Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Koottaa wal ceephanna (ISAY. 1:18)

in Faarfannaa Fi Hog Barruu

Sisaay Fiqaaduu

Eessaan jira laata jedhii of ilaali

Kufuuf dhaabbachuu kee xiinxali madaali

Eddoo kee kalee moo bakka biraa jirta

Waadaa fudhatte hoo dhuguma eegdeettaa?

 

Maaliin dabarsite yeroo siif laatame

Fayyadamteerta moo diinatu si saame

Soba dhugaa godhee sitti asaasuudhaan

Yeroon inni si waame sitti dhihachuudhaan,

 

Kan kana hin hubannee hedduutu nyaaatame

Kirrii morma isaarraa kukkutee kan deeme

Lakkoofsa hin qabu kan yeeyyiin waamame

 

Atihoo akkami kana hubatteetta

Yeroo ati qabdu amma ta’uu beektaa

Gorsa Mana Kiristaana kee hojiitti hiikteettaa

Moo akkam laata kallatii jijjiiruun kirrii kee kutteettaa?

 

Abboommii Waaqa kee akkamiin eegdetta?

Waamicha Mana Kiristaanaaf lapheen owwaaatteettaa?

Barnoota ishiitis akkamiin ilaalta?

Foon moo lubbuu keetiif iddoo guddaa laattaa?

Maarre of ilaaluun hunda keenyaaf ta’a

Guyyaaan gaafatamnu guyyichi ni ga’a

Deebiisaa yoo dhabne numatu qaana’aa

Akka hin dagannee deebisuuf qophaa’aa

 

Hiree nuuf kenname hedduutu nurra jira

Akka ittiin hojjeennuuf eenyut hubateeraa?

Kennaa isaaf kenname hedduun dagateera

Isin hoo akkamii hubattanii hadaraa

 

Abboolii fi haadholiin firii keenya eegaanii

Sagalee Waaqayyoos kan hiruuf dhabanii

Meeqatu badeera diinaan saamamanii

Nyaata lubbuu isaanii barnoota dhabanii

Birmannaa dhabuudhaan imimmaan roobsanii

 

Osoo nu eeganii nuuf jirtu jedhanii

Hedduutu  badeera diinaan saamamanii

Unu barattootatti imaanaa kennanii

Amantaa akka eegnuuf kirriis nutti hidhaanii

Gala nuuf gudunfuun ofii beela’anii

Aannoo kee eeggadhu hadaraa dhaamanii

 

Jechuun nu gaggeessan gaafa manaa baane

Obboleeyyan keenya  heeddu waliin taanee

Mee of cinaa ilaala har’a meeqa taane

Guyyaa jalqabaa fi kan ammaa ilaalaamee

Bineensa baraatiin hedduutu nyaatame

 

Gorsi abbaa fi haadhaas tasa dagatamee

Daandii dhugaa kana gadhiisee kan deeme

Hedduu isaanitii kan yeyyiin nyaatame

 

Ka’aa haa dammaqnu  rafuu miti dubbiin

Yeroon boo’uu amma yoo galanis gaabbiin

Galaa qopheeffachuun osoo of hin nuffiin

Guyyittiin isheen dhumaa osoo nutti hin dhufiin

Aduun barii baate otoo nutti hin lixin

Yeroon keenya amma osoo hin dukkanaa’iin

Ofii dhaabbatanii kan kufee ol kaasuun

Sagalee Waaqayyoon kan bade deebisuun

Dhugummaa  amantii hojiitiin mul’isuun

Yeroon fayyuu amma miti itti karoorsuun

Mee of cinaa ilaalaa teessoo duwwaa kana

Xiqqoo mee yaadadhaa  kan jalqabaa sanaa

Maali yoo wal kakaasnee maaf ofittoo taana

Affeerraa fooniif hoo hundatu wal waama

Baay’eeyyuu moo miti xiqqootu dhagahama

 

Kan lubbuu yoo ta’e garuu kunoo akkana

Dammaqaa jarana lakkisaa  mee kaana

Kan jalqabe miti kan xumure taana

 

Egaa kan darbe darbeera amma nu haa ga’u

Amantiin keenya Hojii duukaa haa ta’u

Deemsii fi karoorri kee fulduratti  malee

Duubaatti hin deebii’iin laaqii isa kalee

 

Lubbuu nu  dheebotte mee dheebuu haa baasnu

Laphee bakkee labuu  daandiitti haa deebisnu

Imimmaan haadhoolii kuunno kan baadiya kootta haa qoorsinu

Hojii fi amantaa dhugaa walsimsiisnee

Firii haa oomishnu kan barre barsiisnee

Waaqayyoo nu waamee yeroo nu eeggatu

Umurii eebbisee yoo carraa nuu laatu

 

Nuti maaliif laafna gargaaraa osoo qabnuu

Daandiittiin  dhugaa dha silaa shakki hin qabnu

Obboleessa obboleettii maaliif hin kakaasnu

Akka phaawuloos fa’a qulqulloota hedduu

 

Manni Miristaana baadiyyaa yoo jigdu

Maalii yoo quuqamne maaliif nu hin yaaddessu

Maaliif kan callisnuu diinni yoo hadheessuu

Hiree nurraa jiruu dhugumaan yoo beekne

Waamichaa mana amantaa maaliif hin Owwaannee

 

Sababii maal qabna badii keenyaaf nutii

Manni Kiristaanaa yeroo hunda nu waamti

Afaan nuti beeknus kunoo ni dubbatti

Sagalee dhageenyuun kunoo nu barsiisti

 

Kanaaf maal jennaree sababii maal qabnaa

Hin dhageenye jechuuf yeroo hundaa baranna

Kanaaf rafuu hin qabnu cimneetu tattaafanna

Har’a yoo fakkaates kun hundumtuu laayyoo

Foon qofaaf yoo fiigne isa boriin isaa biyyoo

Yoo itti hin jiraannee sagalee Waaqayyoo

Guyyaan tokko ni dhufa kan nu jechiisiisu wayyoo

 

Wal yaaddeessuuf miti ergaan walalichaa

Wal dammaqsuuf malee hubadhaa qajeelchaa

Kanaaf wal haa kaasnu hin taanu ibsa gaanii

Ofiif qofa miti walii yaaduudhaanii

Beela’aas yaadachuun  yeroo ofii nyaatanii

Addunyaaf ifuu dha yoomuu kiristaanni.

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2019-01-25 13:16:402019-01-31 09:11:38Koottaa wal ceephanna (ISAY. 1:18)
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: ARAARSUMMAA mana Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa keessatti Link to: ARAARSUMMAA mana Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa keessatti ARAARSUMMAA mana Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa keessatti Link to: Isa argatanii, “Hundinuu Si barbaadaa jiru.” jedhaniin. “ወሶበ ረከብዎ ይብልዎ ኵሉ ሕዝብ የኃሥሱከ” Maar. ፩፥፴፯/1:37 Link to: Isa argatanii, “Hundinuu Si barbaadaa jiru.” jedhaniin. “ወሶበ ረከብዎ ይብልዎ ኵሉ ሕዝብ የኃሥሱከ” Maar. ፩፥፴፯/1:37 Isa argatanii, “Hundinuu Si barbaadaa jiru.” jedhaniin. “ወሶበ ረከብዎ...
Scroll to top