RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
Fannoonis Rakkina yeroo jennu haala lamaan ilaaluu qabna. Isaaniis:-
1. Rakkina Kiristoos
Dhala namaa garbummaa cubbuu jalatti kufee ture Fayyisuuf, waanjoo garbummaa irraa kaasuuf akkuma Galata Maariyaamii kessatti dubbatame ‘Addaamiin bilisa baasuuf gara bultoo isaatii duraatti deebisuuf jaallate’ isa jedhame mirkanneesuuf, waadaa kennaa dhabuu fi Ganataa ari’atamuu dhala nama irraa kan ka’e gaabbuu ilma namaatiif Waaqayyoon kenname sana “Guyyaa shanii fi walakkaa booda dhala dhala kee irraa dhaladheen, walakkaa addunyaatti Fannoo irratti fannifamee dhufee si Fayyisa” isa jedhuun Waaqa sadan keessaa tokko Ilmi salphina keenya fudhachuuf gara lafaatti dhufe salphina argateen, rakkina irra gaheetiin kan hubatamuu dha.