Miila Yaad-Sammuu
Yaa’iin banamee waltajjii irratti miira gaariin keessa galanii Qulqulluu kan ta’ee sagalee Waaqayyoo hayyooni Mana Kiristaanaa yeroo barsisan miirri gaariin dhaggeeffataa akka isaan faana jiran amanuudhaani. Maaddiin jireenyaa qophaa’e yeroo dhiyaatu, hirmaattonni hirmaachuuf nimalaaf waan ta’eef Gurra keenyaanis ta’e keessa laphee keenyaan dhaggeeffachuun gahee keenya dha.
Darbee darbee garuu karaa tokkoonis ta’e karaa biraa keessaa yookiin alaa rakkoon Mana Kiristaanaa akkasumas sagantaalee raawwataman kadhannaa, Lallaba fi barnootaa kennamu, akkasumas faaruu faarfatamu dhaggeeffachus ta’e hordofuu dadhabuu dandeenya. Abbootiin keenyas “Miila Yaad-sammuu keessanii faana gara Mana Kiristaanaa dhufuu qabdu” yeroo jedhan kan dhageenyu kanaafi dha. Kana ta’uu baannan qaama keenyatu argame malee nuti akka nama lubbuun keessa hin jirreetti teenye akka jirru nutti himu. Yookin ammoo naannoo sanatti kan argame qaama keenya haa ta’u malee yaanni keenyas, sammuun keenyas miila yadd-sammuutiin gara biraa deemee ta’a. Kanaafuu kan biroo yaada foonii fi yaada addunyaa baasuu fi buusuun nyaataa fi dhugaatii kan samii nudhabsiisa.
Sammuun keenya guutuma guutuutti dhiibbaa malee, yaad-sammuu keenyaan immoo yaada tokkoon sassaabamee xiyyeeffannoo itti kenninee dhaggeeffachuu fi hordofuu yoo dadhabne jireenya Afuurawaa keenyaan ni miidhamna. Hundumaa olitti jireenya keenyaaf kan barbaachisu nyaata jireenya kan argannu Mana Waaqayyootti waan ta’ef, keessumayyuu Mana Kiristaanaa yeroo deemnu xiyyeeffannoon keenya guutuma guutuutti kan ta’uu qabuu Waaqa keenyatti kadhannaan itti dubbachuu fi sagalee saa dhagahuu dha.
Akkasumas, beektonni jecha hubannoof ulfaatu hubachuuf xiyyeeffannoo itti kennuun akka barbaachisu nutti himu. “Kanaafis miira qalbiin dhaggeeffachuu fi hubannoo fiduudhaaf maal gochuutu barbaachisaa?” yoo jedhame, deebiin isaa duraan dursee rakkoo isaa adda baasuufi gocha furmaata ta’e raawwachuu dha.
Yeroo baay’ee yaada bibittinnaa’uu, jeeqamuun sammuu fi miirri jeequmsaa kan mudatu mana keessaa fi bakka itti jiraannu rakkoolee keessaa fi alaa ka’aniini dha. Fakeenyaaf gara Mana Kiristaanaa deemuu keenyaan dura maatii, ollaa, yookiin fira faana rakkoo umameen, jireenya keenya keessatti nyaata guyya guyyaan nubarbaachisu qopheeffachuuf maallaqa hanga sanaaf ta’u dhabuu, sababa dhukkuba fi miira lapheetin dhibamuun xiyyeeffannoo dhabuu dha. Haata’uutii kun rakkoo humnaa olii yoo ta’es, yeroo sanatti dhiphachuudhaan furmaata akka hin arganne of amansisnee garaisa abdii ta’etti, gara sagalee Waaqayyootti xiyyeeffannoo keenya deebisnee yoo dhaggeeffannee gaarii dha. Ta’uu baannan garuu , furmaatas osoo hin argatin maaddii Mana Kiristaanaa irraa osoo hin irmaatin hafna.
Rakkoolee akkasii furuuf furmaanni biraa gorsa Lubaati. Warri abbaa gaabbii qabnu abbaa gaabbii hasofsiisuun yoo danda’ame qaamolee rakkoon kun faana umame faana hasa’uun rakkoo sana furuun gaarii dha. Warreen abbaa gaabbii hin qabne immoo dafnee qabannee hasofsiisuun ni mala. Rakkoolee maallaqaa fi bu’uuraa ta’an yoo ta’es hiruu keenya kan guutu Waaqayyoo ta’uu Isaa amanuun barbaachisaa dha. Umamtoota hundumaa kan sooru Isa waan ta’eef kadhannaan yaadachiisuu, inni hojii fedhe akka nuuf kennu kadhachuu, wareegan gaafachuunis nurraa eegama.
Kanaan alatti garuu, giananii foonii, fedhaa fi hawwiin liqimfamnee, sammuun keenya wantoota yaada badaa akkasiitin harkifamuun gara badii fi cubbuutti kan nugeessu waan ta’eef atattamaan sirreeffamuu qaba. Waanta hin taaneen harkifamnee ilaalcha addunyaa fi yaada cubbuun qabamnee Mana Kiristaanaatti argamna yoo ta’e sammuun keenyas ta’ee; lapheen keenya badiidhaan kan jaamu ta’a. Xiyyeeffannoo dhabuun keenya fi miila yaad-sammuu keenyaan bakka badiitti argamuu keenya qofa osoo hin ta’in, daandii sirri irraa keessabahuun keenyas beekkamaa dha.
Kanaafis kan nurraa eegamu rakkoon kana ta’uu isaa hubachuu fi beekudhaan furmaata barbaaduu kan ariifatan ta’uu qabna. “Akka nama kamuu homaa jechuu mitii” jechaa sababa kan umnu yoo ta’e daandii sirrii irraa keessaa baanee gara daandii badiitti deemaa jirraati deebi’uu qabna.
Namoonni tokko tokko immoo kanneen nanargan jechuun yaadudhan keessa isaaniitti waan baay’ee yaadu. Keessumaayyuu Mana Kiristaanaatti yeroo hirmaatan maal akka argachuu qaban osoo hin beekin fi hin hubatin yookin narraa haa ba’uudhaan, yeroo tokko tokkos tuffii fi yaada hin taaneen liqimfamu. Laphee fi kalee Kan sakatta’u Waaqayyoo garuu homtuu akka jalaa hin dhokanne akka beeku garuu irraanfataniit umoo? Kana hundi keenya kan deebisuu qabnuu dha. (Far 7÷9)
Tokko tokko ammo irra deddeebin Mana Kiristaanaa walfakkaataa yookin bakkatti argamu isaanii irraa kan ka’e barteedhaan laphee isaaniin dhaggeeffachuus ta’e, hordofuu yeroo nuffan niimul. Kunis rakkoo wayitaawaa namoota hedduu ta’eera. Sagaleen Waaqayyoo “Hojii Waaqayyoo narra bahuun kan raawwatu abaramaa haata’u” jedhaati (Eer. 38÷10) baay’ee ofeeggannoo gochuun miila yaad-sammuu keenyaanis Mana Kiristaanaatti argamnee xiyyeeffannoo kenninee laphee guutuun hirmaachuun barbaachisaa dha.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u!