa kana keessa yommu dabarru immoo wantoota daandii kana dhiphaa taasiisan, jabaannee darbuu akka dandeenyuuf wantoota afuurawoo hirkoo nuuf ta’an keessaa Soomni isa tokko dha. Qulqulluu Yisihaaq inni Sooriyaas soomni “Hangafa hojii qajeelina hundaati”; kunis hojii afuurawaa (Hojii Amantaa) kamiyyuu dura soomni ni dursa jechuun ibseera. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos tajaajila Isaa soomaan jalqabuun Isaa kanuma kan nuuf raggaasisudha (Mat. 4:1).
Qulqullootni hedduunis kana faana bu’uudhaan hojii isaani soomaan jalqabaniru. Soomas akkasiin faarsaniiru; “ Soomni, madaa lubbuu kan fayyistu, irree hawwii foonii kan dadhabsitu, hangafa hojii qajeelina hundaa, ulfina gara-kutattootaa, faaya qulqullinaa, haadha kadhannaa, madda imimmaani, leenjiistu tasgabbina/callinaa, Bilbila dammaqsituu hojii gaarii, fuula Waaqayyoo duratti kasoominaan mataa gad-qabachuu kan nama dandeessitu qoricha lubbuuti.
Haaluma kanaan Soomawwan Manni Kiristaanaa keenya soomtu keessaas Soomni guddaan ykn Soomni Gooftaa kuni isa tokko dha. Soomni kuni Gooftaan waan soomee tureef, taatee waggaa kuma lama dura ta’ee ture yaadachuuf qofa kan soomnu miti. Irra caala imala gara ayyaana du’aa ka’uumsa Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoositti taasiisnuufi qaama qophii ayyaanichaati.
Ayyaanni du’aa ka’uumsa Gooftaa keenyaas seenaan kaleessaa qofti kan keessatti yaadatamu otuu hin ta’iin, guyyaa injifannoo du’arratti qabnu itti nuuf mirkanaa’e akkuma ta’uu isaatti buufata xummura addunyaa kaanaa fi jalqabbii addunyaa isa dhufuu ykn mootummaa Waaqayyooti.
Ayyaana du’aa ka’uumsa Gooftaa keenyaa duras guyyoota 55’f soomuudhaan gara ayyaanaatti imaluun keenya imala keenya gara mootummaa Waaqayyootti taasisnu kan hubachiisudha.
Soomni Maali dha ?
Yeroo baay’ee waa’ee soomaa yommuu ka’u dursee gara sammuu keenyaatti kan dhufu wantoota nyaachuufi nyaachuu dhiisuu waliin walqabatanidha, haa ta’u malee Sooma jechuun adda durummaan waa’ee nyaachuufi dhuguu qofa miti, Soomni waa’ee haaromina jireenya afuurummaa waliin kan walqabatudha.
Soomni kun Gooftaan keenya waan soomeef ‘isa fakkaachuuf’ yaada jedhuun qofa kan soomnu miti. Yaada keenya fedha waaqayyoo waliin araarsudhaafi malee. Bu’uura kanaan soomni seera Mana kiristaanaa eeguuf qofa Kan raawwatamu otuu hin taane hameenya irraa fagaachuu akka dandeenyuuf karaa hidhata afurawaa ittiin hidhannudha.
Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee “soomni nyaata qofa dhiisuu miti. Qaamooliin miiraa keenya martillee akka sooman ni eeggama., Kunis; ijji hameenya ilaaluurraa, gurri hamii dhagahuurraa, harki wanta haqa hin ta’iin hojjachuurraa soomu qabu” nuun jedha. “Ani amma kanan dubbadhu waa’ee namootni barmaatidhaan ‘Sooma’ jechuun waamaniti miti, waa’ee sooma isa dhugaa ta’eeti malee. Soomni dhugaa bu’aawwan beelladootaa qofa dhiisuu miti, cubbuus dhiisuudha malee. Soomni kan nu fayyaduufi bu’aa kan nuuf argamsiisuu danda’u yoo akka malutti soomnedha.” Eenyumtu dirree dorgoomii keessatti seera dorgommii otuu hin eegin yoo dorgome badhaasa argachuu hin danda’u jedhame akkuma barreeffametti (2Xim. 2:5) yeroo qabsuura soomaa keessa dabarrutti gatii sooma keenyaa akka hin dhabneef akkamitti soomu akka qabnu beekuun nurraa eegama. Soomni qoricha waan ta’eef, haala itti fayyadama isaa beekuun barbaachisaadha. (St. John Chrysostom, Homilies on the Statues, iii, 3-8).
Qulqulluun Yaareedis kitaaba isaa “Digguwaa” keessatti yaaduma kana akkasiin nuuf gabbisa “ ይጹም ዐይን ይጹም እዝን; Ijii haa soomu, Gurriis haa soomu”. Qulqulluun Baasliyoosis “Dhugumatti foon nyaachaa hin jirtu, garuu obboleessa kee gufachiisaat jirta” jechuudhaan soomni nyaata qofarraa of eeguu akka hin taanee dubbateera (Homilies on Fasting, i, pp. xxxi, 181B).
“Nyaatni Cubbuu maali qabaa soomna ?”
Tibba soomaa kana keessaa “Amma hin nyaadhu nan tura, nyaatawwan kanas hin nyaadhu soomarran jira” jennee yommu dubbannu namootni tokko tokko “nyaatni cubbuu maalii qabaa nyaata soomta?! Soomuun cubbuudha malee” yeroo jedhan dhagahuun waan baramedha.
Yaada armaan olii kana qeequu keenya dura mee waa’ee nyaataa yommu haasoofnu nyaatni maaliif nu barbaachise gaaffi jedhu kaasuun ni mala. Namootni biyyaa lafaa haalli waa’ee nyaataa itti hubataniifi kiristaanootni haalli ittiin hubannu garaagarummaa qaba, qabaachuus ni mala. Waaqayyo, biqiltuuwwaan Ganata keessa jiran dhalli namaa akka nyaatuuf eebisee kenneera (Uum. 1:29). Kunis kaayyoon isaa namni isaan irraa nyaatee Waaqayyo akka galateeffatuuf ture, akka har’a beeluu ba’uuf hin turre. Nyaata beela’uun, nyaataaf jecha bahu bu’uun kan dhufe kufaatii dhala namaa booddee ture.
Kanaafi dha nu Kiristaanotaaf galmi jiraachuu keenyaa nyaata nyaachuu miti kan jennu. Nyaatni kan nu barbaachiseef kufaatii dura galataaf yoo ta’u kufaatii booddee immoo Jabinaafi fayyinaa qaama keenyaafidha, Kunis hojii gaarii hojjachuuf qaamni keenya haala gaarii irratti argamu qaba waan ta’eef.
Wanti Waaqayyo uume marti qulqulluu waan ta’eef nyaatnis bu’aa uummamtootaa akkuma ta’u isaatti mataa isaatiin cubbuu miti. Daangaa malee akkasumatti nyaachuun garuu cubbuudhaaf karaa saaqa waan ta’eef luugamni soomaa barbaachisaa dha. Kitaaba keessatti “Yaa’iqoob nyaate, gabbate . . .” (S/K/Deebii 32:15) jedhee akkuma barreeffametti cubbudhaaf karaa bana. Qulqulluun Qalameenxoos inni Iskindiriyaas balaawwan nyaata booda dhufan yommu ibsu “yaadni haammeenya gara garaa, amalli cubbuu adda addaa baay’ee nyaachuurraa waan maddaniif, Dhugumatti, gar malee nyaachuu irraa fagaachuu qabna. Dhibeen garaa fi dhibeewwan qaamaa adda addaa kanarraa madduuti. (Clement of Alexandria, Christ the Educator pp. 94)
Kitaabni Qulqulluunis “Mootummaan Waaqayyoo nyaataafi dhugaatiidhaan miti (Rom. 14:17) akkuma jedhe imala keenya gara mootummaa Waaqayyootti taasisnuuf soomaa miltoo taasifachuu qabna.
Kiristaanootni namoota abdii qabnu dha, abdiin keenya akka dhugoomuuf sooma keenyaan uumamtoota (Bineeldootaa fi bineessota) abdii borii hin qabne irraa adda haa baanu. Waaqayyoos akkas jechudhaan nu akeekkachiisa “kunoo, hamii fi gammachuu, qotiyyoofi hoolaa qaludhaan foon nyaachudhaan, daadhiis dhugudhaan bori ni duunaati haa nyaannu haa dhugnu jeettaniirtu. Hojiin keessan kun Waaqayyo biratti dhagahaamera, hanga duutanitti cubbuun keessan kun isiniif hin haqamu-[gonkuma isiniif hin haqamu] jedha Waaqayyo.” (Isa. 22:13).
Qulqulluun Phaawiloosis “Nyaatni gara Waaqayyootti nu hin dhiyeessu” (1Qor. 7:8) jechuudhaan akkuma dubbateetti akkuma walii galaatti mootummaan Waaqayyoo kan argamtu nyaataaf dhugaatiin otuu hin ta’iin soomaan waan ta’eef nyaata soomuun keenya qabsuura cubbuu soomuuf taasisnuuf irree guddadha. Namoota “Cubbuu soomi malee nyaata hin soomiin” nuun jedhaniif deebiin keenya cubbuu soomu akka dandeenyuuf nyaata soomudhaan ofleenjisna jechuu qabna.
Loltuun waraanaa diina isaa harka isaa keessa galfachuu yommu barbaadu dursee madda nyaataafi dhugaatii diina isaa to’ata; yoo kana to’ate salphumatti diinni isaa harka kennaaf waan ta’eef. Loltuun beela’e dandeetti loluu hin qabuuti. Nutis fedha keenyaan nyaata nyaannu yoo to’anne miirawwan hameenyaaf kaka’an mara to’annaa keenya jala kan oolchinuuf; yaadni keenya yaada Waaqayyoo waliin akka deemuuf “luugama” soomaatiin fooniif lubbuu keenya abboomuun ni mala.
Kaayyoon sooma keenyaa uumama Waaqayyoo xureessu miti yaada keenya qulqulleessudha malee. Tibba soomaa hawwii fooni keenya (Qaama keenya) irratti murtoo (ማዕቀብ) ni buusna. Fakkeenyaaf nyaata wajiin walqabatee gosa nyaata muraasa akkasumas yeroo biraa hanga nyaannurra xiqqeesineet nyaanna. Kana gochuun keenya, nyaatni soomnu sun mataa isaatiin kan xuraa’e ta’eeti miti; sababa cubbuu dhala namaatiin eenyummaan keenya waan nu duraa wal-dhaheef (disordered) qaamni keenya qulqullaa’uu barbaada. Qulqullinni kunis karaa of abboomuutiin (self-discpline) kan deebi’udha. Haaluma kanaan kaayyoon soomuu keenyaa qaama keenya kana miidhuuf (Jibbuudhaan miidhu feenee) otuu hin ta’iin caalaati foon keenya kana karaa afuurawaa ta’een qulqulleessuufi dha.
Bu’aa beelladaarraa
Bu’aawwan beelladaa haala adda ta’een soomuun keenyas Kitaaba Qulqulluu bu’uura taasiifannee wanta raawwannu dha malee barmaatii bu’uura hin qabne miti. Adda durummaan nyaatawwan kanneen yeroo soomaa dhiisuun keenya foon keenya dadhabsuun jaalala Waaqayyoof qabnu ibsuuf dha. Kunis duri irraa jalqabee abbootiin keenya kan raawwachaa turanidha. “…ወአሕመምክዋ በጾም ለነፍስየ; Qaama koo soomaan dadhabse” (Far. 68:10) jechuudhaan Qulqulluun Daawiit dubbateera. Kanaaf soomni qaama dadhabsuu of keessaa akka qabu ni hubanna. “Jilbii koo soomaan dadhabe, foon kiyyas dhadhaa dhabudhaan huuqqatte” jechudhaan yeroo soomaa dhadhaan akka hin nyaatamne Qulqullichii dhugaa nuuf baha (Far. 108:24).
Qulqulluun Daani’eelis yeroo soomarra turetti fooniifi daadhii irraa soomaa akka ture Kitaabni Qulqulluun nutti hima (Dan.10:1-3). Bu’uuraaleewwan kanneenin yeroo soomaatti bu’aawwan beeyladaa ni dhiisna; ni soomna.
Namootni tokko tokko soomni Manni Kiristaanaa Ortoodooksi soomtu kun biyya kana keessa kan jiru malee biyyoota bira keessa akka hinjireetti yeroo haasa’ani fi, jechuun soomuu dhiisuuf yommuu yaada madaallii hin kaasne kaasaan ni dhagahaamu. Kanaaf deebiin keenya soomni akkasi biyya kana keessa kan jiru miti Manneen kiristaanaa biroonillee akkuma keenya akka sooman jiran bara kana keessaa raga argachuun baay’ee salphaa waan ta’eef, biyyoota Gibxii, Sooriyaa, Hindii, Arman, Ruusiyaa, Girikii . . . gaggaafadhaa jennaani.
Armaan olitti akkuma ilaalletti Wantootni kanneen irraa of dhorkinu mataa isaanitiin hammeenyummaa qabaatani ykn xuraawoo waan ta’aniif miti. Qaamni keenya yoo itti tole fedha Waaqayyoorra nu fageessuu waan danda’uuf fardi fuuloodhaan akkuma abboommamu namummaa keenya mara fedha Waaqayyoof abboomsiisuuf soomni fuuloo gaari waan taateef fuloo kana jaalalaan qabachuun ni mala.
Yommuu beelaa fi dheebuu mo’achuu jalqabnu miirawwan keenya kanneen hafanis mo’achuu akka dandeenyu miira injifannoo gonfachuu jalqabna. Namni garaa isaa hin mo’iin akkamiin miraalee isaan dhokatoo ta’an injifachuufi abboomuu danda’a?! miiroota ofii abboomun guutuu injifannoowwan maraati. “ Namni afuura isaa abboomu nama magaala bitu ni caala”” akkuma jedhame (Fak. 16:32).
Nyaata fi dhugaatii dhiisuu yommu shaakallu, suuta suuta arrabni keenya waan hamaa fi wanta faayidaa hin qabne dubbachuu irraa akka ofqusatu leenjiisna. Akkasuma sammuu keenya yaada gatii hin qabne (Vain thought) akka hin yaadne taasisna. Onnee keenyas yaada cubbuu, miira xuraawaa akka hin yaadne ykn hin deddeebisne ni leenjifna. Haaluma kanaan sooma afaanii irraa gara arrabaatti, gara yaadaatti akkasumas gara sooma onneedhaan soomamutti guddanna.
Fedhii foonii ajjeesuuf foon keenya ni dadhabsina, kanaaniis kaayyoo waaqayyo nu uumeef qofa akka jiraachuu dandeenyuuf namummaan keenya (Foon+Lubbuu+ Afuura) waaqayyoof akka abboomamuu danda’uuf ni leenjiisna.
Karaa biraatiin hammeenyi gara addunyaa kanaatti karaawwan ittiin seene keessaa inni tokko nyaata dha. Balaan nyaataa addunyaa mara akkuma miidhe sana nyaata kana dhiisuun immoo seexanaaf balaa qaba. Akka soomaatti kan isa miidhu hin jiru (Mat.17:21). Namni nyaata yoo dhiise foon isaatiin akkuma du’u hunda, yoo sooma dhiisees lubbuu isaatiin ni du’a. “Namnii nyaata qofaan hin jiraatuuti!” jedhamee barreefameeraati (S.Ke.De. 8:3, Mat.4:4). Addaam fedha isaatiin abboommi Waaqayyoo diigee Waaqayyoo irraa akkuma gargar bahe hunda fedha keenyaan soomaan gara Waaqayyoottii ni deebina (Iyyu. 2:12).
Namni bifaa fi fakkeenya Waaqayyootiin uumamee otuu jiru sababa nyaataatiin bifa isaa; isa Waaqayyoon isa fakkeessu sana dhabeera. Bifa isarratti chaappeeffame sana kan eegu immoo nyaachuu dhiisuun (Soomaan) ture. Soomni seera jalqabaati kan jennuus kanaafidha.
Sooma yommu soomnu ulfina keenya kufaatii dura ture sana yaadachuun, bifa Waaqayyoo sana fakaachuuf (argachuuf) yaadudhaan soomuun ni mala. Sooma haaromsa miiraaf soomna jechuun keenyas kanaafidha! haaromsi kunis; Yaada cubbuu addunyaa kanarraa baqachuuf, hojii afuurawaa beeknee garuu hojachuuf dhibaa’uu irraa bilisa ta’uuf, Wanta jaalannu (isa gaarii ta’e) dhiisnee wanta jibbinu(isa hamaa) raawwachuu irraa bilisa ta’uuf soomna (Rom. 7:15-23).
Sooma , Misirroo Misiricha ishee eegduuf . . .
Akka barumsa Mana Kiristaanaa keenyatti; Kitaabni Qulqulluuniis akkuma dhugaa nuuf bahutti Gooftaan keenya “Missiricha Mana Kiristaanaa – መርዓዊሃ ለቤተ ክርስቲያን” jedhameet waamama (Yoh. 3:29, Mul. 21:9; 22:17).
Misirrichi Misirroo isaa fudhaachuuf gara mana misirrootti akkuma deemu mara, Gooftaanis Misirroo Isaa kan taate Mana Kiristaanaa (Uummata Isaa) gara ofitti fudhachuuf lammaffaa ni dhufa (Yoh.14:2-3). Misirroonis; Manni Kiristaanaa dhufaatii Isaa kana soomuudhaan abdii godhatti.
Qulqulluu Yohaannis Inni Gooftaa Cuuphe Masihicha (Gooftaa Isa Dhufu) yeroo eegutti soomaa tureera (Mat. 11:18). Kunis Yohaannis fakeenya kakuu duraatti, Yeroo dhufaati Masihicha itti eeggamu dha. Raajotni baay’eenis dhufaati kana abdachuudhaan soomaniru. Bu’uruma kanaan soomuun waa arguuf, waa argachuuf kaayyoo afuurawaadhaaf jecha riqicha ce’uumsaa ijaarrannu dha.
Gooftaan keenya yeroo gara biyya lafaa kanatti dhufee tureetti Duuka Bu’ootni Isaa akka warra fariisootaa fi barattoota Yohaaniis hin sooman ture (Mar. 2:18; Luq. 5: 33; Mat. 9:14).
Kun immoo kan ta’eef Gooftaan “Misirrichii isaan waliin otuu jiruu waa’elootni(Miinjootni) gadduu ni danda’uuyii?! Misirrichii yeroo isaanirraa adda bahu ni dhufaati yeroo sana ni soomu” (Mat. 9:15) jechudhaan akkuma dubbateetti, dhufaatiin Isaa inni duraa soomaan akkuma eegamaa ture sana dhufaatiin Isaa inni lammaffaanis akkasuma Manni Kiristaanaa soomaan eegdi, Missirroon Ishee Iddoo isheef qopheessuuf deemeera waan ta’eef dhufaati isaa kana hawwii guddaadhaan soomaan eegdi, soomaan garasitti imalti.
“Misirrichi yeroo isaanirraa adda bahu ni dhufaati yeroo sana ni gaddu.” Kan jedhame sooma kan agarsiisudha. Kanaafidha Duuka Bu’ootni Isaa yeroo inni biyya lafaarra turetti kan hin soomiin. Gooftaan, Yohaannis irraa haala adda ta’een, cubbamtoota waliin nyaachaa, dhugaa tureera; warra beela’anillee raajii isaatiin beela irraa isaan oolchaa tureera, inni abdatamuu sun Isa waan ta’ef yeroo inni fooniin mul’ateetti soomni iddoo hin arganne ture. Gammachuu, nyaataa fi dhugaatiitu ture malee. Haaluma kanaan Kiristoosiin mootummaan Waaqayyoo isheen abdatamtu sun ifa taateerti! (Isa. 25:6).
Gaafa guyyoota Ayyaana gurguddoo Kan hin soomneef Ayyaanootni fakkeenya mootummaa Waaqayyoo ishee abdannuu waan ta’aniif, gadda malee nyaataafi gammachuu daangaa fi safuu Kiristaanummaa eeganiin taanee Waaqayyo galateefachuu waliin ni kabajna.
Akka Sirna Mana Kiristaanaa keenyaatti Fooniif Dhiiga Gooftaa fudhachuu keenya dura sa’aati kudha saddeetiif ni soomna, kana gochuun keenya Gooftaan keenya sa’aatii 18’f gidiramuu Isaa Yaadachuu keenyaan alatti; Fooniif Dhiiga Gooftaa Ulfinaa, Kan Iyyasuus Kiristoosiin simachuuf jecha soomna. Raajootni dhufaatii Isaa hawwuun soomaniiru, akkasuma nutis Fooniif Dhiiga Isaa fudhachuuf ni soomna, dhufaatii Isaa isa lammaffaas akkasuma soomaan eegna.
Imala keenya gara Mootummaa Waaqayyootti taasiisnuf soomni hangafa hojiiwwan qajeelina hundaa ta’uu erga hubannee miltoowwan (jaalleewwan) ishee biraa hin hafnee waan qabduuf nutis tibba soomaa kanatti isaan akka hin daganne. Isaaniis Kadhannaa fi Kennaa dha. Isaan kanaanis jaalala namaaf Waaqayyoof qabnu ni ibsina. Funyoon, sadiin foo’ame hin citu jedhamee akkuma barreeffametti (Lall.4:12) nutis Sooma, Kadhannaa fi Kennaa tokko taasinee qabachuudhaan imala keenya gara Mootummaa Waaqayyootti taasisnu Amantii fi obsaan taanee haa imallu. Kanaafiis, Arjummaan Waaqayyoo, Kadhannaan Deessuu Waaqaa Durbee Maariyaam, Waadaan Qulqulloota hundaa nu haa gargaaru. Ameen.
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png
0
0
EOTC Afaan Oromo
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png
EOTC Afaan Oromo2019-04-24 08:20:072019-04-24 08:25:44Hangafa hojii qajeelina hundaa; Sooma
BeeksisaQorumsawwan sadeen (Maat. 4:1-11)
Scroll to top