SEENAA MANA KIRISTAANAA MI’IRAAFE QIDDUSAAN KOOMTOO QULQULLEETTII SILLAASEE

Wiirtuu Naqamteetiin

Manni Kiristaanaa bakka gargaarsi Waaqayyoo, soorummaa fi jaalalli Abbummaa Isaatiin kan itti argamu gara Iyyeruusaaleem ishee Samii kan nu geessitu qeyeen Qulqulleettiin Mana Kiristaanaa iddoo adda taatee dha. Egaa barreeffama kana keessatti Qeyee Waaqayyoo kan taate seenaa Mana Kiristaana Mi’iraafe Qiddusaan Koomtoo Qulqulleettii Sillaaseetiin wal isin barsiifnaa Manni Amantaa seena qabeettiin umrii dheeraa lakkoofsiste Koomtoo Mi’iraafe Qiddusaan Qulqulleettii Sillaaseen Naannoo Oromiyaa, Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Waayyuu Tuqaa, Ganda Daaloo Koomtootti kan argamu dha. Finfinneerraa km 330 fagaatee kan argamu yommuu ta’u; Finfinneerraa hanga magaalaa Naqamteetti km 320 magaalaa Naqamteerraa km 10 kan hin caalle fagaattee argamti. Kunis karaa ciirrachaa kan konkolaataa deemsisu qaba. Iddoo Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa kun itti argamtu sana bira ga’uudhaaf karaan isaa akkuma jireenya kiristaanaa bu’aa ba’ii, Tabbaa fi Irraangadee kan qabu dha. Manni kiristaanaa kun lafa cittuu bishaaniin marfamteerratti argamti.
Haala hundeeffamaa
Manni Kiristaanaa koomtoo Qulqulleettii Sillaasee nama Dajjaazmach G/Igzi’abiheer (Dajjaach Kumsaa Morodaa) jedhamuun bara 1906 B.A hundeeffamte. Jalqaba manni Kiristaanaa kun citaadhaan ijaarame. Waggoota hedduu erga tajaajilee booda, xaaliyaaniin biyya keenya Itiyoophiyaa yeroo weerartee waggaa shan turte keessatti dhiibbaa guddaa Mana Kiristaanaa kanarraan geessisteen. Manni Kiristaanaan kun gubateera. Meeshaaleen Qulqullaa’oon hedduun waliin gubataniiru.
Yeroo sana furtuu qabaan Mana Kiristaana kanaa kan turan Luba Tasfaayee Amanuu jedhamu turan. Isaanis haala hin beekamneen Taabota Kakuu Waaqayyoo fi meeshaalee qulqullaa’oo muraasa fudhatanii bosona seenan. Eeyyama Waaqayyoo ta’ee, Fannoo Gooftaa dabalatee meshaalee Qulqullaa’oo tokko tokoo oolfataniiru. Sababii kanaan kan ka’e Fannoo Gooftaa dabalatee meeshaalee qulqullaa’oo tokko tokko abiddaan guba- chuu irraa oolfatanii jiru. Haa ta’uu malee, Manni Kiristaanaa kun yeroo gubatu meeshaalee qulqullaa’oo ta’an hedduu fi Kitaaboliin akka Biraannaa (waraqaa gogaa re’eerr irraa hojjetamau), Dirsaanotaa fi Kitaabilee Qulqullaa’oon gara garaa baay’een ooluu hin dandeenye.
Garuu, kanneen gubatan gubatanii Taabonni Kakuu Waaqa- yyoo fi meeshaaleen qulqullaa’oon muraasni akka fedha Waaqayyootti Luba Tasfaayee Amanuutiin ooluu danda’anii jiru. Lubni kunis Taabota Kakuu kana bakka kaa’an dhabanii erga baay’ee Waliin rakkatani boo da dubbiin qabbanaa’uusaa hubatanii namoota naannoo sanaa walitti qabuudhaan, Manni Kiristaanaa akka ijaaramu mariisisan. Uummannis yaadicha inaaffaa afuuraan deeggaranii hamma humna isaanii Mana Citaa ijaaranii Taabota Kakuu Waaqayyoo kana itti galchan. Tajaajil- tonnis (Lubootnii fi Daaqonootni) waggaa dheeraadhaaf mindaa malee tajaajilaa turan. Amantoonni Ortodoksii Tawaahidoo naannoo sanatti argamanis gama isaaniitiin kennaa isaanii midhaan irraas ta’ee waanuma argataniin Mana Amantaa isaanii tajaajilaa turan. Haata’u malee, tajaajil
toonni (Luboonnii fi Daaqonootni) uffata tajaajilaa waan hin qabneef uffata lubummaa malee akkasumatti tajaajilu turan. Haala jajjabina Mana Kiristaanichaa ajaa’ibaa /raajii faana wal qabatee Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiruhoo jedhamee akkuma bar- reeffame, haalli gaggeeffama Mana Kiristaana kanaa kan nama gad-disiisu ta’ullee, Waaqayyo garuu yoomillee nama qaba.Yeroo ta’e tokko Dubartiin Aadde Dabrituu jedhamtu Finfinneerraa gara bakka kanaatti dhuftee haala gaggeeffama Mana Kiristaanichaa, tokkummaa fi garraamummaa uummatichaa erga daawwattee booda ajaa’ibsiifachuun deebitee Finfinneetti galte. Boodas waa’ee raajii baay’ee Mana Amantaa kana keessatti ta’aa jiru namootatti himte. Keessattuu namoota yeroo dheeraadhaaf dhukkuba gara garaatiin rakkachaa turanii fi yaalamanii furmaata dhabanitti ‘’Manni Kiristaanaa Koomtoo Qulqulleettii Sillaasee jedhamtu jirti, Manni Amantaa kun gubat- tee turte, meeshaalee qulqullaa’oos guutuu hin qabdu, Waaqayyo garuu bakka kanatti raajii ni hojjeta. Kanaafuu bakka sana deemaatii aarsaa dhiyeessaa! Ni fayyitu” jettee isaanitti himte. Sana booda namootni baay’een bakka sana dhufanii kadhannaa godhachuun dhukkuba isaanii irraa fayyuun Waaqayyoon galateeffachaa turaniiru bakki sunis yeroodhaa yerootti namoota hedduu biratti beekamaa dhufeera.

jiraatonni naannoo sanii, bakki kun bakka seena qabeessa ajaa’iba raawwatu akka ta’e erga hubataanii booda, Mana Citaa isa ture gara gamootti jijjiiruudhaaf bara 1964 B.A irraa eegalaanii kaka’umsa guddaadhaan sochii haa taasisan malee; sababii gara garaatiin kan ka’e yeroo sanitti ijaaruu hin dandeenye. Haa ta’u malee, yeroo muraasa booda kaka’umsa uummanni qarshii walitti qabuudhaan Mana Citaa sana gara Mana qorqoorrootti jijjiiranii Taabonni Kakuu akka itti galuu taasisaniiru..

Itti aansuudhaan Caamsaa 7, bara 1978 B.A namoonni dhalattoota naan- noo sanaa ta’anii fi hiriyoonni isaanii Finfinneedhaa dhufuudhaan jaar- solii biyyaa wajjiin mari’atanii, Mana Kiristaanicha ijaaruudhaaf irratti waliigalaan. Baruma kanatti Phaaphaasii M/K/O/Tawaahidoo kan turan Eebbifamoo Abbaa Tekle Haymaanot fiduudhaan dhagaa bu’uuraa kaa’an. Ijaarsi manichaas jalqabamee haala miidhagaan raawwatame- Caamsaa 7, bara 1982 Taabota Kakuu itti galchuudhaan haala hoo’aa ta’een eebbifame. Akkasumas baruma kana meeshaalee qulqulla’oo kan- neen hir’atan hundi bitamanii akka guutaman ta’e.

Haala Manni Kiristaanaa kun Amma keessa jiru.

Egaa Manni Kiristaanaa Koomtoo mi’iraafe Qiddusaan Qulqulleettii Sillaasee maqaa kabajaa mi’iraafe qiddusaan jedhamu kanallee bara 2009Phaaphaasii kutaa lallabaa Godina Wallagga Bahaafi Horroo Guduru Wallaggaa kan ta’an Abbaa Simi’ooniin kan moggaafamtee dha.

Yeroo ammaa tajaajiltoota Manni Kirstaanichaa qabu:- Luboota 4, Diyaaqonoota 4 kan qabduufi baay’ina uummataa Abbaa warraa 180 qabdi. Kana malees Monoksootni dubartootaa 8jiru. iddoo kadhannaadhaaf mijataa ta’e, namoonni baay’een gara Mana Amantaa kanaa dhufuudhaan bakka itti subaa’ee galaniidha.
Manni Kiristaanaa kun iddoo Qulqullummaa, seenaa bara dheeraa qabu ta’ee osoo jiruu, haalli tajaajila isaa garuu kadhaa harka uummatashee qofa eeguu irraan kan ka’ee fi galii tajaajila guutuu kennuudhaaf barbaachisu argachuu irratti rakkina cimaatu marsee jira. Dabalataanis tajaajila Afuuraa jajjabeessuudhaaf, Manni Kiristaanaa kun fuulduratti akka of danda’u gochuudhaafis hojiiwwan misoomaa kan akka Sangaa furdisuu fi Lukkuu horsiisuu hojjechuudhaaf jalqabbiin jiru kan nama gammachiisudha.
Egaa abbootiin keenya dursummaan Mana Waaqayyoo mana isaanii godhatanii,waadaa isaaniif kenname eeganii, Mana Kiristaanaa Qulqulleettii nuuf dabarsanii jiru. Nutis dhaloonni har’aa; umrii Waaqayyo irraa arjummaan nuuf laatame akka seeraa fi ajaja Waaqayyootti fayyadamnee; waadaa nutti kenname eegnee dhaloota itti aanuuf laannee akka argamnu Waaqayyoo nuuf haa eeyyamu.

Gadaamii Waggoota dhibba toorbaan dura hundeeffame- Gadaamii cuqqaalaa ( Ziqu’aalaa)

Gadaamii Waggoota dhibba toorbaan dura hundeeffame- Gadaamii cuqqaalaa ( Ziqu’aalaa)

 

Guraandhala 26,                                                                                  Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

 

 

Finfinnee irraa  gara baha Itiyoophiyaatti deemsa keenya yemmu taassifnu  Naannoo Oromiyaa Godina shawaa Bahaa  Aanaa Liiban  keessatti dirree bal’aa diriiree jiru kan  biqiltoota adda addaatiin uwwifamerra ija keenya qaarisnee yemmuu ilaallu  bosonni samii tuqe namatti fakkaatu kabajaa fi sugaan guutamee nutti mul’ata.

Tulluun kun kan Waaqayyo jalqabaa eegalee boqonnaa qulqullootaatiif akka ta’utti eeyyamedha.Yemmu irra ba’anii biyyattii kallattii bahaa fi dhihaatti, kaabaa fi kibbatti naanna’anii ilaalan sammuu namaatiif kan boqonnaa kennudha.

Jaarraa 6ffaa keessa, qulqulluu Abbaan keenya Yaareedii fi Mootichi Gabra Masqal tulluu kana irra ba’anii bahaa fi dhihaan, kaabaa fi kibbaan kallattii maraan naannoo ishee ilaalanii yaadni isaanii boqonnaa, lapheen isaanii gammachuu bakka kanaatiin booji’ame.

Qulqulluun Abbaan keenya Yaareedis  Waaqayyo bakki kun gara fuula duraatti Gadaamii guddaa akka ta’u waan isaadhaaf ibseef bakki kun bakka eebbifamtuu, kan Waaqayyo qulqulloota isaaf kenne ta’uu raajii (raaga) himee guyyoota torbaaf erga bakka kana  turee booda mooticha Gabra Masqal waliin ta’uudhaan bakka kanatti taabota Igzi’aabiheer Aab dhaabanii (hundeessanii) deebi’ani. Tulluun Waaqayyoon filatamte tulluu cuqqaalaa (Ziqu’aalaa)ti. 

Bakki kun bakka  abbaan keenya Aabboon itti  boqotanidha. Sanaan dura garuu Abbaan keenya Gabra Manfas Qiddus( Aabboon) biyya dhaloota isaanii Gibxi bakka Nihiisaa jedhamtuu gara Itiyoophiyaa dhufuudhaan tulluu kana irra bahanii kallattii arfaniinuu biyya Itiyiyoophiyaa yemmu ilaalanitti cubbuu namoonni hojjetan hunda waan arganiif Galaana tulluu kana keessa jiru keessatti of darbatanii mataa isaaniitiin dhaabbatanii uummata Itiyoophiyaatiif dhiifama kadhachaaturani.

Galaana (Haroo) Abbaan keenya Waggoota dhibba tokkoof mataadhaan keessa dhaabatanii Biyya Keenya Itiyoophiyaadhaaf kadhatan.

 

Akka kitaabni Qabsuura Abbaa keenya Gabra Manfas Qiddus ibsutti “ Galaana Kana keessaa akka hin baane; Maqaa Kee Jiraataa ta’een kakadha”  jechuun Waaqayyoon kadhachaa (Qabsuura Gabra Manfas Qiddus, kut.3 boq. 10 lakk 4) Galaana kana keessa guyyota afurtamaa fi halkan afurtama mataadhaan dhaabatee tureera.

 

Waaqayyos ergamaa Isaa ergee  “Kan maqaa kee waame; kan yaaddannoo kees taassise lubbuu isaa nan maara kanaaf galaana keessaa bahi” jedhee itti dubbate. Abbaan keenya garuu uummata Itiyoophiyaa maraaf yoo dhiifama taassiste malee hin bahu”  waan jedheef  ergamichi dhiisee deemeera.

Abbaan keenyas galaana kana keessa Waggoota dhibba tokkoof ture. Galaana kana keessattis dhiigni isaa dhangala’e,bishaanichis dhiiga fakkaate, lafeen isaas akka cabbie ta’uun mul’atani.  Sana booda Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhufee uummata Itiyoophiyaa hundaaf dhiifama taassiseeraatii galaana kana keessaa bahi jedheen, harka Isaatiinis lafee Abbaa keenya qaqqabatee fayyiseera. Bishaan ( Galaanni) inni keessa dhaabatee kadhate kunis Tsabala ta’ee dhukkubsattoota dhibee adda addaatiin qabaman fayyisaa tureera; har’as fayyisaa jira.

Akka seenaan ibsutti akkuma qulqulluu Yaareed raage  Gadaamiin Gara Itiyoophiyaatti dhufuu quqlulluu Abbaa keenya Gabra Manfas Qiddus(Aabboo) waliin walqabatee daraan kan babal’ate bara Mooticha  Hizbe naany( Indiriyaas) ( 1414-1418 dh.k.b)dha. (Daani’eel Kibrat: Ragaalee Mana Kiristaanaa,1999 fu.400)

Mootichi Hizbe Naagn baroota kana keessa taabota (1) kan Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos, (2) kan Giiftii keenya Durbroo Maariyaam, (3) kan Ergamaa Qulqulluu Mikaa’el, (4) kan ergamaa Qulqulluu Gabri’eel, ( 5) Kan Abbaa keenya Gabra Manfas Qiddusiitiin ijaarsise.

Gadaamiin kun Waggoota hedduudhaaf haala kanaan babal’atee tajaajila bal’aa kennaa kan ture yoo ta’u, bara weerara Giraany Ahmad namni itti tajaajilu  dhabamee ture, bara 1531tti Giraany Ahmad Gadaamii Cuqqaalaa ( Ziqu’aalaa) weerare. Kiristaanonni bakka sana jiraatanis taabotaa fi qabeenya Gadaamichaa fuudhanii dhoksani. Giraany Ahmadis gochaa kiristaanotaa kanatti baay’ee waan aareef kiristaanota naannoo sanaa fixe.

 

Waraanni Giraany Ahmad, keessattuu kan dursaa Waraanaa Waaziir Adoolii jedhamuun dursamu bakka sana qubachuun bakka qubannaa hoomaa waraanaa isaa taassisatee ture. Haa ta’uutii Giraany Ahmad erga injifatamee booda Gadaamiin kun irra deebi’amee tajaajila mana kiristaanaa kennuu eegaleera.

Gadaamiin kun caalmaan akka cimu haaromsi bal’aan  kan taassifame bara mooticha Saahile Sillaasee ( 1805-1840) ture. Mootiin kun bakka dhaloota Abbaa keenya Takla Haaymaanot kan taate Ittisaa erga cimsee booda Gadaamii cuqqaalaa ( Ziqu’aalaa) kanas cimsee jira.

 

Sana booda bara Mooticha Minilikiis qarqaarsi kan taassifamaafii ture yoo ta’u,  bara Mooticha H/Sillaasee manni kiristaanaa isaa haala amma mul’atu kanaan akka ijaaramu taassifameera. Ijaarsa mana kiristaanaa kanaatiifis Mootichi H/Sillaasee qarshii kuma digdamaa fi Haati manaa isaanii Manan qarshii kuma digdama akka kennan seenaan ni ibsa. ( Daani’eel, 400)

Gadaamii kana keessatti mukkeen umur dhedheeroon adda addaa kan jiran yoo ta’u isaan keessaa kanneen akka Arza libaanos, Gaattiraan durii, birbirsaa fi kanneen kana fakkaatan mukeen biyya keenyaa keessatti argamu.

 Bakka kanatti barumsi mana kiristaanaa dubbisa irraa eegalee, Zeemaan, Qinee fi barumsi kitaabaa kan keessatti kennamu yoo ta’u, Gadaamii kana keessa monoksoota dhiiraa fi dubartootaa dhibba sadii fi shantamaa ol ta’an akka keessa jiraatan ni ibsama.