Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Qulqulleettii (Qiddist)

in Barumsa Amantaa

DAMISSEE JEMAANEE

Qulqulleettii (Qiddist)

Torbeewwan sooma guddaa yookiin sooma Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos keessaa inni lammataa Qulqulleettii (Qiddist )jedhama. Sababiin kana jedhameefis “ዛቲ ይእቲቅድስትዕለት ” guyyaan kun ebbifamtuudha. Kanan itti boqodhe sanbata qulqulleettii dha. Ani qulqulluu akkuman ta’e isinis qulqulloota ta’aa (Lew 19:2-3) jechuudhaan Waaqayyo abbaan guyyaa sanbataa ni qulqulleesse,ni kabajes. Jechaa qulqullummaa Sanbataafi namnis qulqullummaan jiraachuu akka qabu kaasaa waan faarfatuuf torbeen kun Qulqulleettii jedhameera. Moggaasichis Sanbatni guyyaa boqonnaa akka taatu bara Ooritiis bara Wangeelaas Waaqayyo guyyaa eebbise, guyyaa kabaje ta’uu nutti hima. Gara biraanis Waaqayyo qulqulluu akkuma ta’e namni harka Waaqayyon uumames qulqulluu ta’uu akka qabu nutti hima. (Uum 2:3, Bahuu 20:8-11; 1Pheex 1:15-16).

Caqasootni guyyaa Sanbataa kana Qiddaaseerratti dubbifaman kanneen armaan gadii jirandha:

1Tese. 4:1-12 ((Waaqayyo cubbuudhaaf osoo hin taane qulqullummaaf nu waameerati….))

1Pheex. 1:13-25 ((…Ani Qulqulluu waanan ta’eef akkasuma isinis Qulqulloota ta’aa jedhamee waan barreeffameef kan isin waame qulqulluu akkuma ta’e isinis immoo jireenya keessan hunda keessatti Qulqullooota ta’aa)).

H.Er. 10:17-30 ((Pheexiroosis akkana isaaniin jedhe- “namni Yihuudi orma waliin makamuu akka hindandeenye ni beektu. Anaaf garuu namni kamiyyuu xura’aa akka hintaaneefi eenyuunuu tuffachuu akkan hinqabne Waaqni na agarsiiseera. Kanaafuu otuu homaallee hin shakkiin gara keessan nan dhufe”))

Faaruu 95 (96):5 (Misbaakii)

እግዚአብሔርሰ ሰማያተ ገብረ

አሚን ወሠናይት ቅድሜሁ

ቅድሳት ወዕበየ ስብሐት ውስተ መቅደሱ

Hiika:“Waaqayyo garuu samiiwwan hojjete

        Galataafi miidhaginni fuuldura Isaati

        Qulqullummaafi ulfinni isaa Mana Qulqullummaasaa keessadha”.

Maat 6:16-25 “yeroo soomtanitti akka warra of agarsiisanii hin coologiinaa. Akka soomtotaa mul’achuuf fuula isaanii ni balleessu waan ta’eef . Dhuguman isiniin jedha gatii isaanii argataniiru. Ati garuu yeroo soomtutti abbaa kee isa hin mul’anneef malee akka soomtotaa namatti argamuuf hin carraaqiin. Mataa kees dibadhu; fuula kees dhiqadhu. Abbaan kee inni dhoksaadhaan si ilaalu ifaan siif kanfala. Bakka ilbiisni adda addaa balleessanifi hattootni hatuu danda’an lafa kanaratti qabeenya ol-hin keeyyatiinaa…..samiirratti walitti qabadhaa malee. Bakka qabeenyi kee jiru lapheen kees ni jirati. Ifni qaamaa ija dha. Egaa ijji kee nagaa yoo ta’e qaamni kee hundi ifa ni ta’a. Ijji kee dhukkubsataa taanaan garuu qaamni kee hunduu kan dukkanaa’e ni ta’a. Egaa ifni si keessa jiru dukkanoofnaan dukkanni kaan akkam haa cimuree? Gooftaa lamaaf bitamuu kan danda’u tokkollee hin jiru-tokkoosaa ni jaalata ykn isa tokko ni jibba. Waaqayyoofi qarshiif bitamuu hindandeessan. Kanaafuu waa’ee lubbuu keessanii, waan nyaattaniifi waan dhugdaniif yookiin qaama keessanitti waanta uffattaniif hin yaadda’iinaa isiniin jedha”

Walumaagalatti….

  • Waaqayyo kan nu waame qulqullummaan jiraannee mana isaa akka dhaalluufidha. Mana isaa dhaaluuf immoo hojii qulqullummaaf kan nu gahan ajajasaafi abboommii isaa eeguun nurraa eegama.
  • Namootni tokko tokko yeroo soomanitti namarraa galata       barbaacha (inni cimaadha jedhamuuf) fuula isaanii daalacheessuun sirrii miti.
  • Torbee soomaa kana keessa waa’ee qulqullummaa Waaqayyoo, qulqullummaa Sanbataa, hojii qulqullummaaf nama geessisan yaadachaa hiyyeessas gargaaraa soomuu qabna.

Torbee dhufu barreeffama torbee Mikuraabaan wal-agarra. Hangasitti araarri Waaqayyoo hunda keenya waliin haa ta’u. Ameen.

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2016-03-17 10:32:202018-10-26 09:21:11Qulqulleettii (Qiddist)
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Sooma Link to: Sooma Sooma Link to: Mikuraab Link to: Mikuraab Mikuraab
Scroll to top