Sooma Gooftaa /Sooma Guddaa/

Sooma Gooftaa kan jennu kun Sooma labsii torban Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo keessaa isa tokko dha. Sooma Gooftaa kan jedhames Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos samii irraa bu’ee foon keenya uffatee addunyaa kana irratti yeroo deddeebi’utti waan soomeef yoo ta’u, Sooma Guddichaa kan jedhame immoo sooma Gooftaan ofii soome waan ta’ee fi yeroo dheeraaf kan soomamu waan ta’efi dha. Somni kun maqaalee biroo garaa garaanis ni waamama

1. Sooma Guddaa:- Gooftaan keenya erga cuuphameen booda kan soome waan ta’eef; “Waaqayyo guddaa dha, magalaan waaqa keenya gaara irratti galanni guddaa dha.” Faar.47(8):1 “Gooftaan keenya guddaa dha humni isaas guddaa dha.” Faar.146(7):5 akkuma jedhame Gooftaan keenya kan soome waan ta’ef Sooma Guddaa jedhame.

2. Sooma Hudaadee:-Hudaadee jechuun lafa qonnaa ykn ooyiruu mootummaa bal’aa jechuu dha. Hojii ooyiruu mootummaa kana namni hundumtuu itti bobba’ee hojjata. Soomni Gooftaa baay’ina guyyootaan soomawwan kanneen biroo caala. Akkasumas, soomni guddaanis sooma Gooftaan keenya Mootiin samiif lafaa soome waan ta’eef namni hundumtuu akkuma hojii ooyiruu mootummaa irratti bobba’ee hojjatu sana, sooma Gooftaa soomuu akka qabu agarsiisuuf Sooma Hudaadee jedhame.

3. ‹‹ በአተ ጾም ›› jedhama: seensa soomaa jechuu dha.

4. Sooma Afurtamaa jedhama:- Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa waan soomef. Maat.4:1

5. Sooma Gooftaa (Iyyasuus):- Gooftaan keenya soomee soomaa jedhee waan ajajeef.

6. Sooma Muusee: Raajichi Musee seera ooriitii Waaqayyo irraa fuudhe uummataaf dhiyeessuufi barsiisuun dura halkan afurtamaafi guyyaa afurtama akkuma soome

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos eega harka Yohannisitti cuuphamee booda hojiisaa jalqabaa kan taasifate sooma dha. Nutillee jalqaba hojii keenya hundaa sooma akka taasifannu barumsa fi fakkeenya guddaa nuuf ta’eera. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos sooma kana irraa kan fayyadamu waan tokko osoo hin qabaatiin kan soome yoo ta’u, nuti immoo faayidaa guddaa kan irraa argannu waan ta’eef soomuu qabna. Abbootiin keenya Duuka Bu’oonni illee eega Gooftaan keenya gara samiitti ol ba’een booda hojii isaanii jalqabuun dura soomaan eegalani. Gooftaan keenyas Duuka Bu’ootni Isaa yeroo Inni isaan irraa adda bahu akka sooman dubbateera. Maat 9:15.      Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyoota afurtama kawaala Qorontositti yeroo soomu sanatti qormaanni seexana irraa Isaaf dhiyaatee ture. Hoogganaa biyya lafaa kanaa kan ta’e seexanni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin cubbuuwwan gurguddoo kan ta’an sadiin qoreera. Maat 4:1-10. Qorumsi kunneenis, tokkooffaan Nyaataa, “boolofneerraa waan ta’eef dhagaa kana daabboo taasisi yeroo jedhuun namni sagalee Waaqayyootiin malee nyaata qofaan hin jiraatu” jedhee deebiseefii injifate. Lammaaffaan Oftuulummaadha, “Seexannis akkana jedheen Waaqayyoo miila kee akka gufuun hin dhoofneef Ergamoota isaa siif erga waan ta’eef iddoo kana irra gadi darbatami ittiin jedhe, Gooftaan garuu garmalee Waaqa kee hin eeggatin kan jedhus barreeffameera” jedhee injifate. Sadaffaan qabeenya ykn maallaqa jaalachuudha, “Seexannis Gooftaa gara idoo ol dheera ta’eetti ol baasee kuftee yoo naaf sagadde addunya kana guutuu siifan kenna jedheen, Gooftaanis Waaqayyo Waaqa qofaaf sagadi kan jedhu barreeffameera” jechuun deebiseefii of irraa gaggeesse. Gooftaan Keenyis qormaatilee seexanni fide hunda injifatee nutis karaa ittiin qoruumsa seexanaa ittiin injifannu nu barsiise.

Sooma guddicha jennee inni soomnu kun guyyoota 55 qaba. Gaaffiin as irratti ka’u tokko Gooftaan keenyi guyyoota afurtama yoo soome nuti guyyoota 55 maaliif soomna kan jedhu ta’a. Sooma Gooftaa dura torbeen inni jalqabaa sooma Hirqaal jedhama. Torbeen guyyoota afurtama booda jiru ammoo torbee gidiraa (ሰሙነ ሕማማት) jedhamee soomama. Torbee kanattis amantootni hundi Mana Kiristaanaatti argamanii sagadaa fi galataan Waaqayyoon kabaju. Kanaafuu, torbeen lamaan (guyyoonni 15) yoggu keessaa hir’atan guyyoota 40 ni ta’a. Gama biraan ammoo guyyoota Sanbataa fi Dilbataa yammuu keessaa hirisnu (guyyoota kanneenitti firiiwwan beeladaa irraa soomna malee nyaata biroo waan hin soomneef), guyyoonni guutummaan soomaman 40 ni ta’u.

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos maaliif guyyoota afurtama soome?

Gooftaan keenya guyyoota afurtama kan soome sababootni isaa baay’ee yoo ta’anillee barumsaaf fakkeenya tokko haala armaan gadiin haa ilaallu.

  1. Fakkeenya Raajotaati Raajotni kan akka Musee guyyaa fi halkan afurtama soomee seera Oritii akkuma hojjete (Ba’uu 34:28), Gooftaan keenyas guyyoota afurtama soomee seera ishee gaarii seera Wangeelaa hojjeteera. Seera Isaa kessattis hojii hunda dura soomee seera jalqabaa sooma taasise. Museen guyyoota afurtama soomee akkuma Israa’elota biyya Misiraa irraa baase, Innis namoota si’ool irra kan baasu waan taeef. Abbootiin raajotni guyyaa afurtama waan soomaniif Innis kana irraa hiri’see yookiin itti dabalee yoo soome warreen Kakuu Duraa Seera ishee gaarii kan taate wangeela hin fudhannu akka hin jenneef guyyoota afurtama soome. [1]Eeliyaasis guyyoota afurtama soomee gara Gannataatti fudhatameera. Isinis yoo soomtani Gannatatti ni galtu jechuudhaaf guyyota afurtama soome. Raajichi Hizqieel cinaacha isaa tokkoon guyyoota afurtama ciisee Cubbuu uummata Yihuudaaf akkuma kadhate (Hiz.4:6)[2] isinis yoo soomtan yeroo dhufaatii Gooftaa du’a keessaa kaatanii kabaja argattu jechuudhaaf. Raajichi Izraa Suutu’eel (13፥23-25) guyyoota afurtama soomee kitaabota barreessiseera. Isinis yoo soomtan icciitiin isiniif mul’ata jechuudhaaf.
  2. Addaam mucummaa Sillaasee guyyaa afurtamatti argate dhabee waan tureef, mucummaa addaamiif akka deebisuuf dhufe agarsiisuuf guyyoota afurtamaaf soome. Kufalee 4:9
  3. Ilmaan namaa gadameessa hadhaatti guyyaa afurtamaffaatti fakkii namummaa kan argatan yookin boca namaa kan qabatan waan ta’eef, ilmaan namaa hundaaf beenyaa akka ta’e muli’suuf soome.

Moggaasa Sanbatawwan sooma kanaa

Sanbatawwan sooma kanaa saddeettan akka armaan gadiitti moggaasa mataa mataa isaanii qabu!

  1. Kan bu’e (Zewerede)
  2. Qulqulleettii (Qiddist)
  3. Mikuraab (Mana Kadhannaa Ayihuud)
  4. Metsaaguu (dhukkubsataa)
  5. Tulluu Ejersaa (Debre zeyit)
  6. Tajaajilaa Amanamaa (Gabriheer)
  7. Niqodimoos
  8. Hosaa’inaa

Sooma kana haala kamiin haa soomnu?

Nutis sooma kana akkamiin soomuu akka qabnu Manni Kiristaanaa keenya seera nuuf keesseetti. Soomni kun kabaja guddaan kan soomamu dha. Sooma kana keessatti ayyaanni kamiyyuu nyaataa fi dhugaatiidhaan hin kabajamu. Sababni isaas yeroon isaa yeroo itti foon keenya gammachiifnu waan hin taaneefi dha. Yeroo kanatti gidiraa Gooftaa keenyaa yaadachuun sagadaa fi kadhannaadhaan kan dabarsinu dha. Abbaan ogummaa Solomoon kitaaba isaa lallabaa 3:1-8 irratti akkuma katabee kaa’etti wanti hundinuu yeroo fi waqtii itti hojjetamu ni qaba.

Yeroo sooma kanatti namni kiristinnaa kaasisuu fi ayyaana dhalootaa kabaju hundi sirni isaa qofa mana Kiristaanaatti akka raawwatamuu, nyaataa fi dhugaatii qoopheessanii affeeruun garuu akka hin malle abbootiin keenya kitaaba Haqa Moototaa (ፍትሐ ነገስት) boqonnaa 15 irratti seera kaa’aniiru. Sababa beekamaa (Abbaan gaabbii itti amane) malee sooma kana namni hin soomne yoo jiraate, luba yoo ta’e lubummaa isaa irraa akka haqamu, amanaa yoo ta’e immoo tokkummaa Kiristaanotaa irraa adda ba’uu akka qabus murtaa’eera.

Sooma Gooftaa keenyaa kana Inni akka nuuf fakkeenya ta’uuf, hojjetee hojjedhaa jechuuf waan soomeef, nuti immoo eebba foonii fi eebba lubbuu argachuuf akka abbootiin keenya nuuf kaa’anitti seera isaa hordofnee soomun nurraa eegama. Yeroo kanatti namootaaf waan gaarii akkaa hojjenne, warra beela’an beela baasaa, warreen dheebotan dheebuu baasaa, warreen huccuu hin qabne daara baasaa, haala kanaan dabarsuu qabna. Yeroo kana jennutti immoo wantoonni kun yeroo soomaa qofa kan barbaachisanidha jechuu miti. Keessumattuu yeroo soomnu immoo cimsuu qabna jechuudha malee.

Akkuma qulqullichi Yaareed jedheetti qaamni keenya hunda cubbuu irraa lagachuu qaba. Afaan keenyi waan gadhee dubbachuurraa, gurri keenyi waan gadhee dhagahuu irraa, miilli keenyi gara bakka gadhee deemuu irraa, harki keenyi wanta yaraa ta’e hojjachuu irraa fi ijji keenya wanta hin malle ilaaluu irraa lagachuu qaba. Kana qofa osoo hin ta’iinis wantoota hamaa ta’an irraa akkuma of qusanne, wantoota gaarii immoo hojjechuu qabna.

Sooma kana soomnee akka eebba argannu gargaarsi Gooftaa keenyaa, kadhannaan qulqulloota nurraa adda hin bahiin. Ameen!!!


[1] 2Moot 2:1-..

[2] Hiikaa Raajii Isqi’eel