Soomni madaa lubbuu ni fayyisa

Kutaa Tokkoffaa

Dn. Mabraatuu Sintaayahu (Wiirtuu Adaamaa irraa)

Sooma jechuun jaalala Waaqayyoof jecha waan qaama namaa gammachiisuu fi nama haawwachiisu hunda dhiisanii, of to’achuu fi gammachuu biyya lafaa irraa argamu ganuudhaan Waaqayyoon duukaa bu’uu jechuudha. Soomni meeshaa waraana hafuurawaa fi to’annaa fooniiti, hojii badaa hundumaa irraa of qusachuudhaan. Eebba hafuurawaa argachuun abboommii Waaqayyoof of gadi qabuudha. Daandii jaalalaa gargaarsa Waaqayyoo isa gonka ta’e itti arganudha. Soomni meeshaa amanamaa amantii hojiin ibsuuf gargaarudha. Soomani; Yeroo murtaa’e, guyyoota/ji’oota murtaa’an keessatti nyaata nyaachuu irraa, hojii badaa /hojii hamoo/ lubbuu namaa miidhu irraa of qusachuudha. Jaalala guutuun Waaqayyoof qabnu sooma, kadhannaa fi keenaadhaan mul’ata. Soomni jireenya afuurawaa qajeelaa fi naamusa qabu wanta gufachiisu/baleessuu  kamiyyuu  irraa of qusachuu jedhamee hiikama.

Lubbuu maaltu madeesuu danda’a? Yeroo jennu deebiin isaa fedhii foonii raawwachuu, daddarbaa /miidha cabbuu/ foonii, cubbuu… Namni tokko barataas ta’ee hojjetaa yoo ta’e, hojii ykn haala kamiinuu jireenya kiristaannummaa isaa fooyyessuuf guyyaa guyyaan shaakala afuurawaa shaakaluun barbaachisaadha. Akkasumas sooma dukabu’oonni jalqaba tajaajila isaanii taasisan cimsinee hordofuu qabna. “Waa’ee foonii Yaaduun du’a, waa’ee afuurawaa yaaduun garuu jireenyaa fi nagaa dha.” (Rom. 8:6). Soomni hojii keenyaa fi imala kiristaannummaa keenya gonka kan nuuf taasisudha. Kanaaf raajicha Eeliyaas akka fakkeenyaatti kaasuun gahaadha. Kanaaf, barattoonni, seera/abboommii jalqabaa/dursa nuuf keenamtee qabeenya gochuudhaan jireenya kirstaanuummaa keenya haala gatii samii nuuf kennutti haa jiraannu.

Sooma maaliif soomna?

Soomni seera jalqaba namaaf kennamedha. Osoo ilmii namaa qixa siriittii ittii gaggeefame; soomni  seera jaalalaa addaa Waaqayyoo jireenya bara baraa nu dhaalachistuudha. Namni tokko seera bareedaa kanaan fedhii isaa to’atee ija isaa hamaa akka hin argine /ilaalla, gurri isaa hamaa akka hin dhageenye, arrabni isaa hamaa akka hin dubbanne, miilli isaa fi harki isaa akka hin hanne, akkasumas miilli isaa fi harki isaa gara hamaatti akka hin sochoone, dhiiga dhangalaasuuf utuu of qabuu danda’ee badhaasni isaa hangam gatii guddaa qaba. Akka dargaggoota har’aa/ yeroo kanaattii hammeenya addunyaa kanarra jiru keessaa isa kam jibbina? Miidiyaa hawaasaa, kan teknooloojiin ammayyaa nu fide fayyadamuun, hojiiwwan foon gadi fageenyaan nama miidhanii fi gara si’oolitti nu geessan keessa nu galcheera. Garuu, sammuu gaarii nuuf kenname fayyadamuun cubbuutti akka hin kufneef of eeguu fi of qulqulleessuu qabna. Mee amma faayidaa soomanaa tartiibaan haa ilaallu.

1.  Humna Waaqayyoo argachuuf

Garmalee nyaachuun fedhiin foonii fedha lubbuu keenyaa akka ol’aantummaa qabuuf balbala bal’aa bana. Akkasumas fedhiin foonii akka nu bituu kan nu taasisu humna isa guddaa ta’ee ka’ameera. Quufa, of tuulummaa, dadhabina fi ejja fiduudhaan firii afuurawaa akka hin godhanne nu dhorka. Sababni Sodoom ibiddaan itti gubate keessaa tokko buddeen quufu akka ta’e mul’ateera (Hiz. 16:49). Fedhiin foonii keenya fedha lubbuu keenya irratti humna akka hin qabaanne soomni baay’ee barbaachisaadha. Raajichi Daani’eel ijoollee biroo sadii waliin dargaggoota Ibirootaa Iyeruusaaleem irraa gara mootummaa Naabuukadanatsooriitti booji’aman keessaa filatame Innis waggaa sadiif gara mana barumsaa Kaldootaatti ergamuun barnoota falfalaa Kaldootaa (urjii lakkaa’uu), abjuu hiikuu, afaanii fi aadaa ormaa dargaggoota sadan waliin akka baratan taasifaman.  Faallaa kanaatiin, yeroo isaan amantii fi aadaa Israa’eel ofii isaanii akka irraanfatan yeroo godhamanittii.  Daani’eel nyaataa fi dhugaatii mootichaa akka nyaatan hayyamameef nyaatuu diddee; Sababni isaas, nyaanni warra ormaa akka isa xureessuu seera Museettin hubatee jira waan ta’eef.  Enumaayyuu akkaawii nyaachaa akka barachaa turan raajin daani’eel nuttii hima.

Dhadhaa dhabuu irraa kan ka’e qaamni isaanii diimaa /daalachaa’e/ ta’uus, walitti dhufeenyi Waaqayyoo wajjin qaban baay’ee ol’aanaa ture. Soomaan jabaachuun isaanii barumsa isaaniitin jabaachuu fi ija mootichaa duratti surraa kan qabani fi kan filataman ta’u irraa isaan hin dhowwine; inuumaayyuu iccitii dhokataa ifa godhachuudhaan, biyya keessatti aangoo horachuudhaan, akkasumas namoota kaan irratti fudhatama argachuudhaan caalaatti humna akka qabaatan godheera. Macaafni Qulqulluun Waaqayyo waan hundumaan akka isaan gargaaree fi cinaa isaanii akka ta’ee nutti hima. Kun hundinuu kan ta’e humna Hafuura Qulqulluu sooma fi cubbuu irraa of eeguu isaanittiinidha. Kanaaf, dargaggoonni (barattoonni mooraa) yeroo soomnu barnoota keenyatti dadhabuu dandeenya jennee yaaduudhaan humnaa fi ogummaa Waaqayyoon karaa soomaatiin  nuuf kennu akka hin dhabne of eeggachuu qabna.

Kiristaanni tokko guyyoota mijataa qofatti sochii afuurawaa kan raawwatu utuu hin taʼin, yeroo fi yeroon ala taʼeetti jabaatee argamuu qaba. Soomni hojiilee gaarii biroo (kadhannaa, sagada, kennaa /balcha/ sadaqaa fi kkf) hojjechuuf humna guutuu kan kennudha. Soomni humna afuurawaa obsa, qajeelummaa, gaarummaa of to’achuu fi kkf horachuuf meeshaa isa guddaa waan ta’eef qabeenya haa taasi fannu.

2. Raawaa’nsa qabsuuraati

Jireenya afuurawaa keenya keessatti humna afuuroota hamaa wajjin akka qabsururu/wal’aansoo tasisnuu akkana jechuudhaan nutti himama, “Qabsoon keenya foonii fi dhiiga walinii miti. Bulchitoota fi abbootii aangoo, bulchitoota/bittoota addunyaa dukkana kanaa, hoomaa afuuroota hamoo iddoowwan samii irratti argaman walinidha” (Efe. 6:12). Namni qabsuuraaf qophaa’e meeshaa waraanaa akka isa barbaachisu ni beekama, kanaaf soomni meeshaa qabsuuraa isa duraa fi hunda caaludha. Qulqulloonni, Mana Qulqullummaa irraa osoo hin ba’iin halkanii fi guyyaa soomaa fi kadhannaan Waaqayyoon tajaajilaa turan, humna waraana badii injifachuuf Angoo badhaafamaniiru. Ergamaan Phaawuloos garaan keenya nyaataan osoo hin taane, keenaadhaan akka jabaatu nu akeekkachiiseera; Sababni isaas, garmalee nyaachuu fi nyaataaf dursa keenuudhaan kan  midhame malee kan fayadame akka hin jirree nu barsisee jira (Ibr. 13:9).

Kabajamtoota barattootaa gammachuu fi tola /mijuu/ barbaaduun mootummaa Waaqayyoo hin dhaalamtu. Mee haangafa raajootaa Musee haa ilaallu; Inni yeroodhaaf gammachuu cubbuu irraa argamuu irra saba Kiristoos waliin rakkachuu beela’uu filate. Sababa kanaaf qe’ee isaa mana ho’aa fi masaraa mootummaa keessaa baqate; Beela’ee, dheeboote waan argachuu danda’uu amantiidhaan fagoottii argeera waan ta’eef (Ibr. 11:24-25). Kana gochuun isaa miidhameeramoo faayidaa argateera? Baay’ee itti fayyadamaa ture malee wanti miidhame tokkollee hin jiru. Museen guyyoota afurtama nyaata malee waan tureef, waaqa saba israa’eel kan ta’e Waaqayyoo Qulqulluu irraa Taabota Kakuu fi seroota Waaqayyoo fudhachuu kan danda’e soomaan ture. Raajichi Eeliyaas Waaqa samii “haalkanii fi guyyaa afurtama soomuun natti ulfaata qaamni koos ni huqata” jedhee osoo hin sodaatin akkasumaas hoojii wara haamota waliin osoo hin hirmaatiin waan soomeef sammiin roba akka hin keeninee Angoo taasisuu danda’e argatee jira.  Kanaaf imala kiristaanaa dheeraa keenya keessatti soomni waan baay’ee barbaachisaa ta’e akka ta’e yaaduudhaan qabsuruu qabna. Fedhii fooni keenyaa to’achuuf qabsoo goonu keessatti soomni gahee guddaa qaba. Soomni madaa lubbuu fayyisa; Fedhii ykn eeyyama fooniis callisisuuf meeshaa faayidaa qabudha.

3. Akka fedha Waaqayyootti jiraachuuf

Fedhiin Waaqayyoo namni jireenya bara baraa akka jiraatudha. Namni Gannataa fi mootummaa samii keessaa akka hira’atu hin barbaadu. Abdiin namaa guddaan Mootummaa Waaqayyoo dhaaluu fi bara baraan jiraachuu dha. Macaafni Qulqulluun lapheen keenya madda jireenyaa akka ta’e nutti hima, “laphee kee jabeessii egii maddii jireenyaa isa keessaa ba’aatii.” (Fakke 4:23) Abbaan keenya Addaam, seera “Hin nyaatiin” jedhu cabsuudhaan fedha foon isaa raawwachuudhaan fedha Waaqayyoo irraa fagaatee miila du’aa jalatti dhiitame; Seera kana irraa yoo maqne hiree Addaam akka nu mudatu shakkii hin qabu. Kanaaf fedha Waaqayyoo raawwachuudhaan jiraachuuf maaltu nu barbaachisa? Yoo jenne sooma qabeenya godhachuudha, kunis of to’achuu si dandeessisa. (Iyo 2:12) laphee guttuun soomudhaan gara Waaqayyootti deebi’uuf kadhachuun soom inni jaallatuu human gudaa akka namaaf taatu hubachisa. Soomni seera ogummaa namaatiin kalaqame osoo hin taane, seera Waaqayyo isa waan nuuf fayyadu beekuti akka fedha isaa raawwannuuf nuuf laatamedha.

Jalqaba osoo hin soomiin dura yaada dogoggoraa soomni shaakala dadhabsiisaa fi miidhaa geessisudha jedhu irraa of eeguu qabna. Seerri kun seera jaalalaati waan ta’eef Soomaan gara Uumaatti deebi’uun akka miidhaatti akka hin yaadne, seera Waaqa keenya waliin akka wal qunnamnuu fi iji arjuumaa Isaan akka nu ilaalu kan taasisu waan ta’eef of eeggannoodhaan haa raawwannu. Yommuu qa’annuus haa ta’u yeroo qoramnu barnootaan ni kufna jennee sodaannee Waaqayyoon akka hin mufachiifnee fi Mootummaa Isaa irraa akka hin fagaanne of ilaaluun barbaachisaadha.

Walumaagalatti kaayyoon Kiristaanummaa inni guddaan addunyaa kana irratti yeroo keessummaa keenyattii akka fedhii fooniittii jiraachuu irraa of qusachuudha; Lubbuu fi foon qulqulleessuun Waaqayyoof kan mijatu gochuudha. Kunis hojii cimaa fi qabsoo hedduudhaan galma kan ga’udha. Kitaaba keessatti “. . . gara mootummaa Waaqayyo gadadoo fi rakina baayyee keessa darbinee seenuun barbaachisaadha” (Hojii du’Bu 14:22) akka jedhame karaan gara mootummaa Waaqayyo geesuu salphaa fi ba’aa mitti qabsura baayyee keessa kan darbamee bira ga’amudha malee. Qaamni eeyyama fooni jalattii bultu du’atu ishee mudata “Namni foon isaatiin facaasu foon irraa manca’iinsa ni haama, kan afuuraan facaase garuu jireenya bara baraa ni haama.” (Gal. 6:8) Akkuma jedhu soomanaan foon lubbuu jalatti bichisiisuun jireenya bara baraa namaaf argamsiisa.

“Akka eeyyama fooniitti yoo jiraattan ni duutu; Afuuraan hojii foonii yoo ajjeefte garuu ni jiraatta. Warra Afuura Waaqayyootiin geggeeffaman hundaaf isaan kun Waaqayyoo ti.” (Rom 8:13-14)  “Nyaanni garaadhaaf, garaan immoo nyaataf  Waaqayyo garuu kanaa fi sana ni balleessa. Qaamni/foon garuu Gooftaafi malee (saalqunnamtii) saalqunnamtiidhaaf miti Gooftaanis fooniifi” (1Qor. 6:13) Nyaata foonii nyaachuun qajeelummaan hoojatanu hin jiru; Kana irra darbee nyaanni baay’achuun gara ejjaa fi of tuulummaatti waan nama geessuuf soomaan qaama keenya of tuulummaa fi ejja irraa haa eegnu. Yoo kana goone garaa keenya waliin diigamuu/baduu irraa of baraarna. Soomni shaakala jalqabaa firii afuurawaa argamsiisu waan ta’eef jabeessinee haa qabaannu.

“Mootummaan Waaqayyoo dhimma nyaachuu fi dhuguu utuu hin ta’iin, qajeelummaa, nagaa fi gammachuu Afuura Qulqulluu ti.” (Rom. 14:17) Abdiin soomaan arganuu maal akka fakkaatu yommuu hubatamu nyaataa fi hamaa irraa fagaannee kan itti seennu/galu ta’uu ishee ni hubannaa? Namni tokko Waaqayyootti dhihaachuuf wanti isa barbaachisu sooma malee nyaata miti “Nyaanni garuu gara Waaqayyootti nu hin dhiheessu; Yoo nyaachuu baatnellee hin hira’anu, yoo nyaannellee hin dabalanu.” (1Qor. 8:8) akkuma jedhamu. Humni nyaataa fooniif yoo ta’u, humni soomaa garuu lubbuudhaafi “Warri Kiristoos Yesuusiif ta’an immoo foon fedhii fi hawwii isaa wajjin fannisaniiru.” kan waan jedhame kana haa hubannu (Gal. 5:20).

Nuuf haa turuu