“Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos du’a sababa Addaamiin dhufe du’ee barbadeessuuf du’ee awwaalame. Awwaalamee hin hafne; guyyaa sadaffaatti du’a mo’ee jireenya nuuf labsuuf du’aa ka’e. Kabajni Isaaf yaa ta’utii Gooftaan keenya Fayyina namootaaf jedhee fedhii Isaatiin gidiraan hedduun akka irra ga’u, Fannoo irratti akka fannifamu fi du’u akkasumas guyyaa sadaffaatti du’aa akka ka’u duraan dursee Duuka Bu’oota Isaatin “Egaa gara Iyyaruusaaleemitti ni baana; ilmi namaa harka angafoota luboota fi fariisotaatti dabarfamee in kennama; murtee du’aa itti ni murteessu; warra hin amaninittis dabarsanii ni kennu; itti tufus ni rebus ni ajjeesus; guyyaa sadaffaattis ni ka’a.” jedhee itti himuun isaan beeksisee jira. Luq. 18:31-34 Maat. 20:17-19. Raajoonnis waa’ee Kiristoos biyya lafaa irratti gidiraa inni dabarsu fi akka fannifamu, akka du’u fi guyyaa sadaaffaatti du’a injifatee akka ka’u raajaniiru. Ilma namaa Fayyisuuf Gooftaan keenya Fannoo irratti fannifamee raajii Raajotaa raawwatee jira. Isaay. 53:1-12, Daan. 9:25-27
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Qulqulluu Lubbuun Isaa Qulqulluu Foon Isaa irraa erga adda baatee booda Qulqulluun Foon Gooftaa keenyaa kan awwaalame; naannuma Gooftaan keenya itti fannifamee ture lafa biqiltuun marfame iddoo Golgoota jedhamtutti dha. Kan awwaalanis Barattoota Gooftaa kan ta’an Yoosefi fi Niqoodimosi dha. Angoofootni lubootaa fi fariisotni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa sadaffaa isaatti du’aa ni ka’a jedhanii waan sodaataniif gara Philaaxoos deemuun “Yaa gooftaa namni kun yeroo lubbuun jirutti guyyaa sadaffaa booda Nan ka’a jedhee dubbatee jira. Kanaafuu barattoonni Isaa halkan deemanii akka Foon Isaa hatanii uummataan “Ilaalaa Gooftaan du’aa ka’eera” jedhanii uummata akka hin jeeqneef; Dogongorri boodaa dogongora duraa caalaa badduu akka nutti hin taane; awwaala Isaa hamma guyyaa sadiitti akka eeggamu ajaja dabarsi” jedhaniin. Philaaxoosis “Eegdotaan awwaalicha eegsisaa!” jechuun deebiseef. Eegdota cimoo ta’an filuun amma guyyaa sadii akka awwaalicha eegan ajaja dabarsan. Isaanis gara awwaalichaa deemuun dhagaa guddaan awwaalcha irra kaa’ame irratti mallattoo isaanii gochuudhaan akka hin jijjiramne sodaatanii eegaa turan. Maat. 27:62-67. Jireenya kan namaaf hiru Waaqni jiraataan Kiristoos du’ee guyyaa sadii fi halkan sadii awwaala keessatti awwaalameetu ture. Nuuf jedhee Xoofoo du’aa dhugee guyyaa sadii fi halkan sadi awwalamee akka turu duraan dursee dubbatee ture. Kunis warra aangoo du’aa fi awwaalchaa keessa turan hundaaf mallattoo Fayyina jireenyaa isaanif akka ta’uufi dha. Gooftan keenya barumsa Isaa yeroo barsiisaa turetti, barreessitoonni fi fariisootni tokko tokko “Yaa Barsiisaa keenya Si irraa mallattoo arguu barbaadna” jedhanii gaafatan. Inni garuu, deebisee “ Dhalli sagalgaltuu fi hamtuun mallattoo barbaada; mallattoo Raajaa Yoonasin ala mallattoon biraa hin kennamu. Yoonas garaa qurxummii keessa guyyaaa sadii fi halkan sadi akkuma ture akkasuma Ilmi Namaa (Kiristoos) garaa lafaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadi ni bula.” ittin jedhe. Ni raawwates. Maat. 12:38-39
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos erga du’e booda Qulqulluu Foon Isaa Yoosefi fi Niqoodimoos huccuu Qulqulluun seera Kafanuu Kadhannaa Kakuutiin deeggarameen kafananii gara awwaalaatti fudhatan. Waaqummaa Isaatin samii fi lafa irratti iddoo hundumaatti guutuu ta’ee kan argamu; Waaqummaa Isaatiin foon Qulqulluu kan uffate Inni guyyaa sadii fi halkan sadi awwaala keessa yeroo turetti qaama lubbuu Isaatiin gara si’oolitti deemee lubbuu achi keessatti cunqurfamaa, gidirfamaa turan bilisaa baasee jira. Ilmi Waaqayyoo Kiristoos foon Isaatin yeroo awwaala keessa turetti guyyaa sadii fi halkan sadiif Waaqummaa Isaatiin Abbaa Fi Afuura Qulqulluu wajjin takka illee osoo adda hin ba’in addunyaa bulchaa ture. Barumsa kanaan wal qabatu ilaalchisee sirritti ibsuuf abbootii Mana Kiristaanaa Ortodoksii walakkeessa jaarraa afraffaa kan turan phaaphaasii biyya Iskindiriyaa kan ta’an Qulqulluu Eraaqlis kan barsiisan keessaa “Gooftaan koo, Uumaan koo Si’ii dha. Addunyaa dursitee kan jiraachaa turte, har’as kan jiraattu Si’ii dha. Kan samii irraas Si’ii dha. Kan lafa irraas Si’ii dha. Samii irratti Abbaa fi Afuura Qulqulluu wajjin tokko taatee kan jiraattu si’ii dha. Adduunyaan kun osoo hin uummaminii jalqabee Teessoo Waaqummaa irra kan ture si’ii dha. Ammas muka fannoo irratti kan fannifame si’ii dha. Foonin rakkoo fi dhiphina kan fudhatte si’ii dha. Abbaa fi Afuuraa Qulqulluu wajjiin tokko ta’uu keetiif du’a kan hin qabne si’ii dha. Nu waliin tokko ta’u keetinis fedhii keetin kan duute si’ii dha. Awwaala keessas kan bulte si’ii dha. Ergamaa Kee Qulqulluu Kiruubeel irra kan jirus si’ii dha. Warra du’an wajjiin awwaala keessa kan bultes si’ii dha. Dhiphinaa fi du’aa keetin fayyinni nuuf kenname. Warra du’an wajjinis kan lakkaawwamte Si’ii dha. Warra du’anifis ka’umsaa kan kennuuf Si’ii dha. Guyyaa sadii fi halkan sadi awwaala keessa kan bulte Si’ii dha. Waaqummaa Keetin kan hin qabamne foonumma dadhabuun Jechi Qaamawaa Waaqayyoo Si’ii dha.” Kitaaba Amantaa Abbootaa Boq. 48:10
Gooftaan keenya du’a mo’ee akka ka’u deddeebisee akkuma barsiise guyyaa sadii fi halkan sadi boolla awwaalchaa keessa erga ture booda du’a injifatee ka’eera. “Akkuma dubbate Ka’eerati as hin jiru.” Maat. 28:6 Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa sadii fi halkan sadi boolla awwaalchaa keessa turee du’a injifate ka’e yeroo jennu; Kabajni Isaaf yaa ta’utii Gooftaan keenya guyyaa jimaataa erga Fannoo irratti fannifame guyyaa walakkaa ta’ee osoo jiruu aduun ifaa dhorkatte, guyyaan ni dukkanaa’e. Akka aadaa lakkoofsa Ibrootatti dukkannii fi ifni walitti guyyaa tokko dha. Akka aadaa lakkoofsa Ibrootaatti halkan guyyaa darbes jirus dabalee waan lakka’amuuf guyyaa jimaataa hanga walakkeessa sa’aatii jahaatti ifa ture walakeessaa sa’aatii sa’aatii jahaa hamma sagalitti dukkana ture halkan jedhamee lakkaawama. Itti aanes sa’aatii sagalii hamma lixa biiftutti deebisee aduu waan baatef guyyaa; Gaafa jimaata halkan walitti akka guyyaa tokkotti lakkawama. Guyyaa sanbataa immoo guyyaa fi halkan dilbataa guyyaa tokko dha. Walumaagalattii, guyyaan jimaataa akka guyyaa lamaatti fudhatamuu fi guyyaa sanbata fi halkan sabata wajjin Guyyaa sadaffaatti Gooftaan keenya du’aa ka’e jennee amanna. Ni barsiifnas.
Duuka Bu’ichi (1ffaa Pheex. 3:18-19) akkas jedha “Kiristoos immoo gara Waaqayyootti nu dhiyeessuuf jedhee, Inni Qulqulluu ta’ee osoo jiruu, warra jal’ootaaf al tokkicha sababa cubbuutiif nuuf du’eera. Foonin du’e Afuuraan garuu jiraataa ta’e. Afuura sanaanis deeme lubbuuwwan mana hidhaa daabiloos keessa jiraniif nageenya fi bilisummaa labsee jira.” Kanaaf Foonii fi Afuurri, Foonii fi Afuura Kiristoosi dha. Jechi “Afuuraan jiraataa ta’e” jedhu Kiristoos cubbuu ilma namaa haquuf namummaa isaatin du’uu isaa agarsiisa. Maat. 27:46. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos yeruma tokkotti du’ee du’aa ka’ee warra du’aanis daawwate. (Ibr. 2:16, 1ffaa Pheex. 3:22, Qol. 2:15, Efee. 4:8-10 Luq. 16:20, 23:43).
Gooftan keenya Iyyasuus Kiristoos du’ee erga awwaalamee booda guyyaa sadaffaatti humna fi aangoo Isaatiin walakkeessa halkan sanbata guddaa du’a injifatee ka’eera. Fedhii isaatin Fannoo irratti fannifamee nuuf jedhee du’e; aangoo Isaatin du’a keessaa ka’e. Gooftan keenya Iyyasuus Kiristoos biyya lafaa kanatti dhufee Durbee Qulqullulleettii Maariyaam irraa foon Ishee irraa foon lubbuu Ishee irraa lubbuu fudhatee Waloomaan (Tawaahidoodhaan) nama ta’ee, cubbuu malee hojii namni hojjatu hundumaa hojjate. Dursee “ Ilma Waaqayyoo, Jecha Waaqayyoo, Waaqa Ilma Waaqaa” jedhamee waammamaa ture malee Iyyasuus Kiristoos jedhamee hin wammamne. Erga gara biyya lafaatti dhufee foon Dubaroo Maariyaam uffatee booda Iyyasuus Kiristoos jedhamee waammame. Foon Isaa foon haadha Isaa Haadha keenya Dubroo Maariyaamiti. Waaqummaa Isaatiin harka Yohaannisitti cuuphamee guyyaa afurtama fi halkan afurtamaa ni soome. Maat 3:17, Maat 4:1-11
Foon Waaqa ta’e kananiis akkuma namaa fakkeenya nuuf ta’uuf ni kadhate. Maat. 26:37-46. Foon Namaa uffatee nama ta’uu Isaa ibsuufis hojii namni hojjatu hundumaa ni hojjate. Fannoo irrattis gidiraa fi dhiphina baay’ee dabarsuun du’a Isaatiin du’a barbadeessuuf du’e. Yoh. 19:30. Qulqulloonii Duuka Bu’ootni Isaa Waaqayyoon du’a keessaa Isa kaase jedhanii kan barsiisan Kiristoos humna Waaqummaa Isaatiin ka’uu Isaa mirkaneessuuf akkasitti barsiisan. Sababiin isaas Nama ta’ee Iyyasuus jedhamee akka namaatti deddeebi’aa waan tureef Yihuudonni aangoo Waaaqummaa Isaa waan hin amanneef, Waaqa ta’uu Isaa ibsuuf Waaqayyo du’aa Isa kaase jedhanii barsiisan. Kunis Waaqayyo Abbaa fi Waaqayyo Afuura Qulqulluu wajjiin tokkoo ta’uu isaa mul’isa. Amalooma isaatiin akka Abbaa fi Afuura Qulqulluutti guutummaadhaan Waaqa dha. Haaluma walfakkaatun “Waaqayyoon du’a keessaa Isa kaase” jechuun Yoosefi fi Niqoodimoos kan Isa awwaalan Ilmi Waaqayyoo jiraataa humna Waaqummaan ka’uu Isaa mirkaneessuuf barumsa kana barsiisan. Kunis Kiristoos Foonin waloome. Waaqni fi namni tokko ta’ee kan du’e Waaqumma Isaan immoo jiraataa ta’ee du’a keessaa ka’uu Isaa Duuka Bu’ootni Isaa Qulqulluu Pheexiroosi fi Phaawuloos hubachisaniiru. “Ani fi Abbaan tokko” jedhee Gooftaan keenya aangoo Waaqummaa Isaatiin tokko ta’uu Isa fi Waaqummaa Isaatin du’a injifatee ka’uu akka danda’u nu hubachiisa. Aangoon Abbaa, Aangoo Ilmaa fi Aangoo Afuura Ququlluu wajjin tokko akka ta’e; kan Abbaan kan ta’e hundumtuu kan Ilma Waaqayyoo Kiristoosis akka ta’e “Kan Abbaa kan ta’e hundi kan kooti.” Yoh. 16:15 jechuudhaan Abbaa Wajjin aangoo qixa akka qaban dhugoomsa.
Ilmi Waaqayyoo Kiristoos aangoo Isaatin du’aa ka’uu akka danda’u dursee dubbatee ture. “Mana Qulqulluuummaa kana diigaa; Anis guyyaa sadaffaatti isa nan kaasa.” Yoh. 2:19-22 jechuudhaan iccitiidhaan isaanitti himaa ture. Icciitii kana ilaalchisee Beektootni Abbootiin Mana Kiristaanaa karaa nuu galuu danda’uun babal’isaanii barressanniru. Fakkeenyaf beektota keessaa tokko kan ta’e Qulqulluu Qeersos Biyya Iskindiriyaa akkasiitti barreesse “Nuti Waaqayyoo Abbaan qaama Isaatin qaama irraa Amalummaa Isaatin amala Isaa irraa kan dhalate; Amalummaa Isaatin jiraataa akka ta’e ni dubbanna.” (Amantaa Abbootaa 70:6). Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos gidiraamuu fi dhiphina Fannoo Isaa dursee du’a mo’ee du’a keessaa aangoo fi humna isaatin akka ka’u ibsuuf “Mana Qulqullummaa kana diigaa, Anis guyyaa sadaffaatti isa nan kaasa.” yeroo jedhee dubbatutti Ayihuudonni immoo “Mana Qulqullummaa kana ijaaruuf waggaa afurtamii jaha nutti fudhate Ati immoo guyyaa saditti deebistee akkamitti kaastaa?” jechuun deebisanii gaafatani. Ayihuudonni kana jedhanii kan dubbataniif kabajni Isaaf yaa ta’uti Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos kan dubbate waa’ee Mana Qulqullummaa isaanin ijaaramee itti fakkaatee waan tureefi dha. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos garuu kan dubbateef waa’ee du’ee du’aa ka’uu Isaa ture. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos du’aa ka’uu isaatin booda jireenya fi Du’aa Ka’umsi nuuf kennameera. “Ka’umsi fi jireenyi Ana dha anatti kan amanu yoo du’e ille bara baraan ni jiraata.” Yoh. 11:25, “Jecha Koo kan dhaga’u isa Ana ergettis kan amanu jireenya bara baraa qaba; du’aa gara jireenyaatti kan cee’e dha malee itti hin murtaa’u.” Yoh. 5:24 jechuun du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa mirga ittiin dhaaluu dandeenyu nuuf kennee jira. Keessumattuu Gooftan keenya du’a injifatee du’aa ka’uun angafa ta’ee ilma namaaf Du’aa Ka’uumsa labse. “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif hangafa ta’ee du’aa ka’eera. Duuti karaa namaa tokkoon dhufe; Du’aa Ka’uumsis karaa namaa tokkoon ta’eera. Hundumtuu karaa Addamiin akkuma du’e karaa Kiristoositiin jiraataa ta’e.” 1ffaa Qor. 15: 20-23. Angafa ta’ee du’aa akkuma ka’e humna Isaatiin jiraattota akka nu taasisu jaalala isaa nuuf haa ta’u.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!!!