Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Cuuphaa Gooftaa

in Tibbana

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko
Ameen.

Asaffaa Guddataa

Waggoota 1981 ar’aa gara duubatti deebinee yoo ilaallu hojiiwwan gurguddoo ardii /lafa kana irratti hojjetaman keessaa tokko galaana Yoordaanositti cuuphamuu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha.

Gooftaan Keenya Maaliif Cuuphame?

Qaamota sadan keessaa tokko kan ta’e Ilmi yoo foon waliin wal-sime iyyu Inni Gooftaa gooftotaa Mootii moototaa Waaqa waaqotaa dha. Mul. 17:14 , 19:16, K.D 10:17 1Ximo. 7:15.

Gooftaan keenya qorich keenya Iyyasuus Kiristoos nan kabajama kan hin jenne Kabajamaa mootiin ta’a kan hin jenne mootii bara baraa ta’ee otuu jiruu maaliif cuuphamuun isa barbaachise? Gooftaan keenya kan cuuphame akka keenya mucummaa argachuuf miti. Sababni isaas Gooftaan keenya otuu addunyaan hin uumamiin Abbaa amalummaa isaa kan ta’e Waaqa Abbaa irraa dhalateera waan ta’eef.

Kana ilaalchisee Qulqulluu Daawit “Waaqayyo nan jedhe ati mucaa Kooti ani ar’an si argadhe /dhale” jechuun dubbateera. Far. 2:7. Ogeessichi Solomoonis “Duruma bara baraa irraa jalqabeen muudame otuu lafti hin uumamiin dura otuu urriiwwan hin jiraatiin in dhaladhe; otuu burqaawwan bishaanii hin maddiin otuu tulluuwwan hin hundaa’iin tabbaawwan duran dhaldhe. Jechuun dhaloota duraa Ilmaa dhugaa baheera. Fak. 8:23-25. Dhaloota duraa inni jedhamus uumamtoota dura otuu yeroowwan hin uumamiinii fi dabareen wal hin jijjiiriin Ilmi hamma Abbaa gahee Abbaa fakkaatee Abbaa irraa haadha malee dhalachuu isaa dha. Dhalalachuun Isaa boodaa immoo Giiftii keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa Abbaa malee dhalachuu Isaa dha. Kanaaf Gooftaan keenya kan cuuphame mucummaa argachuuf akka hin taane ni hubanna.

Maaliif cuuphameree?

  1. Akka Iccitiin ifa bahuuf

Yeroo Gooftaan keenya cuuphame kan dhala namaaf ifatti hin beekamne iccitiin guddaan mul’ateera. Innis iccitii sadummaa /Sillaasee/ iccitii sadummaafi tokkummaa Waaqayyoo dha.

“Kunoo samiiwwan ni banaman; Afuurri Waaqayyoos akka gugee yommuu bu’u Isarras yommuu dhufu arge. Kunoo sagaleenis samii irraa dhufee kanin Isatti gammadu Ilmi Koo Ani jaalladhu Kana dha. Jecha jedhu keessaa akkuma ubannu qaamonni sadanuu ifa bahaniiru. Mat. 3:16 -17. Mar. 1:9 – 11. Luq. 3:21 – 22.

Yeroo kana maqaan qaamota sadanii ifatti beekame. Sababa kanaaf yeroon kun yeroo ifa bahuu /bara ifaa jedhamuun waamama.

  1. Akka Raajichi Raawwatamuuf

Raajichi Daawit “Galaannis ni argite ni baqattes Yoordaanosis gara boodatti deebi’e tulluuwwan akka korommii, tabbaawwanis akka korbeeyyii utaalan.  Yaa galaanittii, akkana kan baqatte atis Yoordaanos gara boodaatti kan deebite maal taatan? Isin tulluuwwan akka kormoolii gaarreen akka korbeeyyii kan utaaltan maaliif? Waaqa Yaa’iqoob duraa, Gooftaa duraa lafti ni raafamte. Dhagichis gara burqa bishaanitti gophoonis gara haroo bishaaniitti jijjiirame.” Jedhamee raajiin dubbatame akka raawwatuuf Gooftaan cuuphame. Far. 113:3-8.

  1. Fakkeenyummaaf

“Akka Ani isiniif raawwadhe  isinis akka raawwattaniif fakkeenya isiniif kenneera” jechuun akkuma dubbate Gooftaan keenya nu’iif fakkenya ta’uuf galaana Yoordaanositti harka Yohaannisiin cuuphameera. Yoha. 13:15.

Qululluu Pheexiroos “Kiristoos immoo akka isa faana buutaniif fakkeenya isiniif dhiisee waa’ee keessaniif gidiraa fudhateera.” Akkuma jedhe cuuphamuun Gooftaa keenyaa fakkeenya ta’uuf dha. 1Phex. 2:21. Gooftaan keenya gara Yoordaanos deemee uummamaa isaa kan ta’e harka Yohaannisiin cuuphameera. Kunis har’a “Nuti mootota, abbootii firdii, abbootii aangoo waan taaneef isin Luubonni bakka nuti jirru kottaa nu cuuphaa!” akka hin jenneef fakkeenya nuu ta’uuf dha. Eenyu iyyuu haa ta’u eenyu kan cuuphamu harka Luubotaan Mana Qulqullummaatti dha waan ta’eef.

Kakuu Haaraa keessatti namoonni ijoollee isaanii fudhatanii gara Mana Kiristaanaa deemuun akkuma isaanii mucummaa Waaqayyoo /Sillaasee argatan taasisu.

Kitaaba Qulqulluu keessatti Liidiyaan maatiiwwan ishee waliin cuuphamteetti. Hoj. Du.Bu. 16:15. Maatii kana keessattis daa’immanis jaarsoliinis akka cuuphaman malee daa’imman fo’ee anbisuun warra kaan akka cuuphan hin barreeffamne. Kan amante Liidiyaa yommuu taatu kan cuuphaman garuu maatiiwwan ishee hunda dha.

Akkuma kitaaba Kufaalee keessatti “Addaam lafa irratti uumame irraa guyyaa 40 erga guutee booda akka ishee bituufi eeguuf gara Gannataa galchine haadha manaa isaas guyyaa 80 tti ishee galchine” jedhamee dubbatame iccitii kanaan dhiirri guyyaa 40tti dubarri immoo guyyaa 80tti cuuphamu Kuf. 4: 9- 12. Addaam erga uumaamee guyyaa 40tti Hewaan immoo erga uumamtee guyyaa 80 tti mucummaa isaanii Waaqayyo irraa isaaniif kenname fudhachiisaniiru waan ta’eef nutis mucummaa sana deebisuuf guyyaa afurtamaa fi saddeetamatti cuuphamna.

Gooftaan Maaliif Yoordaanositti Cuuphame?

  1. Raajicha raawwachuuf. Akkuma armaan olitti kaasne raajiin Raajaa Daawwitiin dubbatame akka Gooftaan Yoordaanositti cuuphamu dubbata. Far. 113:38. Raajii kana raawwachuuf Gooftaan Yoordaanositti cuuphame.
  2. Xalayaa gidiraa keenya barbadeessuuf

Erga Addaamii fi Heewaan Gannata keessaa godaananii diyaabiloos jaallee isaanii fakkaatee isaanitti dhiyaachuun “Akkan gidiraa keessan isiniif salphisu maqaa gabrummaa keessan barreessaa naaf kennaa!” isaaniin jedhe.

Isaanis dhugaa isaanitti fakkaatee “Addaam garbicha diyaabiloosi dha; Hewaan garbitti diyaabiloosi dha” jedhanii kennaniif. Innis tokko si’oolitti isa hafe immoo Yoordaanositti darbate. Gooftaanis xalayaa gabrummaa isa Yoordaanositti darbatame cuuphaa isaatiin akka Namummaa isaatti irra ejjatee, akka Waaqummaa isaattis baqsee; isa si’olitti darbatame immoo erga fannoo irratti du’ee booda lubbuun gara si’ool deemee akka gagaa baqsee nuuf balleesseera. Qol. 1:14. Sababa kanaaf Gooftaan Keenya Yoordaanositti cuuphame.

Taabotonni Maaliif Bultoo isaanii irraa Gara Galaana Cuuphaa deemanii Kabajuu?

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Waaqa waaqotaa, Mootii moototaa ta’ee otuu jiruu gara Yoordaanositti gad bu’ee harka Yohaannisiin cuuphame.

Uumaan gara Yohaannis deemee cuuphamuu isaa yaadachuuf bultoo isaa kan ta’an taabotonni gara galaana cuuphaa deemu. Akkuma Gooftaan keenya Yoordaanositti cuuphamee Yoordaanosiin eebbise taabotonnis galaana cuuphaa eebbisuuf bahu.

Maqaa Eenyuun Cuuphame?

Nuti yoo cuuphamne maqaa Abbaa, Ilmaa Afuura Qulqulluutiin. Inni garuu, uumaa waan ta’eef maqaa eenyuun cuuphame? Gaaffii kana cuuphaan Isaa Qulqulluu Yohaannis “Warra kaan maqaa keetiinan cuupha si’iin immoo maal jedheen cuupha?” jedhee gaafatee ture. Gooftaanis “Ilma eebbifamaa ifoomsaa ifaaa dhiifama nuuf godhi. Luubni baraa baraa akka Malka Tseedeeq si dha.” jedhii na cuuphi jedhee jennaan Qulqulluu Yohaanisis akka ajajametti raawwateera.

Ayyaanicha Maaliif Kabajnaa?

Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tewaahidoo Itiyoophiyaa ayyaana cuuphaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos bara baraan kabajji.

Ayyaana cuuphaa kan bara baraan kabjnu amaleffannaan otuu hin ta’iin ayyaanicha irraa sugaa fi gargaarsa Waaqayyoo argachuuf. Kunis akkuma Israa’elonni waan Waaqayyo isaaniif taasise yaadachuuf waggaa waggaan kabajan jechuu dha. Seera. Lakk. 15:3. Mat. 26:2.

Kan ayyaana cuuphaa Gooftaa keenyaa kabajnu sugaa fi gargaarsa argachuuf malee guyyaa sana kan galaana cuuphaatti cuuphanu mucummaa argachuuf miti. Cuuphaa mucummaa kan cuuphamnu yeroo tokko qofa dha. “Gooftaa tokko, amantaa tokko cuuphaan tokko.” akkuma jedhe Eefe. 4:5.

Kana jechuun garuu, guyyaa ayyaana Cuuphaa, Cuuphaan mucummaa argamsiisu gonkuma hin jiru jechuu miti. Cuuphaan mucummaa guyyaa kana da’immanis ta’e ga’eessota qophaa’aniif raawwachuu ni danda’a.

Walumaa galatti, hamma eebba argachuuf ayyaana cuuphaa kabajuuf baanetti waantota hojjennu ofirra deebinee haa hubannu. Baayyisanii dhuguu fi machaa’uun, sirbuun, gareen wal qoqqooduun wal loluu fi wal reebuun, durboota rakkisuun otuu hin ta’iin mataa keenya gad qabachuu fi Qulqullinaan ta’uun barbaachisaa dha.

Taabota fuulduratti hojiiwwan salphinaa raawwachuun nama balleessa. Ser. Lakk. 16:1-35. Ayyaanichi kan kabajamu waan hojii foonii fi waan lafa irraa argachuuf otuu hin ta’iin suga samii argachuuf ta’uu isaa haa hubannu.

Kanaafuu, guyyaa sana bishaan kadhannaa Qulqulleessaan eebbifameen akka qaamni keessan eebbifamuuf cuuphamuuf qophaahaa! Xabalichaanis (Hora sanaanis) dhukkuba irraa ni fayyitu sugas ni argattu.

Guyyatti baroota dheeraa dura akka yeroo Gooftaan cuuphamu akka geessanitti taasisaa! Gammachuu guddaan kabajaa! Akkuma har’a raawwatame taasisaatii jaallewwanii fi firoottan keessan waliin tokkummaan kabajaa.

Waaqayyo Gargaarsaa fi Suga Ayyaanichaa irraa nu haa hirmaachisu! Ameen

 

Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tewaahidoo Itiyoophiyaatti

Qindeessaafi Qajeelcha Manneen Barnootaa Sanbataa

Waldaa Qulqullootaan kan qophaa’e

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2019-01-16 17:51:022019-01-16 18:12:22Cuuphaa Gooftaa
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Har’a mandara Daawititti Fayyisaan isiniif dhalateera. Innis Kiristoos Goofticha dha.” Link to: Har’a mandara Daawititti Fayyisaan isiniif dhalateera. Innis Kiristoos Goofticha dha.” Har’a mandara Daawititti Fayyisaan isiniif dhalateera. Innis Kiristoos Goofticha... Link to: Taabota, waaqa tolfamaa waliin tokko kan taasisu eenyu dha? (2ffaa Qor. 6፥16) Link to: Taabota, waaqa tolfamaa waliin tokko kan taasisu eenyu dha? (2ffaa Qor. 6፥16) Taabota, waaqa tolfamaa waliin tokko kan taasisu eenyu dha? (2ffaa Qor. 6...
Scroll to top