Eebba Du’aa Ka’umsaa
Eebba Du’aa Ka’umsaa
Du’aa ka’uumsi Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos bu’uura amantii Kiristaanaa fi labsii injifannoo dhala namaa Du’a irraa gara jireenyaatti jijjiirame dha. du’aa ka’uu irraa kaasee hanga ol ba’uutti guyyoota afurtamaa fi hanga guyyaa Pheenxeqoosxeetti guyyoota jiran kurnan yeroo addaa hundeeffama Mana Kiristaanaa fi yeroo sirni samii Duuka Bu’ootaaf kenname dha. Akkuma daa’imni gadameessa keessatti hanga guyyaa afurtamaatti fakkiin mucummaa kennamuu Kirristoosis laphee Duuka Bu’ootaa keessattii Mana Kiristaanaa bocaa ture.
Gooftaan keenya yeroo ulfina qabeessa kana keessatti isaan giddutti osoo argamu Iccitiiwwan Duuka Bu’ootaaf ibse, abdiiwwan isaaniif kennee fi sirnawwan hundeessee Mana Kiristaanaa har’a keessa jiraannuuf jireenyaa fi lubbuu dha. Qabxiileen kunneen firii du’aa ka’umsi addunyaaf buusee fi hojiiwwan gurguddoo Gooftaan keenya guyyoota kanatti hojjeteedha. Isaanis:
- Du’oota Keessaa Ka’ee Du’a Injifachuu
Kun bu’uura ji’aa du’aa ka’uu ti. Gooftaan guyyaa sadaffaatti awwaala keessaa ka’ee duuti dhuma akka hin taane agarsiise. Duuti fuula Kiristoos duratti mo’amee abdiin namaa awwaalaa ol ta’uu isaa mul’ise. (Maat. 28:1-6, Qor. 1faa 15፥54-57)
2. Oduu Du’a ka’umsaa Dubarra hubachisu
Sababni du’aa dursa dubartoota yoo ta’es amma du’aa ka’umsi dursee isaanitti himame. “Maariyaam ishee Magdalaatti dursee mul’ate”(Maar. 16:9) akka jedhutti.
Akkasumas, Ergamaan sunis dubartootaan, “Inni du’aa ka’eera” jedhee misiraachoo itti hime, Gooftaanis “Gammadaa” jedheen. Kunis Waaqayyo oduu Fayyinaa warra dadhaboo fi lapheen isaanii gaddeef akka fidu argisiisa (Mat. 28:5-10).
Kanaanis dubartoota dhuga-baatoota jalqabaa kan Du’aa ka’umsaa akka ta’an gochuudhaan ulfina isaanii haaroomseera.
3. Labsii Nagaa Labsuu
Duuka buutonni Yihudoota sodaatanii balbala isaanii cufanii osoo jiran, Gooftaan isaan gidduu dhaabbatee, ‘’Nagaan isiniif haa ta’u’’ jedheen (Yoh 2:19). Sababni kanaas afuura sodaa fi yaaddoo du’aa ka’umsa dura ture nagaa samiin bakka buusuufi dha..
4. Iccitii Kitaabilee Ifa Gochuu
Duuka bu’oota lamaan (Luqaasii fi Qalayoophaa) gara Eemaahusitti imalaa turan, kitaabota irraa waa’ee isaa kan barreeffame kaasee hiikeefiira. “Musee fi Raajota hundumaa irraa waa’ee Isaa Kitaabota hundumaa keessatti kan barreeffame isaaniif hiike.” (Luq 24:27) Sababni kanaas du’aa ka’uun taatee tasa ta’e osoo hin taane, raawwii raajii Raajjotaa akka ta’e ibsuufi.
5. Icciitii Qurbaanaa Jabeessuu
Mana keessatti buddeena eebbisee fi kutuudhaan imaltoota Eemaahusiif kennuun, argama Isaa karaa iccitii qurbaanaatiin argamu barsiiseera. “Buddeena sana fuudhee eebbisee, kutees isaaniif kenne; iji isaaniis banamee isa adda baasan” (Luq.24:30-31). Sababni kanaas erga qaama Isaatiin ol bahee booda, karaa icciitii qurbaanaatiin amantoota wajjin bara baraan akka jiraatu agarsiisuufi.
6. Dallaa Shakkii Diiguu
Toomaas madaa isaa akka tuqu eeyyamuudhaan, du’aa ka’umsi hafuura qofa osoo hin taane fooniin ka’uu Isaa mirkaneesseef. Sana booda Toomaasiin akkana jedhe: “Quba kee as fidiIitii harka Koo argi, harka kee fidiitii karaa cinaacha Koo galchi, kan amante ta’i malee kan hin amanne hin ta’in.” (Yoh 2:27). Sababni kanaas du’aa ka’umsi jedhanii soba kan barsiisan akka ka’an waan beekuuf sababa dhabsiisuufi.
7. Aangoo Lubummaa Kennuu
Duuka Bu’ootaan itti afuuree Afuura Qulqulluu fi aangoo cubbuu hiikuu fi hidhuu isaaniif kenneera. “akkas jedhees itti afuuree, Afuura Qulqulluu fudhadhaa! Warra cubbuu isaanii dhiifama gootaniif hundi isaaniif ni dhiifama; Warri isaan jalaa qabdan jalaa qabama” jedheen (Yoh. 20:22). Haala kanaan Gooftaan keenya hoggansa bulchiinsaa fi Afuuraawaa Mana Kiristaanaa (Hierarchy) hundeesseera.
8. Sirna Abdii fi Gaabbii Agarsiisuu
Pheexiroos isa Gooftaa ganeef si’a sadi “Na jaalattaa?” jedhee gaafachuudhaan gara kabaja isaa duraaniitti isa deebiseera. Innis “Hoolota Koo bobbaasi… ilmoolee koo eegi” (Yoh 21:15-17) jechuun duuka bu’ummaa isaa mirkaneesseefira. Amanaan tokko cubbuu hojjachuun abdii kutee Mana Kiristaanaa irraa akka hin fagaanne gaabbii gallaan cubbamaan kamiyyuu gara kabaja isaatti deebi’uu akka danda’u gochaan agarsiisuuf kana raawwateera.
9. Kitaaba Kakuu fi Dambii Sirna Waaqeffannaa Barsiisuu
Akka darbii darboo Ortodoksi Tawaahidootti Gooftaan guyyoota kanatti “Kitaaba Kakuu” Duuka Bu’oota barsiisaa ture. “Waa’ee dubbii mootummaa Waaqayyoo itti himaa guyyaa afurtama itti mul’ate” akkuma jedhu (HDB 1:3).
Sababni isaas yeroo Duuka Bu’ootni addunyaa barsiisuuf deeman akkamitti akka Waaqeffatanii fi maal akka kadhatan akka isaan hin rakkisnee fi Sirana Qulqulleessaa wal fakkaataa qajeelfama amantaa akka qabaatan gochuufi. Qulqulluun Phaawuloos “Garuu wanti hundinuu akkaa fi sirnaan haa ta’u”akkuma jedhe (Qor.1ffaa 14፥4).
10. Ergama Wangeelaa Idil-addunyaa Kennuu
Manni Kiristaanaa Yihudoota biraa darbitee alagoota hunda akka dhaqqabdu ajajamtee jirti. “Egaa dhaqaatii alagoota hundumaa maqaa Abbaa, Ilmaa fi Afuura Qulqulluutiin cuuphaatii, waanan isin ajaje hundumaa akka eegan barsiisaa, duuka buutota isaan taasisaa” (Maat. 28:19). Sababni kanaas amantiin Kiristaanaa /Manni Kiristaanaa/ kan addunyaa maraa ta’uu labsuufi.
11. Gara Samiitti Ol bahuu fi Abdii Deebi’ee Dhufuu Isaa abdii horachisuu
Dhumarratti gaara Dabra Zayiti itti yommuu ol bahu, ammas deebi’ee akka dhufuu fi hanga dhuma addunyaatti isaan waliin akka ta’u waadaa galeef. “Kunoo, Ani hamma dhuma biyya lafaatti yeroo hundumaa isin wajjinan jira” (Maat. 28:20). Kanaanis Gooftaan Duuka Bu’oonnii fi hordoftoonni isaanii yeroo ari’atamanii fi gidiraa hamaa keessa yeroo darban abdiin kun akka isaan jajjabeessuufi dha.
12. Ayyana guyyaa shantamaffatti Afuura Qulqulluu Erguu
Guyyaa kurnaffaatti (Du’aa ka’uu booda guyyaa 50ffaa) akka waadaa Gooftaan keenya kenneefitti Afuurri Qulqulluun Duuka Bu’oota irratti bu’eera. “Awaanni guyyaa shatamaffaa jedhamu yeroo ga’us… laboobni akka ibiddaatti qOFFoodame isaantti mul’ate; tokkoon tokkoo isaanii irra taa’an, hundi isaanii Afuura Qulqulluudhaan guutaman.”akka jedhu (HDB 2:1-4).
Sababni Kana Ta’eef
➜ Humna Kennuuf: Duuka Bu’ootni addunyaa keessa naanna’anii Wangeela barsiisuuf humna samii irraa dhufu waan isaan barbaachisuufture.
➜ Mana Kiristaanaa Hundeessuuf: Guyyaa Phenxeqosxeetti namoonni kuma sadii lallaba Qulqulluu Pheexiroosiin cuuphamanii imalli Mana Kiristaanaa ifatti guyyaa itti jalqabame waan ta’eef.
➜ Afaan Qulqulleessuuf: Afaan (S/Uma 11) sababa gamoo Baabilooniin sanyii namaa biratti qoqqoodamee kan ture tokkummaa Afuura Qulqulluutiin tajaajila Wangeelaaf akka oolu gochuu.
Guduunfaa
Taateewwan armaan olitti argine kunniin hundi erga Gooftaan keenya du’aa ka’ee booda kan dhufan eebba du’aa ka’umsaa ti.
Du’aa ka’uun Gooftaa Keenyaa Osoo Mul’achuu Baatee Duuka Bu’ootni
Ø Barumsi isaan waggaa 3 fi ji’a 3 baratan dur durii ta’ee hafa ture.
Ø Duuka buutonni abdii dhabuun faffaca’anii hafu turan.
Ø Waaqummaa Iyyasuus Kiristoos hin mirkanaa’u ture.
Ø Sodaachisummaan du’aa akkuma itti fufetti jiraata ture.
Ø Duuka Buutonni wangeela biyya lafaatti lallabuuf hamilee hin qabaatan ture.
Ø Kitaaba kakuu barachuun hin jiraatu ture.
Ø Gochi Agbi’oota Gibrii hin mul’atu ture.
Ø Ayyaana Ol bahuu hin arginu turre.
Ø Ayyaana Pharaaqilixoosii hin kabajnu turre.
Kunniin hundi qabatamaan waan har’a barattoota Yaa’ii Mooraa hubachiisan yoo jiraate, dadhabinaan, dhilbaa’ummaan, maal na dhibdeedhaan, araadaan, waliigala du’a cubbuutiin duunee abdiin yeroo keenya sirriitti fayyadamnee cimnee barachuun, karaa Wangeelaa akkasumas du’aa ka’uu gaabbii keenyaan yoo hin mirkaneessine, gammachuu foonii fi Fayyina lubbuu argachuun hin yaadatamu.
Du’aa ka’uUmsi Gooftaa keenyaa fi hordoftootni isaa jijjiirama seenaa guyyoota shantama qofa osoo hin taane, guyyoota injifannoo abdiin dhala namaa itti haaroOmfamee fi bu’uurri Mana Kiristaanaa itti kaa’amee dha. Du’aa ka’umsi isaa du’a injifachuu qofa osoo hin taane; jireenya haaraa, abdii haaraa fi sirna haaraa akkasumas, guutuu fi jiraattuu kan taate qaama Kiristoos (Mana Kiristaanaa) ilmaan namootaatiif kan kenne yeroo iccitii guddaa dha.
Galatni Waaqayyoof Haa Ta’u




