Dn. Gabrasillaasee Shittaahun
Durii
kaasnee Akaakoo/Akaakayyuu/ koo wajjiin qilxuu mana keenya fuuduratti argamu
jala taa’uu jaalanna. Har’as teenyeerra.
“Maal
taate immoo har’a? Yeroo malee dhuftee nacinaa teese?” naan jedhani.
Maqumaaf qofa dullooman jenna malee sagaleen isaanii kanuma dargaggeessaati.
Jechoonni afaan isaaniitii bahan miira tasgabbaa’een waan deeggaramaniif
dhagahamanii hin quufamani.
Anis
deebiseen “Waa rakkannaan……” jedhee odoo isaan hin xummurin
“Rakkoo akkamii? Qe’een nagaa dha mitii?”
“Qe’een
Naguma. Har’a waltajjii Araaraa irratti (ዐውደ
ምሕረት) …Godaantuu koochoo
joobira guddichaa lama badhaafamte… jedhanii oggaa barsiisan dhagaheen naaf
galuu didnaanan isin irraa barachuu dhufe.” Jechuun yommuu ani deebisuuf.
“Tolchiteetta ilmako, waan lubbuu kee fayyadu barachaa turuun kee bareeda dha.
Kitaaba Qulqulluu ni dubbistaa?” “Eeyyen.” “Hiika galuumsa
isaa hoo ni beektaa?” “Hiikni
galumsaa immoo maali?”
“Mee
al-tokkon kutaa Kitaaba Qulqulluu tokkon siif dubbisa Dhaggeeffadhu. “Aafuurri
Qulqulluun yommuus Filiphosiin, “Hoboloo (ሰረገላ) kanatti
dhi’aadhuutii, isa duukaa deemi!” jedhe. Filiphosis hoboloo sanatti
fiigee, utuu namichi macaafa raajicha Isaayaas dubbisuu dhaga’ee, “Waan
dubbisaa jirtu kana in hubattaa?” jedhee isa gaafate. Namichis, “Osoo
namni anaaf hin hiikiin, attamittan hubachuu danda’a?” jedhee deebisee;
akka Filiphos hoboloo irra bahee isa cinaa taa’uufis isa kadhate…. (H.D.B 8:29-31)” kan jedhu dha. Maal
irraa hubatte?” Jedhanii yommuu isaan na gaafatan, anis “Dubbisuu
qofa osoo hin ta’in ibsaa fi hiika gahaa argachuun barbaachisaa akka ta’en
hubadhe.” Jedheen deebiseef.
“Egaa
gaaffin kees kan deebi’uu qabu dubbisuu qofaan osoo hin ta’in, hiika
galuumsaatiin ille deeggarameeti. Caqasa isaa yaadattaa?”
“Eeyyen,
Mul. Yooh. 12:14 dha.”
“Lakkofsa
14ffaarraa miti egaa lakkofsa jalqabaarraa kaasi naaf dubbisi. Yeroo sana siif
gala.”
“Wanti
guddaan dinqisiisaan tokko, samii irratti argame; dubartiin biiftuu uffattee,
ji’a miilla isheeti kaa’attee, gonfoo urjoota kudha lamaa mataa ishee irraa
qabdu tokko ni mul’atte.” (Mul’ata Yoohaannis 12: 1) jedhee gara bo’oo
itti aanutti darbuuf goomara cirannaan (kokkee koo axaa’annaan)
“Afachu,
inni ati amma dubbistes hiika galuumsaa mataa isaa danda’e qaba. …Wanti
guddaan dinqisiisaan tokko, samii irratti argame; dubartiin biiftuu uffattee,
ji’a miilla isheeti kaa’attee, gonfoo urjoota kudha lamaa mataa ishee irraa
qabdu tokko ni mul’atte… kan jedhuuf aduutti kan moggaafame Gooftaa keenya
Iyyasuus Kiristoosi dha. Aduu uffatte jedhamuun isaas kabaja Gooftaan guutamtee
jechuudha. ‘…gonfoo urjoota kudha lamaa mataa isheerra qabdu… jechuun
‘gonfoo urjoota kudha lamaan akka faaya ilillaa fi warqeetti faayeeffame kan
gonfatte jechuusaati. Amma itti fufuu dandeessa.”
”
Isheen ulfa turte; ciniinsuu da’umsaatiinis dhiphattee iyyite.” (Mul’ata
Yoohaannis 12: 2)
“Amma
immoo Kakuu duraa keessaa caqasa tokko fidnee haa ilaallu. …Yaa mucaa
Tsiyoon, akkuma dubartii ciniinsifattee deessu dahi; amma magaalaa ni baataa.
Lafa onaa keessas ni jiraatta. Hanga Baabiiloonittis ni geessa; achittis si
fayyisa. Achittis Waaqayyo diinota keerraa si baraara…. (Raajii Miikiyaas
4:10) jedha. …Mucaa Tsiyoon… kan jedhamte Giiftii keenya Dubroo Maariyaami
dha. Isheenis yeroo Ilma ishee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoosiin
da’uuf geessetti tibbi lakkoofsa uummataa kan bara Awgisxoos mootichaa geenyan
sanynii Daawiit kan ta’e eegduu ishee kan ta’e Qulqulluu Yooseef wajjiin
lakkaa’amuuf gara magaala uummata ishee hin beeknetti (lafa onaa kan jedhames
kana.) deemuu fi achitti Ilma ishee Angafaa da’uuf gahuu ishee agarsiisa.
…achittis si fayyisa… jechuun isaa, dhukkubbi yeroo da’umsaa dubartootatti
dhaga’amurraa bilisa akka taate yeroo ibsu dha (Luuq. 2:1-7), …achittis
Waaqayyo diinota keerraa si baraara… jechuun isaa immoo, Heeroodsi daa’imicha
(Gooftaa keenya) ajjeesuuf yeroo ka’etti Ergamaan Waaqayyoo abjuun itti
mul’atee akka inni Daa’imicha haadha Isaa wajjiin qabatee gara biyya Misir
(Gibtsi)tti godaanu gochuun ishees Finna ishees akka baraare nuhubachiisa
(Maat. 2:12-13).” jechaa oggaa dubbatan “Tooooo…le” jechaan
jira, ija isaanii keessa ilallaalaa too. “Amma bo’oo isa itti aanu
dubbisi.” jedhani.
Anis
ittuman fufe. “Wanti dinqisiisaan biraa tokkos samii irratti argame; inni
immoo bineensa akka jawwee guddaa, diimaa, mataa torba, gaanfa kudhan mataa
isaa torban irratti wanta akka gonfoo torba qabu ture.” (Mul. Yooh. 12: 3)
kan jedhu dubbisee dhuma sararichaarra geenyaan dhaaphe.
“Sirritti
dhaggeeffadhu. …bineensa akka jawwee guddaa…. kan jedhame diyaabiloosi
(seexana) dha. …mataa torba, gaanfa kudhan… kan jedhame immoo mataawwan
jahan irratti ganfa tokko tokkoo; isa torbaffaa irratti immoo afur biqilee
argamu arge Yoohaannis. Akkanattillee ni hiikama, mataawwan jahan gaanfa
dhabeessa oggaa ta’an isa torbaffaarra garuu gaanfa kudhan biqilee jiru arge.
Mataawwan caqasaman irrattis waan akka caaccuu (ተቀጽላ)
qaba. …diimaa… jedhamee ibsamuun isaa uummamni isaa abiddarraa waan ta’eefi
dha” jechuun erga naaf goolabani booda. “Itti fufi” naan jennaan
anis ittan fufe.
“Eegeen
isaan urjoota samiirra jiran harka sadii keessaa harka tokko haxaa’ee lafatti
gadi darbate. Bineensi akka jawwee sunis yeroo dubartittiin deessu mucaa ishee
liqimsuudhaaf jedhee, ishee da’uuf jettu sana dura dhaabate.” (Mul’ata
Yohannis 12: 4)
“Akka
gaarii dubbiste.” Jedhanii erga na jajjabeessaanii booda gara hiika
isaatti dabran.
“…Eegeen
isaan urjoota samiirra jiran harka sadii keessaa harka tokko haxaa’ee lafatti
gadi darbate…. jedhamee kan ibsame, seexanni humna rifachiisaa ta’e fi waan
raajii fakkaatu agarsiisuudhaan addunyaa kana burjaajeessuuf kan carraaquu
ta’uu isaa ibsa.
Akkanattillee
ni hiikama; …urjiiwwan samiirra jiran… kan jedhaman, namoota jireenya
Afuurawaatiin sadarkaa guddaarra gahan jechuu yommuu ta’u, seexanni isaan
kanallee ni gufachiisa jechuu dha. Wageelli isa kanaf “Masiihonni fi
raajonni sobaa ka’anii, yoo danda’ame warra Waaqayyoof fo’aman iyyuu
wallaalchisuudhaaf, mallattoo fi dinqii adda addaa ni argisiisu.” jechaa
nugorsa. (Maat. 24:24, Maarqos 13: 22) …jawween sunis yeroo dubrtittiin
deessu Mucaa ishee liqimsuuf ishee dura dhaabate… jechuun isaa seexanni laphee
Heeroodsirra, Qayyaafaarra, dureewwa luboota Ayhuudotaarra, guurtota qaraxaarra
bulee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoos ajjeesuu fi himachuuf
onnee hammeenyaan fuuldura Isaatti dhaabateera waan ta’eef Kitaabni haala
kanaan nuu ibsa.”
“Bo’oo
5ffaa itti fufi.”
“Tole,
…Isheenis Ilma addunyaa hundumaa siiqqee sibiilaatiin tiksuuf jedhu deesse;
Ilmi ishee garuu gara Waaqayyootti, gara teessoo Isaattis ol ba’e.” (Mul’ata Yohannis 12: 5)
“…siiqqee
sibiilaatiin tiksuuf jedhu… jechuudhaan kan ibsame akkuma Faarfannaa Daawiit
2:9 fi Mul. Yooh. 19:15 irratti ibsameen, addunyaa kana siiqqee sibilaan
(aangoo gonkaan) uummata hundumaa kan eegu fi kan bulchu (duruu bulchaa kan
ture) ni deesse jechuu dha.”
“Dubartittiin
immoo lafa onaatti in baqatte; achitti iddoo Waaqayyo akka isheen guyyaa kuma
tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatamaaf, waan ittiin jiraattu argattuuf
qopheesseef, qabdi turte.” (Mul’ata Yohannis 12: 6)
…Dubartittiin…
kan jedhamte Dubroo Maariyaami dha. …lafa onaatti ni baqatte… jedhamuun
ishee, Heeroods Daa’ma ishee ajjeesuuf kaanaan duraa baqattee gara biyya Misir
(Gibtsi)tti godaanuu ishee ibsuuf yommuu ta’u, achittis guyyoota 1260f (waggaa
sadii fi walakkaa) dabarsite. Turtiin guyyootaa 1260 jedhamee ibsame, Giiftiin
keenya biyya Gibtsiitti hammam akka turte qofa miti. Heeroodsi erga Gooftaa
keenya fi Giiftii keenya biyyaa baqachiise booda baay’ee hin turre. Kun immoo,
namoonni namoota biroo bakka teessoo fi dhaabbii dhabsiisan umriin isaanii
gabaabduu akka taate nubarsiisa.”
“Akkanattillee
ni hiikama;
…biiftuu
uffattee… kan jedhame, biiftuun kan fakkeeffaman barsiisonni Afuurawoo Kitaabilee
Kakuu Duraa fi Kakuu Haaraa barsiisaa mul’achuu isaanii
Akkanattillee
ni hiikama;
…dubartittiin…
fakkeenya amantootaati. Hojii gaarii Kakuu Duraa fi Kakuu Haaraa keessa jiran
dhaqna godhataniiru. Isaan kabaja Duuka Bu’oonni argatan argataniiru.
Akkanattillee
ni hiikama;
…ulfaa…
jedhamuun isaa, Barsiisonni Afuurawoo amantoota Waaqayyoo bilchina sammuu
Afuurawaatiin ni ulfaa’an jechuu dha.
…ni
deesse… kan jedhame immoo, amantootni amantaa fi hojii gaarii gonfataniiru
jehuufi.
…gar-malee
ciniinsiffatti (dhiphatte)… kan jedhu immoo, Barsiisotni amantoota Waaqayyoo
barsiisanii hojii Afuurawaa hojjechiisuuf gidiraa addaa keessa dabarsuu isaanii
ibsuuf yeroo ta’u; amantootnis barnoota barataniin qalbii isaanii gara
gaariitti akka hin jijjiirranne seexanni gufuuwwan adda addaan isaan qoruu isaa
agarsiisa. Isaan (amantootni) garuu, humna isaan karaa cuuphaatiin argataniin
isa mo’atu.
Akkanattillee
ni hiikama;
…eegee
isaatiin urjiilee … lafatti gad-darbate… inni jedhummoo amantoota Afuurawoo
ta’an gufachiisuudhaan dalagdoota hojii foonii isaan taasisuuf doorsisuu isaa
ibsa. Isaan (amantootni) garuu, humna isaan karaa cuuphaatiin argataniin isa
mo’atu.
Akkanattillee
ni hiikama;
…dhaabate…
jedhamuun isaas, Barsiisonni amantoota bilchina jireenya Afuurawaatiin dahuu
isaanii gaafa argu onnee raajoota dharaa fi kanneen akka Heroodsi jiranirra
bulee qormmata itti baay’isuu fi Gooftaa dhalate ajjeesisuuf tooftaa hammeenyaa
Haadha keenya Heewaaniin ittiin digongorse qabatee hafe.” jedhanii
dhiheessii barnootaa isaan qaban sanaan roobsanii. “Amma yeroon Sirna
Qulqulleessaas gaheera; isa bo’oo torbaffaa hamma kudha lamaa jiru waa’ee
kufiitii saaxinaa’eel haasa’a waan ta’eef, yeroo biraa itti deebina. Amma garuu
garuma dhuma gaaffii keetti ceena. Bo’oo kudha sadaffaa naaf dubbista.”
Jedhani. Akkuma “…bo’oo kudha sadaf…” jecha jedhuyyuu dubbatanii odoo hin
xummurin an Kitaabicha bane bo’oo kudha sadaffaarra qaata gahe.
“Bineensi
akka jawwee sun gara lafaatti akka gad darbatame yeroo beeketti, dubartittii
ishee ilma deesse sana ari’achuutti ka’e.” (Mul. Yooh. 12:13) jedhee akkumaa
xummureen deebicha jalqabani Akaakoon. “Bineensi akka jawwee sun lafatti gad
darbatamuu (mo’amuu) isaa baree, Dubroo Ilma deesse san, Ishee fayyina dhala
namaaf sababa taate san, Ishee dhugumaan Haadha Jiraattotaa taate san ari’uutti
ka’e. Akkanattillee ni hiikama; Raajoota
dharaarra bulee Barsiisota karaa Afuurawaan amantoota dahan ni ari’e.
Akkanattillee ni hiikama; Anmantoota hojii Afuurawaa dhaqna godhatani ni ari’e
(qormaata itti ta’e). Itti fufuu dandeessa.”
“Dubartittiin
garuu boficha duraa gara lafa onaa, iddoo itti bara sadii fi walakkaadhaaf waan
ittiin jiraattu argattu sanatti akka balaliituuf baalleen joobira guddichaa
lama in kennamaniif.”
…baalleen
joobira guddichaa lama in kennamaniif… kun jechuun, Namoota kanneen akka
Abrihaam jiraniif hojii gaarii Hojii
Afuurawaa fi ni kennameefi.
Akkanattillee ni hiikama; Giiftii keenyaaf bultoo Afuura Qulqulluu ta’uu
isheetiin Qolqullina Foonii fi Qullina Afuuraawaan kan guutamte ta’uushii nu
hubachiisa. Akkanattillee ni hiikama;
Barsiisnonni fi amantoonni gara lafa onaatti akkuma baqatan Giiftiin keenyas
gara lafa onaatti godaante. Baallee itti kenname sanaan fayyadamtee bineensicha
jalaa baqachuu akka dandeessuufi.
…Bineensichis
(bofichis) bishaan lola’ee akka dubartittii haree adeemuuf, dugda ishee duubaan
bishaan akkuma isa laga yaa’utti afaan isaa keessaa duukaa gad naqe… kan
jedhame, raajoota dharaa irra bulee hidhattoota itti bobbaasuun, onneen
Ti’immaar fi Kotiibaa hammeenyaan akaka’u gochuun fi qootee bultootnis akka
garaa itti jabaatan gochuun lolaa hammeenyaa lafarra dhangalaasuusaa fi Lafti
garuu, dubartittii gargaarte; afaan bantee laga isa bineensichi akka jawwee sun
afaan isaa keessaa yaase gadi dhugde… lafti akkuma Daattaani fi Abeeroonin
afaan ishii bantee liqimsite, galaana jibbaa, galaana diinummaa fi galaana
hammeenyaa ishii duuba dhangalaa’e sana lafti afaan ishii bantee liqimsuun
kaayyoo isaa jalaa fashaleessiteetti. S.Lak. 26:10.
…Yommus bineensichi akka jawwee sun dubartittii sanatti aaree, sanyii ishee warra kaanitti lola kaasuu dhaqe… Ishii baallee joobiraa lama qabdu mo’achuu dadhabnaan gara warroota miiltoowwan Ishee ta’anitti fulla’uun wal-jaalala dhabsiisuu, Waaqayyoon sodaachuurraa gufachiisuu, gara waaqeeffannaa waaqa tolfamaatti daandii isaanii dabsuu eegale.” “…baalleen joobira…” haala kanaan hiikama malee kallattiin baallee allaattii jechuu miti.” jechuun aara baafatan; bullukkoo isaanii ol-dachaafadhaa too.
Anis
barumsa nabarsiisan kanarraa Seexanni yoomiyyuu dhala namaa dogongorsaa
Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhaalle gufachiisaa jiraachuu isaa barree amantaa
keenyaatti cimnaan wantootni lubbuu hin qabnellee nugargaaruu akka danda’an
Waaqayyoof jecha biyyaa ari’amuu, dhandhama addunyaa kanaa tuffachuu fi
Mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf jecha du’a sukaneessaa dandamachuun bu’a qabeessa
akka ta’e qalbeeffachaa lafaa ka’ee jilba akaakoo dhuungadhee gara Sirna
Qulqulleessatti qajeele
Waaqayyoof
Galatni haa ta’u. Durbee Isa deesseefi Fannoo Isaa Qulqulluufis galatni
haa ta’u.