Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii

in Tibbana

Kutaa dhumaa

  • Dhaadheessitoonni tokko tokkoo uummata uummata waliin walitti buusuuf akkuma HEERA MANA KIRISTAANAA keewwata 4 (afur) irratti caqasameen sabbata waaqaa baroota dheeraaf akka asxaatti fayyadamaa turte fi ammas ittiin fayyadamaa jirtu guyyaa Ayyaanaa qabattanii baataniittu, baaxii manaa fi bantoo Mana Kiristaanaa irratti dibdaniittu jechuun amantoota burjaajeessuun, dargaggoota hidhuu, kana irraa darbee kutaalee lallabaa tokko tokkotti maallaqa Mana Kiristaanaa ‘baankii daldalaa keessaa baasaa baankii nuti barbaannu keessa qofa galchaa!’ jechaa dirqisiisuuf yaaluu, gulummaa baroota dheeraaf Ayyaana Fannoo Gooftaa fi Ayyaana Cuuphaa itti kabajaa turte jalaa fudhachuu fi irraa kutuun qaamolee biroof kennuu fi dhiibbaawwan sirrii hin taane akkasumas, beekkamtii heeraa kan hin qabne yaa’ichi gar-malee balaaleeffachaa; dhimmichi dhimma yaadachiisaa waan ta’eef Qulqulluun Sinoodoos dhimma kana xiyyeeffannaa keessa galchee akka irratti mari’atu yaa’ichi kabaja guddaan gaafata.
  • Kakkoolee alaa gara Mana Kiristaana keenyaatti darbamaa jiran osoo hin xiqqaatin, gosummaa fi malaammaltummaan Mana Kiristaanaa keessatti mul’atan kun yeroodhaa yerootti yaa’ii idila addunyaa kana kan mormisiisu waan ta’eef, rakkoo kana dhabamsiisuu kan danda’amu hoggantootni sadarkaa sadarkaan jiran ilaalcha Afuurawaa qabaatanii qaamolee hundumaa ija tokkoon ilaaluu gaafa danda’an fi muudama naannoo fi gooxii irratti hundaa’een muuduu osoo hin ta’in, muudama fi ramaddii gita hojii sirrii fi qajeelaa beekumsa irratti hundaa’e raawwachuun gaafa danda’ame dha. Kanaafuu, bulchiinsi gaariin lafa qabatee rakkoolee amma jiran kana xiqqeessuu kan danda’amu, jireenya Afuurawaa iftoomina fi ittigaafatamummaa mirkaneessuu gaafa dursa keennuun bulchiinsa maalaqaa, qabeenyaa fi humna namaa dambii teeknoolojii ammayyaan deeggarame qophaa’ee hojii irra akka oolu yeroo godhamu si’a ta’u, miilkaa’uu hojii kanaaf jecha qophii karoora agarsiistuu kallattii fi kallattiiwwan jijjiirramaa faayidaa qabu jedhamanii  yaadaman kanaan dura jalqabaman kun Qulqulluu Sinoodoosiif dhihaatanii sakatta’amanii sirraa’anii gara hojiitti gaafa galame qofa ta’uu isaa yaa’ichi xiyyeeffannaa guddaa kan itti kenne yoo ta’u, Qulqulluun Sinoodoosis dhimma kanaaf xiyyeeffannaa guddaa itti kennee murtee akka itti kennu gaafachaa hojii irra oolmaa isaaf hojjechuuf waadaa galla.
  • Manni Kiristaanaan keenya yeroo ammaa kana adunyaa maraatti Manneen Kiristaanaa baay’ee kan qabdu si’a taatu, Sinoodoosiin sababa gargar qoodamuu abbootaan bakka lamatti qoodamee ture amma tokkummaa uumee osoo jiru, adeemsi Qulqulluu Sinoodoosi balaaleeffachuu yeroo ammaa kanatti Kaanaadaa Lixaa keessatti mul’atu fi eeyyamni Mana Kiristaanaa maqaa abbaa dhuunfaatiin bahe caasaa Mana Kiristaanaa Qulqulleettii kana qorumsa keessa kan galchu waan ta’eef, Qulqulluun Sinoodoosi furmaata akka itti kennu yaadachiisaa; tajaajila biyya keessaanis mata dureewwan siyaasawaa duubarraan qabatanii quuqamtoota lallaba Wangeelaa fi ergama Duuka Bu’ummaa of-fakkeessuun carraaqqii Manni Kiristaanaa keenya hamma humni ishee danda’uun qooqaalee adda addaatiin tajaajilaa kan turte fi ammas kitaabolee Afuuraa hiiksisaa lallaba Wangeelaa qooqaalee adda addaan waliin gahuuf godhaa jirtu cilee itti dibuun caasaa fi bulchiinsa ishee akkasumas tokkummaa ishee diiguuf yaaluun ofii isaaniin hundeessitoota mana lubummaa Oromiyaa jedhanii moggaasuun gareewwan socho’aa jiran gochi isaanii yaa’ii kana kan mufachiise ta’us, Qulqulluu Sinoodoos garaa bal’ifachuun karaa inni obsaa fi ogummaan hiikuuf deeme yaa’iin idila addunyaa kun dinqisiisaa namoonni kun hojii isaanii irraa akka of-qusatan yaadachiisaa, eeggamuu tokkummaa fi hojimaata caasaa Mana Kiristaanaa keenyaaf cimee akka hojjetu waadaa galee jira.
  • Jijjiirama biyyattii reef dhufaa jiruun wal-qabatee tibbi kun tibba Mana KIristaanaa keenyaaf deeggarsa mootummaa adda addaa kan godhameefi, gamoowwan jalaa fudhatamanii turan deebi’anii gammachuu ishee kan itti ibsite yoo ta’u, tola ooltummaa isheef raawatame dubbattee osoo hin fixin, doorsisni fi gidiraan sukaneessaa ishee irra gahaa jiru daran ishee gaddisiisaa fi yaadachiisaa ta’uu isaatiin dhimmichi waan callisaan ilaalamu waan hin taaneef roorroo iyya ishee gara mootummaa lafaatti gar-malee dhageessisaa dhimmoota furmaata hin arganne irratti immoo murtee sirrii Waaqayyoo irraa gaafachaa gara Abbaa fi eegaa ishee Waaqayyootti harka ishee akka ol diriirstu Ququlluun Sinoodoosi irra deebiin sagantaa soomaa fi Kadhannaa akka labsu gad-of-qabummaan (kasoominaan) gaafanna.
  • Yaaliin yeroo ammaa kanatti qabeenya Mana Kiristaana saamuuf taasifamaa jiru dargaggoota keenya naamusa Kiristaanummaan guddisuu dhabuu keenyaa irra kan madde akka ta’e kan waakkatamu miti. Rakkoo kana madda isaa irraa hiikuu fi dhaloota naamusa Kiristaanummaan guddifame fi Waaqayyoon sodaatu horachuun akka danda’amu kutaaleen lallabaa manneen barumsaa naannoo Manneen Kiristaanaatti ijaaramaa jiran madda galii ta’uu irraa darbanii hojii dhaloota gaarii oomishuus karaa qorannaa fi qu’annaan deeggarameen fi karoorfameen akka hojjetamu taasisuuf waadaa galla.
  • Hojii irra ooluu Yaadolee murtee waggaa waggaan wal-gahii Afuuraa yaa’ii lallabaa kan walii galaa irratti murtaa’an fi murteewwan Qulqulluu Sinoodoosiin rakkoolee adda addaa furuuf kennaman yeroo fashalaa’an ni mul’atu. Rakkoo kana salphisuuf koree ijoo yaadoleen murtee yeroodhaa yerootti murteeffaman hojii irra ooluu isaanii qaama hordofu fi qaama dhimmi ilaallatuuf kan gabaasu fi furmaata akka argatan kan godhu akka dhaabamu/hundeeffamu ni gaafanna.
  • Jijjiirama akka biyyattiitti dhufeen wal-qabatee nageenya argame dhabuun fi sochiilee Mana Kiristaanaa irratti miidhaa adda addaa geessaa jiran tas-gabbeessuu fi nageenyi keenya akka deebi’u carraaqqiin karaa naga qabeessa ta’een, jaarsummaan fi diippilomaasiin godhamaa jiru kan jajjabeeffamu ta’ee; hiriira nagaa seera qabeessa fi adila addunyaa kan ta’e fi phaaphaasota eebbifamoon kan hogganamu adeemsisuuf Qulqulluun Siinoodoosi akka murteessu fi dhiibbaa tola ooltummaa Mana Kiristaana keenya hin madaalle gocha hammeenyaa qaamolee siyaasaa adda addaan irra gahaa jiru kanaaf Qulqulluun Siinoodoosi ejjennoo hin worraaqne qabatee akka socho’u fi murteewwan rakkoo hiikuu danda’an akka dabarsu ni gaafanna.
  • Yaa’ii walii galaa Afuuraa kan yaa’ii lallabaa woggaadhaa woggaatti taasifamu gabaasa rakkoowwan kutaalee lallabaa adda addaa keessatti mudatani irratti mari’achuu qofa osoo hin ta’in, sa’atii dheeraa laatameefi rakkoolee mudatan fi kallattiiwwan furmaataa rakkooleen kun ittiin furaman, waltajjii Qulqulluu Sinoodoos yaadolee gurguddoo itti dhiheessu  akka ta’uuf gabaasonni kanaa duratti kutaalee lallabaa adda addaa irraa gara qindeessaa yaa’iiwwan lallabaatti ergaman cuunfamanii hogganaa hoggansichaatii akka dhihaatan fi irratti mari’achuuf immoo yeroon bal’aa akka kennamu ni gaafanna.

Dhuma irrattis, Manni Kiristaanaa keenya tibba hamaa kana darbuuf tajaajila lallaba Wangeelaa dammaqinaa fi tokkummaa cimaan haala tibba kanaa waliin deemuu danda’uun Manneen Kiristaanaa kutaalee lallabaa biyya keessas ta’e biyya alaatti argamanitti qooqaalee adda addaatiin tajaajila ishee babal’istee itti fufsiisuun gufuuwwan alaas ta’e keessaa dandamattee darbuuf carraaqqii ol’aanaa godhuun yeeroo irraa eeggamudha waan ta’eef, Qulqulluun Siinoodoosis dhimmichaaf xiyyeeffannaa guddaa kennee akka irratti mari’atu yaa’ichi cimsee gaafata.

Maddi: @EOTC TV 7

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2019-11-16 10:17:462019-12-10 12:13:48Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Hiikkoo xummuramuu Faaruu (sirna Galateeffannaa) Tibba Abaaboo (ተፈጸመ ናሁ) Link to: Hiikkoo xummuramuu Faaruu (sirna Galateeffannaa) Tibba Abaaboo (ተፈጸመ ናሁ) Hiikkoo xummuramuu Faaruu (sirna Galateeffannaa) Tibba Abaaboo (ተፈጸመ... Link to: Biyya kan taate Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa eeguun dirqama mootummaa akka ta’e Waldaan Qulqullootaa ni hubachiise. Link to: Biyya kan taate Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa eeguun dirqama mootummaa akka ta’e Waldaan Qulqullootaa ni hubachiise. Biyya kan taate Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa eeguun dirqama...
Scroll to top