Kaayyoodhaan cimuu
“Nama raawwatuuf gorsi hundi gaariidha” jechuudhaan raajaan Waaqaayyoo qulqullichi Daawiit akkuma dubbate, raajoonni, duukaa bu’ounni, hayyoonni akka waliigalaatti qulqulloonni Waaqayyoon hojii aja’ibaa isaan irra bulee hojjatu tokkummaa nuti Waaqayyoo waliin qabaachuu qabnu irratti gufuun akka hin qunnamnee fi haalaan cimnee akka jiraachuu qabnu nu gorsu. Gorsi abboota keenyaa, nuti kaayyoo yaadneef amanamaa akka taanuuf, addunyaa bu’aa ba’iin guute kana keessatti yeroo jiraannu gidiraa nurra gahuu danda’uun osoo hin mo’atamiin kaayyoo keenyaan cimnee galma gahuu barbaadnu bira akka geenyuufidha.
Kaayyoodhaan cimuu jechuun sababa barbaadanii wanta karoorsanii fi gochuuf yaadan dhiisuu irraa of qusachuudha. Namoonni yeroo kaayyoodhaan ciman, gufuu kaayyoo isaanii gufachiisuuf dhufu hunda ogeessichi Solomoon “Obsi cubbuu guddicha ni dhiisisaatii dheekkamsi bitaa(mootii) kan sirratti ka’u yoo ta’e iddoo kee hin gadhiisin” (Makib. 10:4) jedhee akkuma dubbate obsaan bira darbu. Dheekkamsi bitaa(mootii) ulfaataadha; haa ta’u malee obsaan yoo bira darban dhiifama cubbuu, kabaja irratti kabaja, kennaa irratti kennaa goonfachiisa waan ta’eef, yaa ogeessaa, kaayyoo keetiin cimi; iddoo kee hin gadhiisin jechaa nu gorsa.
Duuka bu’ichi Yaa’iqoobis, “Namni qorumsa obsu kan eebbifamedha, qoramee abdii Waaqayyoon warreen jaallatuuf qopheesse gonfoo jireenyaa fudhataati” (Yaa’i 1:12) jechuudhaan kaayyoodhaan yoo cimne fi qorumsa dhufu yoo obsine gonfoo jireenyaa argachuu dandeenyu akka nuuf kennu nu hubachiisa.
Kaayyoodhaan cimuu waliin walqabatee caqasoonni fakkeenya gaarii ta’uu danda’an Kitaaba Qulqulluu keessatti bal’inaan kan caqafaman yoo ta’u muurasa isaanii haa ilaallu:-
Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos mana Simi’oon isa lamxaa’ee keessa osoo jiruu, dubbartiin tokko birillee urgooftuu dibataa gatii-jabeessan guutame qabattee gara isaa dhufte. Bartoonnii kana yeroo argan dheekkamanii akkana jedhan;dubartiin kun urgooftu hamma kana maaliif balleessite; kun qarshii baay’eetti gurguramee warreen hiyyeessotaaf kennamuu ni danda’a ture, Gooftaan Iyyesuusis isaan irratti beekee akkana jedheen, “Dubartittii kana maaliif rakkiftu(dhiphiftu) anaaf hojii gaarii raawwatteettiiti, hiyyeessoota yeroo hunda ni argattu, yeroo jaallattanittis waan gaarii ni gootuufi; anaan garuu yeroo hunda argachuu hin dandeessan; isheen urgooftuu ana irratti dhangalaaste awwaalcha kootiif goote; dhuguman isiniin jedha kuni adduunyaa guutuu irratti bakka Wangeelli lallabametti wanti dubartiin kun goote yaadannoo ta’eefi dubbatama.”(Maat 26:6-13: Maar 14:3-9: Yoh 12:1-8)
Dubartiin kun kaayyoo yaadde galmaan gahuuf cimina ajaa’ibaatuu ishee irraa mul’ata. Kan isheen waamamte kabajaanidha. “Cubbamtoota gara gaabbiitti malee qulqulloota waamuu hin dhufne” (Luq 5:32) akka jedhu. kanaafuu namni kabajaan yeroo waamamu “Waamaa koo kabajaa koo” akka jedhan abboonni, kabajaa ishee misirroo isa samii kabajuu kan danda’u urgooftuu gati- guddaa ta’e qabattee deemte.
Dubartiin kun gara Gooftaa keenya fayyisaa Keenya Iyyesuus Kiristoos bira osoo hin deemiin dura gufuu diyaabiloos qopheesse qorumsa hedduu keessa dabarteetti.
Sadarkaa Jalqabaa irratti dubartiin kun sagagaltuu fi sagaagalummaa hojii ishee kan taasifatte turte. Bareedinnii fi miidhaginni ishee namoota baay’ee kan jilbeeffachiise, kan ishee barbaadu lakkoofsa kan hin qabne ta’ee osoo jiruu gara laphee isheettii yeroo deebitu wanti isheen hojjachaa turte namaa fi Waaqa biratti wanta jibbamaa akka ta’e ni hubatte. Hojii ishee guyyaa guyyaa cuftee lammaffaa gara sagaagalummaatti deebi’uu dhiisuuf murteessuun ishee, cimina ishee mul’isa. Kayyoon fi fedhiin ishee hojii jibbamaa ta’e sana dhiisuu fi gara Waaqa isheetti deebi’uu waan ta’eef ni murteessite.
Sana booda wanti isheen goote kan nama ajaa’ibsiisudha. Hojiin sagaagalumma raawwachaa turte Waaqayyoo irraa akka ishee adda baase yeroo hubattu, qarshii sagaagalummaan walitti qabdee urgooftuu gati-guddaa bittee Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiitti biifuuf jettee gara gabaa baate. Bahumsi ishee gaarii ta’us wanti daandii irratti ishee eege garuu diinaa baay’ee nama qoru waan ta’eef kaayyoo isheetiin cimtee bira darbuu isheerraa eega ture.
Diyaabiloos dhiira isheen beektu fakkaatee daandii irratti eegee callisee hin dabarsineen ture. “Dhiirri keessummaan sitti dhufee isatti biifuudhaaf urgooftuu bituuf deemtaa?” jedheen. Isheenis “Eeyyeen dhiirri addunyaa kanarraa adda ta’e dhufeera “jechuun deebisteef. Diyaabiloosis deebii isheetti aaree gaaffii biraas akkas jechuun dhiyeesseefi; “dhiirri jaalalli isaa hin dhumne sitti dhufee isaaf urgooftuu bituuf deemtaa?” jedheeni. isheenis deebistee “Eeyyee jaalalli namaa dirqamsiiseeni; du’aaf dhufeera” jettee deebisteef. Yeroo sadaffaaf osoo abdii hin kutin “daldalaan qarshii xiqqoodhaan waan baay’ee kennu dhufee jennaan urgooftuu isattti biiftu bituuf deemta?” jedhee gaafateen. Isheenis deebiin ishee “Eeyyeen hojii xiqqoodhaan kabaja guddaa kan kennu Iyyesuus Kiristoos dhufeeraatii urgooftu isatti biifun bituuf deemaa jira” jettee maqaa isaa yeroo waamtu akka quttoo/haafa/ urkee, akka aaraa bittinna’ee jalaa badeera.
Diyaabiloos yeroo tokkoo ol ishee qoruuf yaaleera. Haa ta’u malee, kaayyoon ishee Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin argachuu, fuulaa Isaatti jilbeeffattee waa’ee cubbuu ishee boo’aa urgooftucha biifuu waan ta’eef, gufachiisa dogoggoraa diyaabiloos dhiyyeesseef hunda kaayyoo isheetiin cimtee maqaa Gooftaa fi Waaqa isheetiin injifatteeti.
Kennichas yeroo ilaallu gati-guddaa wanti isa taasisu tattaaffii ishee irraa kaa’uudhaani malee kun Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiif wanta gitu ta’ee miti. Teessoon Isaa ixaana suraafeloota samiitiin Gooftaan aarfamu akkamitti urgooftuun biyya lafaa isa gituu danda’a? ta’uus hin danda’u. sa’aatii digdamii afur qulqulloonni Ergamoonni samii galata irraa adda hin baane kan dhiyeessanin Gooftaan ulamu bara jireenyaa ishee guutuu dubartii sagaagalummaan jiraatte urgooftuu dhiyeesituun sanaayyuu qarshii sagaagalummaan argameen kan bitame akkamitti daangeeffamuu danda’a? Isheen garuu dhiifama Isaa hubatteetti; deebi’uu cubbamaa malee du’a isaa kan hin feenee Waaqa gara laafeessaa fi dhiisaa ta’uu isaa barteetti; deebi’uu ishee har’aa malee eenyummaa ishee kaleessaa ilaalee kan hin saalfachiisne ta’uu isaa amanteetti. Kanaafuu, ni goote; Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis urgooftuu isheen fidde gammadee fudhateera.
Wanti baay’ee ajaa’ibu garuu urgooftuun ishee hin gaabbisiisne hirmaattoota garuu hin gammachiisne. Ture kuni osoo gurguramee hiyyeesootaaf kenname jedhanii jaraaf waan ququqaman of fakkeessani. Garuu maaliif ishee morman isa jedhu hamma tokko ilaaluun gaariidha. Mormitoota keessa inni tokko Yihuudaa ture. Yihuudaan immoo yeroo sana qarshii qabaa waan tureef qarshii galu keessaa harki kudhan isaaf ni ga’a ture. Qarshiin urgooftuchi ittiin bitame warqii dhibba sadi ture. Kanaafuu, warqiin soddomni isaa ni gaha ture.; garuu kennichi qarshiidhaan osoo hin taane gosaan waan dhiyaateef qooda Isaa sana argachuu hin dandeenye. Sababa kanaaf hiyyeesootaaf kan gadde fakkaate qooda isarraa hafe yaadaa mormii isaa dhiyeesseera.
Yerichi isaa yeroo wanti gaariin raawwatamuu; namoonni cubbuurraa gara dhiifama cubbuutti yeroo deebi’an; wanta gaariif yeroo itti kaka’an ture. Faallaa isaatiin immoo inaaffaa afuuraawaa kan dukaneessuu fi abdii kuchisiisu; yeroo mormiin itti baay’atu fi inaaffaan seexanawaa itti baay’atu ture. Kanaafis kanneen Waaqayyo eeyyameef wanta qaban hunda yeroo itti kennan, qarshii isaanii irra darbanii yeroo itti of dabarsanii keennaan; faallaa isaatiin immoo namoonni waan kennaniif yeroo itti aaran “Daldalaan hin gaddu waan inni kasaareef, waan oboleessi isaa hafeef malee” akkuma jedhamu hawwiin hamaan akkanaa yeroo itti babal’ate waan tureef warreen gaarii raawwatan irratti mormiin baay’atee ture. Fayyisaan addunyaa Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos garuu hunda beekaa waan ta’eef maaltu maaliif akka ta’u ni beekaatii kabajee ishee simate. Yeroo namoonni morman inni garuu maaliif kabajee ishee simate sababoota jedhan akka armaan gadiitti ilaaluun ni danda’ama.
Sadarkaa jalqabaa irratti kan Inni argamu guyyaa sana qofadha. Iyyesuus Kiristoos “Hiyyeessoota yeroo hunda ni argattu, yeroo jaallattanittis gaarii ni gootuuf, Anaan garuu yeroo hunda hin argattan” jechuun akkuma dubbate foon uffateen kan qaqabamuu, urgooftuun kan itti biifamu ta’ee kan argamu yeroo sana qofadha. As irratti wanti of eeggannoo gochuu qabnu sanaa booda foon Isaa irraa adda baha jechuu miti. Harka Ayihuudootaatiin qabamee gara murteetti yeroon itti dhiyaatu, yeroon fannoo irratti bahu akka gahee fi yeroon isheen hin arganne akka dhufu ibsuudhaaf.
Sadarkaa lammaffaa irratti isheen kirisaanummaaf haaraa waan taateef akka hin gufanneefidha. Nama sadarkaa jalqabaa irra jiru kan barsiisan xiqqeessuun, maal akka gochuu qabu tartiiba irratti xiyyeeffachuu akka qabu, suuta jechaa gara maaliitti akka deemu qabu yeroo barsiisudha. Sababni isaa kiristaannaan jireenya suuta suuta beekanidha waan ta’eef. Ifti addunyaa qulqulluun Phaawuloos “Oboleeewwan koo kan foonii fi dhiigaa akka taatan, Kiristoosiin amanuudhaanis daa’imman akka taatan malee akka warreen afuurawaa isin barsiisuu hin dandeenye; nyaata ciccimaa isin hin nyaachisne, aannanin isinin Obaase/Waga’e, ammallee hin cimne waan ta’eef. ” 1ffaa Qor 3:1-2 jedhee akkuma barsiise warreen jalqaba irra jirru namni waan bareen, waan danda’uun fi jaallatuun harkisuun barbaachisaa waan ta’eef misirroon samii Iyyesuus Kiristoosis kennaa isheen fide gammachuu fi kabajaan fudhate.
Sadarkaa sadaffaa irratti namni tokko dursee maal akka gochuu qabu kan mari’achiisuu yoo ta’ee akkana godhi jechuun barbaachisaadha; erga ta’ee booda garuu akkana jechuun ni gufachiisa waan ta’eef dhiisaani jedhe. Dhiisaa qofa miti kan inni jedhe maaliif gufachiisu ture kan Inni jedhe. Kana jechuunis hiika wangeelaa irratti akkuma barreeffame namni tokko kennaa kennuu barbaadee, rakkataadhaaf moo mana kiristaanaaf kennu jedhee yoo mari’achiisee, gamoo Waaqayyoo kan ta’e ilmi namaa beelaan dheebuun osoo dhiphatuu gamoo Mana Kiristaanaa ijaari jechuu irra dursa ilma namaatiif kennuun barbaachisaa akka ta’e hubachuun barbaachisaadha. Namichi kaka’umsa mataa isaatiin erga godhee booda garuu akkana gochuu hin qabdu ture jechuun garuu hojii gaarii hojjachuu isaatiin gaabbee gara fulduraaf waan gaarii hojii irraa of to’achuu waan danda’uuf, hojii gaarii inni hojjate akka hojii gaarii hojjateetti jajjabeessuun barbaachisaadha. Egaan iccitii kana hunda kan beeku hunda beekaan Iyyesuus Kiristoos kennaa kabajamaa Isaaf dhufe kabajee fudhateera.
Maariyaam haadha urgooftuu kana irraa wantoota hedduu baranna. Isaanis:- hojii gaariif ariifachuu, kaayyoodhaan cimuu keesumattuu gaabbidhaaf dagachuu akka hin qabne hubachuu ni dandeenya. Hiikni wangeelaa akkuma nutti himu Maariyaam haati urgooftuu miidhagduu kuni hafeef kan hin jedhamnedha. Guyyaa tokko garuu qaama akkas bareedu kana fuulleedhaan/Dawitiidhaan osoo of ilaalaa jirtuu miidhaginni kun hundi akka darbu ni hubatte. Kanaafis qorichi gaabbii galuu akka ta’e hubattee umrii ishee guutuu sagaagalummaan qarshii funaannatte fuutee dhiifama kan namaaf kennu, cubbuun kee siif dhiifameera kan jedhu dursaa lubootaa Iyyesuu Kiristoos isa jedhamu bira urgooftuu ishee bittee deemtee waan gochuu qabdu ni goote.
Maariyaam haati urgooftuu yeroo gara laphee isheetti deebitetti osoo ooltee hin buliin ture gaabbii kan kennu dursaa luboota kan ta’e gara Iyyesuus Kiristoos kan deemte. Kana qofa miti daandii irratti qorumsa seexanaa injifannoon dabartullee gara Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos erga deemtee booda bartoota Isaatiin keesumattuu Yihuudaadhaan gufuun hedduun ishee qunnameera.
Bartoota keessaa hiyyeessootaaf kan yaadan fakkaatanii kun gurguramee hiyyeessootaaf osoo kenname wayya ture jechuudhaan hojii isheen hojjatte akka badiitti lakka’anii turan. Haa ta’u malee, uumaa ishee biratti jilbeeffatteettitii kaayyoo isheetiin cimuu ishee, fedhii laphee ishee Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos beekeeraatii, ishee osoo hin taane waa’ee ishee Kiristoos “Waan gaarii goote maaliif gufachiistu” jechuun hojii ishee aja’ibsiifateera. Bira darbees hojii ishee bakka Wangeelli barsiifame hundatti yaadatamaa akka turu isaniif ibseef. Gufuulee hundas ishee irraa ni fageesse. Kanaafuu, nutis yeroo gara wanta gaarii deemnu wanti karaa irratti nu eeguu sanaayyuu diyaabiloos wanta beeknuu fi jaallannuu irra bulee akka hin gufachiisne hidhannoo keenya cimsuun kaayyoo keenyaan cimuu qabna.
Dabalataanis Kitaaba Qulqulluu keessatti kaayyoo isaaniitiin cimanii Waaqayyoon kan ragaa baheef, kabaja irratti kabajni kan dabalameef namoota hedduu caqasuun ni danda’ama.
Yooseef biyya Gibtsii keessa sanaayyuu godaansa irra osoo jiruu kaayyoo isaatti cimuu isaatiin dargaggummaa irra osoo jiru illee miirri dargagummaa osoo isa hin mo’atin gaaffii sagaagalummaa haadha manaa Faraa’ooniin dhiyaateef asi achi osoo hin jedhiin mo’ateera. Mootii Faraa’oon birattis akka kabajamu, maatii isaas beela ture keessaa baasee hanga har’aatti maqaa baraa baraa fi jiraataan Waaqa isaa irraa kenname fakkeenyummaa gaarii isaatiin hanga har’aattii waamaa jiraanna. Kunis qorumsa isaa obsaan bira waan tareef malee qorumsi tokkollee osoo isa hin qunnamiin waan jiraateef miti.
Kaayyoodhaan cimuudhaaf fakkeenyoota nu barsiisan keessaa inni biraan seenaa jireenya qulqullicha Iyyoobidha. Diyaabiloos jaalala Waaqa isaaf qabu harkaa gatee ijoollee isaa du’aan,qabeenya isaa barbadeessuun, isas rifeensa mataa isaa irraa hanga qeensa lukaa isaatti dhukkubaan rukutee , haadha manaa isaa irratti kaasee Waaqayyoon arabsee akka du’u yoo taasise illee kaayyoo isaatiin cimee “Waaqayyo kenne, Waaqayyo fudhate maqaan Waaqayyoo kan galatoome haa ta’u” jechuudhaan kiyyoo diyaabiloos jalaa bahuu danda’eera
Seenaawwan arman olitti eeraman yoo caqasneyyuu Gooftaan keeenya Iyyesuus Kiristoos kaayyoon inni guddaan gara biyya lafaa dhufeef ilma namaa gara kabaja isaa jalqabaatti deebisuudhaa fi waadaa Inni seenee raawwachuuf yoo ta’u, Innis diyaabiloosiin qorameera. Diyaabiloos qorumsoota sadi dhiyeesseeraaf. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gara gammoojjii deeme guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama erga soomee fi kadhatee booda ni beela’e. diyaabiloos inni qorus dhiyaatee “Ati Ilma Waaqaa yoo taate dhagoonni kunneen akka daabboo ta’aniif ajaji” jedheeni. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis deebisee “Namni kan jiraatu jecha Waaqayyootiin malee nyaata qofaan akka hin taane barreeffameera.” jechuun mo’ateera. Haa ta’u malee, diyaabiloos mala isaa jijjiiruun qorumsa biraatiin itti dhufe. Gara magaalaa qulqulleetti geessee fiixee Mana Qulqullummaa irratti dhaabee, “Ati dhuguma Ilma Waaqaa yoo taate as irraa gara lafaatti utaali, akka si eeganiis ergamoota siif ajaja, miilli kees akka hin gufaanneef harka isaaniitiin ni kaasu jedhamee barreeffameerratii” jedheen. Gooftaan keenyas “Waaqa kee hin qorin jedhamees barreeffameera” jedhuun injifate. Diyaabiloos yeroo sadaffaaf tulluu dheeraa irratti baasee mootoota lafaa hunda kabaja isaanis itti mul’ise. Yoo anaaf sagadde kana hunda siifin kenna” jedheen. Kanaa booda Gooftaan keenyaa Iyyesuus Kiristoos “Yaa seexana nana deemii cina koorraa Waaqayyoo Gooftaa keef sagadi isa qofas waaqeeffadhu jedhamee barreeffameera” jedheen. Kanaa boodas diyaabiloos ni dhiiseeni egaan ergamoonni Waaqayyoo isa tajaajiluuf dhufan jedha Kitaabn Qulqulluu. (Maat 4:1-11)
Har’as nuti dhiifama Waaqayyootiin qorumsa hunda bira dabarra malee namni ofii isaatiin homaa gochuu akka hin dandeenye Gooftaan keenyaa Iyyesuus Kiristoos yeroo foon uffatee lafa kanarra jirutti “Ani jirma waayiiniiti, dameewwan isaas isinidha, kan ana waliin jiraatu anis isa waliinin jiraadha, firii hedduus kan buusu isadha, ana malee homaa gochuu hin dandeessan” jedhee akkuma barsiise qorumsa akka nurraa fageessu kadhachaa hojiidhaanis agarsiisaa, isa fakkaannee jiraachuu qabna. Akka jecha Isaati deddeebinee, diyaabiloos isa nu qoruun meeshaalee afuurawaa kanneen akka sooma, kadhannaa fi sagadaan akkasuumas firiiwwan afuurawaa hojjachuun gaabbii galleee Waaqayyoo Abbaan keenyas gaabbii Kenya fudhatee humna gufuulee hunda mo’annu akka nuuf kennu amannee hanga xumuraatti kaayyoo keenyaan cimnee mootummaa isaa akka dhaalluuf jaabachuun nurraa eegama. Kanaafis arjummaan Waaqayyoo, araarsummaan dubroo Maariyaam, eebaa fi waadaan qulqullootaa nurraa adda hin ba’iin. Ameen.
Galanni Waaqayyoof Haa ta’u.