Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu

Miila Yaad-Sammuu

Miila Yaad-Sammuu

Hailemichael Galanaa

Yaa’iin  banamee  waltajjii  irratti  miira  gaariin   keessa  galanii   Qulqulluu   kan  ta’ee sagalee Waaqayyoo hayyooni Mana Kiristaanaa yeroo barsisan miirri gaariin dhaggeeffataa  akka  isaan  faana jiran  amanuudhaani. Maaddiin jireenyaa qophaa’e yeroo dhiyaatu, hirmaattonni hirmaachuuf nimalaaf waan ta’eef Gurra keenyaanis ta’e keessa laphee keenyaan dhaggeeffachuun gahee keenya dha.

Darbee  darbee garuu  karaa tokkoonis ta’e  karaa biraa  keessaa yookiin alaa  rakkoon Mana Kiristaanaa akkasumas sagantaalee raawwataman kadhannaa, Lallaba fi barnootaa kennamu, akkasumas faaruu faarfatamu dhaggeeffachus ta’e  hordofuu dadhabuu dandeenya. Abbootiin keenyas “Miila Yaad-sammuu  keessanii faana gara   Mana Kiristaanaa  dhufuu   qabdu”  yeroo   jedhan  kan  dhageenyu  kanaafi dha. Kana  ta’uu baannan qaama keenyatu argame malee nuti akka  nama lubbuun  keessa hin jirreetti teenye akka  jirru nutti  himu. Yookin ammoo naannoo sanatti kan  argame qaama keenya  haa ta’u malee yaanni keenyas, sammuun keenyas miila yadd-sammuutiin  gara  biraa  deemee ta’a. Kanaafuu kan biroo yaada foonii  fi yaada addunyaa baasuu  fi buusuun nyaataa fi dhugaatii kan samii nudhabsiisa.

Sammuun  keenya   guutuma  guutuutti  dhiibbaa  malee, yaad-sammuu keenyaan  immoo yaada tokkoon sassaabamee xiyyeeffannoo itti kenninee  dhaggeeffachuu fi hordofuu yoo dadhabne jireenya  Afuurawaa keenyaan ni miidhamna. Hundumaa olitti jireenya  keenyaaf kan barbaachisu nyaata jireenya kan argannu Mana Waaqayyootti waan ta’ef, keessumayyuu  Mana  Kiristaanaa  yeroo  deemnu  xiyyeeffannoon  keenya guutuma   guutuutti   kan    ta’uu    qabuu   Waaqa   keenyatti   kadhannaan   itti dubbachuu fi sagalee saa dhagahuu dha.

Akkasumas,  beektonni  jecha    hubannoof  ulfaatu   hubachuuf  xiyyeeffannoo  itti kennuun  akka   barbaachisu  nutti  himu.  “Kanaafis  miira  qalbiin  dhaggeeffachuu  fi hubannoo fiduudhaaf maal  gochuutu barbaachisaa?” yoo jedhame, deebiin  isaa duraan dursee rakkoo isaa adda baasuufi gocha furmaata ta’e raawwachuu dha.

Yeroo baay’ee yaada bibittinnaa’uu, jeeqamuun sammuu fi miirri jeequmsaa kan  mudatu mana keessaa fi bakka itti jiraannu rakkoolee keessaa fi alaa  ka’aniini dha. Fakeenyaaf gara Mana  Kiristaanaa  deemuu  keenyaan  dura   maatii,  ollaa,  yookiin  fira  faana  rakkoo umameen, jireenya  keenya keessatti nyaata guyya  guyyaan  nubarbaachisu qopheeffachuuf maallaqa hanga sanaaf ta’u dhabuu, sababa dhukkuba fi miira lapheetin dhibamuun  xiyyeeffannoo dhabuu dha. Haata’uutii  kun  rakkoo  humnaa olii yoo ta’es, yeroo sanatti dhiphachuudhaan    furmaata akka hin arganne of amansisnee garaisa abdii  ta’etti,  gara  sagalee Waaqayyootti xiyyeeffannoo keenya deebisnee yoo dhaggeeffannee gaarii dha. Ta’uu baannan garuu , furmaatas osoo hin argatin  maaddii Mana Kiristaanaa irraa osoo hin irmaatin hafna.

Rakkoolee akkasii furuuf furmaanni biraa  gorsa Lubaati. Warri  abbaa gaabbii qabnu abbaa gaabbii hasofsiisuun yoo  danda’ame qaamolee rakkoon   kun  faana umame faana  hasa’uun rakkoo   sana furuun   gaarii dha. Warreen  abbaa gaabbii  hin qabne immoo dafnee qabannee hasofsiisuun ni mala. Rakkoolee maallaqaa fi bu’uuraa ta’an  yoo ta’es hiruu keenya  kan guutu  Waaqayyoo ta’uu Isaa amanuun barbaachisaa dha. Umamtoota hundumaa kan sooru Isa waan ta’eef kadhannaan yaadachiisuu, inni hojii fedhe   akka  nuuf  kennu  kadhachuu, wareegan gaafachuunis nurraa eegama.

Kanaan  alatti  garuu,  giananii foonii, fedhaa fi hawwiin  liqimfamnee, sammuun keenya wantoota yaada badaa akkasiitin harkifamuun gara  badii fi cubbuutti kan  nugeessu waan ta’eef atattamaan  sirreeffamuu qaba. Waanta hin taaneen harkifamnee ilaalcha addunyaa  fi  yaada  cubbuun  qabamnee  Mana  Kiristaanaatti  argamna  yoo   ta’e sammuun  keenyas ta’ee;  lapheen  keenya   badiidhaan  kan  jaamu   ta’a. Xiyyeeffannoo dhabuun keenya  fi miila yaad-sammuu  keenyaan bakka  badiitti  argamuu keenya  qofa  osoo hin ta’in, daandii  sirri irraa keessabahuun keenyas beekkamaa dha.

Kanaafis  kan   nurraa  eegamu  rakkoon    kana   ta’uu   isaa  hubachuu fi  beekudhaan furmaata  barbaaduu  kan  ariifatan  ta’uu   qabna.  “Akka  nama  kamuu  homaa jechuu  mitii” jechaa sababa kan umnu  yoo ta’e  daandii  sirrii irraa  keessaa baanee gara  daandii  badiitti  deemaa jirraati  deebi’uu qabna.

Namoonni tokko tokko immoo kanneen nanargan jechuun yaadudhan keessa isaaniitti waan  baay’ee yaadu. Keessumaayyuu Mana Kiristaanaatti yeroo hirmaatan maal  akka argachuu qaban osoo hin beekin  fi hin hubatin  yookin narraa haa ba’uudhaan, yeroo tokko tokkos   tuffii   fi   yaada   hin taaneen   liqimfamu. Laphee   fi   kalee    Kan   sakatta’u Waaqayyoo  garuu   homtuu  akka  jalaa  hin dhokanne  akka  beeku   garuu irraanfataniit umoo? Kana hundi keenya  kan deebisuu qabnuu dha. (Far 7÷9)

Tokko  tokko  ammo irra deddeebin Mana Kiristaanaa walfakkaataa yookin  bakkatti argamu isaanii irraa kan ka’e barteedhaan laphee isaaniin dhaggeeffachuus ta’e, hordofuu yeroo nuffan  niimul. Kunis rakkoo wayitaawaa namoota hedduu ta’eera. Sagaleen   Waaqayyoo   “Hojii   Waaqayyoo   narra    bahuun   kan    raawwatu abaramaa haata’u” jedhaati (Eer. 38÷10) baay’ee ofeeggannoo gochuun miila  yaad-sammuu keenyaanis Mana Kiristaanaatti argamnee xiyyeeffannoo kenninee  laphee guutuun hirmaachuun barbaachisaa dha.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI Link to: RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
Scroll to top