Turtii eebbifamtoota Ortodooksoota dhaabbilee barnoota olaanoo wajjin

“Yaa’iin mooraa osoo hin jiraannee fi gara Mana Kiristaanaa osoo deddeebi’uu baannee addunyaa keessatti badneeni hafna turre”

(Dr. Mintasinoot Mangistuu)

Indaalee Damsisiin

Kabajamtoota hordoftoota toora interneetii waldaa Qulqullootaa tajaajila qindeessaa yaa’iiwwan mooraa: mata-duree (Turtii eebbifamtoota Ortodooksoota dhaabbilee barnoota olaanoo wajjin) jedhuun kutaa tokkoffaa keessatti qophii keenyaan yaa’ii mooraa Yuunivarsiitii Boongaa keessaa eebbifamtoota Yuunivarsiiticha hundumaa keessaa qabxii olaanaa 3.99 fiduudhaan Yunivarsiiticha irraa badhaafamtuu geebaa fi medaaliyaa kan taate Wubnesh Lammaa wajjin taasisne turtii gabaabaa isiniif dhiheessinee turre. Qophii keenya kutaa lammaffaatiin immoo eebbifamtoota biroo wajjin turtii taasifnu akka hordoftaniif kunoo:

Dr. Mintasinoot Mangistuu BA 2015tti Yuunivarsiitii Jijjigaa irraa muummee barnootaa yaala beeyladootaa (veterinary medicine) xumureera. Qabxii walii-galaa sadii tuqaa sagal-saddeet (3.98) fiduudhaan badhaafamaa geebaa fi meedaliyaa Yuunivarsiitichaa ta’uu danda’eera. Turtii Yuunivarsiitii fi yaa’ii mooraa gaafannee jirra.

Dr. Mintasinoot akkanatti ibsa: “turtii koo Yuunivarsiitii keessatti hamman danda’u tattaafachuun koo akkuma jirutti ta’ee gargaarsii fi arjummaan Waaqayyoo narraa gar-gar hin baane. Yommuun sadarkaa lammaffaa turetti sagantaa yaa’ii mooraan duraa irratti hirmaachaa waan tureef Yuunivarsiitii akkuman seeneen kallattiidhaan kaniin deeme gara yaa’ii mooraatti dha. Akkasumas anii fi hiriyoonni koo gara dhaabbilee barnoota olaanoo yommuu deemnu eebba abbootiitiin ture kan nu gaggeessan. Dabalataanis sagantaa yaa’ii mooraatiin duratti nu dursanii obboloonni Yuunivarsiitiirraa barnoota xumuran affeeramanii muuxannoo isaanii nuuf qoodu ture. Obboloonni koos haala gaariidhaan na simatan. Naannawa koottis maatii gaarii Ortodooksii fi Yuunivarsiitii yoon seenus hiriyoonni na qunnaman kanneen Mana Kiristaanaa fi barnoota isaaniitiif xiyyeeffannoo kennan waan turaniif milkaa’ina kootiif gahee qabu jechuun danda’a. Turtii koo keessatti barnoota kootii fi Mana Kiristaanaatiif dursa kennuu kootiif milkaa’uu danda’eera” jechuudhaan ibsa.

Hiriyaa ilaalchisee “turtii Yuunivarsiitii keenya keessatti hiriyaan gahee guddaa fudhata. Barattoota kaayyoo wal-fakkaataa hin qabne irraayis of-fageessuun ni barbaachisa. Gara Yuunivarsiitii yommuun deemu kaayyoon koo barachuu dha. Barachuu qofas osoo hin taane jireenya gara fuulduraatti qabaadhuuf bu’uura kan itti kaa’u waan ta’eef kanneen biroo irraa kan fooyyee qabu ta’ee, argamuudhaaf hojjechuu akkan qabu of amansiiseetiin seene. Kanaaf barattoota natti hin tollee fi kallattii jireenya kootii dogongorsiisan irraa fagaachuutu narra ture; isas raawwadheera. Hiriyoonni koo gaarii waan turaniif Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Kidaane-Mihiratii Jijjigaa ni deemna, sagantaawwan nu jala hin darban; Sanbataa fi Dilbata immoo yaa’ii fi sagantaa barnoota walitti-fufiinsaa yaa’iin mooraa keenyaan qophaa’u irratti ni hirmaanna; yeeroo hafe immoo barnootaaf oolchina. Jireenyi koo Yuunivarsiitii keessatti kana ture jechuu nan danda’a” jechuudhaan turtii isaa ibsa.

Haala itti fayyadama yeeroos ilaalchisee “daqiiqaa tokkos taatu gatii qabdi” jedha Dr. Mintasinoot. Wal-qabsiisees “Muummeen barnoota ani seenees dubbisa hedduu kan gaafatu dha. Kanaaf, yeeroo koo baay’ee kaniin dabarsuu dubbisuudhaani. Isas karooraan hoogganuutu barbaachisa. Karoora al-tokko karoorsiteen yoo gufatte gara kallattii sirriitti dhufuudhaaf waan rakkisuuf of-eeggannoo olaanaa taasisaan ture. Kanaafidha bu’a-qabeessa ta’uu kaniin danda’e” jechuudhaan muuxannoo isaa nuuf qooda.

Yaa’ii mooraa ilaalchisees yommuu ibsuu “Yaa’ii mooraa keessa turuun koo icciitii bu’a-qabeessummaa (milkaa’ina) koo keessaa isa tokkoo dha. Barnootni Yaa’ii mooraa keessaa argadhe jireenya afuuraa koo qofa osoo hin taane bu’aa bahiin biyya lafaa akka liqimsitee ana hin hambisneef hidhannoo/galaa naaf ta’eera. Qorumsawwan ana muudatan ba’achuudhaaf fi ofii kootiifis daandii sirrii irra imaluu akkan danda’uuf humna guddaa naaf uumee jira. Yaa’iin mooraa osoo hin jiraannee fi gara Mana Kiristaanaa osoo hin deddeebinee addunyaa keessatti badnee hafna turre. Yaa’ii mooraatiin hammatamuun keenya gatiin isaa heddu dha” jedha.

Ergaa obboloota Yuunivarsiitii keessatti barnoota isaanii hordofaa jiraniif dabarseenis “Wanti ijoon Yuunivarsiitii seene jechuu osoo hin taane barnoota isaaniitiif xiyyeeffannoo addaa kennuu qabu. Jireenya afuuraa isaaniitiinis jabaachaa Waaqayyoon akka isaan gargaaru Mana Kiristaanaa wajjin walitti hidhamiinsa qabaachuu qabu. Boru boru jechaa of dagachuun gatii heddu waan kanfalchiisuuf nama murtii ta’uu, jireenyi Mana Kiristaanaatiin ala jiru bu’a-qabeessummaadhaaf akka nama hin qaqqabsiifne hubachuun barbaachisaa dha. Qorumsi yoo nama qunnames Waaqayyoon qorumsicha dabarsee akka nama ceessisu hubachuun gaarii dha. Kana yoo raawwanne Waaqayyoon baay’isee nu eebbisa” jechuudhaan gorsa isaa arjoomeera.

Kabajamtoota hordoftoota toora interneetii tajaajila yaa’iiwwan mooraa qophii keenya kutaa sadaffaatiin immoo turtii eebbifamtoota qabxii olaanaa fidan kanneen biroo qabannee dhiyaanna. Hangasitti turtii gaarii!