“Jaalala Kiristoos irraa eenyutu adda nu baasa?” (Room. 8:35)

  Kutaa Tokko    

       

  1.Hiikaa Rakkinaa

Rakkina jechuun maal jechuu dha? Rakkina jechuun qoruumsa, dhiiphina jechuu akka ta’e Aleqaa Kidaane Weldi Kifilee kitaaba isaanii galmee jechootaa (መዝገበ ቃላት) keessatti hiikanii ni argina. (fuula /ገጽ/ 591) akkasumas Liqa Hiruyaan Balaay Makonnin kitaaba isaanii galmee jechoota Afaan Amaariffaa Tinsaa’ee /ትንሣኤ/ keessatti “qoruumsa, jeeqamuu, dhiiphina” hiika jedhu kennanii fi ni argina. (fuula /ገጽ/ 20) Kiristaana jechuun bishaanii fi Afuura irraa dhalachuun Kiristoosiin kan Uffate, Kiristoosii waliin tokko kan ta’e jechuu dha.

Duuka Bu’aan Qulqullichi Phaawuloos “Kiristoosiin waliin Tokko akka taataniif kan Cuuphamtan hunduu Kiristoosiin uffatanirtuuti” (Gala. 3:27) akka jedhu. Kiristoos adduunyaa kana kan jaallate yookiin jaalala dhala namaaf qabu kan mul’ise, ofii Isaas rakkinatti dabarsee of keennuuni fi dhiphina kessatti dha. Gooftaanis “Anaan hordofuu kan jaallatu yoo jiraate, mataa isaa haa ganu Fannoo isaa baatee Ana haa hordofu” (Maat. 16:24) jechuun ajaja kenne keessatti Kiristaanonni Waaqayyo Isa Cuuphaadhaan uffatan kanaaf Jaalala qaban daandiin ittiin mul’isan rakkina ta’uu isaa haa qalbeeffannu! Waluuma galatti Jireenyi Kiristaanummaa raawwatee Sirrii kan ta’ee fi Gammachuun Samii kan ittiin dhugoomu, jireenya addunyaa keessatti immoo rakkinni lafaa kan adda irraa hin baane waan ta’eefii dha.

Waqtii tokko Gooftaan keenya rakkina akka fudhatu yeroo Duuka Bu’oota Isaatti himutti, Qulqullichi Pheexiroos “Sirratti hin ga’in /hin rawwatamiin/” (Maat. 16:22) yeroo ittiin jedhu Gooftaan keenya hiifatee/dheekkamee ture. Hiifannaa kanaan booda garuu Qulqullichi Pheexiroos waa’ee Kiristinnaa fi Rakkinaa akka addaa adda hin baane akkas jechuun ragaa ba’a “Yaa jaallatamtootaa isin gidduutti akka abiddaatti isiin qoruudhaaf rakkina ta’uudhaaf, waanti ajaa’ibsiisaan waanta isiinitti dhufeef hin diinqisifatiinaa” erga jedheen booda itti fufee “Gartuu Kiristaanaa ta’aanii rakkina fudhachuu garuu,waa’ee maqaa kanaaf Waaqayyoon haa galateeffatu malee hin qaanefatiin” (1ffaa Pheex. 4 :12-16) jedha.Qulqulluun Luqaasis “Duuka Bu’oota waamanii ni reeban, maqaa Iyyasuusiinis akka hin dubbanne abboomanii isaan hiikanii” jechuu dhaan waa’ee rakkina Duuka Bu’oota erga barreesseen booda “Isaaniis waa’ee maqaa Isaatiif tuffatamuun kan isaaniif malu ta’ee waan lakka’amaniif fuuldura Yaa’iitii isaanitti tolaa ba’anii” (Hoji.Du.Bu. 5:41) nuun jedha.  Duuka Bu’oonni dhiphinni qaama foonii isaanii irra ga’u isaanitti hin dhaga’amiin hafee utuu hin taane, Abbaa hundumaa kan ta’e Waaqayyoo waliin yeroo hundaa waan hojjetaniifi lapheen isaanii boqonnaa gammachuu samii fi nageenya argachaa waan tureefi dha. Irra caalaattis Fayyisaan Adduunyaa Iyyasuus Kiristoos “Adduunyaa keessa yeroo jirtan rakkinni isiin irra jira, haa ta’uu malee jabaadhaa Ani adduunyaa moo’adheera” (Yoh. 16:33) jechuun nuuf dhugoomsa.

2.Rakkinni Eessaa Dhufaa?

Dursinee akkuma caqasuuf yaalle rakkina yeroo jennu dhiphina, qoruumsa, dhukkuba, hongee, waraana yookiin nageenya dhabuu, beela ta’uu danda’a.karaaleen rakkinnoonni itti dhufan garaa gara yemmu ta’aan, barreeffama kanaaf madda rakkinaa kutaa Afuritti qoodnee ni ilaalla.

2.1 Ofii /Mataa/ ofii irraa:- Rakkinni hawwii foonii(cubbuu) mataa(ofii) keenyaa irraa dhufuu danda’a, dhalli namaa aangoo argachuu dhaaf, qarshii /maallaqa/ argachuu dhaaf, fudhatama argatee beekamaa ta’uuf, ofii isaa warreen kaan irraa adda baasee hawwii of guddisee mul’isuuf qabu irraa, rakkinna salphaa yookiin rakkina cimaa ofii isaa irratti fiduu danda’a. Fedhiiwwan kunneenis kan badanii fi darban yoo ta’aanis fedhiiwwan kanneen guutachuudhaaf daandiin ilmi namaa irra deemu garuu mataa ofiis ta’u akkasumas baay’oota rakkinaaf, gidiraafi qorumsaaf qaqqabsiisuu danda’eera. Adduunyaa irratti ta’u, darbees biyya keenya keessatti waantotni hanga ammaatti arginee fi ammattis kan argaa jirru waraanonni (lola), wal ajjeessuu fi wal balleessuu, dhukkuboonni, sanyiin, afaaniin, gareen, lagaan wal qooduun ragaalee ta’u.

Bara Kakuu Duraatti bara Noohi rakkinni addaa qaqqabee fi badiin dhala namootaa irraa kan ka’e rakkinni adduunyaa irratti dhufe. (S.Uum. 7:10) Akkasumas biyyoota Sadoomii fi Gamooraa keessatti Ijaafis gurraafis rakkinni fi badiinsi keessummaa ture, hawwii dadhabaa fi cubbuu irraa kan ka’e dha. (S.Uum. 19:24)

Israa’eelootaaf godaansi /adeemsi/ guyyootaa fi halkanoota 40 gara waggoota 40tti kan guddateef, Uumati Israa’eelis summii bofaan hiddamee kan dhumeef; darbees rakkinoota hedduu isaan irra qaqqabeef sababni cubbuu isaan of irratti fidanii fi dheebuu hawwii cubbuu jallinaa fedhii isaanii akkasumas seera Waaqayyoof bitamuu dhabuu dha. (S.Lakk. 14:34, 21:6)

Akka nama tokkootti (Personality) yoo ilaalle immoo abboommii Isaa irra darbuun, abboommii Isaa dagachuun, ajaja abboommii fi seerotaaf abboomamuu dhiisuun Waaqayyoo irra adda kan nu baasaa jiran fedhiiwwan foonii fi hawwii daangaa hin qabnee fi sirrii hin taane kan ofii keenyaan ofiitti fidneeni.

Qulqullichi Yohaannis ergaa isaa keessatti “Adduunyaa fi adduunyaa keessa kan jiran hin jaallatinaa, adduunyaa keessa kan jiru hunduu innis hawwii foonii fi ijatti midhaginaan waa’ee qabeenyaafis of jajuun adduunyaa keessaa waan ta’eef malee Abbaa irraa waan hin taaneef, eenyu iyyu adduunyaa yoo jaallate jaalalli Waaqayyoo isa keessa hin jiru” (1ffaa Yoh. 2:15) jedha, Qulqullichi Yaa’iqoobiinis “Haa ta’u malee tokko tokkoon hawwii ofiin harkifamuuni fi gowwoomfamuun ni qorama” (Yaa’i. 10:14) jechuun maddoota rakkinoota nutti dhufan keessa tokko kan ta’e hawwii mataa keenyaa ta’uu isaa ifatti nutti mul’isa.

2.2. Diyaabiloos irraa:- Rakkinni yookiin qoruumsi Diyaabiloos irraa dhufuu ni danda’a.  Itti waamama maqaa Isaatiif galanni fi kabajni haa ta’uutii Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos kawaala Qoroonxos keessatti guyyoota fi halkanoota 40 erga soomee booda diyaabiloos waantota gurguddoo sadiin of jajjumma, jaalala qarshii fi Albadhesummaan qoree ture. Qulqullichi Luqaasis kana yeroo mul’isuu fi ibsu “Diyaabiloos qoruumsa isaa hundumaa erga xumureen booda  yeroodhaaf Isa irraa adda ba’e” (Luq. 4:13) jedha.

Diyaabiloos hojii isaa hojjeechuudhaaf hawwii (fedhii) foonii dadhabaa keenya akka meeshaatti itti fayyadama. Qulqullichi Phaawuloos namoota Efesooniin “Dheekkamaa cubbuus hin rawwatinaa, dheekkamsa keessan irratti aduun hin seenin, diyaabiloosiifis daandii hin keenninaa” (Efe. 4:26) jedha. Kunis diyaabiloos hawwii foonii keenya dadhabaan yookiin fedhii keenyatti fayyadamee qoorumsaa fi rakkina nutti fiduu akka danda’u  kan nutti mul’isuu dha. Karaa biraatiin obboloota gidduutii jaalalli yeroo dhibamu diyaabiloos immoo wal jibbuu fi wal qoqqoduu caaluuf itti fayyadama.Waraansi afaanii fi dubbii namoota gidduutti raawwatuus jibbiinsaa fi addaa adda ba’uu caaluuf, akkasumas wal balleessuu caalutti guddifata.

Inni biraan immoo akka Iyoob Waaqayyo fuulduratti jaalatamuu fi kabaja yoo qabaannu, seexanni boqonnaa malee rakkinoota jajjaboo nutti fida “Seexannis Waaqayyo fuulduraa deeme, Iyoobinis kophee miilla isaatii jalqabee hanga mataa isaatti madaa hamaadhaan rukute” (Iyoob 2:7) jedha. Kitaabni “Dinni keessan diyaabiloos waanta Liqimsuu barbadee akka leenca barooduutti ni nanna’aatii” (1ffaa Pheex. 5:8) akkuma jedhu, dinni keenya qoruumsa fi rakkina baay’isuutiin boojuu argachuuf jecha boqonnaa malee yeroo hundaa dhama’a.

2.3. Waaqayyoo biraa:- Rakkinni eebbaa fi gatii samii irraaf Waaqayyo biraa dhufuu danda’a.Waaqayyo Abrihamiin ilma isaa Arsaa akka Isaaf taasisuuf ajajee ture. Kun qormaata dhiphisu Waaqayyoo biraa kan Abrihamiif dhiyaateedha. (S. Uum. 22:1-15) Abrihaam garuu kan ajajame raawwachuu dhaaf Waaqayyo fuulduratti guddina amantii isaatii mul’iseera.

Kakuu Haarattis Gooftaan keenya amantii Duuka Bu’oota yeroo qoru ni argina. Gooftaan keenya gara bidiruutti seenee erga rafeen booda bidiruuttin qilleensa jabaan dhiphattee turte. Duuka Bu’oonni Isaa dhiphachuu isaanii irraa kan ka’e “ Yaa Gooftaa, nu fayyisi, baduufi” jechaa dammaqsan. “Isiin warri amantiin isiinitti hir’ate, waa’ee maaliif sodaattuu? Ittiin jedheen. Kana boodas ka’ee qilleensaa fi galaanicha hifate, tasgabbiin guddaanis ta’e” (Maat. 8:23) jedha. Duuka Bu’oota Isaatiin bori rakkina guddaa ni fudhatuuti amma irraa eegalee qoruumsa keessa darbuu isaanitti agarsiisuuf, isaan shaakalsiisuuf akkasumas dandeettii rakkina baachuu isaanii ciimsuu dhaaf qoruumsa kana isaaniif dhiyeesse. Qulqullichi Yohaannis afaan Warqee “Moo’attoota adduunyaa kanaa kan ta’an Duuka Bu’oota Isaa qofa qabatee gara bidirruutti seene” jechuudhaan, Gooftaan keenya gara bidiruuchaatti seenuu Isaan dura namoonni baay’een kan Isa hordofan ta’us rakkina bidiruu sana keessa tureef kan filataman garuu Duuka Bu’oota Isaa qofa akka ta’an mul’isa.  Qulqullichi Phaawuloos qoruumsoota Waaqayyo biraa ta’an “Namoota hundumaaf rakkina ta’uun ala rakkinni biraan isiin irra hin geenye, haa ta’u malee hanga dandeessaniin caalaa akka qoraamtaniif kan hin eeyyamne  Waaqayyo amanamaa dha, akka obsitaniifis akka dandeessanitti qoruumsicha waliin karaa jalaa ittin miliqxanis isiniif qopheessa” (1ffaa Qor. 10:13) jechuun ni ibsa.

2.4. Namoota hin Amanne biraa:– Jireenya Kiristanummaa keessatti rakkinni karaa ittiin dhufu keessaa inni tokko namoota hin amannee irraatti. Bara Abbootii irraa eegalee Waaqummaa Waaqayyootiin karaa namoota fayyan irratti karaa namoota hin amanne rakkinni itti dhufaa ture. Har’as itti dhufuutti jira. Fara’ooniin Gibxii Isra’eeloota irratti rakkina jabeessuu isaa fi dheekamsa adabbii 10n irraa barachuus ta’e deebi’uu dhiisuun isaa, bu’aa amanuu dhabuu isaatiti.

Kana ta’uu isaaf Isra’eeloonni galaana Ertiraa yeroo ce’an inni liqimfameera. Hojii Duuka Bu’ootaa irrattis bartoota Gooftaa irratti waaqa harkee kan waaqessanii fi Tolchaataniin rakkina irratti jabeessaa akka turan ni dubbata. Fakkeenyaaf Elmaas tolchaan jedhamu Wangeela akka lallabnee fi hin barsiisneef isaan qoraa, warreen kaan macaafa isaanii gubaa, tajaajila isaanii irratti gufuu itti ta’aa turan. Ari’atamuu fi reebamuun rakkinoonni garaa garaa mootota hin amannee fi Heeroodis irraa isaan mudachaa tureera. /Hoji.Du.Bu. 13:8, 19:19/

Kanaaf ture “Rakkina fudhannee, gidirfamne (dhamaanes), Waangelas dubbanne” jechuun Qulqullichi Phaawuloos rakkina isaanii ibse. 1ffaa Tasa. 2:2 Dabalataanis godaansifamuu,beela’uu, dheebochuu, tuffatamuu fi arrabsamuu k.k.f yeroo tajaajila isaanii rakkina baramee fi amaleefatame ta’uu isaafi.

Haa ta’u malee, Abbootiin keenya duraanii kan isaan dhiiphatanii fi yaadan waa’ee rakkina isaan muudatuu fi ofii isaaniif osoo hin taane waa’ee Qulqulleetti Mana Kiristaanaa fi Meeshaawwan Qulqullaa’oo achii keessa turaniifi. Qulqullichi Phaawuloos Saba Qoronxoosiif yeroo erguu barreesseera. 2ffaa Qoro. 11:28

Jireenyi namoota Qulqullootaa bara Wareegamtootaas akka mul’isutti holqawwanii fi gammoojjii garaa garaa keessatti amantii isaaniif dhiiga dhangalasuu namootni akka Diyooqilxaanoos fi kan isa fakkaatan rakkina isa irra qaqqabsiisan ta’uu seenaan Mana Kiristaanaa ni mul’isa.

Bara keenyas namoota Amalooma Iyyaasuus Kiristoositti hin amananneen kallattii gara garaan rakkinni nutti dhufuu danda’a. Yihudoonni Fannoo Gooftaa keenya Iyyaasuus Kiristoos akka awwaalan, Tufitii fi Seera baruumsa Mana Kiristaanaa awwaaluuf namootni fiigan, amantii isaanii Tawaahidootiin kan fayyanii tajaajiltootaa fi amantoota warreen qoran haftee fi harcaatiin yihudootaa baroota keessatti ni ka’uutii. “Rakkina isinitti dhufeef hin ajaa’ibsifatiinaa” akkuma jedhame, waa’ee Amantaa kan hin amanne fi shakkitoota irraa rakkina dhufuun utuu hin raafamiin jireenya Afuurummaa fi baruumsa Tawaahidootti jabaachuutu nu irraa eegama.

3. Rakkina Keessatti Callisuu Waaqayyoo

Wangeela keessatti akkuma ifoome, bidiruuttiin qilleensi hanga galagalchuutti rakkina ta’e keessatti Duuka Bu’oonni dhiphatanii yeroo turanitti Gooftaan keenya garuu rafee hanga Isa dammaqsanitti hin kaane ture. (Maat. 8:23) Qilleensa dhiphisu keessatti hirribi hanga hin dammaqsinetti qabu hirriba akkamiitii? Utuu hin beekiin hafeeti akka hin jenneef hirriba keessaa yemmuu dammaqu maaltu mudate? Rakkina maalitus isin argate? Hin jenneeni, caalumaattis “isiin warri amantiin isiinitti hir’ate, waa’ee maaliif sodaattuu?” Ittiin jedheen malee. Callisuun Waaqayyoo beekuu dhabuu Isaa waliin raawwatee kan walitti hin dhufne ta’uu isaa raajichi “Ani Waaqa dhiyooti malee Waaqa fagoo miti. Namni dhoksaan yoo miliqse, Ani hin argineere? Samii fi lafas kan guute Ana mitiree? jedha Waaqayyo.” (Eerm. 23:23) jechuu dhaan ni dubbata. Ogeessichi Qulqulluun Salomooninis Waaqayyoo Foon Isaatiin rafe yoo jedhame illee Waaqummaa Isaatiin garuu hundumaa kan beeku ta’uu isaa “Ani raafeera, lapheen koo garuu dammaqeera” (Faar. Faar. Caalu Kan Salomoon. 5:2) irratti jechuun ibsa.

Kadhannaa Waadaa ykn Kidaanii irratti “እምቅድመ ሕሊና ኩሎ የአምር ፤ ወእምቅድመ ሕሊና ይፈትን ወዘእንበለ ንስአሎ ይሁብ ፍትወተነ” jedha gara Afaan Oromootti yeroo deebifnu “Yaada laphee hunda dursee hundumaa kan beeku, yaaduun dursee hundumaa kan qoratu, utuu hin kadhatiin waanta barbaadnu beekee kan nuuf keennu” (Kiidanii barii kutaa 2ffaa) irratti. Qulqullichi Yohaannis afaan Warqee Duuka Bu’oonni Isaa hanga dammaqsanitti hirribaa ka’uu dhabuu Kiristoos akkas jechuun “Waaqayyoon waanta barbaadnu utuu itti hin himiin ni beeka, kadhannaa kan taasifnu Waaqayyoon hoggannuuf (dursuuf) ykn abboomuuf miti, caalumaattis nuti yeroo kadhannu hariiroon nuuyif Isa gidduu jiru akka mul’atuuf malee, mataa keenya gadi qabannee yeroo kadhannu gad of qabummaa qabeenya akka taasifannuu fi yaadannuufi dha” jechuun ibsa.

Yeroo tokko tokko callisuu Waaqayyoo hormootni /al-uumamtootni/ illee “Dhugaan isaan bira hin jirtu, Uumaan Isaaniis hin jiru” jedhanii hanga dubbatanitti ga’uu ni danda’a. Dhangala’uu dhiiga Qulqullootaa, gubachuu Manaa fi Meeshalee Qulqullaa’oo Mana Kiristaanaa, dhiphachuu fi du’a tajaajiltootaa, qaaniin fi waanti nama leeyyaasiisu dubartootaa fi ijjoollota xixxiqqoo irra ga’uu fi gudeedamuu isaanii fi k.k.f yeroo ta’an, “Al-uumamtootni /Hormoonni/ Waaqni isaanii eessa jira? Akka hin jenneetti dhiiga garboota Keetii dhangala’e baasi ijoota keenya duratti ormoonni haa baran” (Faars. 78:10) hanga jennuutti callisuu ni danda’a. Jaallatamtoota maatii Waaqayyoo! Waaqayyoon waanta nu irra ga’ee fi nu irratti raawwatame qofa osoo hin taane, yaada keenya keessa waanta jiruus ta’ee waa’ee borii ni beeka. Haa ta’uu malee gahee keenya akka baanuuf, jabeenya amantii keenyas ilaaluuf ni barbaada. Waantootni raawwatamanii fi haalonni yoo ciman kadhannaa keenyaan haa dammaqsiinu, innis deebii gaaffiiwwan keenya hundaa nuuf deebisaati. Qulqulluun Phaawuloos fi Barnaabaas “Gara Mootummaa Waaqayyootti rakkina hedduudhaan seenuutu nu barbaachiisa” (Hoji.Du.Bu. 15:21) kan jedhaniis yeroo hunda haa yaadannu. Waanta irraanfatamu mitiihoo.

4. Gargaarsa Waaqayyoo Rakkina Keessatti

Rakkinni fi qoruumsi yeroo baay’atu “Waaqayyo utuu nu wajjiin jiraate ta’e akkas hin taanu ture” jennee ofii keenyaaniis namoota biroonis ni mormiina. Dhugaa dha! Baay’ina cubbuu fi yakka dalaguu keenyaan, seera irra daddarbuu keenyaani fi Waaqayyoo irraa fagaachuu keenyaan rakkinoonni nutti dhufan hedduun ni jiru. Rakkinoota kanneen akkasii qalbii jijjiiratanii (gaabbii galanii) dabarsuun ni mala. Kana jechuun garuu rakkinoonni hundumtuu cubbuu irraan kan ka’e qofa dhufu jechuu miti, gaabbii gallee jireenya Afuurummaa qajeelaa ta’e keessa utuu jirruu rakkinnii fi qoruumsi nutti dhufuu ni danda’a. Daranis caalee akka malee nu mudachuu danda’a. Dabalataaniis, baay’achuun rakkinootaa fi idaa’amiinsi qormaataa Waaqayyoo nu wajjiin jiraachuu dhabuu Isaa hin agarsiisu!

Uumaan utuu jiruu uumamni yeroo dhiiphatu, Kiristoos utuu jiruu dambaliin qilleensaa yeroo jabaatu “Kiristoos waanta nu waliin hin jirreef malee utuu jiraatee rakkinni nutti hin baay’atu ture” hin jedhinaa. Isa yeroo hordofnu, Isa waliinis yeroo jiraannu, kan Isaa kan ta’e Fannoon Isaa nu waliin jiraatii, lapheen keenyaas hin dagatiin, yaada keenyaanis haa qalbeeffannu! “Barbaadee kan nu argate Fannoo Isaatiniitii, nutis barbaadnee kan Isa argannu Fannoo Isaatinii”. Qeerloos biyya Itiyoophiyaa kan jedhamu beekaa fi Qulqulluun biyya keenyaa Abbaan Giyoorgiis Isa Gaasiccaa መጽሐፈ ምሥጢር (Macaafa Icitii jedhu barreesse keessatti “ Yaa warreen laphee dhiba’aa!(laphee Pheexiroos keessa kan jiruun) rakkina fudhachuu fi du’uu Isaa fudhachuu waanta dideef Pheexiroosiin akka hifate ykn dheekkame hin dhageessanii?” (መጽሐፈ ምሥጢር  Boq 15:10) jechuun rakkinni hiika Afuuraa qabaachuu isaa nutti hima. Hundumti keenya Mucummaa (ijoollummaa) keenyatti iciitoota yeroo hirmaannu, Mana Qulqullummaa Kiristoos taanee Inni nu keessa jiraateera, Gooftaa nu keessa jiru yoo kan jaallannu taane, Fannoo Isaa  haa baadhannu, “Namni Na hordofuu jaallatu ofii isaa haa ganu, jabaatees Fannoo du’a isaatii baatee guyya guyyaatti Na haa hordofu” (Luq. 9:23) akka jedhe Fayyisaan Addunyaa. Kanaafuu Waaqayyoon warreen amananii fi Isa duukaa bu’an caalaatti ni qoramu. Fakkeenyi kan hin argamneef Haati keenya Dubroon Maariyaam Waaqayyoon waliin taanee qoruumsa keessa akka ceenuutiif fakkeenya keenya ishee duraa fi hangafaatii. Duuka Bu’oonni Isaas “Ani hanga raawata addunyaatti isiin waliinan jira” Waaqayyoo isaaniin jedhe qabatanii, qoruumsaa fi rakkinoota hedduu fudhataniiru.

“Namni Na hordofuu jaallatu ofii isaa haa ganu, jabaatees Fannoo du’a isaatii baatee guyya guyyaatti Na haa hordofu” (Luq. 9:23) kan jedhuu fi “Anaan hordofuu kan jaallatu yoo jiraate, ofii isaa haa ganu Fannoo isaa baatee Naa hordofu” (Maat. 16:24) kan jedhu irra kaanee Fannoo kan jedhame maal akka ta’e haa ilaallu. Fannoo jechuun isaa rakkina jechuu isaati.

Nuu haa turu.