”Ogummaa Keetitti Hin Hirkatin” (Kitaaba Fakkeenyaa. 3፥5)

                                     Barsiisaa Bitiwadadi Warquu

Bara dardarrummaa keenyatti dhimmoota baay’ee ittiin rakkannu keessaa tokko beekaa of taasisanii yaaduu dha. Kunis rakkoo ogummaa ofiitti hirkachuu keessaa isa tokkoo dha. Rakkoo uumamuu fi rakkoo uumamuuf jiruuf  ”kan  akkana  ta’eef,  waan  akkana  ta’eefi,  sababa  kanaaf  akkana ta’uufi, akka kana kan jedheef, kanaaf natti fakkaata”  jechuudhaan beekaa taasisanii  of  dhiyeessuun  fedhii  ogummaa  ofiitti  hirkachuu  ol   kaasa. Akkasumas,  gochi  tokko  erga  raawwate  booda  gaaffiin  ‘maaliif?’  jedhu yommuu  ka’u,  ‘waanan  gammadeefi,  waan  natti  fakkaateefi’  deebiwwan jedhan  baay’achaa  dhufuun  isaanii  baay’ina  ogummaa  ofiitti  hirkachuu keenyaa kan akeekanii dha.

Ilaalcha kana hamaa kan taasisus muuxannoon jireenyaa bakka hin jirrettiyyuu jireenya fi sadarkaadhuma yaadrimeettis  beekumsa gadi fagoo osoo hin qabaatin ta’uu isaati. Dargaggoonni lakkoofsi isaanii laayyoo hin jedhamne ”mataa kootiif kan beeku anuma, jireenya koo gidduu hin galinaa, hiree koo naaf hin murteessinaa…” fi yaadota kana fakkaatan kaasuudhaan maatii fi hangafoota isaanii ennaa himatanii fi akeekkachiisan ni mul’atu. Kan nama gaddisiisu garuu, dargaggoonni akkana akkana jedhan kunneen gochaalee isaan miidhu, kan boquu maatii isaanii cabsu, sona (value) hawaasummaa   kan   diiguu   fi   gochaalee   fayyummaa   jeeqan   irratti

bobba’aniiti. Sababa kanaanis xummurri isaanii hamaa ta’a.

Dhaabbata guddaa kan jedhamu  gaa’ela hundeessaniiyyuu hiriyaa gaa’elaa isaaniiyyuu homaa kan hin dhaggeeffanne, dhimmoota manaa fi bultii isaanii hunda “ anatu beeka, akkana ta’uu qaba” jechuudhaan ogummaa  isaanii qofatti  hirkachuudhaan  namoonni  murteessanis  lakkoofsi  isaanii  salphaa miti. Ani sirrii dha jedhanii waan yaadaniifis ogummaa isaanii  irratti qofa rarra’uun  yaada  qaama  biroo  (abboota,  barsiisota…)  irraa  dhiyaatuf dhaggeeffachuuf eeyyamamoo osoo hin ta’in hafu.

Sansaka  akka  kanaatiif  saaxilamuu  dameen  xiinsammuu  akka  rakkoo guddaa tokkotti akka ilaalu beekamaa dha. Jecha Waaqayyootiin kan hin qoramne, abboota fi obboloota guguddoo yaada guguddaa qabaniin kan hin sakatta’amne ogummaan ofii (dhuunfaa) gara kufaatiitti nama geessa. haati keenya  Hewaanii  fi  abbaan  keenya  Addaam  Waaqayyoodhaan  kan  itti himame ”Biqiltuu Jannata keessa jiru hundarraa nyaadhu, biqiltuu gaarii fi hamaa  agarsiisuu  fi  beeksisu  irraa  garuu  hin  nyaatin,  guyyaa  achirraa nyaatte du’a in duuta” kan jedhu abboommii Waaqayyoo daddarbanii ogummaa ofiitti abdachuudhaan fi hawwiin Waaqa ta’uu isaanii dabalee kufaatiidhaaf isaan geechiseera. (S.Uum. 2:16-17)

Umrii dargaggummaatti haa hafuutii umrii ga’eessummattis yoo ta’e of qofa ofiif beekaa taasisanii lakkaa’uun gatii heddu nama kaffalchiisa. Nama ta’uu keenya irraa kan ka’e hanqinoota hedduu qabna. Toorri ilaalcha keenyas taanan   gonka   miti.   Ogummaa   ofiitti   qofa   hirkachuun   ibsituu   of tuulummaatiisi. Ogummaa ofiitti hirkachuun madaala kamiiniyyuu yoo madaalle sirrii ta’uu hin danda’u. Maalif? yoo jettan, Kitaabni Qulqulluun

”daandii   keenya   haa   qorannuutii   haa   sakattaanu”   Boo.   Er.   3:40. Jechuudhaan    akkuma    ibse    ilaalchi    fi    beekumsi    kamiyyuu    jecha

Waaqayyootiin madaaluu fi sakatta’uun barbaachisaadha.

Daandii keenya haa qorru yoo jedhame maaliin haa qorru? Gaaffiin jedhu ka’uun dirqama. Abbaan Faaruu qulqullichi Daawwit ”Ga’eessi daandii isaa maaliin qulqulleessaa? jedhee gaafateetu ”jecha kee eeguudhaani” jechuudhaan ammoo deebisa. (Faar. 118:9). Jecha Waaqayyootiin kan qajeele,  muuxannoo  jireenyaatiin  kan  qorame,  beekumsaa  fi ogummaadhaan hubannoo jabaate namni qabu daandiin isaa ni qajeelaaf, qoree fi gufuus mo’uudhaan ce’a.

Beekumsaa fi ilaalcha ofiitti hirkachuun baay’ee isaanii yoo kuffisu arginee jirra. Kanas seenaa Roob’aam irraa barachuun ni danda’ama. Bara Roob’aam mo’etti yaa’iin Israa’eel  tokkummaadhaan gurmaa’anii ”Abbaan kee wanjoo nutti fe’ee ture. Ammas ati sirna bittaa hamaa abbaan kee kan nurratti fe’e wanjoo ulfaataa nurratti fe’es nuuf salphisi nutis si’iif bitamna” jechuudhaan

itti dubbatan.

Innis mari’adhee hamman murteessutti guyyaa sadi booda deebi’aa jedheen. Innis hangafoota fi manguddoota biyya isaa walitti qabee ”ummata kanaaf akkan deebisuuf waan kana irratti maal na gorsitu?” jedheen. Maanguddoonnis ”Kanaaf garbicha   taate yoo bitamteefis deebistees fayyaalummaadhaan yoo itti dubbatte bara hunda garbicha siif ta’u” jedhanii gorsa gaarii isa gorsan. Inni garuu, gorsa abbootaa kana dhiisee ijoollee wajjiin guddate waliin dhimmicha irratti mari’ate. Isaanis Uummata “Abbaan kee bittaa nutti cimseera. Ati garuu nuuf salphisi siin jedhuuf “ qubni koo isheen xiqqoon dugda abbaa koo caalaa in furdatti. Ammas abbaan  koo wanjoo bittaa isinitti fe’eera. Ani garuu, wanjoo bittaa keessan irratti nan dabala. Abbaan koo alangeedhaan isin reebee jira. Ani garuu, bofa  nama hidduunan isin reeba” ittiin jedhiin jedhanii gorsa hubannaa hin qabne gorsa of tuulummaa fi finxaalummaan guutame gorsa hamaa isa gorsan.  Innis akkuma ijoolleen kunneen jedhaniin raawwate. Kana raawwachuu  isaatinis uummanni isa irratti kaka’ee dhagaadhaan rukutanii ajjeesan.  Ogummaa ofiitti fi jecha Waaqayyootiin hin qajeelletti hirkachuun  xummurri akkana (hin tolu). 1ffaa Moot. 12፥1-19.

Ogummaa keenyatti hirkachuu yommuu jalqabnu wanta hundumaa qixa beekumsa ofiitin madaaluu fi tilmaamuuf yaalla. Namni akka tabba guddaatti gufuu fuuldura isaatti isa muudate beekumsaa fi golgaa ilaalchasaatiin qofa kan ilaalu yoo ta’e, Waaqayyoo irratti amantii dhaba. Kanaafi abbaan ogummaa  Salomoon  “Laphee  kee  gonka  ta’een  Waaqayyootti  amanii jiraadhu.  Ogummaa  keetittis  hin  hirkatin”   jechuudhaan  kan  nu  gorseef

(K/Fak 3፥5). Rakkoon hundi qixa beekumsaa fi hubannaa namaatiin haa qoramu yoo jedhame walxaxa, qorumsi hundi in ulfaata, gaddi hundis in cima, kanaafis hubannaa ofiititti hirkachuu irraa Waaqayyootti abdachuutu

daran caala.

Hubannaan keenya hammeenyi isaa hamaa hamaadhaan deebisuu filannoo dorgomaa hin qabne taasisee dhiyeessuu isaati. Hamaa hamaadhaan deebisuun hammeenya hin dhabamsiisu. Bara dargaggummaa keenyaatti aarii keenyaf araada, gadda keenyaf mukaa’uu (depression) akka furmaataatti fudhachuun qorumsaa fi gidiraa caaluuf nu saaxila.

Kanaafis  ogummaan keenya ogummaa dhugaa  akka  ta’e jecha Waaqayyootiin haa madaallu. Gochi keenya nama biroorrattis ta’ee nurratti rakkoo biraa akka hin qaqqabsiisne ogummaa keenyatti abdachuu dhiisnee Waaqayyootti  haa abdannu, haa hirkannusi.

Madaalliin  ogummaa  dhugaa  maali  dha?  Nama  jedhuuf  Kitaabni  akkana jedha “ Isin keessaa gamnaa fi hubataan eenyu? Miidhagina amala isaa irraa kan  ka’e  hojii  isaa  garraamummaa  fi  hubannaadhaan  haa   agarsiisu. Hinaaffan hadhaa’an fi walganuun laphee keessanirra yoo jiraate garuu ofitti hin abdatinaa. Dhugaa irrattis hin sobinaa. Ogummaan akkanaa gubbaa irraa kan buutu miti, kan lafaati malee. Hinaaffaa fi walganuun iddoo jirutti hunda achitti jeequmsaa fi hojiin hamaan ni  jiruuti. Ogummaan irranaa garuu   jalqaba   irratti   Qulqulleettii   dha,   booddes   araara,   fayyaalettii, ajajamtuu, dhiifamaa fi firii gaariin kan  guutamte shakkii fi of tuulummaa kan   hin   qabnee   dha.   Firiin  dhugaas   namoota   nageenya   taasisaniif nagaadhaan in barreeffama.” Yaa’iqoob 3፥13-18.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

1 reply

Trackbacks & Pingbacks

  1. […] @https://gibi.eotcmk.org/ao/ogummaa-keetitti-hin-hirkatin-kitaaba-fakkeenyaa-3%e1%8d%a55/ […]

Comments are closed.