“Uumama hundumaaf Wangeela lallabaa” (Maar 16:15)
Jecha kana bartoota isaatti kan dubbate Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosi dha. Gooftaan keenya, qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos du’a, du’a Isaatiin moo’ee erga ka’ee booda yeeroo jalqabaatiif kan mul’ate dafanii halkaniin ka’anii gara iddoo awwaalchaatti deemanii kan turan Maariyamii biyya Magdaliin (Mary Magdalene) fi dubartoota ishee hordofanii deemaniif ture. Gara iddoo awwaalchaa sana yommuu ga’anitti Ergamoonni lama isaanitti mul’atanii Maariyaam biyya Magdaliiniin (Mary Magdalene) “Yaa dubartii nana maaliif boossaa?” jedhaniin. Isheenis “Gooftaa koo boolla awwaalchaa keessaa fudhataniiru; eessa akka geessanis hin beeku” isaaniin jette.
Akkuma kana dubbatteen gara duubaatti yommuu miil’attu Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos dhaabbatee argite. Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos akka ta’es hin barre ture. “… gara Abbaa koo ol hin baane waan ta’eef na hin tuqiin; gara obboloota koo deemiitii gara abbaa koo fi gara abbaa keessanii gara Waaqa koo fi Waaqa keessanii ol nan baha jedheera jedhiitii isaanitti himi” jedheen.
Maariyaam biyya Magdaliin (Mary Magdalene) fi dubartoonni sunneenis ariitiidhaan deebi’anii duuka bu’oonni abdii kutatanii walitti qabamanii gaddaa fi boo’aa osoo jiranii Maariyaam biyya Magdaliin (Mary Magdalene) misiraachoo ka’uumsa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos isaanitti himte. Garuu, ishee hin amanne; sheekkoos isaanitti fakkaate. Luqaasii fi Qalayoophaan abdii kutatanii gara Eemaahuus yeeroo deemanitti akka isaanitti mul’ate duuka bu’ootatti dhugaa bahanis amanuu hin dandeenye. Sana booda duuka bu’oonni kudha tokkoon gaddaa fi gadadoo keessa osoo jiranuu Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos gidduu isaanitti argamee ofii isaa isaanitti ibse.
Xumura irrattis “Gara addunyaa hundumaa deemaatii uumama hundumaaf Wangeela lallabaa” jechuudhaan erga isaanitti dubbatee booda gara samiitti ol ba’e. (Mar 16:15; Mat 28:1-10; Luq 24:1-27).
Ajajni kun duuka bu’oota qofaaf osoo hin taane isaan boodas hanga xumura addunyaatti hayyoota mana Kiristaanaa, barsiistotaa fi kanneen jecha isaa dhagaahanii amananii barsiisuuf ka’aniif (waamamaniif) mana Kiristaanaatiif wabii fi abukaatoo kanneen ta’an hundumaafi dha. “Hojii gaarii keessan ilaalanii Abbaa keessan Isa samii akka galateeffataniif ifni keessan namoota hundumaa duratti haa ifu” jedhamee akkuma barreeffame addunyaa dukkanaa ifa Wangeelaatiin masakamanii gufuuwwan hundumaa daandiirraa kaasuun barbaachisaa akka ta’e nu hubachiisa. (Mat 5:14-16).
Duuka bu’aan Qulqulluun Phaawuloos Kiristaanota kan godaansisu, kan reebuu fi gidiraa qaqqabsiisaa kan turee fi darbees Aayihudoonni hangafa daaqonootaa Qulqulluu Isxiifaanoos dhagaadhaan rukutanii yommuu ajjeesan namoota isa rukutaniif uffata isaanii eegaa akka ture kitaaboleen Qulqulluun dhugaa bahu. Garuu, isaan kun hundinuu darbanii hanga “Meeshaa filatamaa” Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos hanga ta’uutti gaheera. “Ka’ii deemi! Ormootaa fi mootota ijoollee Israa’eel fuulduratti maqaa koo akka baattuuf meeshaa filatamaa koo si taasiseen jira” akkuma jedhu. Saawul kan jedhame Qulqulluun Phaawuloosis Wangeelli addunyaa guutuu akka qaqabuuf osoo hin ceem’in barsiisaa fi gorsaa tajaajila isaatiin nuffiin dhaabbatee wareegamummaa hanga fudhachuutti Waaqa isaaf amanameera. (Hojee Du.Bu. 7:54-60; 9:15)
Yeeroo barattoota yaa’iiwwan mooraa taanee jirrutti barnoota keenya idilee dabalataan maaddiin Waaqayyoo diriirfamee nu eega. Haala mijataa keessa taanee yeeroo keenya qofa wareegnee jecha Waaqayyoo barachuu kan dadhabnu hedduu dha. Barachuudhaaf fedhii qabaannee dhufnus mooraa eebbifamnee yoo baanu manni Kiristaanaa qulqulleettiin kabajaan akkuma nu simatte, kabajaan eebba abbootiitiin fi fannoodhaan eebbistee gara addunyaatti yommuu nu ergitu meeqaa keenyaatu imaanaa nutti kenname kan baanuu?
Mooraadhaa baanee gara hawaasaatti yommuu makamnu addunyaan qophooftee nu eegdi. Manni Kiristaanaa qulqulleettiin “Ijoollee koo koottaa, yeeroon imaanaa keessan itti bahattan waan gaheef bakka geessan hundumaatti waan gaarii raawwadhaa!” nuun jetti. Isa kam haa filannuu? Akka Deemaas sookkuu moo akka Ximootiwoos amanamanii tajaajiluu wayyaa? Ximootiwoos Wangeela eenyurraa akka barate waan beekuuf Waaqa isaatiif, barsiisaa isaatiifis amanamee argame. “Ati garuu wanta barattee fi hubatteen cimitii jiraadhu; eenyurraa akka baratte ni beekta.” jedhamee akkuma barreeffame (2Xim 3:10).
Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos: qotee bulaan sanyii facaasuuf bahe; sanyiin tokko daandiirratti kufe ni dhiitames; inni biroo lafa cirracha irratti kufe; yeeroo marguttis yoosuma goge; inni biroo qoree gidduutti kufe yeeroo guddatutti qoreen sun hudhee gogse. “Lafa gaariirra kan kufes ture. Yeeroo margutti dachaa dhiibba buuse” nuun jedha. Bakka bobbaane hundumaatti lafa kan jedhame lapheen namootaa akka misuuf sanyii kan jedhame jecha Waaqayyoo kan facaasnu qonnaan bultoota Wangeelaa taanee argamuun nurraa eeggama. (Luq 8:4-8).
Yaa’iiwwan mooraa keessa yeeroo jirrutti beekkumsa afuuraa bitachuuf fiigaa akkuma turre, beekkumsa amantii wajjin wal-simsiisnee gara addunyaatti yommuu bobbaanu immoo isa duraa caalaa tattaafachuu, waadaa galleefis amanamaa taanee argamuu qabna. Ta’us nuti eebbifamtoonni Ortoodoksii jireenya keenya jecha Waaqayyootiin ijaaruudhaan bakka bobbaane hundumatti caasaawwan manni Kiristaanaa qabdu keessa gallee jecha Waaqayyoo barachuu fi barsiisuun qaama hojii keenyaa keessaa isa tokko taasisuutu nurra jiraata.
Gooftaan keenya Wangeela Qulqulluu Maarqoos keessatti “Namni lubbuu isaa baraaruu barbaadu ni balleessa; qaama isaa waa’ee kootii fi Wangeelaatiif kan balleessu garuu ni argata. Addunyaa guutuu bitee lubbuu isaa garuu yoo balleesse maal nama fayyadaa?” jechuudhaan akkuma ibse bakka bobbaane hundumaatti qorumsawwan fuula keenya duratti nu qunnaman hundumaa dandamachuudhaan imaanaa Manni Kiristaanaa qulqulleettiin nutti kenniteef amanamnee lubbuu keenya baraaruu; isaan birootiifis ifa taanee dhaaltuu mootummaa Waaqayyoo akka taanuuf guyyaa guyyaan tattaafachuutu nurraa eeggama.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u!