Zamana Tsigee ( yeroo Abaaboo)
Zamana Tsigee ( yeroo Abaaboo)
Dn.Qalamawarq Miidhagsaatiin
Seensa
Akka sirna mana kiristaana Ortod0s Tawaahidoo Itoophiyaatti yeroon baatii fulbaana 26 hanga sadaasa 6 jiru yeroo Abaaboo ykn ammoon afaan Gi’iziitiin ‘zamana Tsigee’ jadhamee beekama.
Waqtiin kun waqtii Godaansi ykn baqachuun Giiftii keenya dubroo Maariyaam Ilma Ishee waliin gara biyya Gibtsii (Misiraa)tti taassiste kan ittiin yadatamu dha. Barreeffama gabaabaa kanaan seenaa, barumsaa fi iccitiiwwan bara abaaboo ilaaludhaaf ni yaalla.
Gooftaan keenya Iyyasus Kiristoos ilma namaa fayyisuudhaaf Waadaa galee yeroo raawwiin isaa qaqqabetti Magaala Beetaliheemitti Haadha keenya dubroo Maariyaam irraa dhalate. Bara Gooftaan dhalate sanatti Mootiin naannoo Israa’eel bulchaa ture Heeroods dhalachuu Gooftaa keenyaa namoota beektota ( sabaa sagal) kennaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiif kennuudhaaf biyya bahaarra urjiidhaan akka dursaman gara Betaliheemiitti dhaqan irraa dhagahe ; baay’ees nahe. Motichi Herods yemmu oduu “Motiin Israa’eel dhalateera” jedhu dhaga’u Isa ballessuuf fedhee namoota kennaa laachuuf demaa jiran sana dhoksaadhaan waamee daa’ima dhalate sirriitti qoratanii kenna Isaa kennanii yemmu gara biyya isaaniitti debi’an karaa isaatiin akka deebi’an gaafatee ture. Yemmu isaan gaafatetti garuu hojii hammeenyaa yaadee jiru dhoksee “ anis deemeen sagadaafiitii natti himaa” jechuudhaan ture. Motichi kana kan godheef daa’imni dhalate angoo isaa kan irraa fudhatu waan itti fakkateef ture.
Namoonni beektonni sun garuu bakka Gooftaan dhalate sana gahanii kennaa Isaadhaaf fidan kennanii sagadaniitiif booda yemmu gara biyya isaaniitti deebi’uuf jedhan Waaqayyo yaada Heeroods yaadaa jiru isaaniif ibse; abjuudhaanis karaa dhufan sanarra akka hin deebinee fi karaa biraa deebi’anii akka gara biyya isaaniitti galan itti hime . Namoonni beektonni sunis osoo karaa Mooticha Heeroods goranii waan argan sana itti hin himiin gara mana isaaniitti deebi’ani.
Waggaa lama yommuu darbu Heeroods namoonni sun akka isa gowwomsan hubate. Qulqulluun Mateewoos seenaa kana akkannatti gabaaseera:-“Warri ogeessonni sun akka isa gowwoomsan yommuu hubate Heeroods baay’ee aare; akka yericha isaa warra ogeessota sana irraa gaafatee barettis Beetaliheemii fi naannoo ishee hundumaa keessa ijoollee dhiiraa waggaa lama guutan yookiis isaa gadi kan ta’an hundumaa akka ajjeesaniif namoota ni erge” (Mat. 2: 16-18)
Heeroods daa’imman kana hunda haala sukkanneessaa ta’een fixus dhiigni Gooftaa yeroo malee kan dhangalaa’u waan hin taaneef daa’ima dhalate argachuu hin dandenye. Yeroo Heeroods daa’imman fixuuf ka’u “Ergamaan Gooftaa Yo0seefitti abjuun mul’atee, ka’i daa’imichaa fi haadha Isaa fudhadhuutii biyya Gibxitti baqadhu” jadheen. (Mat. 2: 13) Haaluma kanaan Giiftiin keenya Ilma Ishee wajjin waggaa sadii fi ji’a ja’aaf baqannaa irra akka dabarsite seenaa mana kiristaanaatiin katabameera. Yeroo baqannaa isaanii Giiftii fi Goftaan keenya gara biyya keenyaas akka dhufan kitaabni ‘Dirsaana Uraa’eel’ nutti hima.
Gooftaan maaliif baqatee?
Hojiin Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos adeemsa dhala namaa fayyisuu kessatti raawwate tasa kan rawwataman miti. Raajiin kan itti himamee fi subaa’een kan lakkaa’ameefi dha. Baqachuun Isaas tasa kan muudatee fi fedha Heeroodsiitiin kan rawwatame miti. Sababni inni jalqabaa raajiin himame akka raawwatuufidha.
Dursee rajichi Amoots “Ilma koo Gibxiirraa waame” raajii jedhu dubbatee ture. (Amoots. 11:1) Kanaafu raajiin kun akka rawwatamu Goftaan keenya haadha Isaa wajjin gara Gibxiitti baqate.
Karaa biraatiin ammoo Goftaan keenya haadha Isaa wajjin gara biyya Gibxiitti kan baqate baqannaa qulqullootaaf ebbisee kennudhaafi. Goftaan waan hunda kan barsiise gochaani. Namootaan soomaa osoo hin jedhiin dura someera, waliif dhiisaa osoo hin jedhiin dura dhiifama taassise. Haaluma kanaan magaalaa tokko irraa gara magaala tokkotti yomuu isin ari’an baqadhaa jedhee osoo hin barsisiin dura baqatee agarsisuuf gara biyya Gibxiitti baqate.
Inni biraa ammoo Gibxiin amantaa xaa’ootii ( hark tolcheedheen) dhaan kan beekamtee turte. Amantaa xaa’otii biyya Gibxiitti babal’atee ture ballessuf baqateera.
Egaa manni kiristaana keenya seenaa fi raawwannaa kana bu’uura godhachuudhaan guyyoota Fulbaana 26 hanga Sadaasa 6 jiran Zamana Tsigee (bara Abaaboo) jettee moggaasudhaan Giiftii fi Goftaa ishee ni yadatti. Guyyoota kana sirna maal fakkaatuun akka yadataman osoo hin ibsiin dura maaliif Abaaboodhaan moggaaffama? Kan jedhu gabaabummatti haa laallu.
Goftaan fi Giftiin keenya Abaabodhaan ni fakkeeffamu:-
Abaaboon baay’isee kan bareedu, urgaan isaa lubbuu kan gamachiisu, kutaa mukkeen firii ittiin buusani dha. Waaqayyo abaaboo uumee “Ani abaaboo gammoojjiiti” jadheera.(wedduu weeddotaa.2:1) Bareedinnii abaaboo nama ofitti harkisa, lubbuu sassaabuuf gargaara. Waaqayyoonis lubbu qulqullinaan gara Isaatti yommuu siqan qulqullina gonfachiisa jireenya addunyaa biraa agasiisa. Fooliin abaaboo lubbuu gammachiisa kanniisa fagoodhaa harkisa. Baruumsi Goftaa keenyaas lubbuu gamachiisa, namoota ogeessota fagoodhaa ni yaama.
Abbaa Tsigee Dingiliniis kitaaba isaa ‘Mahileeta Tsigee’ jedhamuun Goftaan keenya abaaboodhaan fakkeffamu isaa akkanatti ibseera:- “Abaaboon Muka irraa akka argamu Durboo qamota Sillaaseerra Isa tokko fooniin kan nuuf dessee gamadii”.
Karaa biraatiin Giftiin keenya Abaaboodhan ni fakkeeffamti. Abba Tsigee Dingilin kitaaba isaatiin Giiftiin keenya abaaboodhaan fakkeffamu ishee akkannan ibseera:- “Mukkeen Abaaboo kan taate si dhalani”. Isheedhaan Abaaboo yoo jannee ilma ishee ammoo firii jannee waamna.
Manni kiristaanaa keenya baqannaa (Godaanuu) Giiftii fi Goftaa abaaboodhaan fakkeeffaman yadachudhaaf waqtii kana ‘bara abaaboo’ jettee moggaastee jirti.
Karaa biraatiin biyya keenyaatti guyyootni Fulbaana 26 hanga Sadaasa 6 jiran yeroo ganni darbee biraan ittiin seenu lafti abaaboodhaan kan badhaafamtu dha. Kanaafu manni kiristaanaa keenya seera umama gocha waaqayyoo wajjiin wal simsitee Isa kabajii.
Akka mana kiristaanaatti Fulbaana 26 hanga Sadaasa 6 maaltu raawwatama?
Yeroo kanaatti kitaabni ‘Mahileeta Tsigee’ jedhamu kan Abba Tsigee Dingilitiin qophaa’ee tajaajila irrra ni oola. Kitaabni maahileeta tsigee jedhamu Giftii keenya abaaboodhaan ilma ishee fayyisaa aduunyaa ammoo firiidhaan deebisee immoo Ishees Ilma Ishees abaaboodhaan fakkeesaa kitaaba waa’ee Giftii keenya fi Ilma Ishee dubbatu dha. Dabaltaanis waa’ee ergamoota qulqullootaa, waa’ee raajjoota qulqulloota, waa’ee duuka bu’ootaa qulqullootaa, waa’ee qulqulloota wareegamtootaa qabsuura isaani kakuu moofaa fi haraa wajjiin wal simsiisaa ibsu dha. Dubbii Mariyaam ilaalchisee godaanu ykn baqachuu Ishee dheebochuu fi belaa’u Ishee, rakkachuu Ishee kitaaba nutti himu dha. Kiristaanootni sanbata xinnaa halkan kitaaba kana yedaloodhaan farfacha Giftii fi Ilma Ishee ni galateffatu.
Dabalataanis Kiristaanonni gaddaa fi dhiphina Giiftii keenya irra gahe yaaddachaa soomaa fi kadhannaadhaan baatiiwwan kana dabarsu.
Zamana Tsigee ( yeroo abaaboo) kanatti Kiristaanota irraa maaltu eegama?
Akkuma beekamu Godaansi Gooftaan Keenya Iyyasuus Kiristoos Giiftii keenya waliin ta’uun gara biyya Gibxiitti taassise kun godaansa Waaqayyo Uuumaan samii fi lafaa deessuu Haadha Isaa wajjin taassise waan ta’eef kan yaadatamuu qabudha. Yeroon kun yeroo itti dheebuu fi beelli Giiftii keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irra gahe itti yaadatamudha; yeroon kun yeroo naasuu fi sodaan Giiftiin keenya Mucaa koo ana jalaa ajjeesu jettee itti dhiphaachaa turte kan itti yaadatamudha. Kanaaf yaaddannoo kana keessatti kiristaanonni martuu gara mana kiristaanaa deemuun halkan galataan guyyaa ammo kadhannaadhaan yaaddachuu qaba. Soomaa fi kadhannaadhaan gara Waaqayyo isaatti deebi’uutu irra jiraata. Soomni Zamana Tsigee keessa soomamu kan soomota labsii torban keessatti hin lakkaa’amne ta’u illee; sooma jaalalaa jedhamee beekamu illee gaddaa fi godaansa dhiphina Giiftii keenya Maariyaam irra gahe yaaddachaa yoo soomne gatii guddaa arganna waan ta’eef qalbii jijjiirrannaa fi imimmaaniin gara Waaqa keenyaatti deebinee gatii guddaa kan ittiin argannu waan ta’eef cimuun nurraa eegama.