Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  

  Kutaa Lammaffaa

Diriibaa Chaalaa   

Mana amantarratti rakkinni osoo baayyatu Waaqayyoon maaliif callisaa?

Akkuma dhuunfa keenyaa yommuu rakkinni numudatu Waaqayyootti iyyinu, akkasuma Mana amantaarras rakkinni yommu gahu furmaata Isumarraa eegna. Haala hubannaa keenyarraan kan ka’e kan ture ykn callisee yoo nutti fakkaate maalif? jenna. Luboonni yommuu wareegaman, Manniamantaa yommuu gubatu, hordoftoonni yommuu godaanan kitaabni qulqulluu yommuu saamamu, Manni Qulqullummaa yommuu sarbamu Waaqayyon akkamiti callisaa? jenna. Akkas kan jennu tari abaarsi Waaqayyoon bu’ee namoota badii kana raawwatan maaliif hin nyaatnne ykn hin balleessine jennee eegna ta’a yoo akka yaadne ta’u dhiisee akka nuti yaadne ta’uudhiisa. Akkamittis yaa eegnu garuu, nuti karaa eegne waantoonni ta’an bita nutti galuu danda’uu isaa booda abdi kutanna.

Hunda dursinee wanti beekuu qabnu rakkinni karaa Waaqayyoon ittiin dubbatu ta’uu isaati. Eyyeen Waaqayyoon karalee heddu dubbata. Karaa uumamtoota Isaan, afaan Qulqullootaatin, Kitaabotaa fi raajoota Isaan akkuma dubbatu rakkinaanis ni dubbata. Rakkinaan kan nutti dubbatu “maalif?” kan jedhu yoo jiroate Karaalee uumamtoota Isaa fi kan biroon yommuu dubbatu kan hin dhageenye waan jiruufi dha.

Kanaafuu, Waaqayyoon maaliif cal nuun jedhee? Maalifis hin dhaggeeffanne? jennee of gaafachuun gaari dha. Rakkina kanaan maal nu barsiisuu barbaade?

Maal akka sirreeffannu barbaade? jennee irraa deddeebiin ofii keenyaan yoo of sakattaane maal akka nutti dubbachaajiru yoo hubanne waan nurara eegamu yoo goone, waan balleessinedabsinee yoo sirreessine yeroo sana maalif callise jechuu ni dandeenya ta’a. Yeroo sana yoo gaafanne deebii ni arganna. Sababni jalqabaa namoota gaabbiidhaan deebi’aniif yeroo gabbii kennaafi jira ta’a. Seenaa Mana amantaa keessatti warreen mana amanta rai’ata turan booda gabbii galuudhaan sadarkaa Qulqullummaa abbotii baayyeetu gahan jiru. Fakkenya kaasuuf yoo ta’e, Duuka Bu’oota keessaa lamaan isaanii barreeffamee kan argannu jalqabarratti Mana amanta (warreen Kiristoositti amanan Kiristaanota) ari’achaa kan turan booda yeroo Fannoo Goofta Qulqulluu Isxifaanoos aarsaa ta’uun warreen ajjeesan waliin kan ture booda Duuka Bu’oota ajjeesuuf Kiristaanota hunda hidhuuf kan ture booda kaayyoo badii isaa kanaaf deemaa kan ture booda arjummaa Waaqayyoon kan waamame Qulqullichi Phawuloosi dha (H.d 20/30-9).

Mee yaa hubannu QulqullIchii Phaawulos dura rakkina Mana amantaarraan gahaa sababa tureef Waaqayyoon osoo obsuufi baate, balleessee turee ifni inni lafarratti ifee isaan argame sun eessaa akkamitti argama ture? Dhugumatti namoonni bara sana turani fi rakkina sababa isaatin isaan irra gahaa kan ture Kiristaanonni gara Kiristaanummaatti waamamuu isaatiin dura “Namni kun rakkinoota kana hunda geessisaa Waaqayyoon maaliif callise ilaala? jedhanii gafachaa kan turan erga waamame booda immoo” Waaqayyoon hojii Isaa hundaan sirriidha meeshaa isaa kan ta’e saa’oliif kan obse hunda keenyaaf barumsa kennuuf ture” akka jedhan hubattanii?

Kan biraan immo Mana amantaa ari’achuun Kiristaanota rakkisuun kan beekamu booda obsa Waaqayyoon gara Kiristaanummatti kan waamamanii fi Waaregamummaa fudhachuun kan boqate Ariyoosi dha. Bara Diyoqilixiyanoos bulchaa Iskindiriyaa kan ture baay’ina garaa jabina isaatiin mootonni hedduun aarsaa waaregamummaatiin dararee yeroo du’ufi didan gaa nama kanatti ergaa kan turan. Namni garaa jabeessi kun rakkina addaatiin ajjeesa ture. Wareegamtoonni baay’een harka isaatti du’an. Dhumarratti garuu, Waaqayyoon arjummaa isaatiin gara amantatti isadeebiseera. Rakkinni inni Kiristaanotarraan gahu xiqqeenyaan akka dhamdhamu godheera. Kiristaanota eeboodhaan sodaachisaa dhiphina isaanitiin gammadaa ture. Xiyya furguggeessisaa ture keessaa takka duubatti deebitee ija isaa waraante rakkinni haalaan isa dhiphise. Yeroo sanatti amantoota naannoo sana jiraatan keessaa isa tokkoon gorfame dhiigaa wareegamtootatiin ija isaa dibate fayyee Kiristoositti amane.

Dhumarrattis maqaa Kiristoosiin raga bahee wareegame. Guraandhala 8 yaadatamee oola. Qulqulloota kunneen irraa wanti hubannu Waaqayyoon yeroo isaan Mana amantarraa rakkina geessisan obsuun umrii isaanii yeroo gabbii kennaafi akka jiru dha. Namoota nu ari’atan keessaa waamicha Waaqayyotiin deebi’ani ofiif aarsaa ta’ani ykn nu dursanii Gannata kan galan ykn nutis aarsaaf kan nu jajjabeessan ta’uun kan jijjiiraman yoo ta’an maalitti beekna?

Waaqayyoon yeroo rakkinni nu mudatu Waaqumma Isaa akka hubannu fi amantaa keenyatti akka cimnu hanga yeroo isaatti callisu dandana’a. Akka Kitaaba Qulqulluu irratti ibsametti Waaqayyoon Duuka Bu’ota isaa walin hobdoo osoo imalanu bubbee hamaan ka’uun osoo dhiphatanu Gooftaan rafee ture. Sodaadhaan osoo jiranu baduuf jirraati nu oolchi jedhanii Isadammaqsan.Waaqayyoonis akkuma ka’een jecha dubbateen danbaliinsun cal jedhe. Ergamoonni Isaas aja’ibsiifatani akkas ittiin jedhan. “Laggeeni fi qilleensi kan siif ajajaman Ati eenyu dha? (luq 8=22-25) Seenaa kanarraa Waaqayyoon qillensi humna qabu akka ka’u eyyamuu Isaa fi hanga sodaan isaanii cimutti callisuu Isaa Ergamoonnis amantaa isaan Isarratti qaban akka cimu godhe. Jechuun laggeeni fi qillens kan Isaaf ajajaman ta’uu isaa akka hubatan godheera.

Waaqayyoon yeroo rakkinaa yommu Isa waamnu kan callisu nutti fakkaatus hanga bannutti nu hin ilaalu. Hanga abiddatti darbatamutti cal jedha. Garuu, abiddatti erga darbatamne booda abidicha dursuun Ergamaa Isaa nuuf erguudhaan nu oolcha. Hanga baaburaan daakamutti callisuu danda’a yaa ta’u male, osoo ilkaan baburichaa nurra hin bu’in libsanna ijaa caalaa saffisaan Ergamaa Isaa nuuf erguun nu olchata. Seenaa Qulqullootaa waareegamtoota irras kan barannu kanuma dha. Ijoollee sadan gara ibiddaatti hanga darbatamantti ni callise. Labsii “Abiddatti darbatamuu qabu” jedhu hanga baasanitti ni callise. Mootichi akka abiddatti darbatamanu ennaa labsu inuma callise. Harki fi milli isaanii hidhamee ibiddatti ennaa darbataman ni callise. Yeroo ibiddatti darbataman garuu, ibiddichi osoo isaan hin gubin ergama isaa ergee osoo rifeensi mata isaani keessa takkalle hin gubatin akka eegaman godhe. Hojii Isaa kanaan Waaqayyoon hunda danda’aa ta’uu Isaa ibseera.

Mootichi fayyisuu Waaqayyootti amanee labsii isaa hanga hagutti gaheera. Kanafuu, Waaqayyoon yeroo callise nutti fakkatu dhumarratti nu fayyisuuf akka ta’e yaa amannu. Garuu, yoo nu fayyisuu baate hoo? Kaayyoon Kiristaanotaa rakkinarraa bararamuu qofaa? Dhumarratti nu fayyisuu danda’aa dhugaa jedhu akka hubannuufi malee, kayyoon Kiristaanummaa rakkinarraa bararamuf qofaa miti. Wareegamtoonni ibiddattis kan darbataman, baaburaanis darbataman kan daakamani barbadaniti malee, rakkinarraa bararamuuf qofa miti. Fayyuuf osoo barbadani jalqabumayyuu maaliif dirree Wareegamummaatti bahu. Waaqayyoon rajii sana ilaalanii warra deebi’aniif jedhee ibidarraayis rakkinota biroo irraayis ni fayyisa malee fedhiin isaani maqaa Kiristoosin gidiraa fudhatanii darbuu dha.

Jireenya ijoollee sadani rraayis kanuma hubanna. “Ibidicharraa nu bararuu danda’a” jecha jedhuun dandeettiii fayyisuu Waaqayyoon ibsaniiru.Wareegamummaas akka barbadan garuu “Yoo nu fayyisuu baates waaqa namtochee ati dhabdeef hin sagadnu” jecha jedhuun ni hubanna.Waaqayyoon fayyisaa ta’ee osoo jiru Wareegamummaa akka fudhannu yoo jaalate ni gubanna malee isaaf sagaduu dhiisne fakkaattii ati harkaan hojjatteef hin sagadnu (Danaa 3=18) Waaqayyoon Waaqummaa Isaatin raajii mul’isuu yoo barbade namni namummaadhan “rawwateera” hanga jedhutti callisa ta’a. Wanti hundi erga xumuramee booda, adda citeera kan jedhame itti fufee yeroo argamu waan yaannu olitti yaada amantaaf qabnu nu dirqisisa. Dhugumaan rajicha kan mirkaneessu kanumaani dha. Seera uumamaatii ol kan ta’e gocha kana kan argan ni amanu. Kanaaf raajota rajiin godhamefin alatti raajii kana arguudhaan gara amanuutti dhufaniif raawwatamu dha. Kana erga ta’e, xiyyeeffannaan keenya du’a foonirraa ta’uu hin qabu. “Maalif” jennee yoo of gaafanne foonin du’uu caalaa barabaraaf lubbuudhaan akka hin dune dhiphachuu lubbuudhaan qabna. Yeroo hundumaa rakkinni Mana amantarra yommu gahu carraa gaaris qaba. Kunis, Wareegamumma dha. Rakkinni yommu jijjiiramu Wareegamummaanis ni jijjiirama ta’a. Rakkinichi sarbamuu qaamaas ta’us Wareegamtoota lubbuu Manni amantaa ni argatti, Barumsa amantaarratti ka’u warreen hin amanne (shakkitooni) yommu ta’u Manni amantaa beektota ykn barsisota ni argatti. Bara shekkitummaa Ariyoos Maarqoriyos ni ka’e. Akkuma waligalaatti ka’uun shekkifootaa Qulqulluu sirritti akka qo’annuf carraa anuu kennaa. Mootonni hin amanne yommu ka’an Manni amantaa Waaregamtoota hin darbine argatti. Yeroo rakkina Manni amanta Qulqullota akkanaatiin ibsamti.

Gama biraatin yeroo rakkoleen akkanaa uumaman Manni amanta Qulqullsa;a akka jirtu dha. Qaama keenya keessaa iddoon tokko osoo dhukkubsate qamni dhukkubsate kun warra kaan ni faala qaama kana jaalannus akka muramu goona muramuu isaatin gaddinus garuu, yoo muramuu baate warra kaan waan faaluuf balaan isaa kan caalu ta’a. Yeroo rakkina Mana amantaa warren of faalani warreen kaanis faaluuf yaalan ni jiru. Kanaaf amanticha keessaa of baasuun ykn immoo balaa addaatiin ni badu.

Warreen Wareegamummaan darban kana wajjin akka walitti hin makneef of eegachuu qabna. Wareegamummaan warri darban Waaqummaa Waaqayyoon akka ganan gaafatamanii hin gannu jedhaniiti ykn Mana amantaa hin leeyyisisnu jedhaniiti. Walumaa galatti kaayyoon isaanii amantaaf dhaabachuurratti kan hundaa’e sababa ta’eef kan Wareegaman isaan dhugumatti Wareegamtota. Isaaniif rakkinni isaanii badhasa duti isaanii boqonnaa dha.

Wareegamummaan kan hin dabarre ykn sababa biraan kan du’an hundu ni abaramu jechuu dha? Yaadni jedhu akka hin jiranneef eenyumti keenya waa’e hin beekne yaaduu kan qabnu Waaqayyoon yeroo rakkinota armaan olitti ibsaman sanan Mana amantaarraa adda kan basu akka jiru dha. Kanarraa kan darbe wanuma kamiyyu homa jechu hin dandeeny oo barbadames humni keenya hi eeyyamu.

Dhumarratti wanti yaadu qabnu Waaqayyoon wanta nurraa eegu akka rawwannu carraa nuuf laachaa (kennaa) jirachu Isaati. Inni gargaarsa eenyumaatin alatti waan fedha Isaa godhuu ni danda’a. Rakkina Mana amantaa furuu ni danda’a. Yaa ta’u malee, baayyina jaalala isaatirraan kan ka’e nutis hojii Isaarratti akka hirmaannu nurra bulee hojjachuuf fedha Isaa ta’u mala. Kanas baruuf isinirraa wantin barbaadu ni jira hanga nuun jedhutti eeguu hin qabnu. Namoota hojii Isaa keessatti hirmaachisuun fedha Isaa akka ta’e Kitaaba qulqullurratti ibseera.

Kitaaba Asteer irratti seenaan ibsame kan nutti mul’isu kunis eeyyama Waaqayyootiini dha. Asteer yommu sanatti saba isheerratti duuti labsameefsooma labsite. Ofifis soomaa gara Waaqayyootti ibsite cal jette.” Kan narraa eegamu Kadhachuu fi rakkinicha gara Waaqayyootti yaadachisuu dha” jette. Inumayyuu Waaqayyoon isheerra bulee akka hojjatu amantee mooticha dabaree ishee malee seentee dubbiste. Waaqayyoon ishee wajjin jira waaa ta’eef fuldurasattis ulfina argatte. Labisiin du’aa Israaeelotaa akka jijjiiramu ni goote.

Hanga xummuraatti rakkinni jirutti tokkoon tokkoo keenyaa wanti gochuu qabnu nutti dhagahamuu qaba.

Yoo ta’eyyuu jalqabarratti gabbii galuu, Fooni fi Dhigaa Kiristoos fudhachuu Kiristoos waliin ta’uu dandeenya. Wanti nurrea eegamu maali? jennee yaaduu fi hojii eegaluun dirqama keenya dha.

Dhumarrattis

Yeroo rakkinaa akka hin taanetti yaadurraa akka carraatti yoo fudhanne ni fayyadamna. Jalqabarratti yeroo kana carraaluwan gaggaarii lama qabna.

Inni duraa kan sirritti jaalatamu Waaregaama ta’uu dha. Carraa filachuu qabnu dha jennee yaanna? Kanaafillee bara Wareegamumman itti baay’ate kana keessa jirachuun mataan isaa filatamuu akka ta’e yaannee of qophessu dha. Keessa keenyaan barbaannee fi Waaqayyoos kadhannee kan nuuf milkaa’u yoo ta’e carraa gaarii dha.

Abaarsi warra cubbamootaaf dhufe Qulqullootaafis akkuma ga’u eebbi Qulqulloataaf dhufes cubbamootaaf ni ga’a. Warra maluuf eebbi bu’e yoo keessa keenyairaanbarbanne nuufis ni kennama. Dhigni Wareegamootaa akka jabaatan ni taasisa. Qulqulloota Wareegamtootaarrayis kan barannu kanuma dha. Kan jalqabaa fi carra gaari kanarratti hirmachuuf humna kan hin qabne fi rakkinicha sodaannee akka Isa gannu Waaqayyoon waanbeekfuf immoo eegumsa Isaa adda ta’een nu eege, Bara gaarummaattis akka ceenu nu gochuu danda’a. Wanta nurraa eegamu goonee jireenya gaabbi qabu, Foonii fi Dhigaa Isaa fudhachuun akka eeyyama Keeti nuuf yaa ta’u jenene isarratti dhisuu dha. Kan dandeenyu fi kan nu fayyadu Isumatu beeka. Kana hundumarraa hin taanu yoo ta’e, carraan keenya maal ta’a laata? Barreessuufis dubbisuufis nama sodaachisa Waaqayyoon akka fedha Isaatti dhiigaa Wareegamtootaaf jedhee nu yaa fayyisu! Sugni Isaa nurraa adda hin bahin!

Galanni Waaqayyoof haafa’u

Durbee Isa deesseefis

Fannoo Isaa kabajamaafis

Galanni haa fa’u