«Yaa mucaa koo dhaga’i mana abbaa kees irranfadhu; mootiin miidhagna kee jaalateeraatii!» (Faar.44:101)
«Yaa mucaa koo dhaga’i mana abbaa kees irranfadhu; mootiin miidhagna kee jaalateeraatii!» (Faar.44:101)
Dn.Mazgabuu kafyaalawuun
Mudde guyyaan sadi guyaa ayyaana haadha keenya dubroo Maariyaam yennaa ta’u innis guyyaa isheen dhalattee umurii waggaa sadiitti mana qulqulluumaa seentedha. Seenichas gabaabatti akka armaan gadiitti haa ilaalu.
Haannaa fi Iyyaaqeem Arrabsoo yeroo dheeraa jalaa bilisa bahuudhaan mucaa bifa bareedduu qabdu argatan (dahani). Akkuma raajichi Solomoon “Yaa mucaa koo kunoo ati bareedduudha” ( Weed. 4:1) jechuun dubbate durbee qaamaanis ta’e yaadaan; keessaanis ta’e alaan bareedduu taate argatan (dahani). Qeeqa (arrabsoo fi hamannaa) namootaa irraa walabummaa argachuu isaaniitiinis ni gammadani.
Gammachuun isaanii kunis mucaa dhabuudhaan waggoota hedduudhaaf hawwii daa’ima argachuutiin gubachuu caala namoota naanoo sanaatiin Haannaan “Gaangee”; “Kan gadameessi ishii cufame” jedhamtee arrabsamaa turte irraa mucaa argachuu isheetti bilisa bahuu isheetiinidha. Mucaan kunis qulqulleettii durbee Maariyaamidha.
Haannaan dhala dhabdee waggoota hedduuf turtus Waaqayyoon “Akka eeyyama keetti dhala naaf kenni. Kan Ati naa kennitu yoo durba taate bishaan waraabdee, leemmatii warqee hodhitee, foohaa golgaa mana kee tajaajiluuf oolu footee akka si tajaajiltuuf; yoo dhiira ta’e ammoo baratee mana kee akka tajaajiluuf siif kennina” jechuun wareeganii akka turan dubbiin dubroo Maariyaam nutti hima.
Durbeen Maariyaam dhalachuu Isheetiin kan bilisa bahe haadha Ishee fi abbaa Ishee qofa osoo hin taane addunyaa hundadha. Dhalachuun haadha keenya dubroo Maariyaam dhalchuu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiif jalbuliidhaatii. Kana jechuunis dukkannii fi gidiraan kakuu moofaa keessa ture, duuti bara dheeraaf addunyaa mara dhiphisaa ture baduuf yeroo itti dhiyaachaa jiru, dhalli nama marri harka diyaabiloos jalaatii bilisa ba’uuf yeroo hojiin Uumaa keenyaa ifaan jalqabameedha. Kana waan ta’eef abbootiin “ Siin addunyaan fayye; Ilma keetiinis nageenyi nuuf ta’e” jechuun Ishee faarsu.
Waaqayyos kadhannaa Haannaa fi Iyyaaqeem dhagahee qulqulleettii durbee Maariyaamiin kenneef. Gama biraa Addaamii fi Hewaan akkasumas ijoolleen isaanii boo’ichi isaanii dhaga’amee hundumtuu kan ittiin fayyu danda’u; hunda keenyaa dhalatte. “Osoo Waaqayyo sanyii nuuf hin hanbisneetii akka Sadoom taanee, Gamooraas fakkaanee turre”( Isaa.) akkuma jedhame sanyiin Waaqayyoon filatamte fayyina addunyaaf kennamte (dhalatte).
Abbaa fi haati ishees Waggoota sadiif erga of bira tursanii booda kitaaba irratti “Waaqayyo keetiif wareega yoo wareegde Waaqayyo wareega kee kana ni barbaadaatii: cubbuu sitti ta’aatii kanfaluudhaaf duubatti hin jedhiin. Yoo hin wareegne garuu cubbuun sirra hin jiru. Kan afaan keetiin dubbattes Waaqa keetiif fedha keetiin wareegdeetaatii kan afaan kee keessaa bahe raawwadhu” (Se.ke.de. 23:21-23) isa jedhu yaaddachuudhaan “Garaanshee osoo fira hin bariin; afaanshe midhaan osoo hin bariin akka wareega keenyaatti mana qulqullummaaf kennina” jehdanii fudhatanii gara mana Waaqayyoo deeman.
Hoogganaan lubootaa fi uummanni yeroo ishee argan biiftuu caala harka toorba iftee qaqawweessa (bakakkaa) caalaa soodaachiiftee isaanitti mul’atte. Isaanis uumama kana fakkaattu maal goonaa? Maal ishee nyaachifnaa? Maal isheef afna? Jedhanii osoo dhiphatanii Ergamaa qulqulluu Faanu’eel mannaa samii leemmatii warqeettii, dhugaatii samii xoofoo ifaatti qabatee samii samiirraa bu’ee isaanitti mul’ate.
Uummannis lubichaaf kan dhufe waan isaanitti fakkaateef harkaa fuudhii godhani. Lubichi fudhachuuf yeroo jedhu irraa ol fagaate. Haannan mucaashee haammattee kabajasaa fudhachuuf achi siiqxee yeroo teessu akkuma ol fagaatetti hafe. Kana booddees kabaja daa’imittiif dhufe yoo ta’e maaltu beeka? Qofaa ishee dhiisii achi siiqi isheedhaan jedhan. Haannaanis akkuma jedhamte goote. Yeroo kana Ergamaan qulqulluu Faanu’eel bu’ee kochoosaa tokkoon haguugee, mannicha nyaachisee wayinichas obaasee gara samiitti ol bahe.
Gooftaan saba Israa’el mannaa samiirara buusee akkuma isaan nyaachise (Ba’u. 16:13, 1Mooto.19:1-8)
haadha keenyas karaa Ergamichaatiin isheedhaaf laate. Nyaanni ishees mannaa samii irraa bu’e, dhugaatiin ishiis dhugaatii samii irraa waraabame ta’e. Kana waan ta’eef qulqulluun abbaan keenya Hiriyaaqoos “Yaa drbee nyaata lafa kana irraa kan nyaatte miti nyaata samii (kan samii irratti bilchaate) malee; yaa durbee dugaatii lafa kanaa kan dhugde miti dhugaatii samii irraa waraabame dhugaatii samii dhugde malee” ( qiddaasee Maariyaam) jechuun ishee galateeffate.
Erga dhimmi sooratashee fala argatee mana qulqullummatti ishee gashan. Guyyaan kunis Mudde guyyaa 3 ture. Manni kiristaanaas yeroo hundaa jiini galee guyyaa 3ffaa irraatti, yeroo yaadattu wagga awaggaatti Mudde guyaa sadii immoo ayyana ol’anaatiin kabajji.
«Yaa mucaa koo dhaga’ii mana abbaa kees irranfadhu; mootiin miidhagna kee jaalateerahoo» Jedhee qulqullichii Daawiit Faarsa. 44:101 irratti akkuma dubbate. Haati keenya qulqulleetii dubroo Maariyaam Ergamoonni ishee sooraa kabajaa fi ulfinaan mana qulqullummaa keessa waggaa kudha lama jiraatte. Walumaa galatti umuriin ishee waggaa kudha shan yommuu fixxu Yihudoonni goomiidhaan «Shamarree waan taateef amala dubartootaatiin mana qulqullummaa waan xureessituuf bahuu qabdii» jedhan. Hojji afuurri Qulqulluun isheerratti hojjetu hubachuu waan hin dandenyeef akkuma nama foonummaa isaaniitti ija foonii qofaan ilaalanii murtoo dogoggoraa murteessan. Gama biraatiinis akka Waaqayyo Ilmi Durboo irraa dhalatu raaga dubbatame waan beekaniif raagni sun ga’ee osoo isheen Kiristoosiin hin dahiin dursinee isheen akka baatu yoo taasisne carraa kana dhabuu dandeessiidhaan akka mana qulqullummaa keessa baatu taasisan.
Hangafni lubootaa hammeenya Yihudootaa kana argee akkam wayya? Furmaata akkamii keennuuf dandeenya? jedhee Ishee gaafannaan gara Waaqayootti naaf beeksisi jetteen. Innis kadhannaa gara Waaqayyootti yemmu dhiyeessu deebii «Qoomoo Yihuudaa keessa kanneen haati manaa isaanii duute lakkaayitii ulee isaanii mana qulqullummaatti galchii irratti kadhadhu anis mallattoo siifan kenna » jedhu waan argateef uleewwan isaanii irratti kadhachaa buleera. «Yaa Yooseef kadhima kee Maariyaamiin fudhachuu hin sodaatiin» kan jedhuu ulee Yooseef irrattti barreeffamee argame. Ulittiinis firii qamadii fi wayinii godhattee argamteetti. Mataa isaarras gugeen boqotteetti. Kana ragaa godhachuun Giiftii keenyaaf Yooseef kaadhima (eegduu ykn tiksee) akka isheef ta’utti filatame.
Kadhima jechuun jechuun maal jehuudha? Yooseef Maariyaamiif kaadhima ta’e yeroo jennu hoo maal jechuu keenya? Qulqulleettiin dubroo Maariyaam mana Yooseef keessa akkamiin turte? Akkamiin mucaa ishee qoricha addunyaa ta’e Iyyasuus Kiristoosiin ulfooftee deesse? Kan jedhu yeroo biraa ilaalla. Waaqayyon ittiin nu haa qaqqabsiisu.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u; kadhanaan haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam nu wajjin haa ta’u. Ameen! Bagga ittiin isin ga’e.