Waggaa Haaraa Fi Yaa’iiwwan Mooraa
Waggaa Haaraa Fi Yaa’iiwwan Mooraa
B.A. Onko. 29/2017
Indaala Damsisiin
Eebbaawwan Waaqayyo ilmaan namootaatiif kenne keessaa waqtiileen yeroowwan isaanii eeggatanii wal jijjiiran isaan tokko ta’aanii argamu. Raajaan Waaqayyoo Qulqulluun Daawit Faaruu isaatiin, “Arjummaa keetiin waggaa gonfita” (Faar. 64:11) akkuma jedhu, waqtiilee bonaa, kan arfaasaafi waqtiilee gannaa wal-jijjiiree, birraan ammoo abaabolee garaagaraa magaariisaa, yeroo isheen itti miidhagdee mul’attu ji’a Fulbaanaatti namoonnis arjummaa Waaqayyoo raajeffataniitiifi abdii haaraa kudhaammatanii, “Baga bacaqii gannaa baatanii gara booqa birraa geessan” jechuutiin, waggichi kan eebbaa akka ta’uutiif yeroo isaan itti waliif hawwani dha.
Waggaa haaraa irra geenyee, waggaa Waaqayyo nuuf kenneefi waggaa dabarsineen maal karoorsinee turre? Isa kamiin galmaan geenye? Isa kamtus nu hafe? Adeemsarra kanneen jiranoo isaan kami dha? Waggaa haaraattoo dadhabina keenya irraatii barannee, of-sakattaanee karoorawwan fiixaan hin baafne itti daballee; karoora haaraa baasuutiif carraaquun, gocha hunda keenya biratti amaleeffatame dha.
Isa tokko yommuu milkeessinu kan biraa hawwuun keenya amaluma namaa ta’uu isaatiin, kanneen hawwine hunda milkeessuu hin dandeenyu. “Garuu ammoo, wanta hundumaa sirnaaf akka malutti taasisaa” (1Qor. 14:40) Akkuma jedhame, kanneen fiixaan baasuu dandeenyu qofaa irratti xiyyeeffachuun karoorsinee raawwachuutiif dandeetti keenya hundatti gargaaramuu qabna.
Gama kanaan, barreeffama kanaan barattoota Mooraa Yaa’ii irratti xiyyeeffanna.
Dhaabbilee barnoota ol-aanoo irraa barachuutti kanneen argamaniitiifi isaan haaraa gara mooraatti dhufan barattoonni Ortodooksii barnoota barbaacha maatii isaanii irraa fagaachuu isaanii hubachuutiin, barnoota isaaniif akka xiyyeeffannaa kennan nii beekama. Garuu ammoo, akkamitti qo’achuu? Yoom gara Mana-kiristaanaa dhaquu? Yoom koorsii barachuu, kutaa tajaajila irratti ramadaman irratti wal-ga’ii, tajaajila, akkamitti karaa qindataaf karooraan akka geggeessuu akka qaban hubachuu dhabuutiin rakkoo keessa bu’u. Sababii kanaas, bu’aa buusuun isaan irraa fagaatee jireenyi isaanii gara kallattii hin barbaachifneetti yommuu isaan geessu ni mul’ata. Rakkoo kana dhabamsiisuutiifi warra bu’aa buusanii argaman ta’uutiif kan karoorri barbaachisaa dha jedhamuuf kanaafi dha.
Karoora isaanii keessatti, yeroo barnoonni isanii fudhatu, yeroo itti qo’atan, yeroo itti barumsa afuurawaa itti barataniifi kan kadhannaa; akkasumas, yeroo itti hiriyoota isaanii wajjin odeeffannoo wal-jijjiiran ramaduutiifi karoora isaanii keessatti hammachiisuutu isaan irraa eegama. Bu’uura kanaan, karoorota kana hojiirra oolchuutiif qabxiilee kanatti fufanii jiran dagatamuu hin qabani :-
- Waaqayyoon Gargaaraa Taasifachuu :-
Wanta hundumaa dura isaan bu’aa buusan ta’aanii gara dhaabbilee barnoota ol-aanootti akka galaniitiif kan kanaaf isaan ga’e Waaqa isaanii galateeffachuu; hidhata isaa wajjin qabanis cimsachuun kutaa karoora isaanii ta’uu qaba. “Ani Jirma Wayinii ti; Isin ammoo dameewwan isaa. Anaan kan jiraatu anis isa keessa kanan jiraadhu kan ija heedduu naqatu isa dha; anaan malee homaa gochuu hin dandeessanii tii” jedhamee akkuma barreeffame, eeyyama Waaqayyoon alatti homaa gochuun akka hin danda’aamne hubachuutiin, yeroo hundaa Waaqayyoon dursuu, akka eeyyama isaattis deddeebi’uutu isaan irraa eegama. (Yoh. 15:5) Barumsa isaaniitti, tajaajila isaaniitti nuffuu irraa fagaatanii akka Waaqayyo hawwa gaariifi carraaqqii isaanii isaaniif eebbisuutiif yeroo hundaa kadhannaa obboroo irratti (Kidaanii irratti) argamuutiin, galgalas tajaajila irratti hirmaachuutiin utuu kaayyoo irraa hin maqiin kadhachuutu barbaachisa. “Waaqayyo dhiyoo dha; homaattuu hin dhiphatinaa; garuu ammoo, waan hundumaa irratti kadhadhaa, waawwadhaas; galateeffachaas kadhata keessan Waaqayyotti mul’isaa” akkuma jedhu (Filiiph. 4:6)
- Barnoota Isaaniitiif Xiyyeeffannaa Kennuu :-
Sababiin isaanii kan gara dhaabbilee barnoota ol-aanaatti seenuu isaanii, barnoota isaanii irratti xiyyeeffatanii isaan warra bu’a-qabeeyyii ta’aanii argamuu dha. Bu’aa argatanii booda kan maatiin kaasuu isaanii keessaa baasee isaan ergu, bor akka of-danda’aanii maatii isaanii, biyyaa fi Mana-kiristaanaa isaanii: humna isaaniin, beekumsa isaaniin, maallaqa isaaniin akka deeggaran; karaa hanqateenis dhaabatanii isa hanqate guutu; itti aansuunis jireenya ofii isaanii hoogganu yaada gaarii jedhuuni dha. Kanaafuu, kaayyoon ijoo isaanii kan isaan itti gara dhaabbilee barnoota ol-aanootti seenaniif, yeroo isaanii jalqaba barnoota isaaniif kennanii isaan warra bu’aan galan ta’aanii argamuu isaanii ti. Turtii mooraa keessatti qabaataniinis daree keessatti argamuutiin, qalbeeffannaan barnoota isaanii hordofuutiin, hojii daree, kan manaa, kan garee isaaniif kennamu irratti warra dammaqinaan hirmaatan ta’aanii qulqullina kan qabuun hojjetanii isaan kaaniif fakkeenyota adda-duree ta’uutu isaan irraa eegama.
- Qo’annaaf Yeroo Ramaduu :-
Barataan tokko, sadarkaa barnoota kam irrattuu yoo argame yeroo itti qo’atu qabaachuu qaba. Guyyaa keessatti yeroo qo’annaaf ta’u ramaduu, isaafis amanamaa ta’uutiin wantoota biro irraa fagaachuutiin yeroo kan isaaf kennameetti qixaan gargaaramuutu barbaachisa. Dhaabbilee barnootaa isaan ol-aanoo keessa amma jiranitti qo’achuun dirqama isaanii ta’uusaa; kanas, sirnaafi itti-gaafatamummaan ba’aachuu akka qaban of amansiisuu qabu. Inni, qo’annaa isaa raawwatatee dhimmoota isaan biroo ba’aachuutiif yommuu qophaa’utti hiriyoonni isaa warri kaan dhimmoota ofii isaanii ba’aatanii raawwatanii dhufanii waan isaan haa qo’annu isaan jedhaniitiif, yookiin, yoo haa bashannannu isaan jedhan maal naan jedhuutiin karoora karoorseen alatti duukaa bu’uu yookiin duukaa argamuu hin qabu. Yeroo ramadeetiifi karoora karoorseef amanamaa ta’uu qaba. Kanaafuu, qo’annaatiif xiyyeeffannaa addaa kennuutiin karoora isaatti sirnaan itti gargaaramuu qaba.
- Yeroo Kadhannaa :-
Kiristaanni, jireenya kadhannaa irraa gargar ta’e qabaachuu hin qabu. Keessumattuu, obboleewwaniifi obboleettiiwwan Mooraa Yaa’ii keessatti hirmaatan jireenya kadhannaatiin utubame qabaachuutu isaan irraa eegama. Duka-bu’aan Qulqulluun Phaawuloos namoota Eefesooniif ergaa isaa erge irratti, “Kadhannaaf waawwannaa hundaan, yeroo hundaa afuuraan kadhadhaa; kanumaa wajjinis waa’ee qulqulloota hundaaf kadhachuutiif yeroo hundaa tattaaffadhaa” jechuutiin, Kiristaanni kadhachuu akka qabu dubbata. Kadhannaa gamtaanis ta’e; dhuunfaa irratti Qulqulleettii Mana Kiristaanaa keessatti argamuutiin jireenya afuurawaa guddifachuutu barbaachisa. (Eefe. 6:18)
Kadhannaan, qulqulleenyaan taanee daandii jireenya afuurawaa isaa Waaqayyo waliin walitti dhufnu dha. Kadhannaa malee, nama afuurawaa ta’uun, tajaajilatti tattaaffachuun, ija hojii afuurawaa naqachuun hin danda’aamu. Jireenyi kadhannaa irraa gargar ta’e amma bultoo jinniifi raayyotii isaa ta’uutti nama ga’aatii yeroo hundaa kadhannaatti tattaaffachuun kiristaana tokko irraa nii eegama.
- Tajaajila Afuurawaatiif Yeroo Kennuu :-
Barataan Mooraa Yaa’ii keessatti qooda fudhatu tokko barnoota isaaf dursa kenninaan, yeroo qo’annaa isaatiif ramadee hojiirra oolchannaan, kadhannaaf xiyyeeffannaa addaa kennee tattaaffannaan, kan isa hafu tajaajila hafuurawaa keessatti hirmaachuutiin kennaa ayyaana isaaf kennameen tajaajiluu dha. Obboloota tajaajila mooraatiin muuxannoo horatan waliin ta’uutiin isaan irraa barachuutii fi isaan irraa muuxannoo nadheeffachuun (horachuun) dirqama kiristaanawaa isaatii ba’aachuu qaba.
Yeroo baay’ee obbolootaafi obboleettiiwwan Mooraa Yaa’ii isaan hedduu biratti kan rakkoo ta’ee mul’atu yeroo isaanii mara tajaajilaaf oolchuun yommuu barumsa isaaniitti dadhaboo ta’aan arguun baratamaa dha. Kun kan inni maddu, sirnaan yeroo isaaniitti karoorsanii itti gargaaramuu dhiisuu isaanii irraan kan ka’e waan ta’eef, yeroo barumsaatti barumsa isaaniif, yeroo qo’annaatti qo’annaa isaaniitiif, yeroo tajaajilaattis tajaajila isaanii irratti xiyyeeffachuutiin utuu hin dhidhiphatiniifi hundayyu wal-simsanii imaluutu isaan irra jiraata.
Walumaagalatti, barattoonni Mooraa Yaa’ii isaan warra bu’aan galan ta’aanii ba’uutiif karooraan hoogganamuu akka bartee taasifataniifi karoora karoorsaniif ammoo amanamoo ta’aanii argamuutiin gara hojiirra oolchuutti dhufuun fooniinis lubbuunis warra dachaan buufatan ta’uu qabu. Waggaa haaraa kanattis, dogoggora isa darbe irraatii barachuutiin bara barnoota isa milka’aa dabarsuutiif karoora baafachuufi hojiirra oolchuutiin imaluu qabu. Qabxiileen olitti caqafne isaan heedduu keessaa muraasa ta’aanis, isaan kana hojiirra oolchuutiin warra bu’aan galan ta’uu danda’u.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u!