Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Yaa Suulaamaaxis (Laattuu Nageenyaa) deebi’i deebi’i akka si arginuuf deebi’i (Macaafa Weedduu Weedduu Caalu 7:1)

in Tibbana

Asaffaa Guddataa

Mootichi Salamoon weedduu isaa Faaruu Faaruu caalu jedhamee beekamu keessatti “Deebi’i deebi’i akka Si arginuuf deebi’i” jechuudhaan irra deddeebi’ee waama. Waamicha kana kan dabarsuus Giiftii keenyaafi dha. Iccitii gara boodaatti baroota dheeraan booda raawwatu ilaalee Afuura Qulqulluun argee “Godaansi si ga’aa. Amma yeroon isaa gaheeraatii gara biyya Kee Naazireetitti deebi’i” Isheen jedha. Haaluma jecha raajii kanaan Giiftiin keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam erga waggoota sadi’ii fi ji’a jahaaf godaansaan biyya Gibtsi keessa turtee booda akka Heroodis du’e ergamaan Waaqayyoo itti himnaan gara biyya Isheetti deebiteetti.

Giiftiin keenya yeroo ijoollummaa Isheetti Ilma Ishee ijoollummaa Isheetti dubrummaan deesse waliin cubbuu tokko malee ari’atamtee gidiraa baayyee arguun Ishee adunyaa dinqisiisaa jiraata. Namni biraa yoo gidiraa arge cubbuu isaatiif gidiraa arge jedhama Giiftiin keenya garuu balleessaa tokko malee Ilma ishee Isa hunda uumeefi hundumaa raawwachuu danda’u baattee baqachuun Ishee adda Ishee taasisa. Qulqullichi Selemoon kana ilaaleeti kan inni “Deebi’i” Isheen jedhu. “Maddiiwwan Kee imimmaaniin dhiqamuun isaanii, lapheen Kee gara laafummaan guutame dhiphachuu fi gidiramuun isaa, hidhiin Kee dheebuu bishaaniin gogee argamuun isaa haa ga’u. Amma deebi’i. Boqodhu” isheen jedha. Haaluma raajii dubbatame kanaan Giiftiin keenya gaafa Saadasa bultii ja’aa (6), godaansa irraa deebitee bakka Qusquwaam jedhamu boqochuu (aara galfachuu) ishee yeroo itti yaadannu waan ta’eef nutis Hayyicha (Ogeessicha) Salamoon waliin “Yaa Giiftii deebi’i deebi’i” Isheen jenna. Yeroo darbe godaanuu Ishee; gidiraa arguu Ishee yaaduun kan gaddine hundi keenya amma immoo deebi’uu Ishee yaadnee gammadna.

Deebi’uun Giiftii keenyaa lubbuu keenya keessatti hiika baayyee qaba. Godaansa keessaa deebi’uu isheen abdiin keenya raawwateera, Ilmi ishee Iyyeruusaalemitti fannifamee adunyaa fayyiseera. Otuu Isheen Naazireetitti hin deebine ta’ee Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos dhiiga Isaa dhangalaasee nu hin fayyisu ture. Waan ta’eef deebi’uu Giiftii keenyaan raajiin dubbatame raawwateera. Qulqullichi Daawwitis dursee “Lafa galeessatti qoricha taasise.” Far. 73:12 jechuun Gooftaan keenya kan foon Isaa muree dhiiga Isaa dhangalaasee nuuf kennu giddu galeessa lafa kanaa Iyyeruusaalemitti ta’uu Isaa dubbatee ture waan ta’eef akka kun ta’uuf Giiftiin keenya gara Naaziretitti deebite.

Karaa biraatiin yommuu waa’ee deebi’uu Giiftii keenyaa dubbannu ergamaan, “Heeroodsi du’eeraatii haadha Isaa fi Mucicha fuudhii deebi’i.” jechuun ture kan Yoosefitti hime. Mat. 2:20. Bakka Heroodsi jiru, Isheen fi Ilmi Ishee hin jiran waan ta’eef, kana jedhe. Iyyeruusaaleem Giiftii keenya Dubroo Maariyaamiifi Ilma Ishee kan ari’attee yommuu Heroodsi lubbuun jiru yoo ta’u, deebitee kan argatte immoo erga Heroodsi du’ee dhumiinsi ilmaan namaa dhaabbatee booda dha. Dubroon Maariyaam nageenya barbaaddi. Bakka nagaan jiru isheen fi Ilmi Ishee ni jiraatu. Bakka Isaan jiranis nagaan jira. Bakka wal-irratti ka’uun, jeequmsi, diddaan, oftuulummaan fi wal tuffiin mo’atan garuu hin jaallatan. Kanaaf, akka isaan gara keenyatti deebi’aniif dirqama kanneen armaan olitti caqafaman kun nu irraa fagaachuu qabu.   Ergamichis “Heroodsi du’eera hammeenyi badeera” Isheen jedhe. Har’as akkuma Herodis kanneen Giiftii keenya laphee isaanii keessaa ari’atanii  hameenya isaaniitiin jireenya isaanii keessaa Ishee fageessan jiru. Namoonni akkasii kun amma akka Isheen gara laphee isaaniitti  seentee jiraattu of sirreessanii laphee isaanii hammeenya irraa qulqulleessuu qabu.  Oftuulummaa, hammeenyaa fi shakkii jireenya keenya keessaa fageessinee yoo Ishee waammanne Isheenis jaalalaa haadhummaa Isheetiin gara keenya dhuftee rakkoo keenya nuuf hiikti. Yoo of salphisnee gad of qabnee kadhanne kabaja Ishee nuuf ibsiti.

Yoo Isheen nu waliin hin jirtu ta’e keessi keenya qullaa ta’a. Kan Ishee laphee isaa keessatti keessummeesse fi Ishee jaallate garuu, Ilma Ishees argachuufi waliin dubbachuu danda’a. Akkuma Qulqullichi Gabri’eel dubbate Waaqayyo waan Ishee waliin jiruuf (Luq. 1:28) adda baasuun hin danda’amu. Yoo kana hubanne akka Isheen gara laphee keenyaatti deebitu yommuu yaadannu kan Ishee waliin jiru Kiristoosiinis nuuf fiddee deebite akka Isheen Ilma Ishee waliin walitti nu araarsitu yaaduudhaan malee.

Karaa biraa deebi’uu Giiftii keenyaa yommuu yaadannu gara jireenya keenyaatti deebinee ilaaluu qabna. Yeroon kun yeroo baqannaan Giiftii keenya haadha Waaqaa itti dhaabatu qofa otuu hin ta’iin jireenyi jibbisiisaan jireenya keenya keessatti mullatus yeroo inni itti dhaabatu ta’uu qaba. Lubbuun keenya isheen tokkummaa Waaqayyoo irraa, Gannata irraa baqattee turte gara qabeenyaa ishee isa duraatti gara Waaqayyoo, gara Gannataatti deebi’uu qabdi. Yeroon kun yeroo deebi’uudha. Kiristoos beenyaa kaffaleee waa’ee isheef du’eera waan ta’eef lubbuun keenya bishaan isa cinaacha Gooftaa ishee irraa maddeen cuuphamtee foon Isaa nyaattee dhiiga Isaas dhugdee hojii gaarii hojjechuutti cimtee dhaabbattee gara biyya ishee gara Gannataatti deebi’uu qabdi. Lubbuun rakkoo biyya hormaatti godaanuu beektu amma waan balbalichi isheef banameef  haa deebitu. Har’a akka deebituuf balballi banameefi yommuu ishee eegu kanatti yoo haalaan fayyadamte Gannata seentee jireenya bara baraa gonfatti. Yoo akka waan yeroo godaansaa ishee hin fixatiinitti of lakkooftee didde garuu carra dhufe of duraa dabarsitee gidiraa bara baraatuu isheef ta’a. Lubbuun keenya gara ishee kamii akka taate of haa gaafannu. Lubbuun, Foonii fi Dhiiga Gooftaa, qalbii diddiirrannaa, hojii gaarii hojjechuu, walumaa gala kan eeyyama Waaqayyoo raawwachuu irraa adda baate turteen amma gara “Biyya Keetti” deebi’i haa jennu. Akka lubbuun keenya Waaqayyo waliin jiraachuu hawwitu akka isheen gara Waaqa keenyaatti deebitu itti haa himnu. Kanaafis Waaqayyo nu haa gargaaru. Ameen

Gargaarsi Waaqayyoo nurraa hin fagaatiin

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 MK-IT http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png MK-IT2018-11-16 21:12:412018-12-06 12:31:34Yaa Suulaamaaxis (Laattuu Nageenyaa) deebi’i deebi’i akka si arginuuf deebi’i (Macaafa Weedduu Weedduu Caalu 7:1)
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: WAREEGAMTOOTA SADAASA GUYYAA TOKKOO Link to: WAREEGAMTOOTA SADAASA GUYYAA TOKKOO WAREEGAMTOOTA SADAASA GUYYAA TOKKOO Link to: Dubbii fayyinaa Mana Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Link to: Dubbii fayyinaa Mana Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Dubbii fayyinaa Mana Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti
Scroll to top