Qorumsa
Maggaabee misxir luba Sintaayyoo Abaatee (Awustiraaliyaa)
Kutaa 1
Qorumsi bara jireenya keenya keessatti bu’uuruma Amantaa, Sirna, Qannoonaa fi Darbaa darboo Mana Kiristaanaa keenyaatiin imalaa fi sosochii afuuraa taasisnu keessatti balleessaa keenya malee danqaa (galloo), gufuu, gidiraa, ari’atamuu/godaansa yookiin adeemsa keessa nu miidhuu fi nu danquu danda’an amma garuu gaarii fakkaatanii kan nutti muul’atan kanneen qaamolee gara garaa irraa nurra qaqqaban (muudatan) ta’uu danda’u. Akkaata barnoota Kitaaba Qulqulluu Mana Kiristaanaa keenyaatiin qorumsi maddawwan gurguddoo sadi irraa nutti dhufuu danda’a.
- Mataa (ofii) keenya irraa
Gama qaamolee miiraa keenya garaa garaatiin gara laphee keenya kan seenanii fi akka hayyama Waaqayyoo kan hin taane yookiin fedha/hayyamawwan Waaqayyoo Kitaabolee Qulqulluu keessatti ibsaman irraa yaadoliin adda ta’an adaadumaan gara hawwiitti guddatu. Qorumsi hawwiidhaan eegaluu qabatamaan yommuu raawwatamu immoo cubbuu ta’a. Isa kana duuka bu’aan Qulqulluu Yaa’iqoob “Eenyumtuu yommuu qoramu Waaqayyoodhaaniin qorama akka hin jenne; Waaqayyoon badiidhaan nama hin qoru; Inni mataan isaa eenyumaayyuu hin qoru. Garuu tokkoon tokkoo namaa hawwii ofiitiin (mataa isaan) yommuu harkifamuu fi gowwoomfamu qorama. Kana booda hawwiin ulfooftee cubbuu dhalti/deessi; cubbuunis erga guddattee booda du’a dhalti” jedhee jira (Ya’i 1:13-15)
Ogeessichi Solomoon fakkeenya isaa keessatti “rincicni (ስንፍና)/dadhabinni namaa daandii isaa jalaa jajallisti; onneen isaas Waaqayyoon lolti” jedhee yaadni nuti rincicaan qabamnuu fi daandiin hawwii keenyaa adeemsa keessa bu’aan/miidhaan inni geessisu/fidu ibsee jira. (Fak 19:3). Maqaa Isaaf galanni haa ta’uutii Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos qorumsa kan nutti fidan qaamolee miira keenya ta’uu isaanii “Namaaf maatiin isaa diina itti ta’u” jedhee jira. (Maat 10:36)
Bu’uuruma kanaan afaan isaaniitiin waan hin taane (hin malle) dubbatanii; ija isaaniitiin waan badii/yaraa arganii; gurra isaaniitiin gorsaa fi oduu badii/yaraa dhagaahanii; funyaan isaaniitiin foolii korniyaa faallaa fuunfatanii; harka isaaniitiin yakka hojjatanii; miila isaaniitiinis gara kiyyoon cubbuu itti kiyyeeffamee tarkaanf’tii deemanii qorumsa miidhaa lubbuurraas, foonirraas isaanirra gaheef lammiileen keenya saaxilaman hedduu dha.
- Hawaasa naannawa keenya jiraniin
Namni uumama hawaasummaati. Seerri uumamaa qulqulleettiin “Namni kophaa isaa jiraachuu hin qabu” akkuma isaaniin jedhe kallattiidhaanis ta’ee al-kallatiin kan jiraannu kanneen biroo wajjin dha. Iddoowwan jiraannutti, hojjennuttii, imallutti fi k.k.f hundumaatti amantiidhaan, aadaadhaan, ilaalchaan, umriidhaan, saalaan fi k.k.f hundumaan uummata garaa garaa wajjin walitti dhufna. Tokkummaa keenya kanaan immoo wal-jijjiirraan beekumsaa, muuxannoo, ilaalchaa ni uumama. Dadhabaarraa ciccimootaan dhiibbaan irra gaha. Dadhabina isaanirraan kan ka’e amantii isaanii, aadaa isaanii, barnoota gantummaa fi fedha foonii isaanii irratti fe’u. Haaluma kanaan Gooftaan keenya sanyii qoree gidduutti kufte jedhee akkuma barsiise kiristaanummaa isaa isa gaarii sana bitaa mirgaan ciinquudhaan firii malee akka hafu taasisu.
Hewaan sababa kufaatii ta’uun ishee isa kanaaf fakkeenya gaarii dha. Qulqulluun Phaawuloosis “Hin dogongoriinaa; hiriyaa hamaan amala isa gaarii ni balleessa” kan jedhe qorumsi kanneen naannawa keenya jiraaniin fi namoota hayyama/fedha Waaqayyoo irraa maqaniin waan dhufuufi dha. (1Qor 15:33) Kana waan ta’eef, Qulqulluun Daawiit namoota eebbifamoo akkas jechuun ibse “Gorsa namoota badii/hamaa kan hin hordofne galateeffamaa dha; daandii cubbamtootarras kan hin imalle, teessoo/tarree dhibaa’otaarras kan hin teenyee dha” (Fars 1:1)
Gorsa namoota badii kan hordofu, daandii (yaada/gorsa) cubbamtootaarra kan imalu, tarree/teessoo irra kan taa’u (raawwii) qorumsaaf kan saaxilame ta’a. Faarsaa isaa isa biraa irrattis Qulqulluun Daawiit yaaduma kana bal’isee “Nama arjaa wajjin yoo oolte arjaa taatee argamta; nama qajeelaa wajjin yoo oolte qajeelaa taatee argamta; nama qulqulluu wajjin yoo oolte qulqulluu taatee argamta; nama dabaa wajjin yoo oolte dabaa taatee argamta” jechuudhaan namoota naannawa keenya jiraniin eebba argamuu fi qorumsa nutti dhufu ibsee jira. (Fars17/18:25)
- Seexana irraa
Hojiin seexanaa qoruu, duubatti hambisuu (tursiisuu), gufachiisuu fi himachuu dha. Inni kun kan addaan hincinnee fi diina abdii hin kutanne kan amantoota Waaqayyoorraa amantii qaban akka ganan, tokkummaa isaanii akka diigan, naamusaa fi kennaa akka dhiisan, qulqullummaa isaanii akka xureessan, hojii badii isaaniitiin uumaa isaanii akka dheekkamsiisan, abdii akka kutatan isaan qora. Sababni isaas inni kan qoru, hojiin isaas qoruu waan ta’eef dha. Qulqulluun Pheexiroos qorumsa gara jabeessa kanaa “Of qabaa, dammaqaas, diinni keessan Daabiloos akka leenci yeeroo beela’u waan liqimsu barbaadaa baroodaa naanna’uutti ni naanna’a; obboleewwan keessan addunyaa keessa jiran gidiraa sana hundumaa akka fudhatan beekaatii amantaa keessaniin cimtanii dhaabbachuudhaan isaan mormaa” jechaa barsiisee jira. (1Phex 5:8)
Daabiloosichi qoraan sun Addaamii fi Hewaan gorsa badiitiin Gannata keessaa isaan baase. Qaa’eel obboleessa isaa Aabeel akka ajjeesu ajjeechaa barsiise. Bala’aam irra bulee wanta Israa’eelonni ittiin badan Bala’aaqiin gorsisiisee jira. Waaqayyoon dura dhaabbatee Iyyoobiin himateera. Minaaseerra bulee raajicha Waaqayyoo Isaayyaasiin nyaataa-muraadhaan (magaazii) baqaqsiise. Heeroodis irra bulee daa’imman 144,000 ficcisiisee jira. Daa’imicha Kiristoos haadha Isaa wajjin akka ari’atamu (godaanu) taasise. Gooftaa keenya kawaala Qorontoositti qoreera; du’aa ka’uumsa Isaas Ayihuudootarra bulee gansiisee jira. Duuka bu’oota ariisiseera; ajjeesiseeras. Wareegamtoota mootota addunyaarra bulee isaan ficcisiise/ajjeesise. Mana Kiristaanaa ari’ateera; ammas ari’achaa jira. Namoota heddu ciminnii fi baay’inni qorumsaa fi gidiraa abdii isaan kuchisiisee jira.
Seexanni qorumsa kan fiduu akka namoonni tokko tokko yaadan seexanummaa isaa ibsee, fuula dukkanaa isaa agarsiisee osoo hin taane; tooftaawwan baay’ee dhokatoo fi gargar ta’aniin dha. Badii qofaan osoo hin taane jaalalaan fakkeeffamaa, amantaa qabeessaa fi amantiidhaaf kan quuqamu fakkeessaa, dadhabina keenyaaf gargaaraa, beela keenyaaf soorata, kophummaa keenyaaf jaallee/hiriyaa yommuu dhiphuu keenyaa tasgabbeessaa, yoo hiyyoomne badhaadhina ta’ee fi fakkaatee kan nutti dhiyaatuu dha. Isa kanas gara Gooftaa keenyaa dhiyaatee beela’uu Isaa argee “Dhagaa kana daabboo taasisiii nyaadhu” kan jedhe sanaan hubachuun ni danda’ama. (Mat 4:4)
Yommuu kiristaanummaadhaan jiraannu jaallannees jibbinees qorumsi karaalee sadan keessaa yoo xiqqaate isa tokkoon gara keenya dhufuun isaa hin oolu. Duuka bu’aan Kiristoos inni dhugaan Kiristaana ta’ee qorumsa malee gonkumaa jiraachuu hin danda’amu. Namarraa fagaatanii gammoojjii keessa jiraatanis, cubbuurraa fagaatanii qulqullummaa goonfatanis, qabeenyaa fi kabaja biyya lafaatiin marfamanis, fiixee aangoo olaanaarras yoo gahan qorumsa malee jiraachuun hin danda’amu. Akka hin danda’amnees Kitaaboleen Qulqulluun wal-ta’iinsaan ibsaniiru. Gooftaan keenyas Wangeela Qulqulluu irratti “Gufannaan waan dhufuuf biyya lafaatiif maloo! Gufannaan dhufuun isaa hin oolu” jedheera. (Maat. 18:7). Wangeela isa biraa irratti immoo “Ana wajjin yommuu jiraattan nagaa akka isiniif ta’u akkas isiniin jedha; yommuu addunyaa keessa jiraattan gidiraatu isinirra gaha; garuu jabaadhaa Ani addunyaa moo’eera” jedhee ibsee jira. (Yoh 16:33)
Kiristoosiin duuka bu’ummaadhaaf kan filatamee fi isarraas kan barate Q/Pheexiroos gidiraa fi qorumsi kan hin hafne waan ta’eef “Michuuwwan koo isin keessaa gidiraan yoo akka ibidaatti isin qore akka isin hin dinqine; garuu kabajni Kiristoos yommuu muul’atu immoo akka gammaddaniif hammuma Kiristoosiif jettanii gidiramtaniif gammadaa. Waa’ee maqaa Kiristoosiif yoo isin qeeqan afuurri kabajaa Afuurri Waaqayyoo isinirra qubata waan ta’eef isin eebbifamtoota dha. Isin keessaa eenyumtuu lubbuu kan baase yookiin hattuu yookiin badii kan raawwatu yookiin dhimmi namoota biraa gidduu kan lixu ta’ee; gidiraa akka hin fudhanne; Kiristaana ta’uu isaatiin garuu yoo gidirfame maqaa Waaqayyoo kanaaf yaa galateeffatu malee akka hin qaanofne” jechuudhaan bal’inaan nu gorsa. (1Phex 4:12-16)
Qulqulluun Phaawuloos immoo qorumsii fi gidiraan kaayyoo ittiin waamamne keessa isa tokko ta’uu isaa “Waan tokkollee namoota isin mormaniin hin rifatinaa; isaaf mallattoo badii, isiniif immoo mallattoo fayyinaati; innis Waaqayyoo irraayi; kunis waa’ee Kiristoosiif isiniif kennameera; waa’ee isaaf gidiraa akka fudhattaniif malee akka itti amantan qofaaf miti; kan anarratti argitan ammas kan narraa dhageessan, qabsuurri/gidiraan isinirra gaheera” jechuudhaan nu barsiiseera. (Filp 1:20-30)
Amantoonni dhugaa kana hin hubanne tokko tokko Kiristaana waan ta’aniif qofa mataa isaaniirra, maatii isaaniirra, mana Kiristaanaarra, waldaa amantootaarra qorumsii fi gidiraan yommuu gahu ni jeeqamu. “Maaliif?” jedhanii Waaqayyoon wal mormu. Amantiin isaaniis dogongora kan qabu fakkaatee itti muul’ata. Maqaadhaan “Kiristaana” kan jedhamanii fi naannawa isaanii kan jiraatan, biyya lafaarra itti tolee kan jiraatan nageenya isaan qaban, eebbi isaan argatan fi milkaa’ina isaanii ilaalaa kiristaanummaa isaanii eebba biyya lafaatiin madaaluu eegalu. Keessumattuu immoo qorumsa bara keenya kanatti argaa jirru maddi isaa abbootii mana Kiristaanaa fi tajaajiltoota ta’uu isaanii yommuu argan garmalee amantaa isaanitiin kan raafaman ni jiru. Kun garuu kiristaanummaan bara keenya kana gahuudhaaf imala bu’aa bahiin garmalee kan itti baay’ee keessa darbuu isaa hubachuu dhabuurraa kan dhufu dha.
Qorumsi kiristaanummaa inni jalqabaa kan madde miila Gooftaa keenyaa jala taa’ee barachaa kan ture, jecha afaan Isaa kan dhagaahe, raajii harka Isaa argaa kan ture Yihuudaa biraayi.
Qorumsi maaliif?
Qorumsi kallattii kamiinuu fi naannawa yookiin sababa kamiinuu yoo dhufe keessa isaatti garuu kaayyoo qabaata. Wanti guddaan dhufaatii qorumsaa osoo hin taane kaayyoo qorumsichaatiif qophaa’oo fi gahoomaa ta’anii argamuu irratti dha.
- Qorumsi bu’aa cubbuu keenyaa ta’uu danda’a. Sababni isaas namni waan facaase haammata.
- Qorumsi nu dammaqsuu fi nu cimsuuf Waaqayyoo biraa bilbila bilbilamu ta’uu danda’a.
- Amantii fi jaalalli keenya akka ittiin madaalamuuf nuuf kennamuu danda’a.
- Qorumsaan kan qabaman, cubbuudhaan kan kufan irraa gara laafiinsa akka barannuuf nuuf kennamuu danda’a.
- Gatii keenya nuuf baay’isuuf qoramuu dandeenya.
- Qoramuu keenya keessatti namoota biraa barsiisuuf nu qoruu danda’a.
Armaan olitti ibsuuf akkuma yaalameetti sababni qorumsaa hedduu dha. Dhimmi ijoon Waaqayyoon ijoollee Isaa akka hin qorree fi qorumsa humna keenyaa oli ta’eef dabarsee akka nu hin kennine, darbees qorumsa wajjin xurree bahiinsaa wajjin akka nuuf kennu hubachuu fi amanuu keenyaa dha.
Innis Kitaaboolee Qulqulluu keessatti “Eenyumtuu yommuu qoramu Waaqayyooniin qorame akka hin jenne; Waaqayyoon badiidhaaf nama hin qoru; inni mataan isaa eenyumaayyuu hin qoru.” (Ya’i 1:13) Akkasumas “Nama hundumaa qorumsa ta’uu qabu malee homaa isinirra hin geenye; garuu hamma danda’amu caalaa akka qoramtaniif Waaqayyoon hin hayyamne kan amanamee dha; akka obsuu dandeessaniifis qorumsicha wajjin karaa ittiin jalaa bahan isiniif qopheessa” jedhameera. (1Qor 10:13)
Hayyichi Qulqulluun Baasliyoos akkuma dubbate Waaqayyoon dadhabina namaa ni beeka. Waan beekufis qorumsa humna keenya ol ta’een akka kufnu hin fedhu. Kanaaf dogongora keenyaan osoo hin taane qorumsi sammuu keenyaa ala ta’e yommuu nu muudatu; abdii kutachuu fi akka lammiilee isaan baraaru dhabanii ta’uu hin qabnu. Qulqulluun Phaawuloos “Gidiraa Eeshiyaatti nurra gahe; yaa obboloota koo kana akka beektan barbaanna; waa’ee jireenya keenyaatiif hanga abdii kutachuutti humna keenyaa ol garmalee nutti ulfaatee ture; eeyyeen, kanneen du’an Waaqayyoo du’arraa kaasutti malee ofii keenyatti akka hin amanamne; nuti mataan keenya murtii du’aa keessa keenyatti dhageenyee turre; innis du’a hammasi irraa nu baraare; nu fayyisas; isinis immoo waa’ee keenyaaf kadhachaa yommuu nu gargaartan, gama namoota hedduutiin waa’ee kennaa nuuf kennamee hedduun isaanii waa’ee keenyaaf akka galateeffataniif gara fuulduraatti immoo akka nu fayyisu ni abdanna” jechuudhaan akkuma nu barsiise gaadidduun du’aa nu marsuus qorumsarraa nu baraara. (1Qor 1:8-11)
Nuu haa turu