Turtii eebbifamtoota Ortodoksoota dhaabbilee barnoota Olaanoo wajjin

Indaalee Damsisiin

“Barnoota koo milkaa’inaan akkan xumuruuf kan na gargaare yaa’ii mooraati” (Dn. Asaffaa Ayyaaleew)

Keessummaan kutaa sadaffaa keenya kolleejii dhuunfaa Misraaqe-Giyoonitti muummee barnootaa Narsiitiin kan eebbifame Dn. Asaffaa Ayyaaleew dha. Dn. Asaffaan kolleejii dhuunfaa Misraaqe-Giyoon Daseetti argamutti muummee barnootaa Narsiitiin sadii tuqaa sagal-torba (3.97) fiduudhaan fi qabxii olaanaa galmeessuudhaan badhaafamaa geebaa fi meedaliyaa ta’uu danda’eera.

Dn. Asaffaan yaa’ii mooraa Misraaqe-Giyoonitti hirmaachaa kan turee fi barnoota isaa cinaatti barnoota lubummaa (አብነት) hordofuudhaan aangoo Daaqonummaa fudhateera; woggaa afraffaa irratti immoo walitti-qabaa koree eebbifamtootaas (Graduation Committee) ta’ee tajaajileera.

Muudannoo kolleejjii erga seenee booda isa muudate yommuu ibsu: “kolleejjii akkuman seeneen yaa’ii mooraa keessatti hirmaachuudhaaf hin yaalle. Garuu woggaa lammaffaa irraa eegalee barnoota walitti fufiinsaan yaa’ii mooraa keessatti kennamu osoo addaan hin kutiin barachuu danda’eera. Yeeroo koo karooraan akkan fayyadamuu fi barnoota koo wajjin wal-simsiisee akkan deemu, milkaa’inaanis akkan xumuru kan na gargaare yaa’ii mooraati. Dabalataanis yaa’ii mooraa keessatti hirmaachuu akkuman eegaleen barnoota lubummaas (አብነት) cinaatti hordofuun eegale. Bu’uuruma kanaan hayyama Waaqayyoo ta’ee naaf milkaa’ee aangoo Daaqonummaa fudhachuudhaaf danda’eera. Ammas yaa’ii mooraatii ergan bahees barnoota lubummaa (አብነት) barachuudhaaf karoorfadheera.” Jechuudhaan dhiibbaa gaarii yaa’iin mooraa jireenya isaarra qaqqabsiise ni ibsa.

Haala fayyadama yeeroos ilaalchisee: “woggaa jalqabaarratti yeeroo koo sirnaan fayyadamuuf hin yaalle. Faallaa isaatiin hiriyoota koo fakkaachuuf fi wantoota naannawa kootitti ana irraanfachiisuu danda’an irraa fagaachuudhaaf yaalii hin taasisu ture. Garuu yaa’ii mooraatti hirmaachuu ergaan eegalee booda gorsaa fi barnoota haala fayyadama yeeroo irratti nuuf kennamaa waan tureef sirnaan itti fayyadameen jira. Woggaa afraffaa irratti garuu walitti-qabaa koree eebbifamtootaa (Graduation Committee) ta’ee isa qindeessuun waan natti dabalameef hunduma isaa wal-simsiisee deemuun xiqqoo natti ulfaatee ture. Barnoota idilee, yaa’ii mooraa, barnoota lubummaa (አብነት), qo’annaa fi walitti-qabaa koree eebbifamtootaa (Graduation Committee) ta’uun koo na cinquus Waaqayyoo na gargaaree qabxii sadii tuqaa sagal-torba (3.97) fiduudhaan kolleejicharraa badhaafamaa geebaa fi meedaliyaa ta’uu danda’eera. Yaa’iin mooraa jireenya afuuraa kootiin jabaadheen deemuu akkan danda’uuf fi bu’a-qabeessa ta’ee mooricha keessaa akkan ba’u na dandeessiseera” jechuudhaan muuxannoo isaa ibseera.

Dn. Asaffaan rakkoolee isa muudatan ilaalchisees yoo ibsu “Woggaa afraffaa irratti woggaa eebbaa waan ta’eef hanqinni yeeroo na muudachaa waan tureef dhiphachuudhaan sirnaan imaluu hin dandeenyee ture. Keessumattuu eebbaan walqabatee hojiiwwan hedduu hojjechaa waan turreef haala olaanaa ta’een yeeroo koo na saamaa ture. Dabalataaniis qophii qormaata bahiinsaa (exit exam) wajjin walqabatee qo’achuun narraa eggama waan ta’eef yeeroo ulfaataa dabarsuudhaaf qophaa’een ture. Garuu Waaqayyo na gargaaree hir’ina koo guutuudhaan qabxii gaarii fiduudhaan xumuruu danda’eera.”

Dn. Asaffaan jireenya inni keessa darbe ka’uumsa godhachuudhaan ergaa dabarseen “Barattoota dhaabbata barnoota olaanoo seenan wantin gorsu jalqaba irraa eegalee yaa’ii mooraa keessatti hirmaachuudhaaf murteessanii dhufuu fi fayyadamtoota tajaajilichaa akka ta’anii dha. Yaa’ii mooraa keessatti dabarsuun isaanii ciccimoo fi nama kaayyoo akka ta’an isaan dandeessisa. Ani woggaa jalqabaa yaa’ii mooraa keessatti hirmaachuu dhabuun koo qabxii koo irratti gatii na kanfalchiisee jira.” jechuudhaan ergaa isaa dabarseera.

Yaadannoo addaa qopheessicha irraa:

Waldaan Qulqullootaa yeeroo hundeeffamerraa eegalee woggoota soddomii tokko keessatti yaa’ii mooraa irratti hojjechuudhaan imaanaa fi itti-gaafatamummaa isatti kennamee bahachuudhaaf yaalii taasisaa tureera; taasisaas jira. carraaqqii kanaan barattoota dhaabbata barnoota olaanoo heddu barnoota bu’uuraa Mana Kiristaanaa qulqulleettii barsiisuudhaan eebba abbootiitiin fi fannoo imaanaatiin eebbisuu irratti argama. Hedduun isaaniitis milkaa’ina isaaniitiif barnoota afuuraa waldichi yaa’ii mooraa keessatti kennuuf hordofuu isaaniitiin Mana Kiristaanaa qulqulleettii akka baran, amantaa isaanii jabeessanii akka qabatan, naamusa gaariidhaan ijaaramanii iddoo fi oogummaa itti bobba’anitti biyyaa fi Mana Kiristaanaa tajaajiluudhaan gahee isaanii bahachuu akka danda’aniif isaan gargaaruu isaa dhugaa bahu.

Jaalatamtoota hordoftoota maarsariitii (Toora int keenyaa walitti fufiinsaan kutaa sadiin muuxannoo obbolootni yaa’ii mooraa kanneen birootiif fakkeenya waan ta’uuf gara fuulduraatti barattoota seenaniif fakkeenya isaanii hordofanii akka deeman waan isaan taasisuuf hedduu keessaa muraasa isaa qophii qopheessine asuma irratti guduunfina.

Galatni Waaqayyoof haa ta’u!