“Obsa uffadhaa/goonfadhaa!” (Qol 3:12)
Obsi jireenya Kiristaanummaa keessatti gahee guddaa qaba. Obsuu qabeenya goddachuun Kiristaana irraa kan eeggamuu fi firiiwwan Afuuraawaaf ibsituu naamusa gaarii kan ta’an keessaa isa tokko dha. “Firiiwwan Afuuraawaa immoo jaalala, gammachuu, obsa, nagaa, gaarummaa, arjummaa, amantii, faayalessummaa fi qulqullummaa dha” akkuma jedhu (Gal 5:22). Obsi raawwii keessatti gidiraan akka jiru hubachuudhaaf ni barbaachisa. Gidiraan si barsiisa; gidiraan si ijaara; isa kanaan immoo obsa baratta. “Gidiraan nurratti obsa akka fidu ni beekna; obsis gidiraa dha; gidiraadhaanis abdiin ni argama” (Rom 5:3-5) jechuudhaan duuka bu’aan Qulqulluun Phaawuloos akkuma nu barsiise.
Keessumattuu umrii dargaggummaa keessatti jireenyi ibiddummaa yeroo itti cimu ta’uu isaatiin dargaggoonni baay’ee hojjechuu, Waaqayyoo tattaaffii cimaadhaan tajaajiluu umrii itti danda’anitti miira isaaniitiin bitamuudhaan araada fi hojiiwwan gadhee birootiif yommuu saaxilaman ni ilaalla. Murtiidhaaf ariifachuu, badii fi gaarii ta’uu isaa osoo addaan hin baasiin isaan biroo waan raawwataniif qofa raawwachuu, wanta hundumaa raawwachuudhaaf sardamuu,… Amaloota yeroo dargaggummaa bal’inaan muul’atanii dha. Garuu, ogeessichi Salamoon “Guyyaan hamaan/ciinqii osoo hin dhufiin yeroo dargaggummaa keetiitti uumaa kee yaadadhu” akkuma jedhe (Lallaba 12:1). Dargaggummaa tajaajilaaf kennuudhaan tokkummaa Waaqayyoo wajjin qaban cimsuu qabu.
Imala kana keessa yommuu darbanis bu’aa-ba’iin hedduu isaan muudachuu akka danda’u yaaduudhaan of-cimsanii obsaa fi oogummaadhaan cehuun ni barbaachisa. Daandichi gufuun kan itti baayy’atu, bahuu fi bu’uu kan qabu ta’us Waaqayyoon abdii godhachuudhaan fi obsa gonfachuudhaan gara yaadanitti gahuudhaaf tattaafachuun barbaachisaa dha. Duuka-bu’aan Qulqulluun Phaawuloos namoota Qolaasiisiif ergaa erge irratti isa kana ilaalchisee yommuu ibsu akkas jedha: “Egaa kaa! Akka Qulqullootaa fi jaalleewwan Waaqayyoon isaan filatee dhiifamaa fi gara-laafina, arjoominaa fi gadi of-qabiinsa, fayaaleessummaa fi obsa anffadhaa!” akkuma jedhe (Qol 3:12).
Dargaggoonni bakka yaadan gahuuf obsaan yoo hin imalle, addunyaan imala isaanii danquudhaaf/gufachiisuudhaaf balbala ishee banattee, harka ishee diriirsitee isaan keessummeessuuf isaan eegdi. Isa tokko bira darbe yoo jedhan inni biroo bakka bu’a; yoo rakkataniiyyuu kiyyoo addunyaa caccabsanii darbuu kan danda’an obsa gonfachuudhaan dha. Yeroo baay’ee kan mul’atu garuu yeroo fi sa’aatii ani yaadeetti maaliif naaf hin raawwatamne jechuudhaan yeroo Waaqayyoo eeguu dhiisanii salphumatti injifatamanii yommuu kufan ni mul’atu. Kanaafidha duka-bu’aan Qulqulluun Phaawuloos “Rincicaa akka hin taaneef Amantaa fi obsaan namoota abdii isaanii dhaalan fakkaadhaa!” jechaa kan nu gorsu. (Ibr 6:11-12).
Qulqulluun Yooseef gara biyya Gibxii/Misraatti obboloota isaatiin erga gurguramee booda obsaan Waaqayyoon abdii taasifatee imale. Gibxii/Misriitti niitii fara’oon Phiixifaaraadhaan yeroo qorametti Waaqayyoon fuulduratti cubbuu akka hin hojjenneef ni obse; obsuun isaas mana fara’oon keessatti hooggansaaf hanga muudamuutti isa geessise. Hangafni raajotaa Muuseenis mana fara’oon keessatti ijoollee-ijoollee fara’oon jedhamuu caalaa uummata isaa wajjin gidiraa fudhachuu filate. Boodarras uummata isaa Israa’eeloota biyya Gibxii/Misrii irraa gara lafa abdii isaanii kan dammaa fi aannan burqisiistuutti akka isaan geessuuf Waaqayyoon hanga filamuutti isa geessise. Kunis eebba obsaan argame waan ta’eef dargaggoonni obsa uffachuudhaan Waaqayyootti abdatanii akka jecha Isaatti imaluudhaan daandii isaanii qajeelchuu qabu. “Obsi hadhooftuu dha; firiin ishee garuu mi’ooftuu dha” akkuma jedhamu.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u!