Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Naxalaa laphee kee miiccadhu

in Faarfannaa Fi Hog Barruu

                MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN AFUURA QULQULLUU WAAQAA TOKKO AMIIN!!!

                                                Naxalaa laphee kee miiccadhu!

                                   Falaasamni jireenya namaa baay’ee garagara. Tokko tokkoof jireenyi gatii dhabeessa dha. Tokko tokkoof immoo jireenyi baay’ee meeshaa mi’aawaadha. Inni kaan umurii isaa xumuree kan nama biroo dabalee osoo jiraatee ni gammada. Tokko tokko immoo umurii isaaf kennamte iyyuu xumuruu dadhabee du’a gamaa gamasii waamaa oola. Anaaf garuu jireenyi jiraachuus du’uus miti. kabajamuus, salphachuus, duroomuus, hiyyoomuus miti. Bituus bitamuus miti. Sirumaayyuu uumama dinqisiifachuu dha malee. Sirrii ta’uuf dhiisuu hin beekuu. Kan sammuun koo fudhate dubbachuu nan jaalladha.

                        Yeroo tokko tokko mana koo taa’uu dhiisee akka saree amala badaa qabduu kanan naanna’uuf jaaladheen miti. Yoon sosochoo’u ykn namoota gidduu yoon ga’u dhimmoota tokko tokkoo hin dhabun turee. Irra caalaa maalummaa jireenyaa kanan beeku namoota waliin yoon dabalamuu fi fedhii namootaa yoon dhaggeeffadhu qofaadha. Kan nama ajaa’ibu daandii jireenyaan hin beekne illee oduu irraan argadha. Kanaan ala garuu namni maaliif akka jiraatuu, anis maaliif akkan jiraadhu hin beeku. Hundumarra immoo dureessota waliin yeroo koo dabarsuu irraa hiyyeessota waliin yoon oolu caalmaattin waa’ee jireenyaa baradha. Sooressoota irraa qarshii, hiyyeessota irraa ammo rakkoon baradha. Mana barumsaa galee beekumsan argadhe gad kan hin taaneen maalummaa namootaa qorachuudhaan uumama nan beeka.

 

                        Sanbata dilbatatti bari’u ganamaan hirriiba kootii ka’ee, dhibaa’ummaa koo irraan kan ka’e sirna Galateefannoo (qiddaassee) guutuu hordofuu dadhabus yoo xiqqaate Bataaskaana dhungadheen tsabalas dhuga jechuun mana dhiphoon keessa jiraadhu keessa ba’ee gara Mana Kiristaanaa imala koon itti fufe. Daandii hundi adii adiin guutamee jira. Namoota gara Bataaskaanaa deddeebi’an fagootti yoon ilaalu miirri gammachuun tokko ana keessa dhidhiitataa jira. Kiristaana ta’uu koos nan jaalladhe, ittinaan boones. Battaluma kana hundumaatti Si’ooliifi Gahaanamni (ibida bara baraa) Gannatiifi mootummaan samii natti yaadataman.

                        Yeroo hunda kan na ajaa’ibu yoon Si’oolii fi Gahaanama yaadadhu naan dhiphadha. Maaliif yoo jedhame hojiin koo hundi Si’oolii fi Gahaanamaf kan nageessiisu malee gara Gannataafi Mootummaa Samii kan na galchu waan hin taaneefidha. Kanaaf yeroo aduun na gubdu hunda ibiddi Gahaanamaa yoo na nyaatu akkam ta’uu faniin ofiin jedha. Ibbida biyya lafaan shiroo gaafan hojjedhu afuurri ittoo harka koo irra yoo bu’u miira natti dhagahamuun ibidda samii jiru akkamiin danda’uufan akkan jedhu na taasisa.

                        Sa’aatii kanatti namoota adii adiin guutaman ilaalee murtii samii yoon yaadadhu waaqayyoon waliin falmiin eegale. Isaan kanallee itti hin murteessu, akkamitti kiristaanota akkanaa ibiddatti gataa? Jechaa hojii koo malee hojii Uumaa keessa galee falmaan jira. Falmii koos ofumaa deebii itti kennuun “ gonkumaa ummata kana fakkaatan illee itti hin murteessu, adii adii uffatanii abaaboo fakkaatanii ifanii motummaa samii keessa jiraatu malee” ofiin jedhe.

                        Ija koon qaama koorra deddeebisaa qeensa miila koo irraa kaasee hanga oliittin ilaale. Galata Waaqayyoo anis akkuma namoota adii ta’ee jira. Itti murtaa’uu hin qabu namootan jedhee falmaafii ture cinaa hiriireen jira jechuuudha. Miirri gammachuu tokko qaama miiraa koo uwwise. Sababni isaas namoota itti hin murtaa’uu jedhe waliin waanan jiruuf anattis hin murtaa’u. Waaqayyoo gooftaan uffanaafi deddeebii Mana Kiristaanaa kana fakkaatu ilaalee gara si’oolii akka nu hin gatne waanan mirkaneeffadheef akkan itti dhiyaadhetti na gammachiise.

                        Deemsa koo itti fufeen jira. Irraa caalaa naannoo seensa teessoo patiriyaarikii qulqulleettii qulqullootaa daandiin konkolaataa illee osoo hin hafiin namaan guutamee jira. Namoota tokko tokko qofaatu hojiif oliif gadi fiigu. Namootni baay’een garuu Bataskaanaa yoo ba’aniifi galan mul’atu. Namootni adii hin uffatne, kan hojiif olii gad fiigan garuu na gaddisiisan. sababni isaas nuti warreen adii uffanne yoo bilisoomnu (qulqulloofnu) isaan uffata hojiin oliif gadi fiigaa jiru waan ta’eef.

                        Fuulduratti uffata adiin namoota guutaman ilaalaa, gammachuun isaanitti makamuuf daandii qaxxamuruuf ibsaa tiraafikaa bira akkuman ga’een ‘imaltooni miilaa dhaabadhaa, Konkolaataan deemi’ kan jedhu mallattoon diimaa fi magariisaa mul’ate. Aniifi namootni naannoo koo yoo dhaabannu, konkolaataan hiriiranii turan aariitiin motora iyyisiisaa akka bishaan abbayyaa yaa’uu eegalan. Agarsiifni kun na gammachiisee osoon ofii koo waliin haasa’aa jiruu…………’’sobdoota (gati-dhabeeyyiiwwan ) akka naxalaaf osoo ta’ee yoona Jannatni guuttee turte” sagalee jedhuun of duubaa dhagahe. Laliisni laphee koo abdiin guutame ture akka baala mukarraa cite gogee yoo kishiishiishhhh jedhuun natti dhagahame. Garan sagalicha dhagahettin gara gale. Uffata ciccitaa uffatee jira. Isa nuti “MARAATAA’’ jennuun san fakkaata. Hasawaa isaas itti fufe……….’akka carraa akka naxalaa keenyaa jireenyi keenyaas adii osoo ta’ee heehheeeheeeee…”jedhee kolfe. Ofaan qoradhe addeenya baaqqee, addeenya jireenyaa. Ani isaan kam keessa akkan ta’e beekuuf bakkan dhaabadhutti yaaduun eegale. Naxalaa kon ilaalee cabbii fakkaata. Jireenyaa koon taajjabe, riigduu uffata haadholiin ittiin eelee biddeenaa qulleessan caalaa gurraacha’eera. Hasaa isaas itti fufe………….”kiristaanummaa jechuun Kiristoosini kan moggaafame. Kiristoos immoo qulqulluufi gooftaa dhugaati. Yoo fannifamuus hundaafidha!!!!!!!!!! Ati hiyyeessa, ati maraatadha, ati cubbamaadha, ati gosa hin qabdu, ati daandii irra bulta, hin jenne. Maal kana qofa fooniifi dhiiga isaa qulqulluu osoo nutti hin waakkatiin muree kan nuuf kenne nama osoo adda hin qoodiin ture. Ana isa hiyyeessichaafis isin warra abbaa yeroofis ni kenne. Isin garuu aangoo keessan ishii lafarraa xiqqoo saniin, qabeenyanis ta’ee kan biroon nama filattu. Hiyyeessa akka kootii kennuu dhiistanii dacha dachaan isa siniif deebisuuf kennuu filattu. Naxalaa fi jireenya yoom wal fakkeessitu laata? Dhugaa isaa sinitti himuu! isin irra ana isaa abbaa uffata ciccittuu kana wayyaa…….ihihhhiiiihhhiihiiihiihihihihihih” jechuun kolfa keessaa fuudhe. Inni ni kolfa ani nan boo’a.

                        Bitaa natti gale. Ofis gaafadhe. Inni akkuma jedhe, Kiristoos nama osoo adda hin qoodiin hundaaf waaqa beenyaa nuuf ta’edha. Ani immoo kan qabutti kan dhiyaatu, bakka bu’aan jirtutti kan argamu, kennaa (makliitii) koo kanaan awwalu ture.

                        Haasawwaan nama kana keessaa koo jeeqaa jira. Namni hunduu nadhiisee deemee jiraa, ani garuu haasaa isaa dhaggeeffaataan jira. “Gidduu keessanii nama tokkoof yoo gochuu dhiistan anaafis hin goone” kan jedhu barumsi Kitaaba Qulqulluu natti yaadatame. (Mat 25:41-45) Dandii irra yoon deddeebi’u namni kun waan rakkateef qofa guyyaa tokkoof yadadhee hin beeku. Dhugaa Jireenya koo yoo natti himu, anis gatii koo fudhachuuf dhaabadhee jira. Kennaadhaan yoon madaalamu duwwaan turee.faallaa naxalaa (baaqqee) koo jireenyi koo akka dukkanaa ta’uun hubadhe. Barsiisaan maraataa fakkaatu kun dubbatee waan xumurate hin fakkaatu. Anis laphee koo banadheen barataa jira, innis na barsiisaa jira. Ani isa ilaalaan jira, inni garuu bakka duwwaatti ija babaasee dubbata.

                  “ilmi namaa jaalala dhabe,jaalallii bu’uraa hundati Gooftaan keenya foon fi dhigaa isaa kan nuu kenne jalalaa Isaatiini. Nuti immoo jaalala fi jireenya keenya kennuf yoo nutti guddate ………… Kan biraa yaa hafuutii obboleessa keenya ija jaalalaan kan ilaallu meeqa keenyaa dha.

Jaalalaaf kan nuuf kenname foon isaa yoo nyaachuu, dhiiga Isaa dhuguu dura, obbolessaa keenyaaf jaalala kennuutu dursuu qaba.

“Namni namaf jaalala yoo kenne maaltuu itti hir’ataa? Jaalala kennuun ni kanfalchiisa laata? luboonni tokko tokkoo iyyuu waa’ee jaalalaaf kan fannifame foon gooftaa keenyaa osoo qophessanii namaaf qoodanii, ani fudhachuuf yoon deeme dhugumaan jedha naaf hin kennan (adii kan ufatte yoo dhaqee immoo fudhattuu malee jedhanii ni eyyamuuf ta’a) dhugaa isinitti himuuf isin irraa nuti waarri daandii irratti kufne jaalala qabna. ( yoo xiqqaatte waliin qorra qooddannee waa’ee jaalalaaf nuti qorree jira.”

     Dubbiin isaa mar’immaan koo na nyaatee; imimmaanis na hudhee, jaalalas yaadadhe. kan qabu nan jaaladha, kan hin qabnee immoo hin jaaladhu. Kan biroo yaa hafuutii gara- laafettii haadha koo iyyuu ergan irraa addaa ba’etii waggaa torba lakkofsiseen jira. Dadhabdee na barsiifte, beela’aa na nyaachiste, itti qorraa na uffiste. Har’a garuu of danda’een ishee dagadhee; bilbilaa illee bilbileefii jabaadhu jedhenii hin beeku. Jaalala hin qabu waan ta’eef.                                                

            “Dhaga’ii, dhaggeeffadhu gara Mana Kiristaanaa” naan jedhe. Akka rifachuu ta’een gurra koo gara sagalee guddiftuu Mana Kiristaanaatti qabe. “ፍቅር ሰሀቦ ለወልደ ሀያል እመንበሩ ወአብጽሆ እስከለ ሞት” sagaaleen jedhu natti dhagahame. (jaalalii Waaqayyoon Ilma isa jabaa teessoo Isaa irraa buusee hanga du’aattis geessise). “argitee lubichii ni dubbata. Garuu jechiicha osuma dubbatanii iyyuu kan raawwatan xiqqoodha. Baayyooliin namootaa konkolaataa manaan osoo basha’anii gamoo irra taa’anii osoo asii gad ilaalanii cooma murachaa, booka unachaa hiyyeessa lammii isaanii hin yaadatan. Kan biroo ha hafuutii lubni lubaaf illee yeroo itti hin gaddinetu mul’ata. Manni Kiristaanaa kan hundaati. Namootni tokko tokko garuu kan dhuunfaa isaanii godhatanii yoo saaman, yoo fira isaanii ittiin gargaaran argina. Argitee jaalalli jiraachuuu dhabuu jechuun kanadha. Tajaajiltoonii mana kiristaanaa lama jireenya gosa lama jiraatu. Kan murtaa’an karaa tokkos karaa biroos jireenya bareedaa yoo jiraatan kan murtaa’an immoo jireenya gadadoon yoo dabarsan argina“ kanan dhagahaa jiru humna kootii ol waan ta’eef kanaa ol osoon dhaga’uu baadheen jaalladhe. Deemuufan duubattis jedhe. “dhaga’i obbolleessa koo” naan jedhe. Maaliif ana irratti akka xiyyeeffate naaf hin galle. Tarii cubbuun koo kan warra kanii caalee ta’a laataa? Moo ani warra kaan irra xiyyeeffadhee waanaan dhaggeeffadheef ta’a laata? Naanna’een “oooo” jedheen. Gama tokkoon maal naan jechuufi laata jedheen sodaadhe, gama biroon immoo maarataan “oooo” jechuun koo namoota biratti ana iyyuu maraataa na jechisiisa jedheen yaaddoo natti uume. “naxalaan kee baay’ee xuraa’ee jira. Miiccadhu tolee?. Yoo dandeesse kan namoota biroos waliin miiccisisiif ” naan jedhe. Naxalaan koo erga miicamee guyyaa sadi iyyuu hin taane. Naxalaan koo kan miicamedha, ilaalaan jira miti? Maal isaan miiccaa? Naxalaa xuraa’e yoo qabaatte, si’iif miiccuu nan danda’an” jedheen. Kkkkkkkkkkkkkk kkkkkkkkkk hhhhhhhhhh hhhhhhhhh jedhee natti kolfee “yaa lammii koo anaan illee erga miiccitanii turtaniitu. Maraataa, kan gatii hin qabne, jechuun na hamachaa, na nyaachaa ba’aa koo baattaniittu. Waanuma kamiifuu naxalaa laphee kee miiccadhu.”naan jedhe.

            Jecha cimaadha. “naxalaa laphee kee miiccadhu” kan naaf gale amma kunoo. Edaa miicaa kanan ture naxalaa jirbii qofa, edaa naxalaan laphee koo ni hafa, miicamees hin beeku. Naxalaa laphee koo gochaa fi naamusa kiristaanummaan tokko taasisee uffachuuf , miicees qulqulleessuuf, Waaqa koonis wal argachuuf, jecha baay’ee ulfaataafi jabaa kana “naxalaa laphee kee miiccadhu” buusaa baasaa SAAMUNAA GAABBII GALUU BITACHUUF Gara Luba Abbaa Lubbuutti imale!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!

                                                                                    GALANNI WAAQAYYOOF HAA TA’U!!!

B/sa D/n Shaanbal Nuguseen.                                                            Adoolessa 27/2007 B.A

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2016-02-09 06:09:372018-10-26 09:21:13Naxalaa laphee kee miiccadhu
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Yaa’ii mooraa Link to: Yaa’ii mooraa Yaa’ii mooraa Link to: Soomii Nanawwee Link to: Soomii Nanawwee Soomii Nanawwee
Scroll to top