Rattaa Guree
Guyyaan jimaataa Gooftaan keenya Qorichi keenya guyyaa itti addunyaaf itti fannifame dha. Guyyaan kun guyyaa Fayyinni itti raawwatame waan taateef guyyaa addaa jedhamtee beekamti. Guyyaan kun akka Mana Kiristaanaa keenyaatti moggaasa icciitii adda addaa qabdi.
Jimaata
Fannoo:
Qorichi
Addunyaa hundaa Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Addaamii fi ijoollee isaa
hundaaf Fannoorratti fannifamee akka biraannaatti yeroo itti dhisamee oole waan
ta’eef guyyaa itti yaadannu waan ta’eef ‘Jimaata Fannoo’ jedhamti. Akkuma
‘’Fannoo boodas uffata Isaa carraa itti buusanii adda adda hiratani, achuma
taa’aniis eegu turan’’ jedhutti jechuu dha. Maat. 27:35
Jimaata
Gaarii:
Gooftaan
dura fannoon yakkamaa kan ittiin adaban ture. Nama fannisanii ajjeesuun kan
eegale Faarsitti dha. Faarsitti namoonni waaqeffannaan isaanii waaqa Lafaa /ourmuzed/
jedhama. Yakkamaan biyya isaaniitti yoo argamu adabbii isaa lafa irratti kan
fudhate yoo ta’e waaqni isaanii akka hin xuroofneef yakkamtoota hundaa
fannoorratti fannisu ture. Gochi kunis barsiifannaa ta’ee bulchiinsa Roomaa
hundattiyyuu seera baratame ta’e. Sirna Ooriitiittis warreen fannoo irratti
fannifamanii adabaman abaaramtoota gurguddoo turan. Gooftaan booda garuu
mallattoo adabbii yakkamtootaa fannoo ture sana Gooftaan keenya dhiiga Isaan Qulqulleessee
mallattoo araaraa, aasxaa jireenyaa, kan Diyaabiloos ittiin moo’atan, labsiin
bilisummaa keenyaa kan ittiin dubbatame ta’e. Du’a Isaatiin jireenya kan itti
arganne waan ta’eef Jimaata Gaarii jedhameera.
Gooftaan
keenyi Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos fayyina keenyaaf akkuma Fannoo irratti
araara nuuf buuse dhukkuba kana irraas araara nuu buusuun eeyyama Isaa nuuf haa
ta’u.
Galatni
waaqayyoof !
Ameen!