JAALALA ONNEERRATTI CHAAPPEEFFAME

Dn. Mulugeetaa Ayyaaleew

Ani nama biyya Maqdalooni; cubbuu baay’ee kan na hojjechiisan afuurota hamoo gosa torbatu narratti walga’anii nagidirsaa turan. Namaa gadi ta’ee akka  nama   maraatuttan   lakkaawwamee jiraadhan ture. Kan fagootti na dheessu malee; natti dhiyaatee rakkina koo nagaafachuuf kan nadubbisu, ana wajjiin kan nyaatee dhugu mitii, ayii yaa intala kana jedhee sobee kan hidhii naaf xuuxu namni biyya koo tokko illee hin turre. Maatiin koo nanuffanii, natuffatanii  nadhiisanii jiru. Bakkan fedhe oolee yoon bules; jiraadhee dhiisees anaaf  namni dhimma qabu tokko illee hin jiru; silas maatiin koo tuuffatanii yoo nadhiisan ormi maal godhi naan jedha?

Jiraattonni biyya Maqdaloon fagoodhaa yommuu na argan; “Ilaalaa, baattuun seexanaa sun nutti dhufte, dhufte kunooti kunooti” jechaa quba natti qabanii najalaa baqatu. Guyyaa tokko daandiirraa daandiitti jooraa, yoon barbaades akka harraagessaatti iyyaa, akka waraabessaattis yuusaa, akka sareettis dutaa osoon deemuu; fuuldura kootii namoonni baayyeen kan duuba yaa’aa jiran; namni umriin isaa naannoo woggaa soddomaatti tilmaamamu, miidhaginni bifasaas madaala kamiinuu kan hin ibsamne garakoo yommuu  dhufaa jirun  arge (Faar. 44፥2). Akka nama fayyaa qabuu qalbiin xinnoo natti deebi’een; dhaabbadhee hubadheen ilaale akkan waan nama beekuu natti fakkaatee; foonkoo wallaaltus lubbuunkoo ni beekte. Namni kun fuulli isaa ifaa gara kootti dhufaa jira. Gara kootti seeqaa/fuullisaa ifaa osoo hin gaddin, maraattuu, jibbamtuu jedhee osoo na hin tuuffatin, osoo na hin balfin kan garakoo dhufe namni Inni jalqabaa Isa qofa. Na ajaa’ibee bakkan dhaabbadhee hin sossoone; gidduma kanaan namni  kun  “Isin  afuurota  hamoo  isiniinan  jedha  ba’aa”  jedhe namni sun sagalee humna cimaa adda ta’e qabu tokkoon. Humni afuurichaa keessa koo lixee; yeroo nasakatta’u natti beekama. Qeensa miilakootii eegalee hanga rifeensa mataa kootitti na weerare. Wanti adda ta’e tokko akkan waan uffata guutuu baafadheetti yeroo narraa duguuggamee ba’uu fi sammuunkoo yommuu akka waan dhiqameetti yommuu qulqullaa’u natti beekkama. Kanan ta’ees yaadees hin beekne nan seeqe; miirri nama ta’uukootii guutumaan guutuutti natti beekkame.

Yommuun ol jedhu reefu garakoo dhufaa kan ture; sagaleewwan qoricha lubbuu of keessaa qaban sana kan dubbate namni sun akkuma fuula isaa ibseen, harka    isaa    garakootti    bal’isee    nafuuldura    dhaabateera. Uummanni Isa akka mootii kanniisaatti marsee jiru sun hundi ijasaa narraa hin buqqifanne; dhugumas ajaa’ibsiisee ta’a; namni sun ana lakkoofsa namaatti lakkaawwamuu hin qabne waliin dubbachuunsaa; keessi koo imimmaan nahudhe. “Abbaa fi haatikoo nadagatan Waaqayyo garuu na fudhate” (Far.Da.26፥10). Seequun Isaa akkanumaanii miti; seequu kolfaas miti; kan jaalala onnee dhugaa fi kan abbummaati malee. Gara Isaatti kan nama harkisu, kan nama waamuu fi affeeru malee. Maaltu akka dhiibee nadarbe osoon hin beekin daddarbamee deemeen miilasaa jalatti gonbifame; miilasaan dhungadhe. Imimmaankoo osoo cophuun miilasaa irratti gonbifameen hafe. “Maariyaam ka’i cubbuunkee siif dhiifameeraa” naan jedhee harkasaa mirgaanis ol nakaase.   Isa duuba dhiirota baay’etu dhaabbatanii jiru; isaan duuba immoo dubartoonni baay’een dhaabbatanii nailaalaa jiru. Anis ka’een isaanitti makame. Sana booda, eenyutu Isarraa adda ba’aree? (Rom 8፥35). Seenaa kana hunduu ni beeka. Garuu kan namuu naaf hin hubanne seenaa tokkon qaba. Gooftaa kootiif, Iyyasuus Kristoosiif  jaalalan ani qabu. Mee naaf hubadhaa; dheekkamsa fi gidiraa afuurota hamoo sanarraa, salphina  sanarraa, meeshaa    taphaa    seexanaa ta’uu sanarraa, kan nahiike jaalalan Kiristoosiif qabu, jaalala   onnee   isa dhugaati. Kan biyyi nadheessu, darbees najibbu, caalaattuu natuuffachaa kanan ture; amma lafa Gooftaankoo oole oolee, lafa Inni bules buluudhaan sagaleesaa  akka  midhaanii fi bishanii soorachaa nama jedhamee akkan lakkaawwamu kan nataasise; Isa waan ta’eef hamma lubbuunkoo foonkoorraa adda baatutti jaalalli isaa onnee  koo  irratti  chaappeffameera. “Guyyaa keessaa guyyaan dhiphuu fi gidiraan sun dhufte…” Yommuu kana naan jettu mormashee gadi cabsitee, maddiishee lamaanirra imimmaanshee lola’aa Hagayyaa bo’oo keessa lola’u fakkaateera. Sana booda, morma ishee harka ishee lamaan keessa of baaftee, jilbashee irratti addaan gonbifamtee boo’uu eegalte; dhugumaayyuu isaaf jaalala adda ta’e qabdi. Maal haagooturee jaalala Waaqayyoo kan beeku kan dhandhame qofa. Bu’aa qorichaa  kan  beekuu  nama  ittiin dhukkuba irraa fayye mitiiree? Barreessituukoo biraannaakoo waliin walqunnamsiiseen ol jettee akka itti naaf fuftu miira laphee cabeenan gaafadhe… Allis mannis callisaan too’atameera. Mana Haadha Maarqoositti kadhannaan taasifamaa waan jiruuf oddoo keessatti sagaleen sokoksu tokkollee hin dhagahamu. Ani Rufiinoos kanan jedhamu barreessaan seenaa fi Maariyaam Maqdalaawit kan jedhamtu haadha  seenaa tana faana mana duuba karaa mirgaatiin teenyee jirra. Ol jechuu yaaltee, fuullishee akka duumessa cophuuf ka’ee ulfaatera. Sararri imimmaanshee inni duraa ammas hin badne; ijjishee garmalee diimateera fuullishee daa’ima baala doobbiitiin reebamte fakkaatee horbobbaa’eera.

Guyyaa sana yommuu Isa qaban mana warra Maartaattan ture; Gooftaan immoo faasikaa kabajuudhaaf Duuka Bu’oota wajjiin mana Alaazaar waan tureef, nutimmoo waan nyaataaf ta’u qopheessaa turre. Ganama sana Iyyeruusaalem ni hunkuramti; yeroo gadi baanu naannoo keenya namni  tokkollee  hin  jiru. Yeroo kana hojiin hojjechaa jiru dhiiseen   daandii   magaalaatti nama geessu qabadheen    akka nama bineensi duubaa ari’uuttan fiige. Namoonni baay’een, kaan uffata gatee, kaawwan immoo meeshaa fi muka baatu darbatee, jaartoliin qoraan gurguraaf baatanis ofirraa darbanii humna hin jirre sanaan taraf-taraf- jechaa gara magaalaa   walakkaatti gugguufu.

Kuun   wal   dhiiba, ni kaataa, ni kufa ni ka’a; namni kuun immoo suuta   gurratti   walitti   hasaasa maal  jedhun  jedha  anaaf,  hin galle keessikoo garuu baay’ee sodaate; yaadni koo dafee gara Gooftaa nadhaqe. Guyyaa muraasa booda, akka Isa qabanii fi akka Isa fannisan nutti himee tureeyyu… wayyoo yemmuun isa yaadadhu onneekoon boo’aan ture. Maanguddoon tokko ulee hookkoo isaatti hirkatee yemmuu gugguufaa  kaatu  argeen,  itti fiigee maal, maaltu ta’e abbabban jedheen gaafadhe urgufamaa; “Hamma ammaatti hin dhageenyemoo ati?” naan  jedhe. Maal! Sagalee sodaa gaddaan guuttameen akka nama qalbiin tuqameen ta’e; “Yakkamaan sun qabamee mitii” kam inni! jedheen hamma onnee nadhoohutti rifadheen dhahannaan onnee koo to’annaa uumamaa irra darbee qomakoo gidduudhaan waan nakeessaa ba’u natti fakkaatee; “Sanikaa Iyyasuus kan jedhaniin” garuu…garuu…garuu… lubbuukoo hin beeku uffanni mormatti maradhe eessatti akka narraa bu’e, kopheenkoo eessatti akka narraa ba’e, miillikoo eessaa fi maalirra akka ejjetu natti hin yaadatamu. Jiraataan Iyyaruusaaleem yeroo sana na arge kunoo; laalaa maaraatumni ishee sun itti deebi’ee? naan  jechuu hin oolan. Fuulakoo naannessseen fiige gara mana Alaazaarfaa uummanni wal sukkuuma,wal hunkura wanta dubbatamu hin dhagahu garuu nan fiiga fiigicha qofa. Inni garuu mana Alaazaarfaa hin turre bitaa nagalee eessarraa eessatti akkan fiigaa jirus wallaaleen akka nama dhaabbatuun ta’e; qaamnikoo guutuun ni urgufama onneen koo nidhahatti hidhi imimmaan kootii hiikkateera Gooftaa kiyya, Gooftaa kiyyan jedha irra deddeebi’ee; “Eessabbaasaa gatiisaa laataniif ” jecha jedhu dhagaheen gara mirga kootti yemmuun naanna’u  Fariisichi tokko namaddii dhaabatee jira. “Eessa geessan?” jedhaan isa maddii kan dhaabatu mormasaa dheeressee ijaan barbaadaa hiriyaasaa ta’uu hin oolu kan isa maddii;  innis  deebisee  hidhiisaa  ciniinnatee lafa rurrukutaa “Oddoo Qayyaafaati!” jedhaan. Sana booda wanta isaan dubbatan hin dhageenyee anis caccabaa gara oddoo Qayyaaffaafaattan fiigicha koo itti qabe. Lafti hodhaa migiraa fakkaattetti namni akka talbaa walirra mucucaata, akka simbira   galgala   mandhee isheetti galuuf kaatee wacee wal waccisiisa dhalli namaa wal keessa hulluuqee. Eenyumtuu dabaree waliif hin laatu keessi guutee allis iddoon firii xaafii buusan hin jiru; “Godhiif, godhiif, sirriitti  naqabbaneessi, qaccee  dachaafadhuu  godhiif, fannisi, fannisi, kan  tokko danfu kan biraa hin dhagahu, walhunkuruu, walirraan koranii bu’uu. Hamma onneen koo dhoohuttan warra wal hunkuru sana dhiibeen gara oddoo sanatti olseene, iyyan keessaa fuudhe; ani namuu hin agarre ana kan arge baay’ee dha, anas uleen, kaballaan najoonjessee lafti naan mareen daddarbameen dallaa maddiitti kufe. Karri imimmaan kootii ammas baname, nan gangaladhe, nan mammadaa’e dallaattan of buuse. Dargaggeeyyiin Roomaa reebicha qacceetiif qofa leenji’an fakkaatan, waardiyyoonni Qayyaaffaa hamma Gooliyaad gagga’an wal harkaa fuudhaa akka bakakkaa irratti bu’u; qacceen yommuu dhumu qaccee haaraa bakka buusaa, humnisaanii yommuu dadhabu humna haaraan bakka   buusaa   gidiraa   hammana hin jedhamne irraan gahan. Dafqi addasaa irraa yaa’ee fuulasaa dhokseera; fuullisaa dhiigaan haguuggameera. Halkan guutuu reebamaa akka bule sirriitti  beekama; wayyoo gara jabeessa ilma namaa! Wayyoo ilma    namaa gatii hin qabne, wayyoo gowwummaa dhala  namaa  jechaan… galaana imimmaaniitin liqimfamte.

Anis of to’achuu   dadhabeen boo’aatiin barreessa,      naboossiste, ana  qofaa  miti  qalamnikoos ni boossi, halluu osoo hin ta’in jireenya lubbuu, jaalala lubbuu; maal ta’a anis Gooftaa kootiif kan naaf du’eef, Gooftaa Dhiigasaa naaf  lolaaseef, Foonsaa   naaf   laateef, jaalala isheen Isaaf  qabdu kana xiqqoosheellee ta’u osoon  qabaadhee jedhee   inaafeen   boo’e. Jaalala isheen Gooftaaf qabdu kana maal ta’a dhalli namaa hunduu osoo qabaatee cubbuu kan jedhamu osoo lafarraa haqamee jiraateen jedhe keessa kootti.

“Rufiinos”  jettee  jalqabde  dubbii haaraa; “…….iddoo sanii socho’uun dadhabe, kuun na arrabsa, kuunsaa kaballaa na affeeraa, kan hafe immoo si’is itti dabaluudhaaayyuu jechaa natti dheekkama, tokko tokko immoo saree, maal abbaashii hojjetti asii? Naan jedha…. garuu garuu obboleessakoo Rufiinoos jaalalli waan hundaa nama dandeessisa, hundumaa nama obsachiisa, gidiraan soogidda  jaalalaati. Jaalala Uumaa keetiif  qabdu mee sirriitti xiinxalii ilaali duubaa fi fuulduratti gonbisaa; cancalaan/ sansalataan harkaa fi dugda Isaa hidhanii; gara oddoo Philaaxos reebaa geessan. Gidiraan Inni yeroo sana arge, dhiphinni Inni yeroo sana arge, dhukkubbiiwwan yeroo sana isarratti raawwatame sana boodas sana duras eenyurrallee hin geenye hin ga’us, dugdisaa cancalaan hidhamee kan fuuldura jiran yommuu humnaan harkisan warri   duubaa   immoo   yemmuu gadhiisan ciirracha mana Qayyaaffaatii eegalee hanga Qaraaniyoo jiru isa akka qaruuraa caccabsanii ogummaadhaan dallaa irratti  dhaabaan fakkaatu   sana   irratti   fuulaa   fi   qomaan yommuu gonbifamu kuun yommuu irra ejjetanii darban kuun immoo  ka’i jedhanii lafatti  Isa  reebu, isaan caalaa hamoo kan ta’animmoo ciirracha seefa fakkaatu sanarra harkisaa  reebu; kan  jalaa fagaate immoo dhagaadhaan darbatanii, kan kana hundaa dadhaban immoo arrabsuudhaan akka waan arraba isaanitiin du’uu, hamma laagaan isaanii cituuf ka’utti iyyaa arrabsu. Hubadhukaa nu’iif  jecha Gooftaan ba’aa gidiraa sana hundaa baate, nadarbanii anas yommuu nagombisan tiradhee ka’een fuul durattan kaadha; amma anis of  hin beeku, oolmaan Inni naaf oole, kan Inni naaf raawwate onnee koo keessatti chaappa’ee waan jiruuf. Ana kanan jibbamee fi kanan tuuffatamee namaa gadi ta’e, Isatu lakkoofsa namaa keessa na oolchee ol naqabee, nafayyisee tarree namaa nadhaabe waan ta’eef yoomis jaalallisaa lapheekoo keessatti chaappeeffame waan ta’eef; dadhabee irraa fagaadhus garuu hafuu hin dandeenye boo’aan sussuka malee. “Jaalala kanarraa maaltu adda nabaasaree…”(Rom.8፥35). Daandiirratti obboloota shamarranii argadheetan isaan waliin boo’aa gara oddoo Philaaxoos qajeelle. Achittis immoo wayyoo, baay’inni reebicha ulee, iyyi sagalee qaccee fi gara jabeenyummaan warroota reebanii imimmaan nama   fixachiisee dhiiga nama boossisa; qaamni Isaa guutuun ni rom’a, Foonsaa irraa dhumeera lafeetu lakkaawama. Obsasaa, tolummaasaa yommuu qalbiidhaan madaaltu eenyummaakee gatii badi badi badi siin jedha. Isa boodammoo gonfoo qoree itti gonfachiisanii guddaanis xinnaanis hamma humna isaanii Isa rukutu, itti baacu, Fannoo irratti fannifamu baatee, dafqi dhiigasaa waliin walmake cophsaatii gaara yommuu ol ba’u… maal jedhuree…maal jedhuree…imimmaan    ishee    akka  galaanaatti lola’a. Sana booda uffata Isaa irraa baasanii; ammas reebichaan foon Isaa erga irraa fixanii jechuun ni danda’ama harkasaa lamaan diriirsanii akka fannoo dhaqqabuuf  jedhanii foo’aa jabaataadhaan erga hidhanii booda miilla Isaas miila fannoo irratti hidhanii jetteet, Imimmaaniifuu akka seenaatti osoo hin ta’iin akka waan amma chankaarichaan waraanaa jiranii itti fakkaatee, harka lamaan mataa qabattee iyyuu eegalte, anis imimmaankoo funyaan koorraan cophee biraannaa jiisuu eegallaan biraannaakoo walitti dachaasee boo’aa ishee tasgabbeessufan ka’e; akkuma ta’etti tasgabbeesseen haala chinkaaraan waraanamuu sana dhiistee, sana booda haala jiru akka natti himtun jajjabeesse….. wayyoo ija akkamiitu namaaf ilaaala, yeroo Inni iyyu dhagaheetan anis guurrakoo lamaan qabadhee, uuuuu… uuuuu… uuu.. jedheen afuurri nakeessaa qixxooftee sa’aatii walakkaadhaaf ofin wallaale…. wayyoo uumaakoo, anaaf jettee, galaanni imimmaanii ammas irra dhangala’a, fuullishee zayituuna bilchaatee ququnca’e fakkaateera. Jaalalli isheen Isaaf  qabdu madaallii kootii ol ta’een imimmaankoo naaf dhaabachuu dide; Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos isheen jireenyashee guutuu boochuuf kun amma reefu laphee koorrattii bocame, jaalalli isheen Isaaf qabdu amma laphee koorratti cophuu eegale, dhuguma jaalala dhugaa kan jaalate qofatu beeka… ammas boossee, boossee akkana jetteet itti naaf fufuu eegalte. Anis laphee fi barreessituu kootiin hordofuun eegale, akkana jettee eegalte, “Tasa raajiin addaa tokko ta’e, aduun dukkanoofte, addeessi dhiiga uffatte, urjiin ni harcaate, dacheen urgufamtee, warroonni du’an awwaala keessaa olkaka’anii gara magaalattiitti galanii baay’eewwanitti muul’atan (Mat 27፥45-53). Gooftaan keenyas “Xummurame!” jedhee du’a keenya nuuf du’ee lubbuusaa nuuf laate.

Yooseef kan jedhamu inni biyya Armaatiyaasii fi halkan halkan Gooftaa bira dhufee kan barachaa ture Niqoodimoos uffata haaraadhaan kafananii Awwaala haaraa Yooseef ofii isaatiif qopheesse kan namuu itti hin awwaalaminitti Gooftaa awwaalan. Guyyaa sadaffaatti nan ka’a jedhee waan tureef bultii jedhamu hin bulle, hamma Du’aa Ka’uu Isaa agarrutti midhaan hin nyaannu, bishaan hin dhugnu jennee waadaa waliif galleera. Gara galgalaa yommuu xinnoo dukkanaa’uu eegalu Golgootaa ilaaleen ifaan ibiddaa bakka bakkaa ni ifa, Loltoonni Roomaa of eeggannoodhaan awwaalicha eegaa jiru. Anis isaan sodaadhee turuu hin dandeenye…    Obboleessa koo Rufiinoos halkan Du’aa Ka’umsaa hamma geessutti; gidiraan, dhiphuun, dafqi dhiigaan makame sun, yommuu  natti yaadatamu osoon  hin  beekiin yaadaan nafudhatee Qaraaniyoo nageessa; jaalalasaa yommuun yaadadhu, waamichi Gooftaan koo yommuu natti yaadatamu; gabrummaa  cubbuu  irraa,  hidhaa  diyaabiloos  irraa, kanan hiikkadhe, guyyaan fayyinakoo sun yommuu natti yaadatamu yaadaan balali’eetan Golgootaatti of arga. Akkuma ta’etti   sanbanni  naaf halkanaa’e ani garuu nan taa’a; obboloonni koo warri shamarranii

“Maal ta’a osoo xinnooshii raftee? naan jedhanii nalolan; haamilee isaaniif  jedheen xinnoo hirkadhe, garuu hin rafne, nan dunuunfadhe garuu   sanyiin   hirriibaa   ijakootti hin dhufne. Yaadnikoo kan jiru Golgootaadha; ammas ammas oddoo Qayyaaffaatii eegalee hanga Qaraaniyootti ta’iin guyyaa sana ta’e akka marsaa dhiigaa sana nakeessa deddeebi’a. Sa’aatiin waan fagaate natti fakkaata nan ka’e, gara balbalaattan achi hiiqe, hulaa balbalaa keessan ijakoo tokkicha dunuunfadheen isa tokkoon gara alaa ilaale, dukkanni isaa sinyaadhuu kan namaan jedhu fakkaata; ta’us nahin dandeechisne, balali’i, balali’i gara Golgootaa; yaanni jedhu dhufee sammuukoo naguute.    Suuta jedheen akka warroonni rafan nahin dhageenyettan; hoggoraa/cufaa balbalaa banadhe, iyyi  sarootaa gama sanaa darbee darbee ni dhagahama kanaan ala homaa hin dhageenye.

Halkan halkan qofa     ifa     warra bahaa jedhamee kan waamamu ifaan daandiirra qofti takkaa ifee takkaa immoo dhaama; balbala xinnoo akka gadi deebisuu godheetan, naanna’ee ilaalee, kallattii daandii Qaraaniyoo qabadheen fiigicha guyyaa fiigan dukkana dimimmisaa sana keessa irraa kaadhe. Hirriiba nadhorkekaa; Gooftaan ka’ee hamman argutti, hawwiin keessakoo muddee jiru awwaalicha ilaaludha.Waardiyyoonni Roomaa tasallee natti hin yaadatamne,  sodaan waraabessaa sammuutti nahin dhufne, ani halkan sanas akka guyyaattan fiiga gara Qaraaniyoo; fagoodhaa ifaan takkaa baddee takkaammoo iftu natti muul’atti; Loltoonni Roomaa eegumsarra waan  jiraniif;  amma  isaan  ta’uu hin oolanin jedhe. Si ajaa’iba yaa obboleessa koo Rufiinoos; loltoonni Roomaa jiraatanii dhiisanii yeroo sana kun dhimmakoo hin turre.

Akkuma beektummoo daandiin Golgootaa salphaa miti. Kattaa dhidhiita’aa akka qaruuraa caccabee fakkaatu takkaa  yoo siwaraane hidda dhiigaa kan walitti nama butu sanatu itti baay’ata.  Qoreen yommuu qoloo koo /wandaboo koo narratti ciru, miilakoo yommuu na mummuru, qeensa miila kootii yommuu narraa buqqisu, yoom natti dhagahame, kunoo argitaa quba guddaa lachuurra qeensikoo hin jiru jettee kopheeshee baafattee yommuu natti agarsiiftu; dhugumaayyuu qeensi jalqabaa irra hin jiru isa lammaffaa deebi’ee margetu jajal’atee muul’ata malee; egaa, kun hunduu yaadannoo guyyaa saniiti naan jette. Amma achi dhiyaadheera, loltoonni Roomaa awwaalicha eegan rafaniiru; ibiddi garuu ni boba’a, halkanis dabareesaa bariif laachuuf dhumaa jira, samiin daalachaa’eera. Suuta jedheen gara awwaalichaatti hiiqa yommuun jedhu; sokoksa miila kootii dhagahanii eegdonni kun dammaqanii wal dammaqsuun; yeroo tokkotti gara kootti nanna’an. Achumaan ijaan fi harkaan wal waamanii, gara awwaalichaatti ariitii  cimaadhaan daddarbamaa qixa kootiin dhufan, anis rifadheen maddii tokkotti achi hirkadhee dhaabbadhee haala isaanii ilaalaa tureen yeroo isaan rifatanii burjaaja’an anis rifaatuun isaanii narifachiisee; suuta itti hiiqe yommuun gara boolla awwaalichaa ilaalu; dhagaan awwaala irraa konkolaateera, awwaalichis banameera, urgufamaa gara keessaa yemmuun ilaalu duwwaa dha. Uffata Yooseefii fi Niqoodimoos ittiin kafanan qofatu boolla keessa jira. Gooftaakoon dhabe, imimmaankoo akka burqaa gannaa tasa dhangala’u maddiikoorraa lola’e amma carraa biraa hin qabu; deebi‘eetan gara Iyyaruusaalemittan fiige, gara Duuka Bu’ootaaf; Gooftaan keenya akka awwaala keessa hin jirreen itti hime, yeroo    kana  Pheexiroosii fi Yohaannis dafqa offirra kutanii battalatti achi ga’an; kan dursee achi ga’e garuu Duuka Bu’aa Gooftaan jaalatu jedhamee kan dubbatameef Yohaannis ture. Ta’us, Pheexiroosiin dursee hin seenne. Anis lammaffaan hamma humna kootii duuba sussukaan deebi’e. Akkuman jedheen awwaala duwwaa qofatu jira. Pheexiroosii    fi    Yohaannis    garanaa fi    garas barbaadanii dhabnaan deebi’anii deeman; ani garuu, boo’aatii    achuman    ture.    Gooftaa koo osoon hin argatin, Uumaa koo dhabee hin deemu jedheen achuma taa’ee boo’uun jalqabe. Daandiin eebba Waaqayyoo ittiin argatan obsa qofa akka ta’e bareera. Ka’eetan ammas boo’aatii gara boolla awwaalichaattan qajeele. Gadi jedhee ammas gara awwaalichaa yommuun imimmaankoo haqachaa ilaalu, Ergamoonni lama uffata cabbii caalaa addaatu uffatanii tokko awwaalicha gara jalaa tokko immoo gara gubbaa dhaabataniin arge. Tokkichi akkana jechuun natti dubbate ‘‘Maaliif boossa, eenyuun barbaadda?’’ naan jedhe; sagaleenkoo imimmaaniin ciccitaa; Gooftaa koo fudhataniiru eessa akka geessan hin beekun jedheen. Kana jedhee balbala awwaalichaarraa gara duuba kootti yommuun miil’adhu; nama dhaabbatu tokkon arge. Eegduu ashaakiltootaa natti fakkaateen itti hiiqee; Innis “Dubartiinana maaliif boossa eenyus barbaadda?” naan jedhe; Anis maaloo fudhatteetta yoo ta’e natti himi eessa akka goote natti agarsiisi urgooftuu dibuufanii jedheen; sagaleenkoo ciccitaan hinqirfadhee boo‘aa. Innis “Maariyaam” jedhee sagalee ani Isa beekuun maqaakoo nawaame, rifaatuudhaan fuullikoo ifaan anis “Rabbuunii” (Yoh20፥1-18) jedheen. Edaayyu isumatu Gooftaa koo dha. Gammachuudhaan machaa’een gara isaatti fiige “Amma na hin tuqin” gara Abbaakoof   gara  abbaa keessanii  ol    hin    baanee; garuu, deemiitii obboloota Koo obboloota keetiin gara Abbaakoottan olba’a jedheera; jedhii itti himi naan jedhe. Gammachuu sana akkamitti ibsu, gadda guyyoota sana hundaa sekondii sana keessatti nakeessaa haxaa’ee baase; akkuman lapheekootii boo’ee hawwettan; Du’aa Ka’umsa Gooftaa kootii argee sagaleesaas dhagahee; fuullikoo gammachuudhaan biiftuu ganamaa fakkaatte. Gara Iyyaruusaalem, gara obboloota kootii  gammachuudhaan     burraaqaa, takkaa       faarfachaa takka immoo boo’aa (boo’icha gammachuun) as qajeele. Nan kaadhe sila fiigicha gaddaa fi boo’ichaa amma immoo seenichi jijjiirramee; fiigicha gammachuu fi  kolfaa; Gooftaa  keenya  argeeran  jedheen;    hundumtuu rifatan. Kan natti hime hundumaan itti hime, naanna’eetan oduu missiraachoo kana  hundumaa dhageessise, Du’aa Ka’uu Gooftaa keenyaa. Egaa,   ilaalikaa yaa  Obboleessa koo Rufiinoos; Gooftaankoo na hin irraanfannee, Ifa Du’aa Ka’umsasaa sanyii dhala namaa hunda keessaa filee jalqaba anatti muul’ate. Egaa jaalallisaa onnee koo keessatti chaappeffamee Ifa Du’aa Ka’umsasaa hanga arguutiin na ga’e. Anis Nagaatti jedheenii yemmuun deemuuf  ka’u wanti keessummaan tokko onnee koo irratti bocamee ture. Jaalallii, Amantii fi Obsi hanga oliitti nama geessa kan isheen naan jette jaalala dinqisiisaa akkamiiti! Bara kana jaalalli dhugaa kana fakkaatu eessumallee hin jiru. Guyyaa jalqabaa guyyaa fayyinaa sanarraa eegalee hamma iddoo Awwaalaa Golgootaatti; keessattuu imimmaaniin kan nama miiccu, galaana jaalalaa kan nama daaksisu jaalala ajaa’ibaa; “Jaalallii, Amantii fi Obsi hamma dhumaatti nama geessa” kan isheen naan jette anas CHAAPPAA JAALALAA yoomillee hin arraanfatamneen; onnee koo irratti bocee imimmaaniin narratti mallatteessitee nagaggeessite, anis boo’aatii Biraannaakoo maradheen, Imimmaaniin jaalala Kiristoos chaappeffadheen nagaatti jedhee gara biyya kootti imalakoo…

Maddi: – Veenasiyaa

Galata Waaqayyoo!

Qorumsawwan sadeen (Maat. 4:1-11)

Dn. Gabrasillaasee Shittaahun

Mata dureen keenya kun mata duree yeroo baay’ee tibba soomanaaf filatamu dha. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo cuuphamee xummuretti gara kawaala (Gadaamii) Qorontoos dhaqee guyyaa 40 fi halkan 40f soomuu Isaa kitaabniQulqulluu dhugaa nuuf baha (Maat. 4፡1-11, Maar. 1፡1-12, Luuq. 4፥1-13).

Akkuma armaan olitti ibsameen mata dureen keenya “Ergasi Gooftaankeenya Fayyisaankeenya Iyyasuus Kiristoos seexanaan qoramuudhaaf Afuuraangara lafa onaatti geeffame.”Maat. 4:1-11isa jedhu keessatti jechi ‘Ergasi’ jedhu maal ibsa?yoo jenne, Gooftaan Keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos erga cuuphamee booda, gara Kawaalaatti deemuu Isaa ibsa. “Isinis cuuphamtanii osoo hin oolin fi hin bulin gara Kawaalaa deemaa” nuun jechuuf kana raawwate.Fakkeenya nuuf ta’uuf “gara Kawaalaa deeme” jedha Kitaabnis. Abbaan keenya Addaam biyya lafaa kanarraa fagoo kan taate Gannata keessatti mo’atamee waan tureef, Gooftaankeenya Fayyisaankeenya IyyasuusKiristoosis, Kawaala iddoo ishii Qulqullittii jireenya fi ilaalcha adduunyawaa irraa fagaattuu taate keessattiijoowwan cubbuu sadeen mo’uuf deemuu Isaa ibsuufi dha.

Akkasumas, “Kawaala keessa qorumsi ni salphata,” yoo jedhan, namoota jalqabdoota (ወጣንያን) ta’aniif fakkeenya ta’uufi dha.“Kawaala keessatti qoruumsi ni hammaata” yoo jedhan immoo; kanneen amantaa isaaniitiin ciccimoo ta’aniif fakkeenya ta’uufi dha.

“Afuurri gara lafa onaatti Isa geese”kan jedhu keessatti jechi ‘Afuurri’ jedhu, maal jechuu akka ta’e ibsuun duratti, jechichi Kitaaba Qulqulluu keessatti yaad-rimeewwan akkamii fa’aaf ooluu danda’a kan jedhu ilaaluun barbaachisaa dha. Galumsaa fi yaad-rimee isaa beeknaan hiika laachuun baay’ee nama hin rakkisu.

  • Ergamoota Isaa afuura; Warroota Isaaf ergamaniis labooba abiddaa kan taasisu (Faar.103፡4)” Caqasa kanarratti hundoofnee yeroo ilaallu, jechi ‘Afuura’ jedhu Ergamoota Waaqayyoon bakka bu’a. haa ta’u malee, Kitaabni “Afuurri gara lafa onaatti Isa geese” yeroo jedhu, “Ergamaa Waaqayyootu Isa geesse” jechuu miti.

  • “Afuurri gara fedhetti afuura’a. እስመ መንፈስ ኀበ ፈቀደ ይነፍኅ…፤” (Yooh. 3፡1-15) kan jedhus yoo ilaalle, jechi Afuura jedhu qilleensa /bubbee ta’ee argma. Ammas, “Qilleensi gara lafa onaatti Isa geesse” jedhamee hiikamnaan dogongora guddaa dha.

  • “Ni rifatan ni sodaatanis; waan afuura arganis isaanitti fakkaate.” Luuq. 24:37 Caqasa kana keessatti Afuurri ibsamee jiru afuura xuraawaan bakka bu’eera. “Afuurri xuraawaan gara lafa onaatti Isa geesse” jedhamee yoo hiikames, hundaa ol kan ta’e Waaqayyo, afuura xuraawaan hin hogganamu waan ta’eef haala kanaan hin hiikamu.

  • “Qaamaan isin wajjiin jiraachuu baadhus afuuraan isin waliin jira.” (1ffaa 5:3-4 yommuu jedhus jecha afuura jedhu yaada namaan bakka buuseera. Kanaafuu, “Yaadni namaa gara lafa onaatti Isa geesse” jedhamee hiikamnaan, ammas dogongora guddaa dha.

  • “Qooqaan kadhannaan afuura kootu kadhata; sammuun koo garuu hubannaadhaa ala.” (1ffaa14:14) yaada jedhu keessattis jechi Afuura jedhu jecha lubbuu jedhuun ibsameera. “Lubbuun namaa gara lafa onaatti Isa geesse.” Jedhamee yoo hiikame, lubbuun namaa Waaqayyoorratti aangoo homaayyuu waan hin qabneef, kunillee hiika sirrii miti.

  • Waaqayyo Afuura dha. namootni Isaaf sagadanis Dhugaa fi Afuuraan Isaaf sagaduutuu irraa eegama.” (Yooh.4:24) Asitti immoo Afuurri jecha Waaqayyo jedhu ibsa.

Kanaafuu, jecha Afuura jedhu kallattiidhaan jecha ‘Waaqayyoo’jedhuun bakka buufnaan, hima “Waaqayyo gara lafa onaatti Isa geesse” kan jedhu nuuf kenna. Akka galumsa jechichaa isa sirrii yommuu ilaallu immoo “Waaqummaa Isaatu ykn fedha Isaatu Isa kakaasee gara lafa onaatti Isa geesse” jennee ifoomsuu dandeenya. “ወሶበ ትሰምዕ እንዘ ይብለከ መንፈስ ወሰዶ ገዳመ ኢተሐሊኬ ከመ ፍጡር ውእቱ፡፡ Yeroo jecha ‘Afuurri gara lafa onaatti Isa geesse’ jedhu dhageessu, akka uumamaatti Isa hin ilaaliin. አላ መንፈስሰ ሥምረቱ ይእቲ፡፡ Afuurri Eeyyama /Fedha Isaati malee.” Akkasumas, jechi ‘Afuura’ jedhu ‘Afuura Qulqulluu’ jechuu dha. Kana yommuu jennu garuu, akkuma Afuurri Qulqulluun Wareegamtoota kakaasee gara dhiiga isaanii dhangalaasuutti isaan geessu, ykn immoo Toloota kakaasee gara Kawaalaatti isaan geessu sana jechuu miti. Fedhiin Abbaa, fedhiin Ilmaa, fedhiin Afuura Qulqulluu tokko akka ta’e ibsuuf malee. Kitaabnis “Fedhiin sadeenuu tokkittii dha” jedha waan ta’eef. “Fedhii Isaatiin, fedhii Abbaa Isaatiin fedhii Afuura Qulqulluutiin dhufee nufayyise;” jechuudhaan yaada daran nuuf ibsu ni arganna (Galata Maariyaam kan guyyaa Kiibxataa, Hiika galuumsaa Wangeelota afranii).

Waa’ee hiika galuumsaa jecha ‘Afuuraa’ hanga kana yoo ilaallee, itti aansuun immoo qormaatawwan sadeen maalfaa akka ta’an fi tooftaa akkamiitiin isaan mo’achuu akka dandeenyu ilaalla.

Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos nanqulqullaa’a kan hin jenne Qulqulluugonkaa kan ta’e; nan dhugooma kan hin jenne AbbaaDhugaa ta’ee osoo jiru, nuti cubbamtootni cubbuu kenyarraa akka qulqulloofnuuf cuuphamee “Cuuphamaa!” nuun jedhe. Cuuphaan haqxuu cubbuuti.“Cuuphaa tokkittii ishee dhiifama cubbuu argamsiistutti ni amanna” (Hundee Amantaa ykn ejjannoo/bu’uura amantaa Abboota 318’n magaala Niiqiyaatti tumame) akkuma jedhu jechuu dha. Sirna Soomanaa kanas, Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos tumaa seeraa fi sirnaati waan ta’eef guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf iddoo itti dhaabbaterraa osoo hin maqin, miila diriirfate osoo hin dachaasin fi osoo hin taa’in soomuudhaan seeraa fi sirna soomanaa nuuf tumeera. Hojii keenya hojjechuu jalqabuu keenyaan dura soomuun kadhannaa geessisuun barbaachisaa akka ta’e nuhubachiisuuf hojii Isaa soomanaan jalqbe.Nyaanni cubbuuf hundee akkuma ta’e, soomannis naamusa gaarii qabaachuu fi hojii gaarii hojjechuuf bu’uura dha.“Soomanni Haadha kadhannaa, Obboleettii callisuu (አርምሞ), Burqa imimmaanii, Qabsuura Qulqulluufis ka’umsa dha” (Hiika galuumsaa Wangeelota afranii).

Gooftaan keenya turtii soomanasaa maaliif guyyaa afurtama taasise?Afurtamii tokko ykn soddomii sagal maaliif hin taasisne?

  • Abbootiin Kakuu Duraa soomaa kan turan guyyaa afurtamaaf ture. (S/Bahuu 24:18) Inni Kakuu Haaraatti baay’ina guyyoota soomanaa odoo dabale, turtii guyyoota soomanaa dabale ykn immoo osoo irraa hir’ise, hir’isee jira jedhanii seera Wangeelaa ishee qajeeltuu taate kana fudhachuurraa of-dhorku ture waan ta’eefi dha.

  • Akkasumas, Angafti Raajotaa Muuseen seera Kakuu Duraa tumee jira. Gooftaan keenyaas seera Wangeelaa tumee jira. Kana qofa miti, angafa Muuseen waggoota 40f Midiyaam keessa jiraatee uummata Israa’eel garbummaa Misir jalaa baaseera.; Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuusis guyyoota 40f soomee abbaa keenya Addaamii fi ijoolleesaa garbummaa seexanaa jalaa baaseera. Soomanni kan dhalli namaa ittiin seexana ofirraa ari’atu dha (Maat. 17:14-21)

  • Uummanni Israa’eel waggoota 40f lafa onaa keessa erga jiraatanii booda, Lafa Kakuu kan jedhamte Kana’aaniitti galaniiru; Gooftaan keenyas ‘isinis guyyoota 40f yoo soomtan Gannata ni galtu Mootummaa Waaqayyoos ni dhaaltu’ jechuuf guyyoota 40f soomeera (Hoj.D.B. 14:21-22). Raajaan Waaqayyoo abbaan keenya Eeliyaas guyyoota 40f soomee iddoo Qulqullootni fi Toltootni eegumsa adda ta’een eegamanitti (ብሔረ ሕያዋን) galeera; ‘isinis guyyoota 40f soomnaan Gannata ni galtu’ jechuuf guyyoota 40f soome.

  • Akkasumas, abbaan keenya Addaam mucummaa guyyaa 40tti Waaqayyorraa argate sana ofirraa fudhachiisee waan tureef, beenyaa isaaf (Addaamiif) ta’uuf guyyoota 40f soomee jira. Dhala namaa garaa haadha isaa keessa sanyii abbaa fi haadha isaarraa argate guyyoota 40f bocamaa, bifa namaa qabaachaa dhufu maraaf beenyaa ta’uuf dhufuusaa nuhubachiisuuf guyyoota 40f soome.

Erga soomee booda ni beela’e. Beela’eef immoo nan nyaadha hin jenne; ni obsate malee. Ni qorame garuu, qormaata sanaan hin mo’amne.Soomee; soomaa nuun jedhe malee osoo hin hojjatin hojjedhaa nuun hin jenne.

‘Achiin booda ni beela’e’ jedhamuunsaa akkuma nuti beelofnu sana jechuusaa miti; beela fedhiin beela’edha malee. “Beelli Gooftaa akka beela keenyaa miti.Nuyiin beelli nu mo’ata; kan Isaa garuu beela fedhiidhuma Isaatiin beela’e dha.” (Hiika galuumsaa Wangeela Maateewoos 4:2) .

Seexanni beela’uu Gooftaa ilaalee Isa qoruuf dhufe (Maat. 4:3).Erga itti dhihaatees, “Ati Ilma Waaqayyoo yoo taate dhagoota kanaan ‘Daabboo ta’aa!’ jedhiin” jedheen.

“Ilma Waaqayyoo yoo taate…” yaada jedhu ka’umsa tokko malee hin kaafne.Waaqni Abbaan tulluu Taabooritti “ዝንቱ ውእቱ ወልድየ፤ Kun Ilma Kooti.” yommuu jedhu waan dhagaheefi dha malee. Osoo dhagoota sana gara daabbootti jijjiiree jira ta’e, “ajajamaa seexanaa” jedhee idaa /mugoota/ itti godhuufi, yoommoo hin jijjiirre ta’e, “dadhabaa dha” isa jechisiisuuf.

Karaa biraatin immoo, ‘osoo gara daabbootti jijjiiree jiraate, qormaata biraan barbaadaaf; yoo jijjiiruu dide immoo, dadhabuusaa hubadheen itti dhihaadha’ jedheeti gaafficha dhiheesseef. Yaad-rimee (muuxannoo) ‘Dhagaa gara daabbootti jijjiiruu’ kana eessaa fide?’ jennaan, Yooseef Qulqullichi abbaan isaa obboloota isaaf (obboloota Yooseefiif) galaa hidhee (qopheessee) galaa isaaf (Yooseefiif) ta’us itti kennee, ‘isaaniif geessi haala isaan irra jiraniis ilaali koottu’ jedheen. Innis (Yooseef) galaan isaa jalaa dhume.Dhumnaan, galaa obbolootasaaf qabatee jirus yoo ta’e, yaboo (imaanaa) dha. Yooseefis nama amanamaa waan ta’eef ‘galaa isaanii ‘hin tuqu’ jedhee of-amansiiseera.Ergamaan Waaqayyoos gara isaa dhufee “Maaloo Waaqa abboota keen ‘dhagaa kana daabboo naa godhi’ jettee hin kadhattuu?” jedheen.Yooseefis, Waaqayyoon kadhannaan, Waaqayyo dhagaa sana daabboo isaaf godhee akka sooratu taasiseera. Seexanni raajii Waaqayyo yeroo sana raawwate fakkeenya/barsiifata/ godhateeti ‘dhagaa kana daabboo godhi’ gaaffii jedhu  Gooftaa keenyaatti kan dhiheesse.

Gooftaan keenyaas,  “Namni biddeenaan qofa miti kan jiraatu. Sagalee afaan Waaqayyoodhaa bahu hundaani malee.” jedheen (Maat. 4:4, S/K/Deeb. 8:3). Kana jechuunsaa, ‘Waaqayyo jiraadhu siin jennaan ni jiraatta; hin jiraatin siin jennaan immoo, hin jiraattu’ jechuusaati.

“Achiin booda immoo, gara biyya Qulqullittii Iyyaruusaaleem jedhamtutti Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos fudhate. Inni seexanaaf ajajameeti miti kan deeme; fedhii isaa (kan seexanaa) irratti beekee deemeef malee. “Kawaala, bakka injifannoo itti gonfadhee hin beeknetti waan ta’eef mo’ame malee, Mana Qulqullummaa, iddoo luboonni itti mo’amanitti osoo ta’ee Isan mo’adha ture.” jechaa sababeeffachaa waan tureef, Gooftaan keenya seexanicha sababa dhabsiisuuf beekaa deemeef (Hiika galumsaa Wangeela Maat. 4:5). Tibba soomanaatti nyaatarraa qofa of-dhorkuu osoo hin ta’iin, dognummaa (ስስት) fi of-jajiinsarraa of-dhorkuunillee waan nurraa eegamu akka ta’e hojiin nutti agarsiisee jira.

Mana Qulqullummaattis Bantoo Mana Qulqullummaarra Isa dhaabbachiisee. “Dhugumatti Ati Ilma Waaqayyoo yoo taate, bantoo Mana Qulqullummaa kanarraa Of-darbuun gadi bu’i! Karaa Ati deemtu hundumatti akka Si eeganiif Ergamoota Isaa Siif ni abbooma. Miilli Kees dhagaatti akka hin gufanneef harka isaaniitiin ol-siqabu’ jedha waan ta’eef Kitaabni” jedheen seexanichi (Maat. 4:6, Faar. 90:11). Garuu, Gooftaan keenya “Yommuu utaalu cabnaan, nan obbaafadha. Yoo cabuu baate (dide) immoo ‘jinnii (ምትሐት) dha’ jechaa maqaasaa xureessa.Yoo utaalee nagaan lafa gahe, qorumsa biraa itti fida.Yoo utaaluu/of-darbachuu dide immoo ‘dadhabaa dha’ jedhee maqaasaa xureessuuf natti mijata” jechaa sababa irratti barbaadaa ture.

Karaa biraatiin immoo, “Ajaja kiyya dhagahee yoo raawwate, “Ajajamaa seexanaa” jecheen maqaasaa xureessa; yoo raawwachuu dide immoo, dadhabinasaa ilaaleen itti dhihaadha.” jechaa tooftaa mijeeffatee ture.

Waaqayyo warroota Isatti amanan fi abboommii Isaa eegan qofa balaarraa oolchaa, namoota Isatti hin amanne fi abboommiisaa hin eegne immoo balaaf saaxilee akka kennu fakkeessee, amantootnillee “Amantoota/Kiristaanota waan taaneef gidiraan tokkollee nurra hin gahu” jechaa of-jajuudhaan akka kufaniif of-jajiinsa kan isaan barsiisu seexana ta’uusaa beekuu qabna. Waaqayyo nama hundumaa ija tokkoon waan ilaaluuf gara fayyinaatti akka dhufaniif of-dabarsee laateera. Garuu, Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos yaadni seexanichi kaase kun of-jajiinsa (namaa ol of-ilaaluu) agarsiisuu isaa waan beekuuf “Waaqayyo Gooftaa kee hin qoriin” jedhamee barreeffameera jechuun deebii gahaa kennuun isa qaaneessee/salphisee jira (Maat. 4:7, S/K/Deeb. 6:16)

Kanaafuu, qormaata of-jajiinsaa gad gad of-qabuudhaan dabarsuun nurraa akka eegamu Galatni fi Ulfinni Isaaf haa gahuuti Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos nuhubachiiseera.

Ammas Seexanni Gooftaa keenya qoruu itti fufee, Gooftaa keenyaan gara tulluu ol-ka’aatti geesseen. Gooftaa keenya gara tulluu ol-ka’aatti kan geesse/fuudhe seexanicha miti. Seexanichi “Mana Qulqullummaa, iddoo mootata  injifachuu hin malletti waan ta’eef namo’ate malee, tulluu, iddoo mootota injifachuuf mijataa ta’etti osoo ta’ee na hin mo’atu ture.” jechuun sababa tarreessaa waan tureef, Gooftaatu seexanicha sababa dhabsiisuuf gara tulluutti beekaa ol-baheef. Achittis, seexanichi “Kabaja mootota addunyaa maraa itti agarsiise. Jechuunis, cirracha lafaa sookoo (warqee); baala daggalaa immoo kafana kabajaa fakkeessee, karra fi qabeenya isaa (kan seexanaa) itti agarsiise. Gooftaan waan inni itti agarsiisaa jiru kanaan kan mo’amu itti fakkaateera.

Itti aansuudhaanis, jal’innisaa hammaataatuma deema waan ta’eef, “Osoo naaf sagaddee qabeenya addunyaa kanaa mara siin laadha.” jedheen.Abbaan manaa bultoosaatti, mootiin aangoosaatti, Waaqayyoon Waaqummaasaatti yoo Isa morman/falman hin jaalatu waan ta’eef, Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos “Seexana nana, Anaa dura deemi!Waaqayyo Gooftaa keef jilbeeffadhu sagadi; Isa duwwaa Waaqeffadhu!” (Maat. 4:10/S/K/Deeb. 6:13) jechuun seexana of-duraa dhabamsiiseera. Nutis, kiyyoo jaalala qabeenya fooniitiin yommuu nuhidhuuf yaalan, jibbansa qabeenya fooniitiin isaan mo’achuu akka qabnu fakkeenya nuuf ta’eera.

Walumaa galatti, Soomuun Gooftaa keenyaa kaayyoowwan Qulqullaa’oo ta’an baay’ee qabaatus, haala mata duree keenyaaf mijatuun qormaatawwan sadeen irratti aangoo nuuf kennuufi dha. Dognummaa nyaatarraa of-dhorkuun, Of-jajiinsa gad of-qabuudhaan Jaalala qabeenya adduunyawaa; qabeenya adduunyawaa jibbuudhaan mo’achuu nudandeessisuufi dha.

Galatni Waaqayyoof haa ta’u.

Hangafa hojii qajeelina hundaa; Sooma

Dn. Issubaalaw Damissee

Amantiin Kiristaanummaa amantaa hojii gaaridhaan mul’atuufi mul’achuu qabu dha. Hojiiwwan gaarii ykn qajeelinaa jedhamanii waammaman kanneen immoo akka salphaatti jireenya keenyaan kan ibsinu miti. Kanarraas kan ka’ee Amantaa dhugaa kana keessa namni jiraatu,nama daandii dhiphaa filatedha jedhamee Gooftaa keeyaan kan ibsameef (Mat. 7:13).

Daandii dhiphaa kana keessa yommu dabarru immoo wantoota daandii kana dhiphaa taasiisan, jabaannee darbuu akka dandeenyuuf wantoota afuurawoo hirkoo nuuf ta’an keessaa Soomni isa tokko dha. Qulqulluu Yisihaaq inni Sooriyaas soomni “Hangafa hojii qajeelina hundaati”; kunis hojii afuurawaa (Hojii Amantaa) kamiyyuu dura soomni ni dursa jechuun ibseera. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos tajaajila Isaa soomaan jalqabuun Isaa kanuma kan nuuf raggaasisudha (Mat. 4:1).

Qulqullootni hedduunis kana faana bu’uudhaan hojii isaani soomaan jalqabaniru. Soomas akkasiin faarsaniiru; “ Soomni, madaa lubbuu kan fayyistu, irree hawwii foonii kan dadhabsitu, hangafa hojii qajeelina hundaa, ulfina gara-kutattootaa, faaya qulqullinaa, haadha kadhannaa, madda imimmaani, leenjiistu tasgabbina/callinaa, Bilbila dammaqsituu hojii gaarii, fuula Waaqayyoo duratti kasoominaan mataa gad-qabachuu kan nama dandeessitu qoricha lubbuuti.

Haaluma kanaan Soomawwan Manni Kiristaanaa keenya soomtu keessaas Soomni guddaan ykn Soomni Gooftaa kuni isa tokko dha. Soomni kuni Gooftaan waan soomee tureef, taatee waggaa kuma lama dura ta’ee ture yaadachuuf qofa kan soomnu miti. Irra caala imala gara ayyaana du’aa ka’uumsa Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoositti taasiisnuufi qaama qophii ayyaanichaati.

Ayyaanni du’aa ka’uumsa Gooftaa keenyaas seenaan kaleessaa qofti kan keessatti yaadatamu otuu hin ta’iin, guyyaa injifannoo du’arratti qabnu itti nuuf mirkanaa’e akkuma ta’uu isaatti buufata xummura addunyaa kaanaa fi jalqabbii addunyaa isa dhufuu ykn mootummaa Waaqayyooti.

Ayyaana du’aa ka’uumsa Gooftaa keenyaa duras guyyoota 55’f soomuudhaan gara ayyaanaatti imaluun keenya imala keenya gara mootummaa Waaqayyootti taasisnu kan hubachiisudha.

Soomni Maali dha ?

Yeroo baay’ee waa’ee soomaa yommuu ka’u dursee gara sammuu keenyaatti kan dhufu wantoota nyaachuufi  nyaachuu dhiisuu waliin walqabatanidha, haa ta’u malee Sooma jechuun adda durummaan waa’ee nyaachuufi dhuguu qofa miti, Soomni waa’ee haaromina jireenya afuurummaa waliin kan walqabatudha.

Soomni kun Gooftaan keenya waan soomeef ‘isa fakkaachuuf’ yaada jedhuun qofa kan soomnu miti. Yaada keenya fedha waaqayyoo waliin araarsudhaafi malee. Bu’uura kanaan soomni seera Mana kiristaanaa eeguuf qofa Kan raawwatamu otuu hin taane hameenya irraa fagaachuu akka dandeenyuuf karaa hidhata afurawaa ittiin hidhannudha.

Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee “soomni nyaata qofa dhiisuu miti. Qaamooliin miiraa keenya martillee akka sooman ni eeggama., Kunis;  ijji hameenya ilaaluurraa, gurri hamii dhagahuurraa, harki wanta haqa hin ta’iin hojjachuurraa soomu qabu” nuun jedha. “Ani amma kanan dubbadhu waa’ee namootni barmaatidhaan ‘Sooma’ jechuun waamaniti miti, waa’ee sooma isa dhugaa ta’eeti malee. Soomni dhugaa bu’aawwan beelladootaa qofa dhiisuu miti, cubbuus dhiisuudha malee. Soomni kan nu fayyaduufi bu’aa kan nuuf argamsiisuu danda’u yoo akka malutti soomnedha.”  Eenyumtu dirree dorgoomii keessatti seera dorgommii otuu hin eegin yoo dorgome badhaasa argachuu hin danda’u  jedhame akkuma barreeffametti (2Xim. 2:5) yeroo qabsuura soomaa keessa dabarrutti gatii sooma keenyaa akka hin dhabneef akkamitti soomu akka qabnu beekuun nurraa eegama. Soomni qoricha waan ta’eef, haala itti fayyadama isaa beekuun barbaachisaadha. (St. John Chrysostom, Homilies on the Statues, iii, 3-8).

Qulqulluun Yaareedis kitaaba isaa “Digguwaa” keessatti yaaduma kana akkasiin nuuf gabbisa ይጹም ዐይን ይጹም እዝን; Ijii haa soomu, Gurriis haa soomu”. Qulqulluun Baasliyoosis “Dhugumatti foon nyaachaa hin jirtu, garuu obboleessa kee gufachiisaat jirta” jechuudhaan soomni nyaata qofarraa of eeguu akka hin taanee dubbateera (Homilies on Fasting, i, pp. xxxi, 181B).

“Nyaatni Cubbuu maali qabaa soomna ?”

Tibba soomaa kana keessaa “Amma hin nyaadhu nan tura, nyaatawwan kanas hin nyaadhu soomarran jira” jennee yommu dubbannu namootni tokko tokko “nyaatni cubbuu maalii qabaa nyaata soomta?! Soomuun cubbuudha malee” yeroo jedhan dhagahuun waan baramedha.

Yaada armaan olii kana qeequu keenya dura mee waa’ee nyaataa yommu haasoofnu nyaatni maaliif nu barbaachise gaaffi jedhu kaasuun ni mala. Namootni biyyaa lafaa haalli waa’ee nyaataa itti hubataniifi  kiristaanootni haalli ittiin hubannu garaagarummaa qaba, qabaachuus ni mala. Waaqayyo, biqiltuuwwaan Ganata keessa jiran dhalli namaa akka nyaatuuf eebisee kenneera (Uum. 1:29). Kunis kaayyoon isaa namni isaan irraa nyaatee Waaqayyo akka galateeffatuuf ture, akka har’a beeluu ba’uuf hin turre.  Nyaata beela’uun, nyaataaf jecha bahu bu’uun kan dhufe kufaatii dhala namaa booddee ture.

Kanaafi dha nu Kiristaanotaaf galmi jiraachuu keenyaa nyaata nyaachuu miti kan jennu. Nyaatni kan nu barbaachiseef kufaatii dura galataaf yoo ta’u kufaatii booddee immoo Jabinaafi fayyinaa qaama keenyaafidha, Kunis hojii gaarii hojjachuuf qaamni keenya haala gaarii irratti argamu qaba waan ta’eef.

Wanti Waaqayyo uume marti qulqulluu waan ta’eef nyaatnis bu’aa uummamtootaa akkuma ta’u isaatti mataa isaatiin cubbuu miti. Daangaa malee akkasumatti nyaachuun garuu cubbuudhaaf karaa saaqa waan ta’eef luugamni soomaa barbaachisaa dha. Kitaaba keessatti “Yaa’iqoob nyaate, gabbate  . .  .” (S/K/Deebii 32:15) jedhee akkuma barreeffametti cubbudhaaf karaa bana. Qulqulluun Qalameenxoos inni Iskindiriyaas balaawwan nyaata booda dhufan yommu ibsu “yaadni haammeenya gara garaa, amalli cubbuu adda addaa baay’ee nyaachuurraa waan maddaniif, Dhugumatti, gar malee nyaachuu irraa fagaachuu qabna. Dhibeen garaa fi dhibeewwan qaamaa adda addaa kanarraa madduuti. (Clement of Alexandria, Christ the Educator pp. 94)

Kitaabni Qulqulluunis “Mootummaan Waaqayyoo nyaataafi dhugaatiidhaan miti (Rom. 14:17) akkuma jedhe imala keenya gara mootummaa Waaqayyootti taasisnuuf soomaa miltoo taasifachuu qabna.

Kiristaanootni namoota abdii qabnu dha, abdiin keenya akka dhugoomuuf sooma keenyaan uumamtoota (Bineeldootaa fi bineessota) abdii borii hin qabne irraa adda haa baanu. Waaqayyoos akkas jechudhaan nu akeekkachiisa “kunoo, hamii fi gammachuu, qotiyyoofi hoolaa qaludhaan foon nyaachudhaan, daadhiis dhugudhaan bori ni duunaati haa nyaannu haa dhugnu jeettaniirtu. Hojiin keessan kun Waaqayyo biratti dhagahaamera, hanga duutanitti cubbuun keessan kun isiniif hin haqamu-[gonkuma isiniif hin haqamu] jedha Waaqayyo.” (Isa. 22:13).

Qulqulluun Phaawiloosis “Nyaatni gara Waaqayyootti nu hin dhiyeessu” (1Qor. 7:8) jechuudhaan akkuma dubbateetti akkuma walii galaatti mootummaan Waaqayyoo kan argamtu nyaataaf dhugaatiin otuu hin ta’iin soomaan waan ta’eef nyaata soomuun keenya qabsuura cubbuu soomuuf taasisnuuf irree guddadha. Namoota “Cubbuu soomi malee nyaata hin soomiin” nuun jedhaniif deebiin keenya cubbuu soomu akka dandeenyuuf nyaata soomudhaan ofleenjisna jechuu qabna.

Loltuun waraanaa diina isaa harka isaa keessa galfachuu yommu barbaadu dursee madda nyaataafi dhugaatii diina isaa to’ata; yoo kana to’ate salphumatti diinni isaa harka kennaaf waan ta’eef. Loltuun beela’e dandeetti loluu hin qabuuti. Nutis fedha keenyaan nyaata nyaannu yoo to’anne miirawwan hameenyaaf kaka’an mara to’annaa keenya jala kan oolchinuuf; yaadni keenya yaada Waaqayyoo waliin akka deemuuf “luugama” soomaatiin fooniif lubbuu keenya abboomuun ni mala.

Kaayyoon sooma keenyaa uumama Waaqayyoo xureessu miti yaada keenya qulqulleessudha malee. Tibba soomaa hawwii fooni keenya (Qaama keenya) irratti murtoo (ማዕቀብ)  ni buusna. Fakkeenyaaf nyaata wajiin walqabatee gosa nyaata muraasa akkasumas yeroo biraa hanga nyaannurra xiqqeesineet nyaanna. Kana gochuun keenya, nyaatni soomnu sun mataa isaatiin kan xuraa’e ta’eeti miti; sababa cubbuu dhala namaatiin eenyummaan keenya waan nu duraa wal-dhaheef (disordered) qaamni keenya qulqullaa’uu barbaada. Qulqullinni kunis karaa of abboomuutiin (self-discpline) kan deebi’udha. Haaluma kanaan kaayyoon soomuu keenyaa qaama keenya kana miidhuuf (Jibbuudhaan miidhu feenee) otuu hin ta’iin caalaati foon keenya kana karaa afuurawaa ta’een qulqulleessuufi dha.

Bu’aa beelladaarraa

Bu’aawwan beelladaa haala adda ta’een soomuun keenyas Kitaaba Qulqulluu bu’uura taasiifannee wanta raawwannu dha malee barmaatii bu’uura hin qabne miti. Adda durummaan nyaatawwan kanneen yeroo soomaa dhiisuun keenya foon keenya dadhabsuun jaalala Waaqayyoof qabnu ibsuuf dha. Kunis duri irraa jalqabee abbootiin keenya kan raawwachaa turanidha. “…ወአሕመምክዋ በጾም ለነፍስየ; Qaama koo soomaan dadhabse” (Far. 68:10) jechuudhaan Qulqulluun Daawiit dubbateera. Kanaaf soomni qaama dadhabsuu of keessaa akka qabu ni hubanna. “Jilbii koo soomaan dadhabe, foon kiyyas dhadhaa dhabudhaan huuqqatte” jechudhaan yeroo soomaa dhadhaan akka hin nyaatamne Qulqullichii dhugaa nuuf baha (Far. 108:24).

Qulqulluun Daani’eelis yeroo soomarra turetti fooniifi daadhii irraa soomaa akka ture Kitaabni Qulqulluun nutti hima (Dan.10:1-3). Bu’uuraaleewwan kanneenin yeroo soomaatti bu’aawwan beeyladaa ni dhiisna; ni soomna.

Namootni tokko tokko soomni Manni Kiristaanaa Ortoodooksi soomtu kun biyya kana keessa kan jiru malee biyyoota bira keessa akka hinjireetti yeroo haasa’ani fi, jechuun soomuu dhiisuuf yommuu yaada madaallii hin kaasne kaasaan ni dhagahaamu. Kanaaf deebiin keenya soomni akkasi biyya kana keessa kan jiru miti Manneen kiristaanaa biroonillee akkuma keenya akka sooman jiran bara kana keessaa raga argachuun baay’ee salphaa waan ta’eef, biyyoota Gibxii, Sooriyaa, Hindii, Arman, Ruusiyaa, Girikii . . . gaggaafadhaa jennaani.

Armaan olitti akkuma ilaalletti Wantootni kanneen irraa of dhorkinu mataa isaanitiin hammeenyummaa qabaatani ykn xuraawoo waan ta’aniif miti. Qaamni keenya yoo itti tole fedha Waaqayyoorra nu fageessuu waan danda’uuf fardi fuuloodhaan akkuma abboommamu namummaa keenya mara fedha Waaqayyoof abboomsiisuuf soomni fuuloo gaari waan taateef fuloo kana jaalalaan qabachuun ni mala.

Yommuu beelaa fi dheebuu mo’achuu jalqabnu miirawwan keenya kanneen hafanis mo’achuu akka dandeenyu miira injifannoo gonfachuu jalqabna. Namni garaa isaa hin mo’iin akkamiin miraalee isaan dhokatoo ta’an injifachuufi abboomuu danda’a?!  miiroota ofii abboomun guutuu injifannoowwan maraati. “ Namni afuura isaa abboomu nama magaala bitu ni caala”” akkuma jedhame (Fak. 16:32).

Nyaata fi dhugaatii dhiisuu yommu shaakallu, suuta suuta arrabni keenya waan hamaa fi wanta faayidaa hin qabne dubbachuu irraa akka ofqusatu leenjiisna. Akkasuma sammuu keenya yaada gatii hin qabne (Vain thought) akka hin yaadne taasisna. Onnee keenyas yaada cubbuu, miira xuraawaa akka hin yaadne ykn hin deddeebisne ni leenjifna. Haaluma kanaan sooma afaanii irraa gara arrabaatti, gara yaadaatti akkasumas gara sooma onneedhaan soomamutti guddanna.

Fedhii foonii ajjeesuuf  foon keenya ni dadhabsina, kanaaniis kaayyoo waaqayyo nu uumeef qofa akka jiraachuu dandeenyuuf namummaan keenya (Foon+Lubbuu+ Afuura) waaqayyoof akka abboomamuu danda’uuf ni leenjiisna.

Karaa biraatiin hammeenyi gara addunyaa kanaatti karaawwan ittiin seene keessaa inni tokko nyaata dha. Balaan nyaataa addunyaa mara akkuma miidhe sana nyaata kana dhiisuun immoo seexanaaf balaa qaba. Akka soomaatti kan isa miidhu hin jiru (Mat.17:21).  Namni nyaata yoo dhiise foon isaatiin akkuma du’u hunda, yoo sooma dhiisees lubbuu isaatiin ni du’a. “Namnii nyaata qofaan hin jiraatuuti!” jedhamee barreefameeraati (S.Ke.De. 8:3, Mat.4:4). Addaam fedha isaatiin abboommi Waaqayyoo diigee Waaqayyoo irraa akkuma gargar bahe hunda fedha keenyaan soomaan gara Waaqayyoottii ni deebina (Iyyu. 2:12).

Namni bifaa fi fakkeenya Waaqayyootiin uumamee otuu jiru sababa nyaataatiin bifa isaa; isa Waaqayyoon isa fakkeessu sana dhabeera. Bifa isarratti chaappeeffame sana kan eegu immoo nyaachuu dhiisuun (Soomaan) ture. Soomni seera jalqabaati kan jennuus kanaafidha.

Sooma yommu soomnu ulfina keenya kufaatii dura ture sana yaadachuun, bifa Waaqayyoo sana fakaachuuf (argachuuf) yaadudhaan soomuun ni mala. Sooma haaromsa miiraaf soomna jechuun keenyas kanaafidha! haaromsi kunis; Yaada  cubbuu addunyaa kanarraa baqachuuf, hojii  afuurawaa beeknee garuu hojachuuf dhibaa’uu irraa bilisa ta’uuf, Wanta jaalannu (isa gaarii ta’e) dhiisnee wanta jibbinu(isa hamaa) raawwachuu irraa  bilisa ta’uuf soomna (Rom. 7:15-23).

Sooma , Misirroo Misiricha ishee eegduuf . . .

Akka barumsa Mana Kiristaanaa keenyatti; Kitaabni Qulqulluuniis akkuma dhugaa nuuf bahutti Gooftaan keenya “Missiricha Mana Kiristaanaa – መርዓዊሃ ለቤተ ክርስቲያን” jedhameet waamama (Yoh. 3:29, Mul. 21:9; 22:17).

Misirrichi Misirroo isaa fudhaachuuf gara mana misirrootti akkuma deemu mara, Gooftaanis Misirroo Isaa kan taate Mana Kiristaanaa (Uummata Isaa) gara ofitti fudhachuuf lammaffaa ni dhufa (Yoh.14:2-3). Misirroonis; Manni Kiristaanaa dhufaatii Isaa kana soomuudhaan abdii godhatti.

Qulqulluu Yohaannis Inni Gooftaa Cuuphe Masihicha (Gooftaa Isa Dhufu) yeroo eegutti soomaa tureera (Mat. 11:18). Kunis Yohaannis fakeenya kakuu duraatti, Yeroo dhufaati Masihicha itti eeggamu dha. Raajotni baay’eenis dhufaati kana abdachuudhaan soomaniru. Bu’uruma kanaan soomuun waa arguuf, waa argachuuf kaayyoo afuurawaadhaaf jecha riqicha ce’uumsaa ijaarrannu dha.

Gooftaan keenya yeroo gara biyya lafaa kanatti dhufee tureetti Duuka Bu’ootni Isaa akka warra fariisootaa fi barattoota Yohaaniis hin sooman ture (Mar. 2:18; Luq. 5: 33; Mat. 9:14).

Kun immoo kan ta’eef Gooftaan “Misirrichii isaan waliin otuu jiruu waa’elootni(Miinjootni) gadduu ni danda’uuyii?! Misirrichii yeroo isaanirraa adda bahu ni dhufaati yeroo sana ni soomu” (Mat. 9:15) jechudhaan akkuma dubbateetti, dhufaatiin Isaa inni  duraa soomaan akkuma eegamaa ture sana dhufaatiin Isaa inni lammaffaanis akkasuma Manni Kiristaanaa soomaan eegdi, Missirroon Ishee Iddoo isheef qopheessuuf deemeera waan ta’eef dhufaati isaa kana hawwii guddaadhaan soomaan eegdi, soomaan garasitti imalti.

 “Misirrichi yeroo isaanirraa adda bahu ni dhufaati yeroo sana ni gaddu.” Kan jedhame sooma kan agarsiisudha. Kanaafidha Duuka Bu’ootni Isaa yeroo inni biyya lafaarra turetti kan hin soomiin. Gooftaan, Yohaannis irraa haala adda ta’een, cubbamtoota waliin nyaachaa, dhugaa tureera; warra beela’anillee raajii isaatiin beela irraa isaan oolchaa tureera, inni abdatamuu sun Isa waan ta’ef yeroo inni fooniin mul’ateetti soomni iddoo hin arganne ture. Gammachuu, nyaataa fi dhugaatiitu ture malee. Haaluma kanaan Kiristoosiin mootummaan Waaqayyoo isheen abdatamtu sun ifa taateerti! (Isa. 25:6).

Gaafa guyyoota Ayyaana gurguddoo Kan hin soomneef Ayyaanootni fakkeenya mootummaa Waaqayyoo ishee abdannuu waan ta’aniif, gadda malee nyaataafi gammachuu daangaa fi safuu Kiristaanummaa eeganiin taanee Waaqayyo galateefachuu waliin ni kabajna.

Akka Sirna Mana Kiristaanaa keenyaatti Fooniif Dhiiga Gooftaa fudhachuu keenya dura sa’aati kudha saddeetiif  ni soomna, kana gochuun keenya Gooftaan keenya sa’aatii 18’f gidiramuu Isaa Yaadachuu keenyaan alatti; Fooniif Dhiiga Gooftaa Ulfinaa, Kan Iyyasuus Kiristoosiin simachuuf jecha soomna. Raajootni dhufaatii Isaa hawwuun soomaniiru, akkasuma nutis Fooniif Dhiiga Isaa fudhachuuf ni soomna, dhufaatii  Isaa isa lammaffaas akkasuma soomaan eegna.

Imala keenya gara Mootummaa Waaqayyootti taasiisnuf soomni hangafa hojiiwwan qajeelina hundaa ta’uu erga hubannee miltoowwan (jaalleewwan) ishee biraa hin hafnee waan qabduuf nutis tibba soomaa kanatti isaan akka hin daganne. Isaaniis Kadhannaa fi Kennaa dha. Isaan kanaanis jaalala namaaf Waaqayyoof qabnu ni ibsina. Funyoon, sadiin foo’ame hin citu jedhamee akkuma barreeffametti (Lall.4:12) nutis Sooma, Kadhannaa fi Kennaa tokko taasinee qabachuudhaan imala keenya gara Mootummaa Waaqayyootti taasisnu Amantii fi obsaan taanee haa imallu. Kanaafiis, Arjummaan Waaqayyoo, Kadhannaan Deessuu Waaqaa Durbee Maariyaam, Waadaan Qulqulloota hundaa nu haa gargaaru. Ameen.

Beeksisa

Baga gammaddan!

Barruu Dhangaa Lubbuu Dubbisaa!

Mata dureewwan

Soomana fi Tibba Soomanaa

Afuura /Hafuura

Amantaa

Du’aa ka’uu

Jaalala Onneerratti Chaappeeffame

Mi’iraafa Qiddusaan Koomtoo Qululleettii Sillaasee

Qorumsawwan Sadeen

fi

kanneen kana fakkaataniif ibsa bal’aa barbaannaan Dhangaan Lubbuu Deebii isinii laatti!