Yaa Suulaamaaxis (Laattuu Nageenyaa) deebi’i deebi’i akka si arginuuf deebi’i (Macaafa Weedduu Weedduu Caalu 7:1)
Asaffaa Guddataa
Mootichi Salamoon weedduu isaa Faaruu Faaruu caalu jedhamee beekamu keessatti “Deebi’i deebi’i akka Si arginuuf deebi’i” jechuudhaan irra deddeebi’ee waama. Waamicha kana kan dabarsuus Giiftii keenyaafi dha. Iccitii gara boodaatti baroota dheeraan booda raawwatu ilaalee Afuura Qulqulluun argee “Godaansi si ga’aa. Amma yeroon isaa gaheeraatii gara biyya Kee Naazireetitti deebi’i” Isheen jedha. Haaluma jecha raajii kanaan Giiftiin keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam erga waggoota sadi’ii fi ji’a jahaaf godaansaan biyya Gibtsi keessa turtee booda akka Heroodis du’e ergamaan Waaqayyoo itti himnaan gara biyya Isheetti deebiteetti.
Giiftiin keenya yeroo ijoollummaa Isheetti Ilma Ishee ijoollummaa Isheetti dubrummaan deesse waliin cubbuu tokko malee ari’atamtee gidiraa baayyee arguun Ishee adunyaa dinqisiisaa jiraata. Namni biraa yoo gidiraa arge cubbuu isaatiif gidiraa arge jedhama Giiftiin keenya garuu balleessaa tokko malee Ilma ishee Isa hunda uumeefi hundumaa raawwachuu danda’u baattee baqachuun Ishee adda Ishee taasisa. Qulqullichi Selemoon kana ilaaleeti kan inni “Deebi’i” Isheen jedhu. “Maddiiwwan Kee imimmaaniin dhiqamuun isaanii, lapheen Kee gara laafummaan guutame dhiphachuu fi gidiramuun isaa, hidhiin Kee dheebuu bishaaniin gogee argamuun isaa haa ga’u. Amma deebi’i. Boqodhu” isheen jedha. Haaluma raajii dubbatame kanaan Giiftiin keenya gaafa Saadasa bultii ja’aa (6), godaansa irraa deebitee bakka Qusquwaam jedhamu boqochuu (aara galfachuu) ishee yeroo itti yaadannu waan ta’eef nutis Hayyicha (Ogeessicha) Salamoon waliin “Yaa Giiftii deebi’i deebi’i” Isheen jenna. Yeroo darbe godaanuu Ishee; gidiraa arguu Ishee yaaduun kan gaddine hundi keenya amma immoo deebi’uu Ishee yaadnee gammadna. Read more