Qorumsawwan sadeen (Maat. 4:1-11)
Dn. Gabrasillaasee Shittaahun
Mata dureen keenya kun mata duree yeroo baay’ee tibba soomanaaf filatamu dha. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo cuuphamee xummuretti gara kawaala (Gadaamii) Qorontoos dhaqee guyyaa 40 fi halkan 40f soomuu Isaa kitaabniQulqulluu dhugaa nuuf baha (Maat. 4፡1-11, Maar. 1፡1-12, Luuq. 4፥1-13).
Akkuma armaan olitti ibsameen mata dureen keenya “Ergasi Gooftaankeenya Fayyisaankeenya Iyyasuus Kiristoos seexanaan qoramuudhaaf Afuuraangara lafa onaatti geeffame.”Maat. 4:1-11isa jedhu keessatti jechi ‘Ergasi’ jedhu maal ibsa?yoo jenne, Gooftaan Keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos erga cuuphamee booda, gara Kawaalaatti deemuu Isaa ibsa. “Isinis cuuphamtanii osoo hin oolin fi hin bulin gara Kawaalaa deemaa” nuun jechuuf kana raawwate.Fakkeenya nuuf ta’uuf “gara Kawaalaa deeme” jedha Kitaabnis. Abbaan keenya Addaam biyya lafaa kanarraa fagoo kan taate Gannata keessatti mo’atamee waan tureef, Gooftaankeenya Fayyisaankeenya IyyasuusKiristoosis, Kawaala iddoo ishii Qulqullittii jireenya fi ilaalcha adduunyawaa irraa fagaattuu taate keessattiijoowwan cubbuu sadeen mo’uuf deemuu Isaa ibsuufi dha.
Akkasumas, “Kawaala keessa qorumsi ni salphata,” yoo jedhan, namoota jalqabdoota (ወጣንያን) ta’aniif fakkeenya ta’uufi dha.“Kawaala keessatti qoruumsi ni hammaata” yoo jedhan immoo; kanneen amantaa isaaniitiin ciccimoo ta’aniif fakkeenya ta’uufi dha.
“Afuurri gara lafa onaatti Isa geese”kan jedhu keessatti jechi ‘Afuurri’ jedhu, maal jechuu akka ta’e ibsuun duratti, jechichi Kitaaba Qulqulluu keessatti yaad-rimeewwan akkamii fa’aaf ooluu danda’a kan jedhu ilaaluun barbaachisaa dha. Galumsaa fi yaad-rimee isaa beeknaan hiika laachuun baay’ee nama hin rakkisu.
-
Ergamoota Isaa afuura; Warroota Isaaf ergamaniis labooba abiddaa kan taasisu (Faar.103፡4)” Caqasa kanarratti hundoofnee yeroo ilaallu, jechi ‘Afuura’ jedhu Ergamoota Waaqayyoon bakka bu’a. haa ta’u malee, Kitaabni “Afuurri gara lafa onaatti Isa geese” yeroo jedhu, “Ergamaa Waaqayyootu Isa geesse” jechuu miti.
-
“Afuurri gara fedhetti afuura’a. እስመ መንፈስ ኀበ ፈቀደ ይነፍኅ…፤” (Yooh. 3፡1-15) kan jedhus yoo ilaalle, jechi ‘Afuura’ jedhu qilleensa /bubbee ta’ee argma. Ammas, “Qilleensi gara lafa onaatti Isa geesse” jedhamee hiikamnaan dogongora guddaa dha.
-
“Ni rifatan ni sodaatanis; waan afuura arganis isaanitti fakkaate.” Luuq. 24:37 Caqasa kana keessatti Afuurri ibsamee jiru afuura xuraawaan bakka bu’eera. “Afuurri xuraawaan gara lafa onaatti Isa geesse” jedhamee yoo hiikames, hundaa ol kan ta’e Waaqayyo, afuura xuraawaan hin hogganamu waan ta’eef haala kanaan hin hiikamu.
-
“Qaamaan isin wajjiin jiraachuu baadhus afuuraan isin waliin jira.” (1ffaa 5:3-4 yommuu jedhus jecha afuura jedhu yaada namaan bakka buuseera. Kanaafuu, “Yaadni namaa gara lafa onaatti Isa geesse” jedhamee hiikamnaan, ammas dogongora guddaa dha.
-
“Qooqaan kadhannaan afuura kootu kadhata; sammuun koo garuu hubannaadhaa ala.” (1ffaa14:14) yaada jedhu keessattis jechi Afuura jedhu jecha lubbuu jedhuun ibsameera. “Lubbuun namaa gara lafa onaatti Isa geesse.” Jedhamee yoo hiikame, lubbuun namaa Waaqayyoorratti aangoo homaayyuu waan hin qabneef, kunillee hiika sirrii miti.
-
“Waaqayyo Afuura dha. namootni Isaaf sagadanis Dhugaa fi Afuuraan Isaaf sagaduutuu irraa eegama.” (Yooh.4:24) Asitti immoo Afuurri jecha Waaqayyo jedhu ibsa.
Kanaafuu, jecha Afuura jedhu kallattiidhaan jecha ‘Waaqayyoo’jedhuun bakka buufnaan, hima “Waaqayyo gara lafa onaatti Isa geesse” kan jedhu nuuf kenna. Akka galumsa jechichaa isa sirrii yommuu ilaallu immoo “Waaqummaa Isaatu ykn fedha Isaatu Isa kakaasee gara lafa onaatti Isa geesse” jennee ifoomsuu dandeenya. “ወሶበ ትሰምዕ እንዘ ይብለከ መንፈስ ወሰዶ ገዳመ ኢተሐሊኬ ከመ ፍጡር ውእቱ፡፡ Yeroo jecha ‘Afuurri gara lafa onaatti Isa geesse’ jedhu dhageessu, akka uumamaatti Isa hin ilaaliin. አላ መንፈስሰ ሥምረቱ ይእቲ፡፡ Afuurri Eeyyama /Fedha Isaati malee.” Akkasumas, jechi ‘Afuura’ jedhu ‘Afuura Qulqulluu’ jechuu dha. Kana yommuu jennu garuu, akkuma Afuurri Qulqulluun Wareegamtoota kakaasee gara dhiiga isaanii dhangalaasuutti isaan geessu, ykn immoo Toloota kakaasee gara Kawaalaatti isaan geessu sana jechuu miti. Fedhiin Abbaa, fedhiin Ilmaa, fedhiin Afuura Qulqulluu tokko akka ta’e ibsuuf malee. Kitaabnis “Fedhiin sadeenuu tokkittii dha” jedha waan ta’eef. “Fedhii Isaatiin, fedhii Abbaa Isaatiin fedhii Afuura Qulqulluutiin dhufee nufayyise;” jechuudhaan yaada daran nuuf ibsu ni arganna (Galata Maariyaam kan guyyaa Kiibxataa, Hiika galuumsaa Wangeelota afranii).
Waa’ee hiika galuumsaa jecha ‘Afuuraa’ hanga kana yoo ilaallee, itti aansuun immoo qormaatawwan sadeen maalfaa akka ta’an fi tooftaa akkamiitiin isaan mo’achuu akka dandeenyu ilaalla.
Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos nanqulqullaa’a kan hin jenne Qulqulluugonkaa kan ta’e; nan dhugooma kan hin jenne AbbaaDhugaa ta’ee osoo jiru, nuti cubbamtootni cubbuu kenyarraa akka qulqulloofnuuf cuuphamee “Cuuphamaa!” nuun jedhe. Cuuphaan haqxuu cubbuuti.“Cuuphaa tokkittii ishee dhiifama cubbuu argamsiistutti ni amanna” (Hundee Amantaa ykn ejjannoo/bu’uura amantaa Abboota 318’n magaala Niiqiyaatti tumame) akkuma jedhu jechuu dha. Sirna Soomanaa kanas, Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos tumaa seeraa fi sirnaati waan ta’eef guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf iddoo itti dhaabbaterraa osoo hin maqin, miila diriirfate osoo hin dachaasin fi osoo hin taa’in soomuudhaan seeraa fi sirna soomanaa nuuf tumeera. Hojii keenya hojjechuu jalqabuu keenyaan dura soomuun kadhannaa geessisuun barbaachisaa akka ta’e nuhubachiisuuf hojii Isaa soomanaan jalqbe.Nyaanni cubbuuf hundee akkuma ta’e, soomannis naamusa gaarii qabaachuu fi hojii gaarii hojjechuuf bu’uura dha.“Soomanni Haadha kadhannaa, Obboleettii callisuu (አርምሞ), Burqa imimmaanii, Qabsuura Qulqulluufis ka’umsa dha” (Hiika galuumsaa Wangeelota afranii).
Gooftaan keenya turtii soomanasaa maaliif guyyaa afurtama taasise?Afurtamii tokko ykn soddomii sagal maaliif hin taasisne?
-
Abbootiin Kakuu Duraa soomaa kan turan guyyaa afurtamaaf ture. (S/Bahuu 24:18) Inni Kakuu Haaraatti baay’ina guyyoota soomanaa odoo dabale, turtii guyyoota soomanaa dabale ykn immoo osoo irraa hir’ise, hir’isee jira jedhanii seera Wangeelaa ishee qajeeltuu taate kana fudhachuurraa of-dhorku ture waan ta’eefi dha.
-
Akkasumas, Angafti Raajotaa Muuseen seera Kakuu Duraa tumee jira. Gooftaan keenyaas seera Wangeelaa tumee jira. Kana qofa miti, angafa Muuseen waggoota 40f Midiyaam keessa jiraatee uummata Israa’eel garbummaa Misir jalaa baaseera.; Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuusis guyyoota 40f soomee abbaa keenya Addaamii fi ijoolleesaa garbummaa seexanaa jalaa baaseera. Soomanni kan dhalli namaa ittiin seexana ofirraa ari’atu dha (Maat. 17:14-21)
-
Uummanni Israa’eel waggoota 40f lafa onaa keessa erga jiraatanii booda, Lafa Kakuu kan jedhamte Kana’aaniitti galaniiru; Gooftaan keenyas ‘isinis guyyoota 40f yoo soomtan Gannata ni galtu Mootummaa Waaqayyoos ni dhaaltu’ jechuuf guyyoota 40f soomeera (Hoj.D.B. 14:21-22). Raajaan Waaqayyoo abbaan keenya Eeliyaas guyyoota 40f soomee iddoo Qulqullootni fi Toltootni eegumsa adda ta’een eegamanitti (ብሔረ ሕያዋን) galeera; ‘isinis guyyoota 40f soomnaan Gannata ni galtu’ jechuuf guyyoota 40f soome.
-
Akkasumas, abbaan keenya Addaam mucummaa guyyaa 40tti Waaqayyorraa argate sana ofirraa fudhachiisee waan tureef, beenyaa isaaf (Addaamiif) ta’uuf guyyoota 40f soomee jira. Dhala namaa garaa haadha isaa keessa sanyii abbaa fi haadha isaarraa argate guyyoota 40f bocamaa, bifa namaa qabaachaa dhufu maraaf beenyaa ta’uuf dhufuusaa nuhubachiisuuf guyyoota 40f soome.